Hosa'inaa Tv world wide

Hosa'inaa Tv world wide preach bible

15/04/2024
08/04/2024
hirmadha
22/03/2024

hirmadha

Mul'ata - Vision ✪ Jireenya ofii keessatti yeroo hedduu addaa addummaa kan uumu carraa argatanitti fayyadamuu fi fayyada...
14/03/2024

Mul'ata - Vision

✪ Jireenya ofii keessatti yeroo hedduu addaa addummaa kan uumu carraa argatanitti fayyadamuu fi fayyadamuu dhiisuudha.

» Carraan aduu miti naanna'ee dhufuu dhiisuu danda'a; jijjiirama jireenya dinagdee keessatti wanti hundumtuu xiqqaa irraa jalqaba. Kanaafuu xiqqoo irraa ka'uun hin sodaatamu, hin saalfatamus.

Namoonni baay'een gaafa carraa argatanitti fayyadamuu dhabuudhaan, dursanii karoorsuu dhiisudhaan, milkaa'ina sodaachuudhaan sadarkaa malu utuu hin gahin hafu!

» Guyyaa ati milkaa’uu eegaltu ........!

Yeroo ati waan haaraa jalqabdu, dhugaan ati beekuu qabdu, namni si deeggaru muraasa yookiin dhabamuu danda'a. Wanti kun hin fayyadu, ni ulfaataa, miidhaa qaba, karaan kun sirrii miti, siif hin milkaa'u jedhanii sitti iyyu. Sababni isaa ofiif sammuu waan ati hojjechuuf kaate hojiitti hiikuu miti yaada isaayyuu hin qabani.

» Inumaayyuu akka ofiitti waan si ilaalaniif waan isaaniif hin danda'amneef atillee waan hin dandeenye isaanitti fakkaata.

⦿ Ani abjuun qaba jettee yoo dammaqxee kaatu, namni hundi harka siif hin rukutu. Diinni kee inni jalqabaa sammuu keeti. Sammuun kee akka hin dandeenye haalan sitti hima.

Sammuu kee injifattee yommuu gadi baatu immoo, qaamonni hedduun ati hamileedhaan na simatu jettee eegdu waraana sitti banu. Sanuu nama sitti dhiyaatu irraa mormii guddaan si mudachuu mala. Maatii, hiriyaa, fira ta'uu danda'a.

Yeroo kanatti haalota abjuu keessanitti summii darbatamu irraa of eegaa! Fagaadhaa!
Faallaa isaatiin immoo namoota mul'ata keessan deeggaran waliin oolaa!

» Abjuu kee, namoota si gatachiisan irraa hin tiksitu taanan, cabdee karaatti hafta.
Qaama duubatti si harkisu kamuu irraa citii deemi!

⦿ Hamma Abjuu fi Mul'ata kee galmaan geessutti kutannoo jabaadhan itti fufi! Yoo injifatte hunduu harka siif rukuta, suuraa si waliin ka'a.

wan Misgaana Tolawaaqfar Nuguse Tashomakibor Shelema lachisafi Anaanwaaqayyoo  Waldaa biranaa kirsitoos Daarimuuttii baa...
15/02/2024

wan Misgaana Tolawaaq
far Nuguse Tashoma
kibor Shelema lachisa
fi Anaan
waaqayyoo Waldaa biranaa kirsitoos Daarimuuttii baayy'ee nu gargaaree

=>Goonkuma Qeeqni Namootaa Abjuu Kee Akka Shakkitu Si Hin Godhin!○ Goonkuma qeeqni namootaa abjuu kee akka shakkitu si h...
09/02/2024

=>Goonkuma Qeeqni Namootaa Abjuu Kee Akka Shakkitu Si Hin Godhin!

○ Goonkuma qeeqni namootaa abjuu kee akka shakkitu si hin godhin. Waan ati yaadde Rabbii malee eenyullee arguu akka hin dandeenye yaadadhu. Qeeqa ilma namaatiif ykn jatte jattee namootatiif jattee abjuu kee isa jalqabde karatti hin dhiisin. Ilmi nama hundu abjuu ni qaba. Warri taa'ee waa'ee namaa haasa'uus, haasooyni sun isaaniif abjuudha. Garuu abjuun sun abjuu isa dhugaa osoo hin taane, abjuu isa "bursusa," jedhamu saniidha.

