Dhangaa

Dhangaa A winner is adreamer who Never Givesup๐Ÿ‘Š

NI DANDEESSA          ~~~~~~~~~~~~~Deemsa deemuuf deemsa jalqabuun dura bakka/iddoo itti deemtu sana yoo jabaattee deemt...
15/11/2023

NI DANDEESSA
~~~~~~~~~~~~~
Deemsa deemuuf deemsa jalqabuun dura bakka/iddoo itti deemtu sana yoo jabaattee deemte akka ga'uu dandeessu amanuu qabda. Yaada hin danda'u je'uun of amansiiftee sodaan guutamta taanaan immoo essayyuu hin geessu.

Hin danda'u an waan kana. Waaniin akkana ta'eefiin hin dandeenye jettee yaadaan of dadhabsiifta taanaan osoo dandeessuu hin dandeessu. Sammuu kee yaadaan of hiite kana of irraa hiiki, nin danda'a je'ii ofitti himi ni dandeessaa. Sababa hin taane of dura qabdee ofin sobin, sobamtee haftaa.

Sababoota yartuu hunda ofirraa mulqi. Finyaa/afuuffaa afuufamte akka dhagaatti yaadaan ofitti hin ulfeessin. Funyoon rakkoo sirra rarraatu akka waan muka guddaatti si hiitee jirtutti yaaduu irraa of bilisoomsi. Gaafas jireenya injifaattaa. Jireenyaan qabsoo qabuun dura yaada xiphoo sammuu keetiitiin qabsoo qabi. Gaafa yaada kee boojitee harka galfatte wanti hundi harka kee jira.

Itti fufa....
Dhangaa

Bakki Oolmaa keetii Murteessaa dha.-- Your location is crucial.-- Kabajamuu fi jaalatamuu keetiif iddoon oolmaa/argama k...
29/10/2023

Bakki Oolmaa keetii Murteessaa dha.
-- Your location is crucial.
-- Kabajamuu fi jaalatamuu keetiif iddoon oolmaa/argama kee murteessadha.
-- Iddoo si madaalutti argamtaa? Mee fakkeenya kana haa dubbifnu!
โ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌ
Guyyaa tokko kanniisaa fi tisiisatu buna wal waamee wajjin haasa'uu jalqaban.

โƒ Utuma haasa'a hoo'aa keessa jiranuu tisiisni kanniisan "Ani kan na dhibee na dhiisuu dide
dhalli namaa anaan maaf na jibba? Maalif akkan isaanitti dhiyaadhu hin fedhan?

โƒ Sin akka biraatti si jaallatu maalif akka keetti na hin kunuunsan? Nyaata isaanii irra yoon bu'e na ari'u. Yoon dhugaatii isaanii irra bu'es akkasuma. Wantan ani xuqe hin sooratan, hin dhugani, ittuu
ni gatu. Na ajjeesu dhaaf na dhabamsiisu dhaaf qoricha baay'ee fayyadamu.

โƒ Kan kee garuu faallaa kooti. Icciitiin isaa maali dha mee natti himi" jetteen.

โžฅ Kanniisnis haasa'a ishee hunda isaa gurra itti kennitee erga dhaggeeffattee booda gaaffii gabaabaa tisiisa sana gaafatte.

โ“"Yaa Tisiisa nana mee OOLMAAN KEE EESSA DHA?" Jetteen jedhama.

โœง Ati hoo obbolee oolmaan kee eessa dha? Amma iddoon ati jirtu kunii fi hojiin ati hojjechaa jirtu kun si madaalaa?

Oolmaa Gaarii Qabaadhaa ๐Ÿ’™

๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰Waan namni asaasu miti, karaa isa si baasutti cichi! ๐Ÿ’ช๐Ÿ’ชYeroo baay'ee, barataa qaxalee dareefi mana barumsaa dursee arg...
06/09/2023

๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰Waan namni asaasu miti, karaa isa si baasutti cichi! ๐Ÿ’ช๐Ÿ’ช

Yeroo baay'ee, barataa qaxalee dareefi mana barumsaa dursee argameen; "Abaluun ni mora/morti! Kudhaama bobaa jalaa qaba. Kanaaf barsumsi galaaf. Kanaafis qorumsa hunda dursee argama!" yeroo jedhan ni dhagahama. Dhugaan jiru garuu, kanarraa fagoo jira. Barataan kun halkan hirriba dhabee, guyyaa bakka oolmaa hiriyoota isaarraa of lagee, akkanuma ijoollummaafi dargaggummaa isaa aarsaa godhetu nama sanaa ta'e. Isaaf morri kana! Kaaniif garuu kun mora!๐Ÿ‘๐Ÿ˜

Kan nama ajaa'ibummoo, warruma akkana jedhanii hamatantu gaafa qorumsaa ijaafi gurra qeensee isa eeggata. Akkamittin nama hafuura hamaan hojjechaa jiru harka ilaalu? Wal faallessaam! Confused! ๐Ÿ˜•๐Ÿ˜‚

โ€ขDhaamsa: Waan barbaade haa jedhamu, haa godhamus, waan galmakee irraa si deebisu hin jiraatiin. Agartuun ijakee, dhageettiin gurrakeefi miireffannaankee hundi gara galmakee haa ta'u! Yoos, waan namni siin jedhu quba hin qabaattu. Iyyaafi waca waa'ee hin baafneefis bakka hin kennitu. Kanaafuu, waan namni asaasu dhiisii, karaa isa si baasutti cichi! Kanatu si baasa!๐Ÿ‘Œ

Galatoomaa!๐Ÿ™๐Ÿป
Abdiisaa Ejjetaati
Barri โค2016 Bara Nagaa Nuuf Haa Tahu

๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰Imala kee dursii kana hubadhu!'Namni maal naan jedhaa?'n waan namni siin jedhu jijjiiree hin argamu; garuu eenyummaan ...
