04/06/2024
Aggaarootti dargaggoon tokko sibiilota gatamanirraa konkolaataa hojjate
Dargaggeessi konkolaataa kana hojjate Anuwaar Naasir sibiloota gataman walitti qindeessuun konkolaataa liitira tokkoon kiiloomeetira 30 adeemuu danda'u kan kalaqe yemmuu ta'u, konkolaataa kaanirraa kan adda godhu kutaan motarasaa kan doqdoqqee miila lamaa fayyadamuun kan kalaqe.
Akkuma beekamu doqdoqqeen fuuldurratti malee duubatti adeemuu hindanda'u.
Dargaggoon kun akka jedhutti kaayyoon kalaqa kanaa gatii boba'aaf baasii taasifamu hir'isuun biyya keenyatti qabeenya qabnu fayyadamnee konkolaataa omishuun gatii madaalawaan gabaaf dhiyeessuun dargaggootaaf carraa hojii uumeera.
Milkaa'ina hojii kana duuba bulchiinsa magaalichaafi waajjira carraa hojii uumuufi ogummaa akka jiru dargaggoon kun ibseera.
Kominikeeshinii Magaalaa Aggaaroo