Leencoo Girmaa

Leencoo Girmaa My name is LENCHO GIRMA... I was born on sept. 1992 GC..in Oromia Region..West shewa zone...specific I'm an Engineer...."Materials Science and Engineering"

20/01/2023

"Fayyaan Fayaa"

08/06/2022

HIR'INA VITAMIN B12
**************************************
MALLATTOO
1. Qaama ofii keessumaa harkaaf miilaa miira nama waraanuu, gubuu fi kkf namatti dhaga'amuu.
2. Sammuun daddafee waa hirraanfachuu, waan yaaduu sababaan yaaduu dadhabuu.
3. Salphaatti aaruu, dheekkamuu, of jibbuu gadda garmalee (depression)
4. Dadhabbii garmalee fi waa hojjachuuf yaalan ykn socho'an afuurri nama cituu.
5. Onneen daddafee fi humnaan dha'achuu.
6. Nyaata nama jibbisiisuu, ulfaatina hir'isuu, teessisuu fi balaqqamsiisuu
7. Dhukkubbii afaanii (afaan keessa madaa'uu) yokaan afaan nama gubuu.
8. Rakkoo deemsa dadhabuu ykn balance eeganii deemuu dadhabuu.

AKKAMIIN NAMA QABAA?
1. Dhikkuboota garaachaa kan xuuxamuu vitamin B12 kana ittisan akka : Atrophic gastritis, crohn's disease fi kkf
2. Rakkoo dhukkuba hir'ina dhiigaa fidu pernicious anemia jedhamu yoo qabaatan.
3. Qorichoota dhukkuba garaachaaf kennaman kan farra asidii garaachaa ta'an yeroo dheeraaf fudhachuu.
4. Sababa dhukkuba garaacha huban kan biraaf jecha baqaqsanii yaaluun garaacha namootaaf yoo godhamu.
5. Umuriin baay'ee namoonni dullooman, yeroo baay'ee bu'aalee biqilootaa qofa nyaatan hir'ina vitamin B12 kanaaf saaxilamoodha.

VITAMIN B12 EESSAA ARGANNAA?
Vitaamin B 12 kan argamu yeroo hedduu bu'aa beeyladaa kan ta'an akka: -Hanqaaquu
-Foon diimaa
-Qurxummii
-Foon lukkuu fi kk irraa sirriitti arganna.
Hagi vitamin B12 aama keessaa yoo hedduu gadi bu'e garuu mana yaalaa deemuun vit B12 bifa qorichaan qophaa'e fidhachuun dirqama.
"Fayyaan Faaya"
Dr. Gurmeessaa

07/06/2022

ሰለ ቴሌግራም ማወቅ ያለባችሁ 10 ወሳኝ ነገሮች
✍1ኛ :- ያለንበትን ቦታ ለጓደኞቻችን መላክ እንችላለን እንዴት መጀመሪያ ቴሌግራም እንከፍታለን ከዛ የምንልከውን ሰዉ እንመርጣለን ከዛ መላክዋን ከፍተን location የምለውን ተጭነን ያለንበትን ቦታ መላክ ይቻላል ::
✍ 2ኛ :- ከኛ ወጪ ማንም ሰው ቴሌግራማችንን ማንም ሰዉ እንደይጠቀም ከፈለግን password ማዘጋጀት ይቻላል እንዴት መጀመሪያ ቴሌግራም እንከፍታለን ከዛ በቴሌግራም ጫፈ ላይ ሦስት መሰመር አለ እሱን አንዴ እንነካለን ከዛ setting የምለውን እንነካለን ከዛ privacy and security የምለውን እንነካለን ከዛ passcode የምለወን እንነካለን ከዛ passcode lock on እናደርጋለን ከዛ የምንፈልገውን password እናስገባለን ::
✍ 3ኛ:- እንዴት ቴሌግራም ብር እንደይበላ ማድረግ ይቻላል
በመጀመሪያ ቴሌግራም እንከፍታለን ከዛ በቴሌግራም ጫፈ ያለውን ሦስቷን መሰመር እንነካለን ከዛ setting ላይ እንገባለን ከዛ data and storage የምለዉን እንነካለን ከዛ
ከዛ when using mobile data -OF-አድርጉት ::
✍4ኛ :- የለክነዉን message ከደረሰ ቦኃላ delete ማድረግ ይቻላል እንዴት መጀመሪያ የለነክነዉን message እንከፍታለን ከዛ ቦታዉ ላይ አጥብቀን እንዛለን ከዛ ከላይ የምለውን Also delete receive የምለውን ራይት እናደርጋለን ከዛ ሁለቱም ጋ delete ይሆናል ::
✍5ኛ :- እንዴት በአንድ የቴሌግራም አፕሊኬሽን ሁለት account እንጠቀማለን
በመጀመሪያ ቴሌግራም እንከፍታለን ከዛ ከላይ
በቴሌግራሙ ጫፍ ላይ የለወን ሦስት መሰመር እንነካለን ከዛ ይህችን ምልክት ይንኩ ( v ) ከዛ new account ይለናል ከዛ መክፈት
✍6ኛ :- በተላይ ማታ ማታ ስንጠቀም ዓይናችን እንደይጎዳ ቴሌግራማችን በጥቁር መልክ እንድሆን ከፍለግን dark ,, black ,, colour እንድትሆን ከፈለግን ...
በመጀመሪያ ቴሌግራም እንከፍታለን ከዛ የቴሌግራም ጫፈ ላይ የለወን ሦስት መሰመር እንነካለን ከዛ chat setting ላይ ገብተን ከምሰጠን የመልክ ምርጫ የፍለግነዉን እንመርጣለን ::
✍7ኛ :- ቴሌግራም የሉ ፅፎች አልነበብ እየሎት ተቸግረዋል ማለት ፍደሎችሁ አንሰዉ ለዓይን አልተይ ከለ ፍደሎቹሁን ትልቅ ማድረግ ይቻላል እንዴት ?
አዎ በመጀመሪያ ቴሌግራም እንከፍታለን ከዛ በቴሌግራም ጫፍ ላይ ያለውን ሦስት መሰመር እንነካለን ከዛ chat setting ላይ እንገባለን ከዛ message text size የምል አለ እሱን እንነካና የፍለግነዉን ያህል ትልቅ ማድርግየ ይቻላል ::
✍8ኛ:- እንዴት የራሳችንን የቴሌግራም ቻናል መክፈት እንችላለን ?
በመጀመሪያ ቴሌግራም እንከፍታለን
ከዛ በቴሌግራም ጫፈ ላይ ያለውን ሦስት መሰመር እንነካለን ከዛ New channel የምለውን ነክተን create new channel የምለውን እንነካለን ከዛ እኛ ለመክፈት የፍለግነዉን የቻናል ስም እናስገባለን ::
✍9ኛ :- እንዴት የራሳችንን የቴሌግራፍ ጉሩፒ እንከፍታለን ?
በመጀመሪያ ቴሌግራም እንከፍታለን ከዛ ከላይ የለዉን ሦስት መሰመር እንነካለን ከዛ new group የምለውን እንነካለን ከዛ create new groupጠ የምለዉን እንነካለን ከዛ እኛ ለመክፍት የፍለግነዉን የጉሩፒ ስም እናስገባለን ::
✍10ኛ :- እንዴት አድርገን profile photo መቀየር እንችላለን ?
በመጀመሪያ ቴሌግራም እንከፍታለን ከዛ ከላይ ያለዉን ሦስት መሰመር እንነካለን ከዛ setting ላይ እንገባለን ከዛ set profile photo የምለውን በመንካት የፍለግነዉን ፎቶ መቀየር ይቻላል ።

