Walaloo oromoo

Walaloo oromoo WAAN HUNDA CAALAA OF TAHUUN NAMA BOONSA

Waa sadi hin dagatin    1ffaa Cireekee     2ffaa  Laaqanakee      3ffaa Hirbaatakee
15/02/2024

Waa sadi hin dagatin
1ffaa Cireekee
2ffaa Laaqanakee
3ffaa Hirbaatakee

 Yaadera seequukee Naaf kolfimee takkaaAdii ilkaan keetiiCabbii akka bokkaaMee naaf kokkolfiBisiq godhi takkaIlkaankee a...
25/10/2022



Yaadera seequukee
Naaf kolfimee takkaa
Adii ilkaan keetii
Cabbii akka bokkaa

Mee naaf kokkolfi
Bisiq godhi takka
Ilkaankee asheeta
Annan sanan argaa

Gaafa naaf kofaltuu
Hojiinkoo milkahaa
Dheebuuf dharraan
Kankoo dafee galma gaha

Jiruun koo miidhaga
Guyyaankoo bareeda
Ilkaankee yoo argu
Keessikoon areeda

13/03/2022
Waajjira Qicimee         ~~~~~~~~~~~~Anis nan unadha atis naaf unadhuLiqimsi haa buhuu garaatti fudhadhuKeechaa boollech...
09/03/2022

Waajjira Qicimee
~~~~~~~~~~~~
Anis nan unadha atis naaf unadhu
Liqimsi haa buhuu garaatti fudhadhu
Keechaa boollechine itti qici takka
Unuu gaha jennaa gaafa gahu bakkaa

 ?~~~~~~~~~~~~~~~~~~Sin yaadadha rafee kaheeNatti dhuftaam galee baheeNan dhaga'a sagaleenkeeNatti mul'ata coraan kankee...
15/03/2021

?
~~~~~~~~~~~~~~~~~~
Sin yaadadha rafee kahee
Natti dhuftaam galee bahee
Nan dhaga'a sagaleenkee
Natti mul'ata coraan kankee

Akka jirtu fagoo narraa
Nafin dhuftuu Wal agarra
Maaf fagaate miilli kankee
Hin jabaate garan kankee

Nagugguba nabelbela
Nawaadetuu nawaxala
Yoom nadhuftaa maalif turtee
Akka baateen maalif hafte

Akka buubbee gama ceekaa
Dhufaatii keen karaa eegaa
Hin haftemoo hin dhuftaree
Miila Bakar ilma Waaree

Sii eeguufoo tasan koorre
Imimmaankoo narraan qoorre
Sossobeetaan of jabeessa
Yaa HACEEKOO ilma Hundeessa

Safuu yaa Anaa~~~~~~~~~~Utuun fiiguu kufee kaheeUtuun deemuu buhe baheGufuun dhahee nakuffiseeHongeen buhee na laaffisee...
13/03/2021

Safuu yaa Anaa
~~~~~~~~~~
Utuun fiiguu kufee kahee
Utuun deemuu buhe bahe
Gufuun dhahee nakuffisee
Hongeen buhee na laaffisee

Takkaan ciisu halkan guyyaa
Nadhukkuba dhabee fayyaa
Garaa nadhukkuba keessi eelaa
Nyaadhee qufan qabu garaan beela

Kaayyoof miila dhabee kufee gatantaraa
Galaanni na nyaatee bahuf wacabbaraa
Lafa abjuukoo lafa garaakoo yooman gaha
Dukkannikoo halkan kun yoom Naaf barihaa

Ani kun...~~~~~~Kan utuu hidhii xuuxuuFirii jiruu hin xuuxneAni kun hawwaadhaHawwaa hawwiin hin guunneKan utuu 'bor' eeg...
10/03/2021

Ani kun...
~~~~~~
Kan utuu hidhii xuuxuu
Firii jiruu hin xuuxne
Ani kun hawwaadha
Hawwaa hawwiin hin guunne
Kan utuu 'bor' eeguu
Qaroo ijaa dhubbe
Ani kun qilleensa
Obboleessa bubbee...
Takka na waxala
Takka ammoo na waada
Ani kun- huummoodha
Bulee ka'een aada
Ani kun hafteedha
Haftee gobaa fi gufuu
Kan takka dhaabbachuuf
Si'a dhibba kufu

18/05/2020

[ Photo ]
Anatu of Beeka
~
Kolfee yoon sesseequ
Gammachuuni seetee
Jettee hin dubbatin
Hundumtuu siif guutee
~
Dhaabbadhee yoon deemu
Nagaan qaba hin se'in
Irri koo fayyaadhaa
Keessa kooti dhibeen
~
Waa'ee koo kan beeku
Ana mataa kootii
Dhimma koon haasa'in
Cal jedhimee atii

15/05/2020

[ Photo ]


Baay'ee na dhukkube
Garaa na gugguba
Afaan hin dubbatu
Mataatti ol labooba

Maatin koo garmalee
Hedduu dhiphatanii
Waan godhan wallaallan
Doktora waamanii

Dhibee koo himachuuf
Afaan koon dubbatuu
Narsiif doktoroonni
Lilmoon natti kaatu

Sababa dhibee koo
Anaaf situ beekaa
Namuu hin shakkinee
Homtuu namni takkaa

Siif jedhee dhibamee
Sireerra yoon ciisu
Afaan koo dubbatee
Naman hubachiisu

Si qofatu beeka
Daawwaa dhukkuba koo
Namni biraan argu
Waanan qabu rakkoo

Hundumtuu dhiphatee
Wallaale falasaa
onnee kee naaf kenni
Isat na fayyisa

13/05/2020

[ Photo ]