Eeyyeen namoota abjuun isaanii waa'ee namaa haasa'uu tahe, yoo waa'ee keetii haasawan ykn waan baay'ee yoo siin jedhan illee deebisaa hin deebisiniifi callisiituma bira darbi. Isaan warra haada dubbii nyaate waan tahaniif isaan hin dhaggeefatin. Isaan warra hiikkaa kaayyoo hin beekne waan ta'aniif dubbii minnaaguun isaaniif kaayyoo akka tahe hubachuu qabda.

Yoo dhaabbattee deebisaa isaaniif deebifte immoo atiis isaan warra dubbii minnaagu saniin garaagarummaa hin qabdu jechuudha. Isaan dubbii haa minnaaganii ati immoo abjuu keetiin daandii kaayyoo keetiirra deem. Gaafni ati deebisaa isaaniif deebiftu immoo gaafa galma kaayyoo keetii sana geesse, gaafa abjuun kee siif dhugoome, gaafa bu'aan carraaqii keetii siif argame, gaafa san milkaa'uun kee deebisaa quubsaa isaaniif taha.

Garuu, hanga gaafa sana geeysuutti immoo wantoota namoonni siin jedhuufi jechoota namoonni siin jedhuuf gurra hin laatin. Akka nama duudaa gurri cufameetti gurra kee cufadhuu imala kee itti fufii.

Daandii milkaa'inaa irratti qormaata hedduutu si mudata. Yeroo tokko tokko qeeqanis qormaata ta’a jechuudha.
Yeroo waan haaraa yaallu ykn abjuu galmaan ga’uuf qabnu hundatti, namoonni tokko tokko abjuu ofii hordofuun gatii akka hin qabne itti dhaga’amuu danda’a.

Jalqaba irratti yeroo nuti ofii keenyaaf mirkanaa’aa hin taanetti, shakkiin namoota biroo mirkanaa’uu dhabuu nutti agarsiisa, dandeettii ofii irratti shakkii kaasuu fi itti fufuun gatii yoo qabaate illee irra deebi’anii itti yaaduun barbachisadha

waldaa hosayinaatti sambata  waare boddee kana  ebbifamnerra!
04/02/2024

waldaa hosayinaatti sambata waare boddee kana ebbifamnerra!

paster  tayye gara goofta demuusa gaffaa guddaan natti dhagamera
03/02/2024

paster tayye gara goofta demuusa gaffaa guddaan natti dhagamera

waldaa hosayinaa sagantaa fayinaa irratti bay'ee nu gargaarera
01/02/2024

waldaa hosayinaa sagantaa fayinaa irratti bay'ee nu gargaarera

waldaa hosayina sambataa ganamairraa kan fudhatame
28/01/2024

waldaa hosayina sambataa ganamairraa kan fudhatame

konfirensiin keenya irratti gargaramnerraa!!!!!
27/01/2024

konfirensiin keenya irratti gargaramnerraa!!!!!

guyyaa 1 qoofaatu hafeee!!!!!!Hafuun dhorkaadha!!!!!"""""
25/01/2024

guyyaa 1 qoofaatu hafeee!!!!!!
Hafuun dhorkaadha!!!!!"""""

waldaa hosaaynaatti  magaala ambo gargaramnerra sagantaa fayina keenya irrattii
25/01/2024

waldaa hosaaynaatti magaala ambo gargaramnerra sagantaa fayina keenya irrattii

Eenyutu dhufee sitti hime??Asoosama Obboleessa keenya Galaanaa Fiixumaan baarreeffamee yeroo dhiyootti eebbaaf dhiyaatud...
16/01/2024

Eenyutu dhufee sitti hime??
Asoosama Obboleessa keenya Galaanaa Fiixumaan baarreeffamee yeroo dhiyootti eebbaaf dhiyaatudha.
Coming soon
Jechaa jira.
Odeeffannoo dabalataa argachuuf social media irraa hin dhabaminaa.

Address

AMBO SHEWA
Ambo
11882453

Telephone

+251911882453

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Hosa'inaa Tv world wide posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Hosa'inaa Tv world wide:

Videos

Share

Category



You may also like