10/05/2022

FUNUUNA - Epistaxis
***********************
Funuunni (dhiiguun keessa funyaanii) ijoollee olguddataa jirtuufi jaarsolii irratti darbee darbee sababa malee muldhachuu ykn funuunuu danda'a.
Yeroo hedduu funuunni yeroo gabaabaaf nama funuunee dhiisullee, namoota tokko tokko itti deddebi'uun akkasuumas yeroo dheeraaf/dhiigni baay'atee jiguun yaaddoo itti ta'uu mala.
---
---
Sababoota funuunaa:

Keessi funyaanii hidda dhiigaa xixxiqqoo hedduminaan kan qabuufi hiddi dhiigaa jenne kunniin ammoo haaluma salphaa ta'een miidhamuu danda'a. Miidhamuu kanaaf sababni ijoon ammoo qilleensaa gogaa irraa keessi funyanii goguufi funyaan keessa qotuu ykn horqoduudha.

Kana males:

* Kulkulfannaa keessa funyaanii fi dhukkuba Saayinasii qabaachuu.
* Rakkoo itituu dhiigaa (fkn kan Hemophilia jedhamuun beekamu qabachuu.
* Qorichoota dhiiga haphisuuf (itituu dhiigaa dhorkuuf) kennaman kan Warfarin, heparin jedhamuun beekamaniifi akkasumas Asprin fa'a yeroo dheeraaf fudhachuu.
* Keemikaloota garagaraa kan keessa funyaanii dallansiisaniif saaxilamuu
* Uttalloo ykn Hibibiin
* Qoodduun keessa funyaanii cinaa tokkotti dabuun
* Yeroo kan caalaa yeroo ulfaa
* Keessa funyaanii sababa miidhaa, rukuttaa ykn balaa biratiin miidhamuun
* Keessa funyaanii iitaan baye ykn biqile (polyp) jiraachuun.
* Darbee darbee ammoo sababa kaansarii dhiigaa irraa ykn dhukkuba tiruu nama wojji ture irraa ta'uu mala.
* Sigaaraa aarsuufii dhugaatii alkoolii baay'isanii fayyadamuu.
* Yeroo hedduu namni funuunaafii dhiibbaa dhiigaa wolitti akka hidhata qaban yaadus. Funuunni mallattoo ykn sababa dhiibbaa dhiigaa irraa miti.
---

---
Yeroo funuunaa maal haa goonu?
■ Yeroo funuunaa qajellee ta'uun, mormaan gara fuldura gad jechuu. Innii kun dhiiga liqimsinee garaacha keenya irratti dhibbaa akka hin goone nugargaara.
■ Funyaan keenya of-eeggannoon gad qulqulleessuun dhiigni itite yoo jiraate keessaa baasu.
■ Funyaan keenna cinaa lachuu quba mulliftuufi quba guddaan daqiiqaa kudhanii hanga kudha shanii qabuu. Yeroo san afaan keenyaan harganuu.
■ Cabbii gubbaa lafee funyaanii irratti qabuu.
---
■ Yeroo qilleensi gogaan jiru, keessi funyaanii akka hin gogneef waan akka Vaseline hapisanii dibuu.
■ Funyaan keenya qotuu ykn horqoduu dhiisuu
■ Deddeebiidhaan ykn yeroo tokkotti daqiiqaa soddomaa ol kan dhiigu yoo ta'e hatattamaan mana yaalaa deemuu.
■ Akkasumas qorichoota dhiiga haphisuuf tajaajilan kan armaan olitti waamne otoo fayyadamnu yoo fununni nu mudate, hatattamaan mana yaalaa deemuu qabna.
■ Dhiigni yeroo garagaratti deeddebiin jigu hirdhina dhiigaa namatti fiduu waan danda'uuf mallatoolee hirdhina dhiigaa (dadhabbii, bowwoo, gurri namatti iyyuu, lafti namaan maruu) yoo jiraatee mana yaalaa dhaqanii ilaallamuu.
■ Tamboo/sigaaraa arsuufi dhugaatii alkoolii baay'isanii fayyadamuu irraa of qusachuu.
---

---
Horaa, bulaa, deebanaa!
Fayyaa ta'aa, fayyaa daha!
---
Dr. Nuredin Luke

29/04/2022

Aannan Loonii.
***************
■ Qabiyyeen kaalsiyeemii (calcium) inni of keessaa qabu, nyaata kamiinuu waan hin dorgomamnedha. Calciumiin ammoo waan lafeen ittiin ijaaramudha.

