Esky A Mohammed

Esky A Mohammed Mul'ata fuulduraaf keessi koo dhukkubsataa....
Gaafa bira ga'e Afaan koos dubbataa...

17/06/2024


(1445)

Send a message to learn more

 ⤵️Dhiisi waa'ee isaaNan yaadachiisin kan baraaGaruu yoom dagatamaaSiitu keessa jiraaArguus, baruus dandeessaGaaf guutte...
09/06/2024

⤵️
Dhiisi waa'ee isaa
Nan yaadachiisin kan baraa
Garuu yoom dagatamaa
Siitu keessa jiraa
Arguus, baruus dandeessa
Gaaf guutte Hawwiin akka Garaa...
✍🏻✍🏻✍🏻🌹
Akka gaafa sanaan
Otuun silaa ta'ee
Barri narratti wal-jijjiiree
Lafa meeqa naan ga'ee..
✍🏻✍🏻✍🏻🌹
Keessoon Onnee🫁 tootiis
Akka marsaa lafaa
Giloobii ishee uummattee
Moggaatti na baaste kophaa
Dhimmistee, cittees buutee
Dhiigallee🫀 siif Cophaa...
✍🏻✍🏻✍🏻🌹
Kan bara sanaas ta'ee
Hundasaa maalan himaa
Naanna'ee ofitti deebi'een
Of wajjiin raafamaa....
(May 23, 2022)
Have a nice day🙏
✍️Esky A.

"Yaa tan isiidhaan guyyaan bareeduu""...Latii boruudhaaBilliqii biiftuuHireen ayyaanaaSi haa dabaaltuuGuyyuma guyyaanQun...
26/05/2024

"Yaa tan isiidhaan guyyaan bareeduu"
"...Latii boruudhaa
Billiqii biiftuu
Hireen ayyaanaa
Si haa dabaaltuu
Guyyuma guyyaan
Qunnami milkii
Hanga namayyuu
Ta irra olaantuu
Ganama gaarii
Guyyaa bareedaa qabaadhuu
Yaa Kennishoo tiyya
Taniin jabu jaaladhuu...❤
Urgaa ilillii
Wallee shimbiraa
Raarota caffe'ee
Diida daraaraa
Kheeysa arreedii yaa gaarishoo too
Qooda mi'aawaa fudhu jiruurraa..."
Shantam Shubbisaa ❤❤

 📥...Siitu na dhaqqabaa atumti na yaalii Iddo na dhukkubduus qaqqabadhuu laalii Hafuura ol-bahuus gad-jedhii madaalii Qo...
24/05/2024

📥...Siitu na dhaqqabaa
atumti na yaalii
Iddo na dhukkubduus
qaqqabadhuu laalii
Hafuura ol-bahuus
gad-jedhii madaalii
Qoricha naaf raabsi
kudhaama too qaalii
❤❤❤❤❤
Mee takka as jedhi
Ofittin si qabaa
Ija keessa na laali
Laphe teen qaqqabaa
Sochii jaalalaatiin
Miira keen adabaa
Yoos argama qorichi
Kan onneef qallabaa
❤❤❤❤❤
Hafuura koo lakkaa'aa
Osoon sit-hasaasuu
Kudhaamni jaalalaa
Kan onnet- dhimmisuu
Mirga wabii waamtus
An waa sin lakkisuu.....
✍️Esky A.

Jaalataa jaalachuun jaalala...I❤ all of you Have a nice day❤Nasir Amin
19/05/2024

Jaalataa jaalachuun jaalala...I❤ all of you
Have a nice day❤
Nasir Amin

Galataatu siif mala     dafqa abbaa fi haadha teenyaa namni akka fedhetti...😭😭Fayyaa dayaa gaa takka itti khishif jechaa...
14/05/2024

Galataatu siif mala dafqa abbaa fi haadha teenyaa namni akka fedhetti...😭😭
Fayyaa dayaa gaa takka itti khishif jechaatuma...

 ..Sabni guddaan jaalalaaUmmanni garaa bal'atuKennaan isaa daangaan qabuYoo waliin jiraatuHammatee dhungateeYoo waliin s...
12/05/2024

..Sabni guddaan jaalalaa
Ummanni garaa bal'atu
Kennaan isaa daangaan qabu
Yoo waliin jiraatu
Hammatee dhungatee
Yoo waliin sooratu..