03/09/2023

๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰Imala kee dursii kana hubadhu!

'Namni maal naan jedhaa?'n waan namni siin jedhu jijjiiree hin argamu; garuu eenyummaan kee gooftaa waan siin jedhamuuti. Kanaaf ofitti amanummaa kee gabbisii qabadhu! Akka siin jedhan ta'uuf osoo hin taane, akka taatee argamtu akka jedhamtuu dalagi. Hamma geessuus hin ibsiin; hammi geessuu sunuu ragaadha. Hundaaf gurra ergisuunis gurra kaayyoo ofiitti dugda gatuu akka ta'e yaadaan qabadhuu deemsa itti fufi. Imala milkii!

Gaafa sochii eegaltu sirrattis sochiitu eegalama. Waa'een kee karaa lamaan odeeffamuu itti fufa. Kaan sababa malee si jibba, sirratti odeessa, maqaa kee faalee dhiisuu dida, dhagaa filee sitti darbata. Kaanimmoo ofitti si waama, harka walitti siif rukuta, dibbee siif reeba! Eeyyeen kanatu jira! Kun jiraachuu isaa hubachuufi kanaaf deebii akkamii akka laattus of harkaa qabaachuutu si ceesisa.

Kan akkan taaneen si hordofu hin hordofiin. "Jaldeessa faana dhahuun hallayyaa nama buusa!" jedha Oromoon yeroo mammaaku. Kan sitti wacu gargaartee sagalee wacaa ol kaasuun, gurra gara kaayyoo kee hin butuchiin, dhagaa sitti darbamuu walitti qabi riqicha ce'umsaafi mana galmaa ittiin ijaarratta, jechoota sin ilaalle sitti maxxanan immoo akka dubbii waa'ee hin baafneefi balfa gatamaatti fageenyatti ofirraa eegi.

Akkanuma, kan si faarsu faana of hin faarsiin; gaafa si arrabsu faana of arrabsuu malta. Sagalee weedduu iddoo siif hin malletti miirri siif kennu dhageessee weedduufi gonfoo gaara mo'ichaa irraa akka hin hafnetti of eegi. Badhaasa siif kennamu adda baasii beeki. Badhaasnifi jajjabeessi siif hin mallee itti quufinsa sobaa si gonfachiisuun karaa jal'uurra si qajeelchu. Eeyyeen, kan siif laatu kennaa isaa dura, eenyummaa isaa adda baasi. Hubataa ta'i!

Kan siif jibbu jaalattee kan si jibbu hin jibbiin. Kan siif reebuu ol kaastee, kan si reebuu reebuuf yeroofi annisaa kee hin gubiin. Kana hundumaa, akka galumsaatti, keessumeessuu akka dandeessuuf ogummaa dabaladhu.

Imala milkii!

Likeโœ…
shareโœ…
Dilbata Gaarii๐Ÿ˜

.  Itiyoophiyaaโœ…Fiigicha maaraatoonii dubartootaan Itiyoophiyaan sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa bahuun Meedaaliyaan duguugde.๐Ÿ˜˜A...
26/08/2023

.

Itiyoophiyaa
โœ…Fiigicha maaraatoonii dubartootaan Itiyoophiyaan sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa bahuun Meedaaliyaan duguugde.
๐Ÿ˜˜Amaanee Bariisoo 1ffaa
โœ… Gooytom G/Sillaasee 2ffaa.
๐Ÿค›Keeniyaa hoo Bishaan kee

RIP๐Ÿ˜ช๐Ÿ˜ช๐Ÿ˜ช
27/07/2023

RIP๐Ÿ˜ช๐Ÿ˜ช๐Ÿ˜ช

               โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†Namni isin suura isaa argitan kun  Booker T Washington jedhama. Piroofesarii fi piredaantii Yunivars...
16/07/2023


โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†
Namni isin suura isaa argitan kun Booker T Washington jedhama. Piroofesarii fi piredaantii Yunivarsiitii ture. Gurraacha jechuun lammii Ameerikaa hidda dhaloota Afrikaa qabudha. Mandara sooressaa fi warra adii keessa utuu adeemu dubartiin tokko isa argite. Akkuma warra gurraacha biraa hojjechiifataa turte isa kanas waamtee kottuu qoraan naa falaximee qarshiin siif kennaa jette. Innis tole jedhee qoraan falaxee manatti guureefii deeme. Booda mucaan ollaa ishee tokko Booker T Washington taโ€™uu saโ€™a bartee dubartii sanatti himte. Dubartittiinis biiroo isaa deemtee dhiifama gaafatte. Akka qaanoftes itti himte. Inni garuu hoomaa hin cinqamin gaafa sana yeroo qaban ture waan taโ€™eef darbee darbee hojii humnaa hojjechuun qaamakoofuu gaariidha jedhee deebiseef. Yeroo biraa dubartiin sun namoota beekamoo fi sooreyyii qindeessite Yuniversiitii sanaaf deggersa guddaa goote.

Utuu nu taโ€™ee akka Booker T Washington sana gadi of deebifnaa laata? Eenyuu akkan taโ€™e utuu beektee kana na hin gaafattu turte jennee aariidhaan nama sana ofirraa deebifna ture.
Hamma yeroon gahutti gad of deebisuun gaarummaadhaafi.
Source: Asefa Melka Wakjira

Dilbata Gaarii Siniif Haa tahu๐Ÿค—

Dhangaa๐Ÿ˜๐Ÿ‘‰yommuu milkaa'ina guddaaf dharraatu, guyyaa hundaa akka qoramtu beeki. Qormaata fi qoree jireenyaa keessaa yoo ...