■ Pirootiina (protein) inni of keessaa qabu faayidaa ol'aanaa kan qabudha, qaama ijaara, madda annisaa annisaa cimaadhas.

■ Akka annisaa kennuu fi qaama namaa ijaaruun, ulfatina qaamaa garuu akka maddeen pirootina biroo garmalee hin dabalu.

■ Elementootaa fi Vaayitaaminoota nu barbaachisan armaan gadii of keessa qab: Aannan Loonii Burcuqqoo (cup) tokkichi (244 gm):
♡Annisaa: 146 kcal
♡Pirootiinii: 8 gm
♡Cooma: 8 gm
♡Kaalsiyemii: Haga guyyaatti nu barbaachisu keessaa 28%.
♡Vaayitamin D: Haga guyyaatti nu barbaachisu keessaa 24%.
♡Vaayitamin B2: Haga guyyaatti nu barbaachisu keessaa 26%.
♡Vaayitamin B12: Haga guyyaatti nu barbaachisu keessaa 18%.
♡Elemntii Pootassiyeemii: Haga guyyaatti nu barbaachisu keessaa 10%.
♡Elementii Pootaassiyeemii: Haga guyyaatti nu barbaachisu keessaa 22%.
♡Elementii Seleniyeemii: Haga guyyaatti nu barbaachisu keessaa 13% of keessaa qaba.

************
HUB: Aannan loonii yoo dhugnu, kallattumaan yoo dhugne dhukkuboonni tokko tokko nutti darbuu malu. Kanaaf haga dandeenye danfisnee dhuguu qabba.

************
FAYYAAN FAAYA

29/04/2022

MOORA IJAA- Cataract
*************************
Moorri Ijaa hurraayuu leensii Ijaa kan uumamaan qulqulluu ta'e yoo ta'u, innis akkuma jalqabeen ta'uu baatus dhawaata dhawaataan argaa ijaa haguugaa deemuu danda'a. Haalli argaa ija moora qabduu akka nama daawwitii hurriin haguugamee kessaan waa ilaaluu san jechudha. Nama moora Ijaa qabuuf ifa gahaa malee waa duubbisuun, dukkanaan konkolaataa oofuun akkasumas lafa dukkanaa keessa waa guuttatanii ilaaluun ulfaataa itti ta'uu danda'a. Dandeettiin arguu Ija moora qabdu haaluma guddinnafi bal'inna moora saniitiin dadhaba kan deemtudha.
—-
—-
Maaltu Moora Ijaatiif nu saaxiluu danda'a:-
* Umriin dabalaa deemuu
* Dhukkuba Sukkaaraa qabaachuu
* Ifa aduutiif bay'ifnee of saaxiluu
* Tamboo/sigaraa aarsuu
* Furdinna gar malee guddaa ta'e qabaachu
* Dhibbaa dhiigaa qabachuu
* Kana dura dhukkubni ykn miidhaan ija keenya irra gahe jiraachuu
* Opireeshiinii amma dura ijaaf godhame qabaachuu
* Qorichoota corticosteroid' jedhaman yeroo dheeraaf fudhachuun
* Alkoolii baay'isanii dhuguun wontoota moora Ijaatiif nama saaxiluu danda'an jedhamanii shakkaman keessaa isaan ijoo ta'aniidha.
* Moorri Ijaa yeroo dhalannu irra kaasee jiru (Congenital cataract)ykn umrii ijoollumatti mul'atu sababa gadaamessa keessatti infeekshiniif saaxilamuufi sababa biroo irra ta'uu danda'a.
---

---
Mallatoon isaa maal ta'uu danda'a:-
* Moorri Ijaa Suuta suutaan baldhaata ykn guddataa kan dhufu yoo ta'u jalqabaa irratti mallatoo nutti hin mul'isu. Haa ta'uu erga baldhataa ykn guddataa dhufe booda:
- Nutti didimisuu, dukkanaayuufi waa sirritti guutattu dadhabuu ijaa.
- Ifni xiqqamaan haala malee waan balaqeessa'e ta'ee nutti mul'achuu.
- Yeroo dukkanaa waa ilaaluu dadhabuu
- Dubbisuu fi wontoota ilaalaa hojjatan dalaguuf ifni guddaan nu barbaachisuu
- Halluun wontoota namatti daalachayee muldhachuu
- Qaama ifaa tokko yoo ilaalu akka waan jidduun isaa duwwaa ykn boola ta'ee woyitti namatti mul'achuu.
- Yeroo tokko tokko ija moora qabdu irratti wonti tokko akka wan lamaatti namatti mul'achuu.
- Yeroo hedduu Moorri Ijaa Ija lachuu kan miidhu yoo ta'u yeroo tokko tokko Ija tokko qofa miidhuu ykn Ija takka ija kaan caalaa miidhuu danda'a.
---