Kanaas jedhee hin fixu
Sirraa dhalachuttan boonaa
Otoo kennaa keen jiraatuu
Ormi maaf sitti boonaa...!

Jaalalaan si sooree
Jaalalaan si kiisaa
Isaaniin soddoomtu
Maal sirraa hambisaa
Waan qabu kennatee
Intala siif baasaa...

Teessumni bal'atee
Baddaaf raarees ta'uu
Walumaan jiraannaa
Walumaaf dhaabbannaa
Wal-malee hin tolluu
Jaalala Oromoo koo
Waliin haa dhandhamnuu...

Baga cidha geesse
Misirroon koo har'aa
Hamtuun isin hin argin
Walumaan nuuf bulaa

Adawwiin baddee
Milkiin isiniif haa toluu
Lama ta'aa sadihiin
Da'aa ilma biyyaaf toluu...
✍️Esky (May 12, 2024)

1/2 of (Dec 21, 2019)👇..Jaalalli abbaan-dhabiinBosonaas hin galiinShira ciniinfatee Kijibaas hin dhaliinAsheeta hin qoor...
11/05/2024

1/2 of (Dec 21, 2019)👇..Jaalalli abbaan-dhabiin
Bosonaas hin galiin
Shira ciniinfatee
Kijibaas hin dhaliin
Asheeta hin qoorre
Kan Onneen bilqilchuu
Isa sukkuummachaa
Hegereef ililchuu
Abadan jaalala
Abadan jaalachuu...
😭
Karra kee cufattee
Fagaattuus na jalaa
Ati maseensituus
Biqiltuu jaalalaa
Ani yoomu hin buqisu
Haateessu onneerraa...
✍️Esky

 ..Yeroo beelaaf dheebuuSittan obse agabuuGaraan koo qulqulluudhaSiif jibba hin qabuu ~Naaf beekuu dhabdeeNaa baruuf hin...
09/05/2024

..Yeroo beelaaf dheebuu
Sittan obse agabuu
Garaan koo qulqulluudha
Siif jibba hin qabuu
~
Naaf beekuu dhabdee
Naa baruuf hin rakkatin
Jaalalliin an siif qabu
Keessa koorraan dhokatin
~
Onneen too si obsitiiree
Deemsa keetu na quuqaa
Yoomiyyuu hin boqadhu
Waa'ee keetu na jeeqaa
~
Hireen qooda Rabbiitii
Hudda isaat beekaa
Obsi naan jettuus mee
Waan ittiin si obsuun dhabekaa...
(08/15/2021)
✍️Esky

(✍️April 22, 2022)👇🏻..Suusiin si qabsiisaSuuta sit-hasaaseeBoqonnaan si dhoorkaQaama koo sirraa dhokseeAkka nan-argineGu...
05/05/2024

(✍️April 22, 2022)👇🏻..Suusiin si qabsiisa
Suuta sit-hasaasee
Boqonnaan si dhoorka
Qaama koo sirraa dhoksee
Akka nan-argine
Gubbaa keetu ukkaamsee
Dhugaa keessa keetii
Cal-godhee hambisee
Maal qaba Arrabni kee
otoo siif ol-baaseee....

✍🏻Esky

Nasir Amin ,Boruu Bareento , Naji M. Usman !Baakkoodhaa si qicadheeYoon seenu NaqamteeNiin ajaa'ibsiifadheJaalalti tee n...
04/05/2024