09/07/2023

Dhangaa๐Ÿ˜
๐Ÿ‘‰yommuu milkaa'ina guddaaf dharraatu, guyyaa hundaa akka qoramtu beeki. Qormaata fi qoree jireenyaa keessaa yoo dabarte, bakka guddaa geessa.
๐Ÿ‘‰qormaanni bakka lamatti qoodama, qormaata keessaa fi alaati. Qormaata kanniin yoo addaan baaftee fi darbuuf carraaqxe bakka guddatti olfuudhamta. Kanaafuu obsa qabaadhu๐Ÿ™๐Ÿ™

Dilbata Gaarii siniif haa ta'u๐Ÿ™๐Ÿ™

Namootni danuun waan tokko gochuuf ka'anii, yeroo dadhabaniimmoo of duuba deebi'an sitti mul'atuu? Ati yeroo teessee ila...
11/06/2023

Namootni danuun waan tokko gochuuf ka'anii, yeroo dadhabaniimmoo of duuba deebi'an sitti mul'atuu? Ati yeroo teessee ilaaltu jara kana akkamitti ilaalta? Akka natti fakkaatutti waan sitti tolu miti. Atis egaa yeroo waan tokko yaaltee osoo fiixaan hinbaasiin ofduuba deebitu kanuma fakkaatta.

Oromoon yeroo mammaaku โ€œQeerransa eegee hinqabanii, qabnaan gadi hin dhiisan!โ€ jedha. Akkuma kana jabinni namaas kan beekamu gaafa waan dadhabe deebisee irbaata dandeettii isaa taasifatudha. Gootummaan nama tokkoos kan beekamu yeroo waan salphaa fiixaan baasu osoo hintaane, yeroo waan maqaa qabuufi sammuu namaa gararraa tahe hojjatee agarsiisudha. Akka beektonni jedhanitti waan fiixaan baasuu indandeenye jalqabuurra waan fixuu danda'an jalqabuu yookaanimmoo dhiisuu wayya jedhu. Namoonni nuti jaboodha jennee waamaa oolluufi namoonni Addunyaa kanaaf fakkeenya ta'anii waantota adda addaa hojjatanii lafa kaa'an baay'een namoota kufaatiin michuu taasifatee turedha. Hammuma kufan dogoggora ofiirraa barataa adeemu. Jireenyimmoo mana barnootaa gaariidha waan ta'eef, haala gaariidhaan nama barsiifti. Osoo kufaatiin hinjirree jireenyi hinjiru. Qorteetu nama qoraafti. Qoraaftees gaara nama baafti. Qormaanni qoraasuma milkiiti. Kufaatiinimmoo yaaliirraa dhufa. Sammuun teessu gidiraa qofa yaaddi. Namni taa'uu guddisus huuba lafaa fuudhee ka'a jedhama mitiiree?

Akka dhaabbilee barnootaafi dhaabbilee hojii adda addaatti qoramaniitu qormaaticha darbu yookaan kufu. Akka yaaliifi boqonnaalee Addunyaa jireenyaattimmoo kufaniitu baratu; kufaatiirraas baratu. Namoonni tokko tokko yoo waan irra deebiin yaaluu kaafteef abdii kutannaa sitti himu. Sanaafimmoo furmaanni irra deebiin yaaduufi irra deebiin yaaluu qofadha๐Ÿฅฐ

Dilbata Gaarii Qabaadhaa๐Ÿ‘Œ

Guyyaakee ifaa fi gammachuun eegali!Guyyaan akka aduu ta'uufi duumessaa'uu keessatti gahee jijjiiruu hin qabnu. Guyyaa k...
04/06/2023

Guyyaakee ifaa fi gammachuun eegali!

Guyyaan akka aduu ta'uufi duumessaa'uu keessatti gahee jijjiiruu hin qabnu. Guyyaa keenya ifaafi dukkana taasifachuun garuu barruu keenya keessa jira. Addunyaa keessatti namoota hammeenyaan sammuun sakaalame ilaallee dhiphachuu irra gaarummaa namoota gaggaarii ilaalaa fuula keenya gara gaarummaa, sammuu keenya immoo nagaan guyyaa keenya haa eegallu. Guyyaan marti kan keenyadha. Itti hojjennee kan abdiidhaan gara barbaanneefi iddoo barbanne kan geenyu taasifachuu qabna. Rakkoo, jibba, hammeenyaafi gidiraa ilaaluun guyyaa kee hin dukkaneessin. Dukkanni akkuma bari'u, gannis darbee akkuma birraan dhufu, lagni guutes hir'atee akkuma aanteefi firri wal argu, roorroofi gidiraan addunyaafi saba kanarra jiru darbee guyyaan gammachuu akka dhufuuf waan dandeessu hojjechuu irraa dubatti hin deebi'in. Rakkoon keenya kan furamu rakkoo irra deddeebiin haasa'uun osoo hin taane, madda rakkoo beekuun furmaata akeekuun irratti dalaguunidha.
Waan kaleessaa yaadachaa, har'a hojjechaa, boruuf waan dhalootaaf tolu haa karoorfannu!

Guyyaa kee ifaafi gammachuun eegali.

Nagaan oolaa!