---
Maal haa goonu?
* Mana yaalaa deemnee qorannoo sassalphaa dandeeti ilaalu ijaa fi meesha ija qorataniin nuuf godhamu dalagsiifachuu.
* Akkataa qorannoo kanaanifi sadarkaa Moorri irra jiru irratti hunda'uun yeroodhaf Dawwitii Ijaa nuuf ajajamuu danda'a. Haa ta'u malee yaalli bu'a qabeessa ta'e kan opireesiniin leensii hurraye san baasanii leensii nam-tolche bakka buusan san dha. Opireshiinin Moora ijaatiif godhamu kun ka mana yaala nama cibsuulle miti, rakkinni biraa yoo hin jiraanne guyyama opireeshinichi hojjatame san gara manatti galuun ni danda'ama. Garuun madaan keessaa sun fayyuuf hanga torbaan saddeti turuu danda'a. Opireeshiinii kana booda qaroon ykn argaan namoota 95% ta'u ni fooyya'a.
* Yoo ijji lachuu Moora Opireeshiinii barbaadu qabaatte erga kan jalqabatif dalagamee fayye booda inni lammataas dalagamuu danda'a.
* Moora ijaa qabaachuun keenya beekamee hanga Opireeshiniin kun nuuf hojjatamuuf:
• Halkaniin/yeroo dukkanaa konkolaataa oofuu dhabuu.
• Yeroo dubbifnu ifaa dabalannee dubbisuu.
• Yoo ifa aduutitti ykn ifa biratitti baanu dawwitii Ijaa kaawwachu.
---
Fayyaa ta’aa, fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
---
©Dr. Nuredin Luke

28/04/2022

VITILIIGOON: Yaala qabaa? Ni daddarbaa?
**********************************
Dhukkubni kun vitiliigoo jedhama, halluu gogaa namaa addeessudhaan nama huba. Kunis seelonni gogaa namaa kan halluu oomishan kan melanocytes jedhaman yoo dudu’an yokaan yoo hojii dhaabanidha. Dhukkubni kun waltuttuquudhaan namarraa naatti HIN DADDARBU! Lubbuu galaafachuuf kan ga’us miti, garuu miidhagina balleessuudhaan ofitti amantummaa namaa miidhuu danda’a.
YAALA
1. Qorichaan: Vitiliigoo qorichaan guutummaatti yaalaan balleessuun yeroo baay'ee kan hin danda'amne yoo ta'u, akka hin babballanneef, yoo danda'ame ammoo akka xiqqatuuf qorichi ni kennama. Qorichi kennamu kunis haga babbal'ina vitiliigoo kanaa irratti hundaa'uun kan dibatamu ykn liqimfamuudha. Sana ogeessa fayyaatu adda baasee ajaja.
2. Yaala baqaqsanii yaaluu: kunis gogaa bakka seelota vitiliigoo kanaan hin hubamiin irraa fuudhanii bakka hubame kanatti suphuun yaaluudha.
*************************************************
FAYYAAN FAAYA

23/04/2022

TIRAAKOOMAA- Trachoma
***************************
Tiraakoomaan dhukkuba Ijaa daddarba ta'e kan baakteriyaa 'Chlamydia Trachomatis' jedhamuun dhufudha. Tiraakoomaan dhukkuba agartuu nama dhabsiisu garuu kan ittisuunifi yeroon yoo yalame fayyuu danda'uudha. Ijji keenya dhukkuba kanaan takka jaamte taanaan nuuf deebi'uu hin dandettu. Kanaaf otoo sadarkaa baduu ykn jaamuu irra hin geenye dafnee yaalamuun barbaachisaadha.
---

---
Yeroo heedduu Tiraakoomaan ija keenya lachuu kan hubu ta'e mallatoon inni mul'isu ammoo:
☆ Ijji fi qolli Ijaa kan nyaaraa gadi jiru nama hoosiisuu fi gubuu.
☆ Cim'aan akka malaa jiru ykn akka furrii wol harkisu ija keenya irratti arguu
☆ Qolli ija keenya haguugu i'ita'u
☆ Ijji ifa nu sodaachuu/ ifa ilaaluu dadhabuu
☆ Dhukkubbiin ija keessatti nutti dhagahamu
☆ Booda irra rifeensi qola ijaa irra jiru gara Ijaa as garagaluu.
☆ Tirakooman sadarkaalee gara garaa kan qabuufi hanga ija jaamsuu kan gahuu danda'uudha.
---

---
Wontoota Tiraakoomaaf nu saaxilan:
▪︎ Qulqullinna dhuunfafii naannoo keenyaa eeguu dhabuu
▪︎ Mana fincaanitti fayyadamuu dhabuun
▪︎ Akkasumas wontootni (fkn balfaan) ilbiisonni akka wol horan haala mijeessan,
▪︎ Mana tokko keessa nama hedduun jiraachuun carraa Tirakoomadhaan qabamu ol kaasu.
▪︎ Umrii kam irrattuu muldhachuu kan danda'uu ta'uyyuu daa'imman umriin isaanii woggaa torbaa gadii irratti hedduminaan muldhata.
▪︎ Tirakoomaan ija dhukkubatte san tuutuqanii ija nama biraa tuquun, ilbiisonni ija nama dhukkubuu irraa gara ija nama biraatti fiduun, wayaa ija dhukkubsattuun haxayataniin namni biraa harkaan tutuqee ijatti fiduun fa'a daddarba.
---

---
Maal haa goonu:
* Qulqullina fuulaa fi harka keenya eeguu. Fuulaaf harka keenya dhiqachuu.
* Qulqullina naannoo keenyaa eeguu. Balfaan wolhormaata ilbiisotaatiif haala mijaawaa waan uumuuf naanno keenya balfaa irraa qulqullessuu.
* Bishaan qulqulluu ta'etti fayyadamuu. Qulqullina nyaata keenyaa eeguu.
* Nama mallattoo isaa qabu yoo agarre mana yaalaa deemee akka yaalamu gorsa kennuufi.
* Sadarkaa dhukkubni kun irra jiru irratti hundaa'uun yaalli isaa qoricha liqimfamu, ijatti dibatamu ykn Opireeshinii garagaraa ta'uu danda'a.
---
Fayyaa ta'aa, fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
---
©Dr. Nuredin Luke

