13/09/2021
3OBSA
"Bulloon garmaamu tola" fi "Farda Qofaa Kaatu"..
Hojii ajaa'ibaa Afaan nama qabsiisu kana yeroon argetti miira xiiqii makateenin keessummeesse. Hidhiikoo ciniinaa ergan dhaggeeffadhee xumuree boodan dhumarratti 'Hacaaluun hin duune' yaada jedhuun amilee of tuqaachuuf yaale.
Muuziqaa Oromoo keessatti dandeettiin akka kanaa Hacuu qofarratti beekama ture. Ifa dubbachuu caalmaa cigoon haasa'uu; akka dhaban himachuu caalmaa, akka itti argachuun danda'amu barsiisuun hojii Hacaaluu ta'uun beekama. Amma garuu kunoo Yosan Getahun ulee Hacuurraa waan fuudhe fakkaata.
Wallee haaraa mata duree 3Obsa jedhu kana waan sadiitu adda godha. Tokko yeedaloo aadaafi ammayyaa, lama Afwalaloo hawaasaafi dhuunfaa, sadii yeroo inni keessatti hojjetamedha. Gamanumaan waan tokko raajeffachuun barbaada. Yosan Getahun weellisaa jabaa uummatasaa kabaju ta'usaati. Amalli kun waa lama. Tokko miira uummata ofii hordofuusaa yoo ta'u lan lammataa ammoo yeroo barbaachisaatti mullachuusaati.
Wallee haaraa kana keessatti dandeettiinsaa ol ka'ee mullateera. Keessumaa ammoo ogeessa /professional/ ta'usaa wantoonni mullisan danatanii wallicha keessatti haasa'aniiru. Keessumaa Afwalaloofi yeedaloon inni fayyadame, Yoosan ogeessa Fookiloorii ta'uusaa ragaa ba'u. (Utuu dubbannuu Yoosan Geetahuun Yuunvarsiitii Jimmaarraa Fookiloorii Oromootiin digirii jalqabaa qaxii guddaatiin xumure)
Gara mata duree kiyyaattin isin deebisa. Walleen kun Wallee Aadaa ammayyeeffamedha. Haajaa Oromoo dubbata. Siyaasaafi dhugaa uummata Oromoo hima. Wallee kana keessatti dhimmoonni gurguddoon kun akkaataa garaagaraan ibsaman. Isaan keessaas kan duraa dubbii hiika kallattiiti (direct meaning) yoo ta'u, kan lammataa ammoo Cigoodha. Dubbiiwwan hiikaa as keessa jiran namni kamuu akka barbaadetti hubachuu ni danda'a. Ani garuu akkan itti hubadhen isiniif qooda. Na waliin turaa!
..
Dho'aa dho'ee dho'e
Dhawwisa dha'ee dhoo'e
Dhawwisa jawwee saafaa
Naachi rifatee qabate
Naachatu riphee qabate
..
Wallee weelluu (song lyric) kana keessatti akka fakkoommii /symbol)tti wanti irra deddeebiin ibsame FARDA. Fardi Oromoof mallattoo gootummaati; Mallattoo warroommiitis. Keessumaa ammoo Fardi collee maqaa addaa Bulloo, Diimaa, Shaanqoo jedhamuun moggaafama. Yoosanis maqaa Bulloo jedhuun addatti anmoo Farda Bulloo hidhame tokko heeruun Mallattoo gootummaa yookaan jabaan akka Bulloo kan fiigee qaqqabu, kan hari'ee ba'u, kan geessee lolu tokko hidhamee jira jechuun ibsa. Kunis ammoo dhimma hidhamtoota Siyaasa Oromoo addatti ammoo dhimma JAWAR MOHAAMMAD fakkaata.
'Bulloon garmaamu tola
Maa mana hidhaa oolaa?' jechuun tuqata. Bulloon hidhaa jiru kun kan garmaamee nu garmaamsaa ture, kan hari'ee nuuf qabaafi nu baasaa ture, har'a mana hidhaa jiru eenyu akka ta'e eenyu jalaayyuu dhokataa miti. Jalqaba mataa bo'oo wallee keessattis jechi masoo 'Jawwee' jedhu sun isa waan ibsun se'a. Jawwee naachi qabate jechuunsaas, warra isa hidhe Naachaan fakkeessee ibsuusaa natti fakkaata.
Itti fufees ammoo waa'ee farda isa uummata ganeefi isa uummataaf hidhamee ibsa...
Ohoo ohoo ehee ehee
Dide aayyoo waayyuu dide
Fardi qofaa hin kaatu
Maaf qofaa kaate?
Dide garbuu nyaachu
Luugama nyaate
Bulloon garmaamu tola
Maaf mana hidhaa oolaร2
Roobe bubbise buuse bakakkaa
Qaxxisa lole seenee walakkaa
Bulloo bulloo
Bulloo kiyya bulloo
Bulloo farda bullo ร2..
Bakki ijoofi aangiin ammas kunootti. Iddoo kanatti Yoosan isa nu gane qeeqa. "Farda waayyuu dide" jedha. Waayyuu jechuun beekaa beekaan olii, ogeessaa ogeessaan olii /intellect/ jechuudha. Sirna gadaafi amantaa waaqeffannaa keessatti moggaasa beekamaadha. Yoosanis Farda Waayyuu dide jechuun nama beektota dhaga'u didetti fakkeessuun mootummaa qeeqa. (Dabalataanis 'waayyuu' jechuun homaayyuu jechuus ta'uu mala) Itti fufee, Farda Farda isa caalu hidhee qofaa kaatu jedhee dheekkama. Fardi inni qofaa fiigu ammoo waan quufeef Garbuu dhiisee luugama nyaate jedha. Kun kallattumaan Mootummaa Bilxiginnaa waa ilaallatun se'a.