๐™›๐™–๐™ฎ๐™ฎ๐™–๐™– ๐™›๐™–๐™ ๐™ ๐™–๐™–๐™™๐™๐™ช ๐™—๐™ช๐™ก๐™ž๐‘”๐‘ข๐‘ฆ๐‘ฆ๐‘Ž๐‘Ž ๐‘ก๐‘œ๐‘˜๐‘˜๐‘œ ๐‘‘โ„Ž๐‘–๐‘๐‘’๐‘’ ๐‘˜๐‘’๐‘’๐‘ก๐‘–๐‘“ ๐‘ž๐‘œ๐‘Ÿ๐‘–๐‘โ„Ž๐‘Ž ๐‘๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘‘๐‘ข๐‘ข ๐‘›๐‘–๐‘– ๐‘‘โ„Ž๐‘–๐‘–๐‘ ๐‘ก๐‘Ž. ๐‘“๐‘Ž๐‘ฆ๐‘ฆ๐‘–๐‘ก๐‘’๐‘’ ๐‘œ๐‘ ๐‘œ๐‘œ โ„Ž๐‘–๐‘› ๐‘ก๐‘Ž๐‘Ž๐‘›๐‘’, ๐‘‘โ„Ž๐‘–๐‘๐‘’๐‘’ ๐‘˜๐‘’๐‘’๐‘ก๐‘–๐‘› ๐‘ค๐‘Ž...
30/05/2023

๐™›๐™–๐™ฎ๐™ฎ๐™–๐™– ๐™›๐™–๐™ ๐™ ๐™–๐™–๐™™๐™๐™ช ๐™—๐™ช๐™ก๐™ž

๐‘”๐‘ข๐‘ฆ๐‘ฆ๐‘Ž๐‘Ž ๐‘ก๐‘œ๐‘˜๐‘˜๐‘œ ๐‘‘โ„Ž๐‘–๐‘๐‘’๐‘’ ๐‘˜๐‘’๐‘’๐‘ก๐‘–๐‘“ ๐‘ž๐‘œ๐‘Ÿ๐‘–๐‘โ„Ž๐‘Ž ๐‘๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘‘๐‘ข๐‘ข ๐‘›๐‘–๐‘– ๐‘‘โ„Ž๐‘–๐‘–๐‘ ๐‘ก๐‘Ž. ๐‘“๐‘Ž๐‘ฆ๐‘ฆ๐‘–๐‘ก๐‘’๐‘’ ๐‘œ๐‘ ๐‘œ๐‘œ โ„Ž๐‘–๐‘› ๐‘ก๐‘Ž๐‘Ž๐‘›๐‘’, ๐‘‘โ„Ž๐‘–๐‘๐‘’๐‘’ ๐‘˜๐‘’๐‘’๐‘ก๐‘–๐‘› ๐‘ค๐‘Ž๐‘™ ๐‘๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘ก๐‘’๐‘’, ๐‘”๐‘Ž๐‘š๐‘š๐‘Ž๐‘โ„Ž๐‘ข๐‘ข ๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘”๐‘Ž๐‘ก๐‘ก๐‘’๐‘’ ๐‘œ๐‘ ๐‘œ๐‘œ โ„Ž๐‘–๐‘› ๐‘ก๐‘Ž๐‘Ž๐‘›๐‘’, ๐‘œ๐‘›๐‘›๐‘’๐‘’ ๐‘๐‘Ž๐‘๐‘‘๐‘’๐‘’ ๐‘Ž๐‘˜๐‘˜๐‘Ž๐‘š๐‘–๐‘ก๐‘ก๐‘– ๐‘Ž๐‘˜๐‘˜๐‘Ž ๐‘—๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘Ž๐‘ก๐‘ก๐‘ข ๐‘—๐‘–๐‘Ÿ๐‘’๐‘’๐‘›๐‘ฆ๐‘– ๐‘ ๐‘– ๐‘๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘ ๐‘–๐‘–๐‘ ๐‘ก๐‘–. ๐‘›๐‘Ž๐‘š๐‘›๐‘– ๐‘Ž๐‘ก๐‘– ๐‘–๐‘™๐‘Ž๐‘Ž๐‘™๐‘ก๐‘ข โ„Ž๐‘ข๐‘›๐‘‘๐‘– ๐‘˜๐‘Ž๐‘› โ„Ž๐‘–๐‘› ๐‘‘โ„Ž๐‘–๐‘๐‘Ž๐‘š๐‘›๐‘’๐‘’ ๐‘š๐‘–๐‘ก๐‘–. ๐‘˜๐‘Ž๐‘› ๐‘œ๐‘›๐‘›๐‘’๐‘’๐‘’ โ„Ž๐‘–๐‘› ๐‘๐‘Ž๐‘๐‘›๐‘’๐‘’๐‘ ๐‘–๐‘– ๐‘š๐‘–๐‘ก๐‘–. ๐‘Ž๐‘˜๐‘˜๐‘ข๐‘š๐‘Ž ๐‘˜๐‘’๐‘’ ๐‘˜๐‘’๐‘’๐‘ ๐‘ ๐‘Ž ๐‘–๐‘ ๐‘Ž๐‘Ž๐‘›๐‘–๐‘– ๐‘‘โ„Ž๐‘–๐‘๐‘Ž๐‘š๐‘Ž๐‘Ž, ๐‘Ž๐‘™๐‘Ž ๐‘–๐‘ ๐‘Ž๐‘Ž๐‘›๐‘–๐‘– ๐‘ ๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘–๐‘–๐‘ก๐‘ก๐‘– ๐‘“๐‘Ž๐‘ฆ๐‘ฆ๐‘Ž๐‘Ž ๐‘“๐‘Ž๐‘˜๐‘˜๐‘’๐‘’๐‘ ๐‘ ๐‘ข๐‘ข ๐‘ค๐‘Ž๐‘Ž๐‘› ๐‘‘๐‘Ž๐‘›๐‘‘๐‘Ž'๐‘Ž๐‘›๐‘–๐‘–๐‘“ ๐‘ค๐‘Ž๐‘›๐‘ก๐‘Ž ๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘˜๐‘˜๐‘œ๐‘œ โ„Ž๐‘–๐‘› ๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘”๐‘–๐‘›๐‘’ ๐‘ ๐‘–๐‘ก๐‘ก๐‘– ๐‘“๐‘Ž๐‘˜๐‘˜๐‘Ž๐‘Ž๐‘ก๐‘Ž๐‘›. ๐‘˜๐‘Ž๐‘›๐‘Ž๐‘Ž๐‘“๐‘ข๐‘ข ๐‘Ž๐‘ก๐‘–๐‘  ๐‘Ž๐‘˜๐‘˜๐‘ข๐‘š๐‘Ž ๐‘–๐‘ ๐‘Ž๐‘Ž๐‘›๐‘–๐‘– ๐‘‘โ„Ž๐‘–๐‘๐‘’๐‘’ ๐‘˜๐‘’๐‘’๐‘ ๐‘ ๐‘Ž ๐‘˜๐‘’๐‘’๐‘ก๐‘– ๐‘‘๐‘Ž๐‘›๐‘‘๐‘Ž'๐‘–๐‘–๐‘ก๐‘œ๐‘œ, ๐‘Ž๐‘™๐‘Ž ๐‘˜๐‘’๐‘’ ๐‘“๐‘Ž๐‘ฆ๐‘ฆ๐‘Ž๐‘Ž ๐‘“๐‘Ž๐‘˜๐‘˜๐‘’๐‘’๐‘ ๐‘ ๐‘– ๐‘—๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘Ž๐‘‘โ„Ž๐‘ข. ๐‘”๐‘ข๐‘ฆ๐‘ฆ๐‘Ž๐‘Ž ๐‘ก๐‘œ๐‘˜๐‘˜๐‘œ๐‘œ ๐‘ข๐‘ข๐‘š๐‘Ž๐‘› ๐‘˜๐‘’๐‘’ ๐‘‘โ„Ž๐‘ข๐‘“๐‘’๐‘’ ๐‘ค๐‘Ž๐‘›๐‘ก๐‘Ž โ„Ž๐‘ข๐‘›๐‘‘๐‘Ž๐‘Ž ๐‘ ๐‘–๐‘–๐‘“ ๐‘—๐‘–๐‘—๐‘—๐‘–๐‘ข๐‘Ÿ๐‘ข๐‘ข ๐‘‘๐‘Ž๐‘›๐‘‘๐‘Ž'๐‘Ž.

๐ฃ๐จ๐ข๐ง ๐ฎ๐ฌ