23/04/2022

CIRRACHA HADHOOFTUU
Gall Stone/Cholelithiasis
****************************
Baattuun hadhooftuu qaamota bullaayinna nyaataaf gargaaran keessaa tokko yoo taatu, kan argamtus garaa keenya gara mirgaatiin tiruu jalatti argamti. Hadhooftuun/baattuun hadhooftuu/ hammii fi bocni ishii abukaadoo xiqqaa kan ga'u ta'ee dhangala'aa bullaa'iinsa Lipiidii (coomaa, dhadhaa, buuphaa fa'aaf) tajaajilu kan tiruun oomish*te erga bishaan keessaa dhimbiibdee tottolchitee booda ujummoo hadhooftuutiin gara mar'umaan xiqqaa dabarsiti.
---
---
Cirrachi hadhooftuu keessatti uumamu hammaan gumaa xaafii kan gahuu kaase hanga kubbaa teenisii gahuu danda'a. Cirrachi kunis lakkofsaan gumaa tokko ykn gumaa hedduu ta'uu danda'a.

Cirrachi baattuu hadhooftuu keessatti uumamu akaakuu lama qaba:

I- Cirracha Koolestirooli: Inni kun yeroo hedduu haalluu boora kan qabu yoo ta'u cirracha akaakuu lammataa caalaa kan yeroo hedduu muldhatuudha. Akkuma maqaan isaa addeessu cirrachi kun Koolestirool baay'inaan qaba.
II- Cirracha Piigimantii: kun ammoo halluu gurraacha cilee ykn xiqqoo daalachayu kan qabu yoo ta'u innis piigimantii bilirubin jedhamu irraa uumama. Bilirubin kun irra jireessan seelii dhiiga diimaa (umrii isaa fixatee diigamu) irraa argama.
---

---
Cirracha Hadhooftuutiif wontoota nama saaxilan keessaa:
▪︎ Nyaata Koolestirool hedduu qabu kana akka coomaa fa'a fayyadamuu.
▪︎ Fuduraaf kuduraa nyaachuu dhabuu.
▪︎ Dhiira irra dubara irratti heddumaata. Keessahuu dubartii heddu deesse irratti.
▪︎ Dhukkuba Sukkaaraa qabaachuu
▪︎ Furdinna qaamaa gar-malee guddaa ta'e qabaachuu.
▪︎ Yeroo kaan caalaa yeroo ulfaa irra heddumaata.
▪︎ Dhukkuba dhiigaa (akka bilirubinin jenne sun baay'atu godhan) tokko tokko qabaachun wontoota cirracha hadhooftuutiif nama saaxilan keessaa ijoo kan ta'anii dha.
---

---
Mallatoolee dhukkuba Cirracha Hadhooftuu:
* Yeroo hedduu cirrachi hadhooftuu mallatoo dhukkuba kan hin agarsiifne yoo ta'u; namoota tokko tokko irratti carrachi/cirrachoonni baattuu hadhooftuu keessa jiran ujummoo hadhooftuu daddabarsitu kessaatti cuqqalamuu danda'u.
Yeroo kana:
▪︎ Garaa keenya gara harka mirgaa ykn laphee irratti dhukkubbiin namatti dhagahamu.
▪︎ Dhukkubbiin kunis sa'aa muraasaaf ture kan badu ta'uu isaafi yeroo biraas dhukkubbiin akkasii namatti deebi'ee dhagahamu.
▪︎ Yeroma kana ceekuu gara mirgaa/ dugda keenya gara gubbaa jechuun lafee ceekuu lamaan jidduutti dhukkubbiin namatti dhagahamu.
▪︎ Nama lolloojjessuu ykn haqqisiisuu.
▪︎ Nyaata zayitiin itti baay'ate, foon, kallee, coomaa yoo nyaannu dhukkubbiin armaan olitti ibsamee jiraachuu ykn erga nyaanne booda miirri akkasii namatti dhagahamuu.

* Amma dura cirracha hadhooftuu qabaachuu keenya beeknee:
☆ Garaa kenyaa gara mirgaatti ykn laphee irratti dhukkubbiin hamaan yoo nutti dhagahame.
☆ Hoo'i qaamaa fi dadhabiin dhukkubbii kana wojjiin yoo jiraate
☆ Akkasumas ijji keenya ykn gogaan keenya yoo boora ta'e hatattamaan gara mana yaalaa deemuun barbaachisaa dha.
---

---
Maal haa goonu?
*Dhukkubbiin/mallatoolee armaan olitti eeraman yoo of irratti agarre mana yaalaa deemnee qorannoo adda addaa kan Doktorri kenyaa nuuf ajaje (kan akka Altiraasawuundii fa'a) gochu.

* Cirrachi hadhooftuu tasa dhukkuba biraa ilaaluuf jiraachuun isaa beekame kan dhukkubbii/ mallatoo dhukkuba sanaa hin qabne yaala hatattamaas ta'e ykn guutumaan gutuutti yaala kan hin barbaanne dha. Haa ta'u malee namoota dhukkuba sukkaaraa qaban akkasumas kan doktoriin otoo dhukkubni hin jiraatin yaalamuu qaba jedhe qofatu yaalama jechu dha.