Itti fufuun ammas waan jedhu qaba...
Hayyicha sanyii gootaa
Yoo tuqan lolee isa qolachuu beeku
Maa tuttuqanii tola nurraa eegu.ร2
Naanaa naanaa
Lammacha koo naanaaร2
Yaa lammachakoo
Yaa lammachakoo
Lammachi fardaa
Yoo kaate tola
Lammachi sangaa
Yoo qote tola
Lammachi harree
Yoo baate tola
Lammachi namaa
Yoo lole tola...
Bo'oo olii kana keessatti Farda college Bulloo isa hidhaa jiru waama. Isa lolee nurraa qolatu jedha. Gad siqee ammoo, Fardaafi harree bakka wal jijjiiruun ibsa. Fardi inni hidhaa jiru bakka isaaf hin malle jira jedha. Kana qofa miti; harreerraa ba'aatu bareeda erga jedhee booda, Sangaarraas qonnatu tola jedha. Bulloorraa ammoo hidhaa osoo hin taane, garmaamsatu tola jechuun ibsa.
Ammas Yoosan itti fufee dubbii jabduu lallabaa jira. Kunootti:..
Reebicha dibbee
Sirba karaa kaabaa
Faana ragaduu kuni madaa nu qaba
Faana kana nurraa dhaabaa
Shishiqirrisee marxifatee kaabbaa
Maaliif na firoomsa wanbadeen kaabaa..
Handhuurri ammoo isa olii kana. Haala siyaasa Oromoo yeroo ammaa keessa jiru ibsa. Firooma siyaasaa Kaabaa nurraa dhaabaa jedha. Yaadama Siyaasa Kaabaa /concept of North Polotics / jedhu bifa qeeqaatiin ibsa. Qaamoleen siyaasaa firooma siyaasa kaabaa akka dhaaban gaafata. Yaadni kun yaada guddaafi yaaxinawaa /theorised/ ta'edha. Qorattoonni baayyeen siyaasa Kaabaa Itiyoophiyaa yeroo ibsan, dhortuu humna Kibbaati jedhu (destructis Southern Power) jechuun ibsu. Yoosanis kanuma dubbata. Paartileen siyaasaa kamuu firooma siyaasaa humna kaabaa akka dhaaban gaafata. Kun haala siyaasni Oromoo ammaa keessa jiru akkaataa gaariin waan hubachiisudha. Kaaba jecha jedhu kana kallattii qofatti hiikuunis gaarii miti. Yaadni Kaabaa jedhu kun ilaalcha /ideology Nafxeeenyaa jedhus ni ibsa. Afaan tokko, eenyummaafi amantaa tokko yaada jedhus ni ibsa. Kunis bara bittaa sirnoota darbanii keessatti olaantummaa warra Kaabaatiin kan mallatteeffame waan ta'eefidha. Firoomni Kaabaa wallee kana keessatti balaaleffatames, yaada nafxeeenyummaa amma boollaa ka'aa jirun se'a.
Ammas hin dhaabbanne. Sagaleen kiiloleefi yeedaloon garaa nama gaggalachu itti fufeera...
Goota dhabanii callifachuun hooda
Dhiiga marartuu sana nuu barbaadaa
Geeraru malee
An akkamiin cooku
Haa ba'u gumaan
Ilma dhugaa beekuu.ร4
Bulloon garmaamu tola
Maa mana hidhaa oolaa
Obsaan sadii obsa
Obsi tokkicha
Agartu yaadatta isa gaafichaa
Birraa abdatanii
Ganna hin qoosani
Murtee bara kanaa kana hin beekani
Dhugaatu nu qaba
Yaa dhugaa dhabaa
Hacuucamni rabbii obsi waa qaba
Sagaltama garbaa ce'e miillikee
Yoo humna dhabdellee jira waaqnikee
Walee kiyya walee
Yaa walaawwaltuu
Asan jira jettee natti hin birmattuu
Bulloo bulloo bulloo
Bulloo kiyya bulloo
Bulloo farda bulloo..
Bakki kun bakka waraantuudha. Waan guddaa dhabne tokko nu yaadachiisa. Bakki kun waa'ee Hacaaluu Hundeessaati. Gumaansaa nyaatameera jedha. Gumaansaa ba'uu qaba jechuunis gaafata. Hacuudhaan ilma Marartuu jedhee waama. Dhugumattis gumaan marartuu keenyaa hin baane. Kanaafuu maal haa ta'uree? Gumaa abbaatu baafata. Gumaan ammoo walii lama. Inni duraa dhiiga dhiigaan, lubbuu lubbuun, kan lammataa ammoo dhiiga nagaan, lubbuu mariin baafatu. Kun aadaadhuma keenya. Kanaaf Gumaa mararaa keenyaa kan baasu uummata akka jechuuti.
Walumaa galatti walleen kun wallee seena qabeessa. Humna barachuufi beekuus agarsiiseera. Yoo baratan dafanii hubachuu fi baranii baqachuun akka danda'amu mullisa. Anis ammoo haala kana keessatti weellistoota keenya baratan baayyee keessaa Yoosan tokko ta'usaan hubadhe. Haala kanaan uummata qajeelchuufi siyaasa keessa jirru hubatee nu hubachiisuusaaf galateeffachuun barbaada.
Hiikaan olii dogoggora yoo qabaate ana qofa ilaallata. Ulfaadhaa!
Leencoo Fiqiruu and Birra Gemedi Thankyou for this remarkable work.
Geessituu armaan gadii kana cuqaasuun daawwadhaa
https://youtu.be/IK-S9fRn9Co