28/11/2023
Seenaa Ajaa'ibaa!
Guyyaa Rasuulli Aalamaa du'an Mu'azzinni isaanii beekkamaan Bilaal
Ibnu Rabaah salaanni Yoo gayu azaanuu eegale. Garuu itti fufuu
dadhabee addaan kute. "Guyyaa arraa booda jireenyi Madiinaa nagaya"
jachuun Shaamitti gale. Kana booda osoo gara Madiinaa hin deebi'in
waggaa hedduu ture. Halkan takka Rasuulli S.A.W Manaamaan itti
dhufanii "Yaa Bilaal! Maaliif akkanatti nudagatta?!" Isaan ja'e. Rifatee
Yoo hirriibaa Ka'u, halkan walakkaa jira. Akkasitti salaata Subhii
salaatee, gara Madiinaa ka'e. Madiinaa seenee, Qabrii jaalallee isaa osoo
ziyaaraa jiruu Hassan fi Husseeyni isa agaranii, fudhatanii mana isaaniitti
galfatan. Isaan Bira bule. Salaanni Subhii Yoo gayu waggaa meeqa
booda sagalee isaa bareedduu sanaan azaana gad lakkise. Ummanni
Madiinaa sagalee isaatiin jaalallee isaanii yaadatanii booyuu eegalan.
Kana booda Madiinaa irraa bahee, Shaamitti deebi'e. Osoon Turin
dhukkubaan qabame. Osoon du'in duratti jaartiin isaa "yaa rakkoo tiyya"
jattee booyuu eegalte. Hoggaa kana Innis ﻭﺍ ﻓﺮﺣﺎﻩ ﻏﺪﺍ ﺍﻟﻘﻰ ﺍﻷﺣﺒﺔ ﻣﺤﻤﺪﺍ
ﻭﺍﺻﺤﺎﺑﻪ ykn "yaa gammachuu tiyya Boru jaalallee kiyya Muhammad fi
Sahaaboota isaa qunnamuuf deema" ja'ee deebiseef. Maasha Allah!
Anaa fi Nama barruu tana dubbise hunda Nama guyyaa du'u "Yaa gammachuu tiyya Muhammad fi Sahaaboota Bira dhaquuf deema" ja'eegammachuun Ruuhiin isaa baatu Rabbi nuhaa godhu