Lafa nagaa Oolaa๐Ÿ˜

Gaarummaadhafi!Qotee bulaa hiyyeessa tokkotu ture. Guyyaa tokko fardi inni qabu tokkittiin jalaa baddi. Guyyaa sana ollo...
29/05/2023

Gaarummaadhafi!

Qotee bulaa hiyyeessa tokkotu ture. Guyyaa tokko fardi inni qabu tokkittiin jalaa baddi. Guyyaa sana olloonni isaa marti isa jajjabeessuf gara mana isaa dhufan. "Fardi kee baduu isaa dhageenye. Kun wanta hedduu laphee namaa cabsudha" jedhaniin. Innis deebisee "Hundumtuu gaarummaafi" jedheen. Borumtii isaa fardi bade fardeen bosonaa 7 of duuba yaasee dhufe. Kana kan dhaga'an olloonni isaa ammas gara mana isaa dhufuun "Baga gammadde! Amma abbaa farda 8ti taate jechuudha. Ati akkam nama carroomadha" jedhaniin. Inni akkuma barame hundumtuu gaarummaafi jedhaan.

Yeroo biraa ilmi qotee bulaa kanaa farda tokko leenjisuuf jedhee otuu gulufuu kufee lukni isaa caba. "Ooo maali carraan akkanaa? Ilma kee waan hamaatu isa muudate" jedhanii olloonni isaa. Qotee bulichi deebii gaarummaafi jedhuun ala hin laanneef. Guyyaa itti aanu mootummaan biyyattii dargaggoota waraanaf guuruu eegale. Mucaa qotee bulaa kanaas lukni isaa cabaa waan tureef isa dhiisanii dargaggoota mandarichaa hunda sassaabanii deema. Olloonni namicha kanaa har'as mana isaa dhufan. "Mucaan kee akkam carroomadha. Waan lukni isaa cabeef waraana deemuu jala darbe" Jedhaniin. Deebiin qotee bulaa kanaa beekkamaa ture. Innis "Gaarummaafi"

Egaa yaa nama koo seenaa kana irraa waan xinnoo tokko hubachuun kee hin oolu. Wanta ta'e irratti dhiphachuun ceepha'uu dhiistee isa gochuu dandeessu qofa irratti xiyyeeffadhu. Isa ta'e homaa gochuu hin dandeessu. Inni ta'uuf jiru garuu harka kee keessa jira.

โ€ข Umriishee waggaa 17tti Yuuniversiitii irraa ari'amte.โ€ข Umriishee waggaa 25tti haatishee jalaa duute!โ€ข Umriishee waggaa...
02/05/2023

โ€ข Umriishee waggaa 17tti Yuuniversiitii irraa ari'amte.
โ€ข Umriishee waggaa 25tti haatishee jalaa duute!
โ€ข Umriishee waggaa 26tti qophummaadhan dhiphachuu jalqabde.
โ€ข Umriishee waggaa 27tti in heerumte, abbaan manashee baayyee darara ture, utuma kanaan jirtuu, mucaashee angafaa durba godhatte!
โ€ข Umriishee waggaa 28tti abbaa manashee waliin gargar baate, dhukkuba dhiphina sammuun qabamte.
โ€ข Umriishee waggaa 29tti rakkattu, qopha-galeetti, nama gargaarsa namaan jiraatu taate.
โ€ข Umriishee waggaa 30tti jireenyi addunyaa kana waan ishee jibbisiiseef, jiraachuu akka hin qabne yaaddi turte!

