23/09/2022
Inni isuma sana.✔
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
“Ati garuu isuma sana, waggoonni kees dhuma hin qaban.” — Far. 102:27
➖ Wantoonni baayyeen iddoo durii hin jiran.haalli baayyeen jijjiiramaniiru, fuldurattis wanti hin jijjiiramne hin jiru.
▪Barri ni jijjiirama.
▪Addunyaan ni jijjiirama.
▪Haalli siyaasaa ni jijjiirama.
▪Namni ni jijjiirama.
▪Fedhiin namaa ni jijjiirama.
▪Bifti namaa ni jijjiirama.
▪Ilaalchi namaa ni jijjiirama.
▪Miirri namaa ni jijjiirama.
▪Amalli namaa ni jijjiirama.
wanti hin jijjiiramne hin jiru. inni hin jijjiiramne tokko qofa.
innis waaqayyo qofaadha.
“Yesus Kristos kaleessa isuma ture, har'as bara baraanis isuma sana !” — Ibr. 13:8
Waaqayyo hin jijjiiramu, kaleessa isuma ture, isuma sana yeroo jennu maal jechuu keenya? inni isa kam ture? ammas isa kami?
©Waaqayyo jaalala ture, ammas inni jaalala. jaalalli isaa hin jijjiiramu.
laafessa ture, ammas gara laafessa.
ture, ammas gargaaraadha.
dhugaa ture, bara hundumaa dhugaa malee sobni bira hin jiru.
ture, ammas bara baraanis inni fayyisaadha.
“Waaqayyo akka namaa miti, inni hin sobu,gaabbuudhaafis inni ilma namaa miti, inni wanta jedhe hin godhuu ree? Wanta dubbates hin raawwatuu ree?” — Lak. 23:19
“Waaqayyo immoo bara baraan teessoo isaa irra jira, barcuma firdii isaas jabeessee dhaabbateera.” — Far. 9:7