* Yaalli cirracha hadhooftuu dhukkuba qabuuf taasifamu baqaqsanii, muranii baasuu baattuu hadhooftu (Cholecystectomy) ta'uu mala. Qorichoonni yeroo dheeraaf fudhatamanii Ji'oota/Woggotta hedduu booda cirracha san bulbulan ni jiru. Garuu Qorichoonni kunniin bulbuluu dhabuu danda'u kanaaf yaalli bu'a qabeessa ta'e kan Opereeshiinin baafamu san jechudha.
---
---
Fayyaa ta'aa, fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
---
©Dr. Nuredin Luke

22/04/2022

AMMEEBAA - Amebiasis
***************************
Ammeebaan dhukkuba pirotozo'aa mar'umaanii kan 'Entameba histolytica' jedhamuun dhufudha. Yeroo hedduu mallattoo dhukkubaa muldhisuu dhabus baasaa dhiiga qabuu hanga tiruu irratti malaa uumuu/guuruu dhukkuba geessuu danda'udha.

Ummata adunyaa keessaa parsantii kudhan kan ta'an Ammeebaa akka qaban ni tilmaamama, haa ta'u malee isaan keessaas namoota parsantii kudhan ta'an qofatu mallattoo dhukkuba kanaatiin hubama.
---

---
Haala jireenya isaa yoo ilaallu; sadarkaa guddinnaa lama (cyst and trophozoite stage) jedhamu qaba. Inni 'cyst' jennu kun kan aasidii garaacha keenya jiru dandamachuu danda'uufi mar'uumanitti gadi taruun gara 'trophozoite' jijjiiramuun dhukkuba mar'umaan guddaa (quuncessuu, madeessu) fi darbee darbee ammoo karaa hidda dhiiga deebistuu mar'umanifi tiruu wolitti fidduun (portal venous system) godhee tiruu irratti malaa guruu ykn uumuu danda'udha.
Karaan inni itti daddarbu bishaani fi nyaata qulqullinna hin qabne kan karaa garagaraatiin bobbaa nama Ammeebaa qabuun balfame dhuguuf nyaachuudhani.
---

---
Mallatolee Ammeebaa:
▪︎ Baasaa dhiiga makate
▪︎ Dhukkubbii garaa (muraa, ciniinnaa) salphaa hanga hamaa ta'e.
▪︎ Fedhii nyaata xiqqaachuu fi dhabamuu
▪︎ Ulfatinni qaamaa hirdhachuufi qama nama hoo'isuu
▪︎ Yoo tiruu irratti malaa guuree/uumee jirate cinaacha mirgaa jalatti dhukkubbiin namatti dhagahamuu, hoo'a qaamaa ol'aana ta'e, fedha nyaata dhabuu, nama hollachisuu, haqqisiisuu ykn lollojessuu, nama dadhabsiisuu, darbee darbee ammoo qufaa(biiqaa), nama hargansiisuu faati mul'achuu danda'uu.
---

---
Maal haa goonu?
° Qulqillinna nyaataaf dhugaatii keenya eeguu.
° Qorannoolee Doktarri ykn ogeessi fayyaa nuuf ajaju kan akka (qorannoo bobbaa/sagaraa, dhiigaa, fi kkf, yoo shakkiin malaa tiruu jiraate altiraasaawundiis ta'uu danda'a) kan ogeessi yaalaa ni barbaachisa jedhee nuuf ajaje hojjachiifachuu.
° Erga qorannoo barbaachisoo ta'an hojjachiifne, booda haala Doktorri ykn ogeessi yaalaa nuuf ajajeen qoricha keenya qajeellotti fudhachuu/fayyadamuu.
---
Fayyaa ta'aa, Fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
---
©Dr. Nuredin Luke

21/04/2022

DHUKKUBBII DUGDAA (Backpain) yoo qabaanne akkamiin of gargaaruu dandeenyaa?

1. Yeroo dheeraaf siree irra boqochuu dhiisuu. Yeroo dheeraaf siree irra boqochuun dhukkubbii dugdaa namatti caalsisa waan taheef yoo dandahame sa'aa sadii ol (yeroo hirribaa irraa kan hafe) siree irra ciisuu dhiisuu qabna.

2. Hojii sasalphaa hojjachuu itti fufuu qabna. Hojii sasalphaa dalaguun dhukkubbii dugdaaf gaaridha. Hojii ulfaataa fi hojii dhukkubbii sana nutti kaasu (salphaas tahu) irraa ammoo fagaachuu qabna.

3. Hojii keenya guyyaa guyyaa gaafa hojjannu akkaataa dhaabbii qaama keenyaa (posture) sirreeffachuu qabna. Posture jajallataa tahe irra dhaabatanii hojii hojjachuun gaaf-tokkotti dhukkuba nama qabsiisuu baatus yeroo dheeraa keessa dhukkubbii nutti fida.

4. Waan dilallaa'aa ta'e yokaan ho'aa tahe bakka dhukkubu sanarra kaa'uun dhukkubbiin akka itti dhaggeeffatu taasisa. Lameen keessaa kan sirriitti nutti fooyyesse fayyadamna.

5. Yoo rafnu yoo dugdaan ciisne tahe boraatii jilba keenya jala; yoo cinaachaan ciifne tahe ammoo boraatii jilba keenya lamaan gidduu kaa'achuun nutti fooyyessa. Garaadhaan ciisuun ammoo dhiibbaa qaamaa dugdarra kaahuudhaan dhukkubbii nutti cimsa.

6. Yoo tamboo kan xuuxnu tahe addaan kutuu qabna.

7. Kana hunda cinaatti ogeessa fayaa bira deemanii ka'umsaa isaa baranii gagaarsaargachuun gaariidha.
*****************
GALATOOMAA.