โ€ข Garuu utuu addunyaa kanarraa hin darbiin waan tokko gochuuf murteessite!
โ€ข Innis waan yaadashee keessa jiru bifa kitaaban barreessu!

โ€ข Umriishee waggaa 31tti kitaabashee jalqabaa maxxansite.
โ€ข Umriishee waggaa 35tti kitaaba 4 barreessite. Barreessitu cimtu barichaa jedhamtee badhaafamte!
โ€ข Umriishee waggaa 42tti kitaaba haaraa kan biraa 6ffaa barreesite. Kitaabni kun maxxansa jalqabaa qofaan kitaabni 11,000,000 gurgurame.
โ€ข Kitaabni kun Harry potter jedhama. Yoo xiqqaate doolara Ameerikaa biliyeena 15 olitti gurgarameera jedhama. Filmiin hedduun itti hojjetameera. Namoonni gurguddaa addunyaa kanaa sooressaa hanga moototaatti dubbisaniiru!
โ€ข Haati seenaa kanaa, dubartiin cimtuun kun J.K. Rowling jedhamti
โ€ข
Dhiphinaaf toora jireenyasheen keessa darbite argitee?
โ€ข Dubartiin kun umrishee 30 irratti utuu of ajjeeste ta'e, carra kana hin argattu!
โ€ข Murtoo gaarii murteessi!
โ€ข Jiraachuuf yaadi, jiraachuun kee namoota baayyee fayyadaa!
โ€ข Abdii hin kutaatiin!
โ€ข Harka hin laatiin!
Abdiin jiraataadha! Humna namatti hora!
Namni abdii qabu hundumaa qaba!
Namni abdii kutuu dhaabbitti du'e!
โ€ข Kan ati dabariste irra kan dhufuti caala!
โ€ขHojii guddaati si eega jira! Jabaadhu!

โ€ข Muddamarraa kan ka'e utuun du'ee kan jettu, du'a kee dura maal goote darbu barbaadda?
โ€ข Keessa kee waanti dhiitatu jiraa! Utuu kana hin godhiin hin deemiin kan jedhu!

 #๐Ÿ‘‰Ati yoo gadi jetteef hunduu sitti feโ€™ata.Gaalli qaamaan beeyladoota feโ€™iisa hunda ni caalti. Akka harree, gaangeefi f...
18/04/2023

#๐Ÿ‘‰Ati yoo gadi jetteef hunduu sitti feโ€™ata.

Gaalli qaamaan beeyladoota feโ€™iisa hunda ni caalti. Akka harree, gaangeefi fardaa lafa dhaabbatanii itti feโ€™achuun ni ulfaata. Maarree gaalli yemmuu itti feโ€™uufi yaabbachuuf jedhan gadi jetti. Yoo gadi jette hunduu itti feโ€™ata. Daaโ€™imnis, guddaanis, jaarsis, jaartiinis, beekaanis, wallaalaanis itti feโ€™ata. Kana qofaa miti, gaalli gadi jennaan, inni miilla isaa dhiqates, kan hin dhiqannes, yaabee ittiin deema. Sababni isaas gaalli eeyyamtee waan gadi jetteef, hunduu ni yaabbata.

Dhalli namaas gadi jennaan hunduu waan qabu itti feโ€™ata. Gaafa gadi jechuukee arge inni beekus, inni hin beeknes, waan qabu guuree baattoo si taasifachuu barbaada. Waan xixiqqoo qabuun si goyyoomsee, gara barbaadeefi akka barbaadetti si ooffata. Amma namni maaliif namatti waan barbaade feโ€™ata siin hin jedhu. Sababni isaas namni dursee eeyyameef isa gadi jedhe waan taโ€™eef!
Eeyyee ati yoo gadi jetteef hunduu sitti feโ€™ata. Gara fedhetti si oofa. Falaasamaafi ilaalcha barbaadeen si luugamee, of si dagachiisee, nama biraa si hawwisiisa. Sammuu si sakaalee akka qabeenya dhuunfaa isaatti siin geejjibata.

Waaan xixiqqoof jettee sammuukee isa gati-jabeessa kana irratti namni waan barbaade akka feโ€™atuuf gadi hin jedhin!

Oolmaa Gaariiโคโค
Efawok Teshome

DAMMAQI!โ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโžฒ Hirriiba irraa dammaqi!โžฒ Kaayyoo keetti dammaqi!โžฒ Ofirratti yoomillee nama dammaqe ta'i!โžฒ Jijjiirama f...
17/04/2023

DAMMAQI!
โ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌ
โžฒ Hirriiba irraa dammaqi!
โžฒ Kaayyoo keetti dammaqi!
โžฒ Ofirratti yoomillee nama dammaqe ta'i!
โžฒ Jijjiirama fiduudhaaf nama jalqabaa ta'i!
โžฒ Rakkina dhufu simachuudhaafis nama jalqabaa ta'i! Rakkina hin baqatin!
โžฒ Rakkina moo'achuufis nama jalqabaa ta'i! Sababni isaa nama milkaa'e ta'uudhaaf carraan jiru tokkichi rakkina sitti dhufu moo'attee darbuu fi dhiibbaa uumuuf dandeettii ati qabdu irratti hundaa'a.
โžฒ Yeroo hundumaa waan gaarii uumuuf keessa kee qopheessi!
โžฒ Itti amani!
โžฒ Gonkumaa abdii hin kutin!

ADDUNYAAN KUNI CARRAA MILKAA'INAAN GUUTUDHA!

โžฌ Addunyaan kuni, har'a rakkinaa fi milkaa'inaan guutudha. Ati hin dammaqne taanaan garuu addunyaan kun balbala ishee sitti cufatti.