~
Yaa jaalatoo
Ishee fagoo jirtuu
Halkaniifi guyyaa
Onneen kan siif dhumtuu
~
An si yaadun ala
kanan hojiin qabnee
Jaala too akkami
Mootii tiyya onnee?
~
Waa'ee keen abjootaa
Hiikoon isaas simaa
kiiloon kiyya kunoo
Yaada keetin dhumaa
~
An takkaan dagadhuu
Waa'ee kiyyaaf kan kee
Narraa fagoo taatus
Jiraattullee bakkee
Ani takkaan beekuu
Tasumaa si shakkee
~
Yaa jaalallee tiyya
Ishee fagoo jirtuu
Jiraadhu naaf nagaan
Hunduu siif yaa guutuu
Angoo onnee koorraa
Yoomiyyuu hin buutuu
~

oromoo

12/05/2020

Mee Naaf Kokkolfii
Muufattee yoo deemtu
Onneet na rifataa
Fuula yeroo guurtu
Ijat na diimataa
~
Yeroo at gadditu
An si waliin gaddaa
Waan biraatii mitii
Kolfa keen barbaadaa
~
Mee naaf kokkolfii
Gammadii naa taphadhuu
Ofii keef gammadii
Gammachuu naaf laadhu
~

09/05/2020

Akkam jirtu hordooftoonni page keenyaa martuu .
nagaa kootti aansuun waanan jechuu barbaadu hordooftoonni keenya hedduu galatoomaa nuuf jiraadha.
sababni isaas affeerraa keenya hirmaachuun miseensi page kana hamma lakkofsaan naannoo 3000 ykn 3k nuuf gaheera hammas jabaadha. hojii hedduu waliin hojjachaa
wal gorsaa
wal bashannansiisaa
wal barsiiasa itti fuufna

horaa bulaa deebanaa

07/05/2020

This is the World Health Organization (WHO) official page. Join the conversation!

Ani kanan hawweeAddan bahuu mitiiHammas wal dhidhiibuunNu baasisa gatiiYoo waliin dhaabatteJirbiin arba hiitiiLakkii of ...
04/05/2020

Ani kanan hawwee
Addan bahuu mitii
Hammas wal dhidhiibuun
Nu baasisa gatii

Yoo waliin dhaabatte
Jirbiin arba hiitii
Lakkii of yaadadhaa
Wal qooduun nu miiti

18/02/2020
18/02/2020
Maangaa jette jaartiin hudduu gubataa
17/09/2019

Maangaa jette jaartiin hudduu gubataa

Maangaa jette sareen
17/09/2019

Maangaa jette sareen

Adduunyaa kanarrattii yoo dandeesse of tahi jiraadhuuYoo dadhabde nama gaafadhu!Kanan ala namatti hin inaafin    Guddina...
10/05/2019

Adduunyaa kanarrattii yoo dandeesse of tahi jiraadhuu
Yoo dadhabde nama gaafadhu!
Kanan ala namatti hin inaafin
Guddina namaan jibbiin!
Nama hin tuffatin!
Darbaa hin dubbatin!

10/05/2019

>>> NAN HIMIINAA

22/01/2019

“HARMEKOO OROMIYAA

Harmee oromiyaa
Yaa badhaatuu biyyaa,

Si bilisoomsudha
Ani kayyoon tiyya.
Hunda biqilchitaa
Ijaaf hawwisiftaa,
Namuu hamilchifta,
Jireenyaaf mijjoyta,

Qalbii boharsitaa,
Nyaachifte obaafte
Mara beela baafta,
Aanani fi dhadhaa
Namayyu qubsitaa,
Tokkottin qusattu

Hundaaf hin waakkattu
Ilmaan kankee dhiiste
Kessumma si dhuftu,
Agabuun bulchituu
Wan gaarati nyaatama A

Inuu firra dhiisi
Qilleensi kan keetu
Garaa nama quubsa
Yoo si urgeefatu.
Harmee Oromiya
Yaa badhaatu biyya
Si bilisoomsuudha
Ani qabsoon tiyya.(x2)

Oromiyaa tiyyaa
Yaa haadha gootota
Yaa harmee hayyoota,
Burqaa dubroo magaalaa
Maddaa dargaggoota,

Yaa caffee jannataa
Quuftu dhaanga nyaata,
Merkurii fi warqii
Albudaa arjoomtaa,
Dhufaa dabraa hunda
Nyaachifte quubsita,
Garuu ilmaan kanke
Maalif agabsitaa?

Harmee oromiyaa
An hogguu sin yaada,
Bineensoota gaaraa
Gosa adda addaa
Qabeenya uumamaa
Baayyee if kessa qabda,
Qilleensa bareedaa
Kan gammojji badda,

Kan halaala dhufee
Dawwatee gammada
Kanaaf alagaalleen
Si dhaalu barbadaa
Harmeen Oromiyaa,
Rahaa addunyaati
Hin qabdu qorqodaa,
Rabbii si badhaase
Ati tufti qabdaa,
AManguddoo qaallutu
Siif eybise gaadaa
Hin gogdu yoomiyyu
Caaya kanke odaa.

Harmee Oromiyaa
Yaa laliftuu biyyaa,
Si walabomsudha
Ani hawwiin tiyya. (x2

Address

Addis Alem
132

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Walaloo oromoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Walaloo oromoo:

Share

Category



You may also like