05/29/2021
Inbox@ Jaal Mijuu Ayyaanaa Irraa !
Galmi galma milkii fi tokkummaa haatahu !
" Godina Oromoo Walloo Aanaa Jiillee Dhummuugaatti Ummatni Ganda Funyaan Dambii Ykn Walakkoo Galma Abbaa Gadaa Ykn Galma Gariibaa ijaarrachuuf Karoora yeroo dheeraa ture hojitti hiikuuf Boru bakka Haradaayyo jedhamee beekamutti waamicha Abbaa Gadaa ykn Gariiban dhihaaten Ummatni boru bakka Galmichi itti ijaaramuuf karoorfametti argamuun Akka Hojiin Galmicha ijaaruu jalqabamu waamicha waliif dabarsanii jiru. Kanaafuu dhimma kana jala buunee ummata hamilchuu fi kaayyoo galmichaa ummata keenyaaf akka ifa ta'u gochuu qabna."
Ummanni oromoo walloo sadarkaa godinaa fi aanotaatti darbee sadarkaa gandaatti jaarmaya ykn gaaddisa aadaa ,duudhaa fi safuu isaa akkasumaas tokkummaa isaa fi walitti hidhata hawaasummaa isaa jalatti wal gahee bifa gurmaahen ittiin jabeefatu hundeefachuu fi qabaachun faayidaa hunda galeessa waan qabuuf sochii fi hojiin gandi funyaan danbii ykn walakkoo kuni waan jajjabbeefamuu qabu dha .
Milkii isiniif hawwinaa jabaadhaa !