31/08/2023
Gola Arti Oromo Sagalee Ummataa!❤️💚❤️GAO : ODUU 👇 Breaking NewsGAO: Paartii gadhiisuu Obbo Baqqalaa simanneerra, waa’ee xalayaa biraa hin beeknu – Pirof. MararaaAugust 30, 2023Waajjira Paartii Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) irraa Obbo Baqqalaa Garbaaf barraa’e xalayaan jedhu miidiyaa hawaasummaarratti bal’inaan qoodamaa ture.Xalayaan ”Obbo Baqqalaan osoo qabeenya harkasaanii jiru hin beeksisinii fi oodiit hin godhiin biyya ambaatti hafan,” jedhu kun isaaniin akka hin barreeffamnee fi eessaa akka dhufe akka hin beekne Dura taa’aan KFO Pirofeesar Mararaa Guddinaa BBCtti himaniiru.”Paarticha gadhiisuu isaa fudhachuu keenya kan mirkaneessu anatu barreesse. Inni kaan garuu keenya miti, iddoo fidani hin beeku,” jedhan Pirofeesar Mararaan.Paartiin Kongireesii Federaalaa Oromoo xalayaa Afaan Ingilziin barreessee fuula Feesbuukii isaarratti maxxanseen, gaaffii paarticha gadhiisuuf Obbo Baqqalaa Garbaa dhiheessan simachuu ibseera.Paartichi gumaacha Obbo Baqqalaa Garbaa taasisaniifis galateeffateera.Pirofeesar Mararaa Guddinaa akka dura taa’aa KFOtti murtee qondaala paartichaa [Obbo Baqqalaa Garbaa] akkamiin akka ilaalan gaafannee akkas jedhan.”Gara sanattin deema jedhee waan nutti hime hin jiru. Garuu dhiibbaan biyya kanatti bal’inaan deemaa ture, deemaas jira. Egaa namni kanaaf biyya ambaattis, bosonattis ni dhiibama. Waanuma akkasiiti egaa.”Akka seera ittiin bulmaata paartii keessaniitti hooggansi tokko wayita paartii keessan keessaa ba’u adeemsi hordofamuu qabu maali? gaaffii jedhus gaafanneerra.”Namni karaa baayyeen gadhiisuu danda’a. Hidhamee gadhiisuu danda’a. Biyyaa bahee gadhiisuu danda’a, akkasumas bosona galee gadhiisuu danda’a. Biyyuma keessa osoo jiruus dadhabee paartii keessaa ba’uu danda’a,” jechuun deebisan Piroofesar Mararaan.Kanaafuu paartiin isaanii yaada Obbo Baqqalaa Garbaa paarticha gadhiisuuf dhiheessan fudhateera jedhan.”Biyyatti deebi’ee hojjechuu hin danda’u jedhee ibsateera. Fudhachuu malee kana caalaa waan goonu hin qabnu.”Paartiin KFO yaa’ii waliigalaa godhatee Obbo Garbaa dura taa’aa itti aanaa gochuun erga muudee reefuu waggaa tokko.Obbo Baqqalaa Garbaa nama yeroo dheeraaf dhaabicha keessa turanii fi tumsaa turan ta’uu dhaabichis ni ibsa, garuu bakka nama dhaabichaaf murteessaadha jedhaman kanaa akkamiin bakka buustu jennee Piroofesar Mararaa gaafanne.”Inni ganaadha, ganaa teenyee ilaalla. Bakka buusuu kan danda’u kora waliigalaa fi koree giddugaleessaati. Callisnee bakka buusuu hin dandeenyu,” jedhan.”Korri ammoo waggaa sadiin gaggeeffama. Kora itti aanuuf waggaa lamatu hafa. Ijaa kanaaf seeruma keenya ilaalleetu waan gochuu qabnu raawwanna.”ALI bara 2001 miseensa dhaaba Warraaqsa Federaalawaa Dimookraatawaa Oromoo ta’uun hirmaannaa siyaasaa dhaaba keessatti godhamuutti kan makaman Obbo Baqqalaan, osoo hedduu hin turiin gara hooggansa dhaabaatti guddatan.Obbo Baqqalaa Garbaa tibbana ibsa addatti BBCf kennaniin biyya Ameerikaatti kooluu-galtummaa gaafachuu fi dhaaba KFO gadhiisuu ibsaniiru.Hanga ibsa kana BBC’f kennanittis dhaaba Koongireesii Federaalistii Oromoo keessatti Dura Taa’aa Itti Aanaa KFO ta’uun qabsa’aa turan.Dhaabni siyaasaa kan barbaachisu imaammata uummata gargaaru baasuun yoo hiree argate mootummaa ijaaruu, yoo ta’uu baates dhaaba mootummaa ijaare karaatti deebisuufi yaada filannoo dhiyeesuudhaaf barbachisa kan jedhan obbo Baqqalaan, ”haala amma jiruun filannoowwwan lamaan kun guutummaatti cufameera haala jedhamurra jira” jedhan.”Kanaaf ani amma paartii siyaasaa keessa turuun na hin barbaachisu. Aangoo siyaasaatiif deemaa hin jiru. Maqaa paartiitiin biyya sana keessa taa’ee uummata sochoosaa hin jiru, uummata sanaaf hojjechaa hin jiru. Kanas gochuudhaaf carraansaa hin jiru.”Haala siyaasaa ibsan kana irratti hundaa’uun dhaaba siyaasaa keessa turuunis hooggansa dhaabichaa harkaa qabaachuunis bu’aa hin qabuu jechuun gadhiisuu isaanii beeksisan.Odeeffannoo Dabalataa 👇YouTube 👉 Gola Arti Oromo 👇https://youtube.com/ 👈 Linka asi olii kana Rukutun hotdofa
https://golaarti.wordpress.com/2023/08/31/gola-arti-oromo-sagalee-ummataa%e2%9d%a4%ef%b8%8f%f0%9f%92%9a%e2%9d%a4%ef%b8%8fgao-oduu-%f0%9f%91%87-breaking-newsgao-paartii-gadhiisuu-obbo-baqqalaa-simanneerra-waaee-xalayaa-biraa-hin-beeknu/
Visit the post for more.