Nasir Amin ,Boruu Bareento , Naji M. Usman
!
Baakkoodhaa si qicadhee
Yoon seenu Naqamtee
Niin ajaa'ibsiifadhe
Jaalalti tee naaf gamtee
Na dura jiraachuu kee
Gama tarkaanfattee
~
Dhedheeraa ajaa'ibaa
Kan warra Leeqaa gamaa
Akkuma nama isaa
Kan dhandhamnisaa dammaa
Dhaabbadheetiin laale
Dheerinni Bargamoodhumaa
~
Caayaattin gorin malee
Taniin taa'ee itti lollahuu
Fudhadheen ol deebi'e
Ka'ee Leeqaa cahuuf
Mukasaa gabaabsee
Of cinaa yoon kaa'uu
Tokko tokkoon fuudhee
Jalqabe lakkaa'uu
Takkarraachi dhaabee
Yoon Gimbii koo ga'u
Ellaa khaasan qabuu
Maaliin haa lollahuu...!
~
Yoon miila olkaa'u
Mimil'achaa dhaqee
Amanuun dadhabetiin je'e
Laata Walloon dhaqee...❤
~
Bareeda sanyii namaa
Kan Gimbii maalan himaa
Miila kaaseen bahe
Garaadhaan raafamaa
Khaan mirqaanee usee
An numaan gumgumaa
Irraahin fagaadhe
Najjoo gahuun ammaa...
~
Silaa siifiin bitaa
Warqee biyya kanaa
Si dhiiseetiin darbee
Kun quba eenyuu seenaa
Tokkoofuu hin tahu
Nu walumaan feenaa...
~
Itti fufe deemsi
Qiltu Kaarraa, Mandiin
Kan fixees dabalachaa
Biiyti Jimaa qabdii
tarkaanfate
maal qabdii!
Ajab si jechisiisa
Kan isheemmoo maddi
Achumatti wal gahaa
Jimaan akka hundii
Yoom isa qofaree
Raabsii qabdii...

03/05/2024

"Itti deddeebi'uu barbaachifti malee
Boqqolloon san maasiirratti
inuman hafne" jedhe Jaldeessi.
Jum'aa Gaarii❤

 🙏Yaa   bara darbe haala saniin nuuf taatee barana hoo maaliin nuuf qophooyte!Yaa Rabbii keessa namaa beekhu;Atummaan dh...
05/04/2024

🙏
Yaa bara darbe haala saniin nuuf taatee barana hoo maaliin nuuf qophooyte!
Yaa Rabbii keessa namaa beekhu;
Atummaan dhibee kheeysa kheenyaa nu wal'aani.
Balaa biyyaa fi biyyee jalaa atummaan bobaa tee jala nu kaa'adhu.
Khaadima Haadha fi Abbaa, Diin khaddamee Addunyaarra taa'ee caffee Jannataa waliin afatu nu taasisi
Soomaaf salaata keenya nuuf qeebali
Haadha manaa gaarii
Yaabbii gaarii
Ollaa gaarii
Mana bal'aa kennaa teetirraa nu harkaan ga'i
Yaadaa fi muraada kheenya atummaan nuuf guuti
Nu qajeechii nuuf qajeelchi
Nu bareechii nuuf bareechi
Nu filadhuu nuuf filadhu
Hiree fi hiriyaa teenya nuuf tolchi
Dhabaa fi dhibdeerraa nu baasi
Ol fuutee lafa nun kaa'in
Qajeelchitee nu hin jallisin
Nu duroomsitee nun hiyyoomsin
Walitti nun adawwoomsin
Jibba kharaa keenyarra hin baasin
Fatanaa fi fitinaa Addunyaa fi Aakhiraa jalaa najaa nu baasi..

Sin ergadha Gugee kooNaaf dhaqi bakka kooIrraan hafin hundumaaAyyoof Abboos ZayyariiQalbii too na fooyyeessiWaliin naaf ...
03/04/2024

Sin ergadha Gugee koo
Naaf dhaqi bakka koo

Irraan hafin hundumaa
Ayyoof Abboos Zayyarii
Qalbii too na fooyyeessi
Waliin naaf atoorarii
Buliitii naaf koottu
Halkan kheeyrii barii
Dhibdee garaaf baraa
Cileef daaraa harii
Bakka hin deebine
Bahritti harii...

Yaa Rabbii 🤲🤲🤲
Nu jaaladhuu nurraa jaaladhu
Nu jaaladhuu nuun jaaladhu
Nu jaaladhuu nuuf jaaladhu
Nu jaaladhuu waliin nu jaaladhu
Nu jaaladhuu waliif nu jaaladhu

Address

Bole
Adama

Telephone

+251915435505

Website

https://instagram.com/eskye4u, https://pinterest.com/EskekoA

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Esky A Mohammed posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Esky A Mohammed:

Share


Other Digital creator in Adama

Show All

You may also like