โžฌ Warri rakkina moo'atan gara milkaa'inaatti ce'u. Namoonni baay'een dhiibbaa uumuu sodaachuudhaan sadarkaa isaaniif malu kan hin gahin hafanis danuu dha.
โžฌ Carraan milkaa'insaa baay'een qisaasa'ina baay'ee keessa darbuun dhufa.
โžฌ Hojii guddaan itti gaafatamummaa guddaa gaafata.

โžฆ Ati kan uumamteef jireenya jiraattutti gammaduuf, wanta gaarii lafichi qabu irraa dhamdhamachuu fi fayyaatti jiraachuuf.
โžฆ Kanaaf yeroo hundumaa Gammadi!

๐Ÿ“ขJOIN & ๐Ÿ”—SHARE
โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”
โ–ช๏ธShare & Forward For Your
Beloved Freinds

ษขแด€สŸแด€แด›แดแดแดแด€

"ICCITII MO'ATTOOTAA."Bosona keessatti:1. Arbii guddaadha2. sattawwaan dheeraadha3. jeedalli beekaadha4.cheetah saffisaa...
07/04/2023

"ICCITII MO'ATTOOTAA."

Bosona keessatti:
1. Arbii guddaadha
2. sattawwaan dheeraadha
3. jeedalli beekaadha
4.cheetah saffisaadha

Ta'us Leencichi amaloota kana keessaa tokkollee osoo hin qabaatin illee MO'ATAA bosonaati.

Kanaafu mo'ataa ta'uuf
1. Saffisaa ta'uun si hin barbaachisu.
2. Ogeessa ta'uun si hin barbaachisu.
3.Irra caalaa qaroo ta'uun si hin barbaachisu.
4.Wanti si barbaachisu ija jabina qofa
5.Wanti si barbaachisu fedhii yaaluu qofa.
6.Wanti si barbaachisu amantii ni danda'ama jettee amanuu qofa.
7.Wanti si barbaachisu ofitti amanuu qofa, akka ati gochuu dandeessu.!!
Leenci sa'aatii 20 rafa,sa'aatii 4 hojjeta ammallee foon nyaata.Garuu arbii sa'aatii 24 hojjeta marga nyaata.

Yeroo hunda shaampiyoonaa ykn mo'ataa ta'uuf tooftaa jireenya keetii haalawwan itti dhihaattu keessatti baay'ee barbaachisaadha.

Miira Leencaa qabaadhu! Miirri moo'attootaa kanuma."๐Ÿ‘๐Ÿฟ๐Ÿ˜.

 #๐Ÿ‘‰Filannoo kee sirreessiiiddoo amma jirtu kana kan caalu gahuu kan barbaaddu yoo ta'ee, amma irraa eegaluun filannoo ke...
02/04/2023

#๐Ÿ‘‰Filannoo kee sirreessii

iddoo amma jirtu kana kan caalu gahuu kan barbaaddu yoo ta'ee, amma irraa eegaluun filannoo kee sirreessi. Filannoo jechuun iddoo oolmaa keetii, wantoota dhaggeeffattu, wanta ilaaltu, ilaalcha kee fi kanneen biroo sirreessudha.

wanta si hin fayyanne keessaa bilisa of baasi! Si caalaa namni tokkollee keessa kee hin beeku waan ta'eef, Namni maal naan jedha jechuu dhiisun kaayyoo kee irratti xiyyeeffadhu.

oolmaa Gaariiโคโค๐Ÿค—

โ€˜โ€™Namni kun Paul Richard Alexander jedhama. Bara 1946 dhalatee, umurii isaa waggaa 6tti dhukkubni pooliyoo isa qabate. A...
29/03/2023

โ€˜โ€™Namni kun Paul Richard Alexander jedhama. Bara 1946 dhalatee, umurii isaa waggaa 6tti dhukkubni pooliyoo isa qabate. Akka Faranjootaatti Bara 1952 kaasee hanga harโ€™atti maashinii โ€œIron lungโ€ keessa jiraata.

Qaama isaa keessaa, Morma isaa ol irraan kan hafe Qamni isaa guutuun paralaayizdii ta'eera. Maashinii suuraa irratti argitan kana (Iron Lung) keessa erga seenee harโ€™a waggaa 71 guuteera. kan inni lubbuun jiru sababa maashinii inni keessa jiru kanaafi. Daqiiqaa tokkoof Achi keessaa baanaan harganuu waan hin dandeenyeef lubbuun turuu hin danda'u. Waggaa 77 guutuu namaan gargaaramaa jiraataa.๐Ÿฅฒ

Al tokko tokkoo fayyaan keenya, nagaan keenya gatiin inni baasuu nuuf hin galuu. hirdhuu jireenya keenya ilaallee waaqarrattis guumgumaa, ofis of xiqqeessaa oollaa. waan qabnuuf ha galateeffannuu inni nuti qabnu hirdhuu keenyarra ni caalaa.๐Ÿซถ๐Ÿฟ๐Ÿคฒ๐Ÿฝโ€™โ€™

Seenaa namicha kana yeroo hedduu barreessuun yaadaa ture obboleessi keenya Oli Gutema akka kana oliiti kaaโ€™eera๐Ÿ™Œ๐Ÿผ

HIN ARIIFATIIN !--------------------------๐Ÿ‘‡  tokko dubartii tokkoof baay'ee amanamaa waan turteef daa'ima ishee of biraa...
26/03/2023

HIN ARIIFATIIN !
--------------------------๐Ÿ‘‡

tokko dubartii tokkoof baay'ee amanamaa waan turteef daa'ima ishee of biraa dhiistee fiigicha ariifataa deemte. Yeroo hundumaa deebitee gurbaa sana saree wajjin haala gaariin rafaa jiru argatti. Guyyaa tokko wanti nama gaddisiisu tokkotu mudate.
