14/02/2021
Obsaan Dubbisaa!
Mootummaan yeroo ammaa kana angoo of harkaa qabu, OPDO kaleessaa Bilxiginnaan har'aa, akkuma waggoota dura, ADWUI keessatti arcummee ta'anii uummata Oromoo dararaa turan sanatti, har'as arcummee isaaniitti harka gedderachuun uummata hiraarsaa jiru.
Galma guddaa filannoo ittiin dheereffatan akkasumas ammoo karoora ittiin hayyoota Oromoo karaarraa maksan lubbuu qaalii Artist jaallatamaa Oromoo Hacaaluu Hundeessaaf utuu hin mararamin siyaasa rakasaaf nama qaalii nu dhabsiisanii jiru. Kuni hundu qaama tarsiimoo isaanii ture.
Sirni bilxiginnaa sochii hoggantoonni Keenya Oromiyaa guutuutti gochaa turani ilaalani sodaan waan qabataniif gadi-dhiisani wallaalani tarsiimoo sadi baafachuun hojiitti galanii. Isaaniis:-
1FFAA:- Ummata tokkummaa isaan sırna hamma funyaanitti hidhatee ture kuffise kana gidduttii wal shakki uumuu dha. Tarsiimoon kun uummanni Oromoo akka quba walitti qabatuu, waliin hojjachuu, waliin sagaduu, waliin maria’achu fi taphachuu akka sodaatu gochuun tokkummaa isaa laaffisuu dha.
2FFAA:- Gara laafina tokko malee hidhamtoota siyaasaa, sabboontoota ajjeesuu fi hidhuun, akkasumas ajaja mana murtii diduun uummata keessatti sodaa guddaa naquu dha. Sodaa kana irraan kan ka’e uummanni Mootummaan kuni eenyuufi iyyuu boodattii hin deebi’uu jedhee akka yaaduu godhuu dha.
3FFAA:- Abdi Kutachiisuu dha. Tooftaalee tokkoffaa fi lamaffaa hojiirra erga oolchanii booda, wantoota Oromoon akka lubbuu isaatti eeguu diiguu fi dhabamsiisuun uummata hamilee isaa cabsuu dha. Fakkeenyaaf Ayyaana Irreecha hambisani, abdii biyyaa kan ta’ee qeerro keenya bineensa waliin wal fakkeessuf “girrisa” jedhaniin, Diinota Ummata keenyaa faarsuun madaa Oromoo taphachuun akka uummannii mataa gadi qabatu gochuu dha. Tooftaan sadaffaan kuni dhaadannoo yeroo “Oromoo nan cabsa” jedheef tooftaa isa golabaati.
Waluma galatti tarsiimoon gurguddaa sadan kun, bara angoo dheereffachuuf waan isaan ittiin Bayyanataa jiran yoo ta'u, iji isaanii barcumaafi Angoo qofa amma ilaalutti, Oromoon waan hedduu dhabuu mala. Kanaaf dammaquufi dammaqsuun filannoo barbaachisaadha.
Arfaase Gameda