Shanan gibe

Shanan  gibe yaa jiruu biyya namaa

27/10/2023

As wr wb juma,a Mubarak Salluu Alaa habiiballaaha S,,,,,,A,,,,,,,,W

17/10/2023
06/10/2023

As wr wb juma mubarak yaa ummata nabi muhammad S,,,,, A,,,,,,, W

28/09/2023

As wr wb

27/09/2023

Baay’een gadde!

, ilma Oromoo Walloo, gara kuteessa namaa, mana hidhaatii baasanii ajjeesan jechuu dhaga’ee baay’een gadde! Ani hidhamuu isaallee quba hin qabun ture.

Bara 2017 Iyyaasuun Walloo Kamiseerraa ka’ee cidha koof Finfinnee dhufe. Haasaa seena qabeessa gaafa sana inni dubbateen namni hunduu imimmaan buusee boo’e.

“Abbaan koo cidha abbaa Lataa hin dhufne, abbaan Lataa cidha abbaa koo hin dhufne. Ani garuu cidha Lataan dhufe. Dhaloonni kun wal barbaadnee dhiiga faca’e walitti qabuu qabna. Tokko ta’uu qabna. Alagaa gidduu jirraa, yaa Oromoo nu hin gatiinaa” jedhe.

Ayii yaa Iyyaasuu, anaan korma koo! Hireen dargaggoo Oromoo akkana taate!

Biyyeen sitti haa salphattu!

25/09/2023

Murtee Xumuraa
--------------------------

Gaaffii Kaleessa Ustaaz Raayyaan Mata Duree Maalii irratti Utuu dhiyaatanii wayya jennee gaafanneen yaadonni Armaan gadii dhiyaateera.

Kan itti aanu yaadaota 1-9 dhiyaatan kan haa filannu. Lakkoofsa yaadni isin filattan irra jiru Commentii jalatti barreessaa. Nuti ammoo yaada irra caalaa isin filattan irratti kan gama keessaniin geenyu ta'a.

Mata Duree

1,Haala yeroo irratti
2,Islaamummaa fi Dinagdee akkasumas barnoota.
3,Seenaa jireenya Ustaaz Raayyaa
4, Fuudhaafi Heeruma
5,Dhimma godaansaa.
6, Itti fayyadama miidiyaa
7,Fakkeenyi kee eenyu kan jedhu.
8,Seenaa Muslimootaa Itiyoophiyaa.
9,Seenaa Nabi Muhammad(SAW).

Kunneen Cuunfaa yaada keessaniiti.
Amma lakkoofsota kana filachuun waliin haa muryeessinu.

Tv Hamiltan Hamilee Ummataa.
--------------------------------------------------
https://t.me/Tv_Hamiltan_2021
https://t.me/Tv_Hamiltan_2021
https://t.me/Tv_Hamiltan_2021
https://t.me/Tv_Hamiltan_2021

25/09/2023
19/09/2023
19/09/2023
18/09/2023
06/09/2023

As wr wb jira jirtuu Ummata qaali Salluu ALa nabiyyinaa Muhammad S.......A........W

05/09/2023

Nuti irreecha amantii jaahiliyyaarraa tahe dhiisii, mowlida warra bid’aatiin kabajamuuhu jalaa dinnee jirra.

Muslimoonni ayyaanaa lama beekkamaa waggatti iida lama qabna. Torbaanitti jum’aa qabba. Alhada jaraa wajjiin hin idnu, waggaattis irreecha mushrikoota wajjiin hin kabajnu.

Maaliif?

Sababaan isaatis daangaa shari’aan nuuf keeysarratti deemuutu nurratti dirqama. Ilmaan namaa gammachiisuuf daangaa Rabbii caphsuun nama Rabbitti amanerraa hin eeggamu.

Gaafa shahaadaa lameenitti amanne:
1. Laa ilaaha illallaah jechuun Allaah malee waan biraa hin gabbarru, waan Allaah malee jiru hundi dinne, kadhaa fii ibaadaas isa qofaaf goona jenne. Irkoon keenya Allaah qofa jenne.

2. Muhammad Rasuulullaah hoggaa jennu ammoo karaa Ergamaa Rabbii Muhammad sallallaahu aleeyhi wasallam lafa nuuf kaaye qofaan Rabbi gabbarra. Bakka inni guddise ni guddifna, waan inni irraa fagaaadhaa je’e irraa fagaanna, waan inni jibbu ni jibbina, bakkaa fii guyyaas ka inni guddise qofa guddisuun Rabbi gabbarra jechuudha. Abbaa gadaa fii haadha sinqee ni khallafna, haadhaa fii abbaaa keenyas jalaa dinna yoo Ergamaa Rabbii faalleeysan jechuudha.

Irreechi ayyaana jaahiliyyaa, ayyaana amantii shirkiiti.

Haqaan gabbaramaan Allaah malee hin jiru, Muhammad Ergamaa xumuraati, Nabiyyii Rabbiiti sallallaahu aleeyhi wasallam.

29/08/2023

Dubbii seena qabeessa, kan yoomuu hin dagatamne!

Wayyaaneen akkas jette, "Yoo balleessaa kee amantee dhiifama gaafatte hidharraa si hiikna.”

Baqqalaan akkas jedhe,

“Yoo dhiifama gaafachuun barbaachise isiniin utuu hin taane, Uummata Oromoofi Waaqayyoon qofan dhiifama gaafadha.

1. Hacuucaan Oromoo irra ga'aa jiru hagam hamaa akka ta'e himuu dhiiseera yoon ta'ee fi kanas kanan godhe Oromoon saboota biroo waliin jiraachuu akka danda'uuf jedhee yoo hin taane saba Oromoo dhiifaman gaafadha.

2. Qabsoon ani mirga Oromoof jedhee godhe fedhii dhuunfaa koof yookiin beekamtii dhuunfaa akka naaf dabaluuf jedhee yoo ta'ee fi uummanni biyya kanaa hundi bilisummaa, kabajaa fi walqixxummaadhaan akka jiraataniif jedhee yoo hin taane Waaqayyoon dhiifaman gaafadha.

Mirga dimokiraasii fi mirga namoomaa uummata koo, kanin fedhii fi hawwii koon osoo hin taane fedha Waaqayyoon keessatti dhaladheef qabsoon ani karaa nagaa godhee fi aarsaan xiqqoon ani kaffale yakkatti lakkaa'amee seeraan ala himatamuun koo ittuu na boonsa.”

Baqqalaa Garbaa, nama dhugaaafi garraamii; nama qajeelummaa jaallatu!

Thank you for everything!

Address

Https/m. Youtube. Com
Rada`
607568

Telephone

+967779853440

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Shanan gibe posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Shanan gibe:

Videos

Share


Other Digital creator in Rada`

Show All

You may also like