Dubartiinis akkuma barame daa'ima sana harka saree amanamtuu kanaatti dhiistee bittaaf deemte.

Yeroo deebitu, mul'ata suukaneessaa ta'e tokko argatte, balaan guutuus ni mudate. Daa'imni siree isaa keessa hin turre, daappii isaa fi uffannaan isaa ciccitaa, kutaa ciisichaa hunda irratti dhiigni dhangala'ee ture. Dubartiin sodaattee rifattee daa'ima sana barbaaduu jalqabde. Akka tasaa Sareen amanamaa sun siree jalaa bahee, bakka hundatti dhiigaan haguugamee akka waan reefuu nyaata mi'aawaa xumureetti afaan isaa arraabuu argite.

Dubartiin kun sareen daa'ima ishee akka nyaatte mirkaneeffatte. Osoo baay'ee itti hin yaadin saree sana mukaan reebdee ajjeefte. Sana booda yoo xiqqaate kutaa reeffa ilma ishee argachuuf qorannoon itti fufe. Utuu baay'ee hin turin mul'ata biraa dhiistee deemti. Siree duuba daa'imni akka gaariitti uumamee qullaa ishee kaarpettii irratti bashannanaa ture. Siree jalatti dubartittiin reeffa bofa cicciramee ture argatte. Lola hamaatu bofaa fi saree giddutti godhame ture. Sareenis daa'ima kana bofa nama nyaatu irraa eeguuf qabsaa'e.

Obsa dhabuu fi aarii ishee keessatti, saree amanamaa sana waan ajjeesteef, amma nagaa buusuuf yeroon isaa darbeera.

Haalli jiru yeroo fudhannee osoo hin madaalin yeroo meeqa jecha hamaadhaan namootatti murteessinee waa'ee isaanii soba facaafna?.

"Yeroo hunda haala jiru argachuuf obsaa, dogongora haalduree tokko malee gadi nu buusuu danda'u irraa fagaadhaa!
Dilbata gaarii
Efawok Teshome

Adii๐Ÿ‘ŒAdii๐Ÿ‘Œ
06/02/2023

Adii๐Ÿ‘Œ
Adii๐Ÿ‘Œ

Sitti hin dhiyaadhuSirraa hin fagaadhuSimalee hin filadhuSi waliin hin jiraadhuHaqadha sin dhoksuDhugaadha sin obsuSi ar...
03/02/2023

Sitti hin dhiyaadhu
Sirraa hin fagaadhu
Simalee hin filadhu
Si waliin hin jiraadhu

Haqadha sin dhoksu
Dhugaadha sin obsu
Si arguu illee fedhu
Sin ala hin milladhu!

Jibba sagalee keefan
Guuriin gurra duucha
Garuu keessa kooti
Sagaleen kee kililcha!

Si dhabaan si argaa
Argaan si barbaada
Milluu kee arguufan
Of gatee si gaada!

Jibba kee yaadaan
Jaalala kee himadha!
Sirraa hiiquuf hiixachaan
Suuraa kee arguuf miixaadha

Jaalala jibbaan balfeen
Onnee koo jibbaan faala
Teessoo jibbaa keessattuu
Garuu jaalala keen ilaala!

Hidhaa hin hiikamneen
Sakaalameen jiraadha
Hibboo jaalala keetiif
Yoomaan furmaata argadhaa?

Murteesse sirraa fagaachuuf
Tasumaa ani hin danda'u!
Sitti siqee si filachuudhaaf
Amalli kee siif iyyuu hin ta'u!

Giddu gidduuttan rarra'e
Muka mukarraa cite ta'ee
An yoomumaan furamaa
Hidhaa kee kanatti ba'ee?

Damxoo

Tokko lama jedheen Waa'ee kee odeessaa Dubbadhee hin fixuuXiqqoosheen Barreessaa โ‰ˆ=====โ‰ˆ===========Iftee kan mul'attuu K...
13/01/2023

Tokko lama jedheen
Waa'ee kee odeessaa
Dubbadhee hin fixuu
Xiqqoosheen Barreessaa
โ‰ˆ=====โ‰ˆ===========
Iftee kan mul'attuu
Kumaatama keessaa
Banattee ol seentee
Onnee kiyya keessaa
=================
Qalbii nama fuutee,
Onnee namaa hattaa
Simboon kee addumaam
Eenyumaa ni caaltaa
==================
Kolfii fi haasan kee,
Qalbii namaa fuudhaa
Boontuu Oromtittii,
Haadha safuuf duudhaa
========//==========

Hidhaan jaalala keenyaa Dadhabee tasa hin cituuNaaf caalta wanta hundaaEenyuyyuu si naan gituu ~Takkaa of hin dadhabuu S...
01/01/2023

Hidhaan jaalala keenyaa
Dadhabee tasa hin cituu
Naaf caalta wanta hundaa
Eenyuyyuu si naan gituu
~
Takkaa of hin dadhabuu
Sumaan na barbaachisaa
Halkaniif guyyaan qabuu
Waa'ee kee na yaachisaa
~
Onnee koo walakkeessaa
Hidditeem akka soonsaa
Wanta hundumaa keessaa
Koo ta'uu kee na boonsaa
~
Waadaa koo gaafa duraa
Utuu hin dagatiin irbuu
Sin Jaalladha qalloo koo
An yoomiyyuu sin jibbuu...!๐Ÿ’˜

Peace for oromiaโค
16/12/2022

Peace for oromiaโค

Address

Ambo

Telephone

+251949429981

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dhangaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Dhangaa:

Share

Category