19/04/2022

FAYYUMMAA TIRUU KEENYAAF:
*********************************
• Alkoolii dhuguu dhabuu.
• Qoricha hanga fudhatamuu qabuu ol fudhachuu dhabuu.
• Ajaja ogeessa yaalaa malee qoricha hin beekne tokko ofumaa fudhachuu dhabuu.
• Qorichoota aadaa/habashaa/ kan miidhaaf faayidaan isaanii adda hin baane fayyadamuu irraa of qusachuu.
• Furdinna gar malee guddaa ta'e yoo qabaanne hir'isuu; keessattuu furdinna dheerinna keenyaan wol hin madaalle yoo ta'e.
• Qulqullina nyaataaf dhugaatii keenya eeguu.
• Wol qunnamtii saalaa hin ittifamne nama hin beekne wojjiin gochuu dhabuu.
• Waan qara qabu woliin fayyadamuu dhabuu.
• Dhangala'aa fi dhiiga qaama nama biraatii bahu akkuma argan qaqqabu/tuttuquu dhabuu.
• Sigaaraa aarsuu dhabuu.
---
Fayyaa ta'aa, fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
---
©Dr. Nuredin Luke

19/04/2022

ABUKAADOO
****************
Abukaadoon vaayitaminootaa fi albuudota dalagaa qaama keenyaaf barbaachisoo ta'an 20 ol of keessaa qaba.
Fkn abukaadoo tokko (~100 g) yoo nyaanne:-
• Vitamin K: %26 guyyatti barbaadamu
• Folate: %20guyyatti barbaadamu
• Vitamin C: %17 guyyatti barbaadamu
• Potassium: %14 guyyatti barbaadamu
• Vitamin B5: %14 guyyatti barbaadamu
• Vitamin B6: %13 guyyatti barbaadamu
• Vitamin E: %10 guyyatti qaama keenyaan barbaadamu arganna.
• Dabalataanis albuudota akka (Magnesium, Manganese, Copper, Iron, Zinc, Phosphorous, fi Vitamin A, B1, B2 fi B3) of keessaa qaba.

* Pootaashiyeemii guddaa ta'e waan of keessaa qabuuf dhiibbaa dhiigaa hirdhisuuf fudura filatamaa ta'e dha.
* Koolestirool qaama keenya keessa jiru hirdhisuu irrattis faayida qaba.
* Albuudota fi gartuulee nyaataa fayyummaa onneefi kaleetiif barbaachisoo ta'an hedduu of keessa qaba.
* 'Fiber' (nyaata qaamaan hin bullofne) guddaa ta'e waan of keessaa qabuuf gogiinsa garaa hanbisuuf akkasumas ulfaatinna qaamaa hirdhisuu irratti gahee guddaa taphata.
* Dabalataanis fayyumaa Ijaa, gogaa, rifeensa keenyaafi Kaansarii xiqeessu irratti wontoota barbaachisoo ta'an of keessaa qaba.
---
Fayyaa ta'aa, fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
---
©Dr. Nuredin Luke

18/04/2022

KAANSARII HARMAA - Breast Cancer
***************************************
Kaansariin Harmaa kaansarii seelii harmaa irraa ka'u ykn ba'u dha. Kaansariin kun gara caalu ykn hedduminaan (%99) dubartii irratti muldhata. Haa ta'u malee dhiira irrattis (%1) darbee darbee muldhachuu danda'a. Kaansariin Harmaa kun seelii irraa ka'uufi iddo harma keessatti itti biqilu irraa ka'uun gosa gara-garaa (ykn maqaa garagaras) ni qaba.
---
---
Kaansariin kun maal irraa dhufuu danda'a laata?

Kaansariin Harmaa seeliin harma keessa jiru tokko haala sirrii hin taaneen guddachaa ykn baay'achaa dhufuudha. Seeliin kunniin ammoo seelii isa fayyaa irra saffisaan baay'achuun, kuufamaa, iitaa (kurusuu) jabaatu uumu. Seeliin Kaansarii kunniin gara Xannacha Liimfii (lymph nodes) naannoo harmaatti argamaniifii gara qaama biraattis faca'uu ykn tatamsa'uu danda'u. Kaansariin Harmaa yeroo hedduu seelii aanan harmaa oomishan irraa ka'a. Seelota biroo harma keessa jiran irraas ka'uu mala.

Caarraa namni tokko Kaansarii Harmaatiin hubamuu haala hoormoonii, jiruuf-jireenya isaa, uuma (genetics) fi nannoo isaatirra ta'uu mala. Haa ta'u malee namoonni tokko tokko wontoota carraa kansarii kana horachuu dabalan otoo hin qabaatiin Kaansarichan hubamuu ni danda'u.

Akkasumas namoonni %5-10 ta'an sababa geggederamu/jijjiramuu qaccee sanyii (gene mutation) matiin darbuun carraa Kaansarii kanaan qabamuu ni qabaatu.
---
---
Wontoota carraa Kaansarii Harmaatiin Qabamuu dabalan:
■ Akkuma jenne san dhiira caalaa dachaa hedduu dubara irratti muldhata. Kanaaf dubara ta'uun dhiira caalaa carraa kansaarii kanaan hubamuu qabu.
■ Umriin dabalaa deemu. Adadamu umriin dabalaa deemuun carraan Kansarii Harmaa horachuus ni dabala.
■ Ammaan dura harma cinaa tokko irratti Kaansarii qabaachuun carraa harma cinaa kaan irrattis qabaachuu ni dabala.
■ Sababa qaccee sanyii maatii irraa darbuun yoo maatiin (obboletti ykn haati) kaansarii kanaan qabaamtee turte ykn jiraatte carraan kaansarii kanaan qabamuu kan nama biroo irra dachaa hedduun olka'aadha. Qacceen sanyii (jiiniin) kanaaf nama saaxilan (BRCA 1 and BRCA 2) jedhamuun beekaman kun jiraachuun carraa kaansarii kanaan qabamuu olkaasu.
■ Yeroo umrii xiqqeenyaa ykn daa'imummaa qomni (chastiin) carariif (radiation) saaxilamuun.
■ Furdinna ykn ulfaatinna gar malee guddaa ta'e qabaachuun.
■ Xurii laguu ykn dugda umrii woggaa kudha lamaa gaditti arguu jalqabuun namoota kaan caalaa carraa kaansarii harmaatiin hubamu ni dabala.
■ Umriin xurii laguu ykn dugda arguu itti dhaaban dheerachuun ykn guddaa ta'uun.
■ Umrii woggaa soddomaa booda daa'ima jalqabaa argachuun namoota san dura argatan caalaa carraa kaansarii harmaatiin qabamuu ni qabu.
■ Isaan ulfayanii hin beekne kan ulfayanii beekan caalaa carraa kansarii kanan qabamuu qabu.
■ Alkoolii baay'isanii dhuguun carraa kaansarii harmaatin qabamuu ni dabala.
---

---
Mallattooleen Kaansarii Harmaa maal fa'adha?
* Iitaa (kurusuu) harma keessatti yoo qaqqabani laalan jabaatu ykn jajjabaatu.
* Qaama harmaa keessaa iddoo kaan caalaa qaaqqabiif jabaatu
* Hammi, bocni ykn argaan harma sanaa jijjiramuu
* Halluun ykn haalli gogaa harma irra jiruu jijjiramuu fkn dhooqachuu.
* Qacceen harmaa gara kessatti seenuu/keessa garagaluu
* Gogaan nannoo qaccee harmaa ykn harma iirraa iddoo bira jiru diddimachuu, quunca'uu, mada'uufi babbaqaqu, akka burtukaanaa san bolla xixiqoo mul'isuu/qabaachuun mallatolee kaansarii harmaa ta'uu danda'u.
---

---
Maal haa goonu? Ofeeggannoo akkamiitu barbaachisa?

● Dubartoonni torbaan torbaanin otoo sakata'iinsa harma isaanii ofii isaaniiti qaqqabuun godhatanii gaariidha. Harma qaqqabuun ilaaluun iddoon iita'ee jabaate, jajjabaate, ykn jijjirama qaama harmaa kaan irraa qabu jiraachuu isaa adda baafachu. Yoo jijjiramni addaa jiraate gara mana yaalaa deemanii ogeessa fayyaa ykn doktora isaan yaalu ykn woldhaanu wojjiin mari'achuu.
● Mallattoolee armaan olitti eeraman yoo of irratti agarte otoo yeroo hin gubin mana yaalaa deemtee adda baafachuu. Mallattooleen as gubbatti kaafne kun dhukkuboota harmaa kan birootifis ta'uu ni danda'u.
● Mallatoolee kana yoo of irratti agarre hospitaala deemnee qorannoo doktoroonni keenya nuuf ajajan fkn ultrasound, mammogram fi sumuuda kutaa harmaa iitan sun irra jiru irraa fuudhamuufi kan biroo kan ogeessi nu ajaje hojjachiifachuu
● Alkoolii baay'isanii dhuguu dhabuu/dhaabuu.
● Sochii qaamaa gochu. Torbaanitti yoo xiqqaate guyyoota shaniif daqiiqaa soddoma soddoma sochii qamaa (ispoortii akka fiigichaa, daakkaa, deemsa arifannaa fi kkf) hojjachuu.
● Nyaata keenya madaalawaa gochuu. Yeroo hedduu fuduraaf kuduraa nyaachuu. Foon, cooma, kallee, dhadhaa baay'isuu dhabuu.
---
---
¤ Sadarkaa kaansarichi irra jiru irratti hundaa'uun yaalli isaa kutaa harmaa kaansarichi itti biqile muranii/kutanii baasuu, ykn harma cinaa tokkoo guutuun gututti kaasuu/muranii kaasuu, ykn harmaafii xannachoota liimfii naannoo san jiran wolitti qabanii muranii kaasuu, ykn harma cinaa lachuu muranii kaasuus ta'uu danda'a. Dabalataan yaalli cararii (radiation) fi qorichootaa (Chemotherapy) fi ykn yaala hormooniin godhamus barbaachisaadha. Kana irra taree kaansarichi sadarkaa kanaan yaalamuu hin dnadeenye irra yoo jiraate deeggarsi dhukkubbi woyyeessuufi dhukkubsata kunuunsu (Palliative care) kennamuu ni danda'a.
---
---
Fayyaa ta'aa, fayyaa daha!
Horaa, bulaa, deebanaa!
---
©Dr. Nuredin Luke

14/04/2022


*****************
1. Soorata vitamin C'n badhaadhe dha, Vitamin C'n ammoo madaan akka fayyu, guddina qaamaaf fi sirna maadiinummaaf barbaachisa.
2. Jabina lafee fi ilkaan keenyaaf ni gargaara, kunis qabiyyee kaalsiyeemii (calcium) guddaa waan of keessaa qabuu fi dha .
3. Daakamuu soorataaf illee ni gargaara, kunis qabiyyee faayiberii (fiber) ol'aanaa qabaachuu isaa irraan kan ka'eedha.
4. Hanga sukkaara dhiiga keenya keessaa ni to'ata. Waldaan Dhukkuba Sukkaaraa Ameerikaa (American Diabetics Association) burtukaana "diabetic superfoods" ykn "soorata dhukkubsattoota sukkaaraaf hedduu tolu" jedhaa waama.
5. Kalee keenya irratti carraa uumamuu cirrachaa (kidney stone) gadi buusa, qorannoo University of Texas, biyya ameerikaatti hojjatame tokkos kana deggara.
6. Hangi seelii dhiiga diimaa qaama keenya keessaa akka dabalu ykn gadi hin buune taasisa, qabiyyee folate jedhamu kan seelota kana hojjuuf oolu qaba.
7. Akka qorannoowwan tokko tokko jedhanitti, dhiibbaa dhiigaa keenya gadi buusuu keessatti ga'ee qaba.
*******************************
Fayyaan Faaya

Address

Ambo

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Leencoo Girmaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Leencoo Girmaa:

Share



You may also like