12/19/2022
Araara attamii? Empayera Itophia keessatt haasaan nagaa Itophiyaa Amaaraa fi Tigray gidduutt eegalee jira. Oromo waliinis itt fufa ta’aa. Haasaan nagaa Oromoo ilaalu kamuu akeeka Ango 39 heera dhiisame keessatt dhahame, mirga hiree murteeffannaa sabaawaa hanga walabummaa fi walabummaa dabalatu fudhachuu qaba. Akeeka kana irratt daddaaqinni yoo jiraate seena Oromoo keessatt akka gurgurtu mirga sabaati abaaramaa hafaa. Sochiin bilisummaa Oromo ABOn hogganamee 1970moota jalqabame. Hardha sochiin sun ABO/OLAn hogganama. Kanaaf yoo haasaan araaraa ni jiraataa ta’e WBO, boona sabichaatiin bakka bu’amaa. Dhimma kanaa fi dandeettii jarmawaa fi seerawummaa kalllatii ga’aa caalaa qaba. Akeeki muummichi qabsoo bilisummaa Oromo ABOn hogganamuu kolonummaa haqee, Republika Oromiyaa walaboomte dhaabuu dha. Sagantaama malbulchaa kanuma keessatt tokkeessoo kanneen fedha qaban biraa wajjiin dhaabbachuun akka danda’amus hubachiisamee jira. Hangameessa kamiinu mootummaan PP Itophiyaa keessa jiru heera malee waan ta’eef kan akkaa mitii. Garuu fedhooti addunyaa sana akka waan guddaatt hin laalanii.
1991 ka’ee walbarsiisa Chartara Federaalaa, sana duubas Heera Federalaan kan ka’e aara galfannaan qabsoo xinnoon ni ture. Qulqullummaa garaa dhabuu taatoo muummicha TPLF/Adwuin hojiirra olchuu irratt kakachalamee miltoleen Chartaraa dhiitamanii ari’amanii. Mormii dargaggoo Oromoon, hoggansa ADWUI keessatt 2018 jijiirrami ta’ee ture. Sana booda want hammaatu dhufee, karoora sirna imperiyaalaa deebisanii ijaaruu fi Oromiyaa fi kanneen biraa irratt sirna nafxanyaa Amaaraa caccabee fe’uuf ture. Hogganooti haaraan akkuma Oromummaan kakataa sochii dargaggoo Oromo duraan butan aangoo ADWUIs Oromoo of fakkeessanii qabatan. Kun callifamee hindabarbamnee, dargaggoon Oromo sun bakka dhaabanii qabsoo itt fufuuf qawwee kaasanii.
Qabsich kan xumuramu nyaapha dirree diliitt dabsachuun yk nagaa buusuunii. Isa lammaffaaf Oromoon lamuu akka hin dagamne yaa’I hiree sabummaa ofiin murteeffachuu suduuduman jalqabamuu qaba. Bakka daawwattooti hawaasa sabgidduu jiraanatt jalqabuu yk bulchi Oromiyaa suduudaan yeroof WBOtt dabarfamuu qaba. Achii, masaka heera jiruun mootummaan cehumsaa uunkeffamuu gaafata. Sana booda hariiroo egereef jiraattu irratt mari’achuf Yaa’iin Heeraa waamamuun barbaachisaa dha. Yoo federaalummaan itt haa fufu jedhamee kee’ati mirgi sabootaa hiree sabaawaa ofii murteeffachuun tuqamu hin qabu. Yaa’ichi heericha akka jirutt dabarssuu, wayyeessuu yk wuxinee haaraa referendum finnoota miseensa ta’aniin ofkalfamuu qopheessuu danda’aa.
Waliigalteen irra ga’amu kamuu finnaa empayera diigee haaraan kan bakka buusu ta’uu qabaa. Finnaan federaalaa aangoo finnooti federawan kennaniif qofa qabaataa. Rimsammi finnaa federaalaa, mootummaa wiirta’aa aanggoo hundaa olii qabu waliin, wal dhahuu hin qabu. Waan teknikaa xiqqoof malee Tigray mirga bakka bu’ootaa waan ilaalutt heerawaa ture. Garuu jaarsoliin Pretoria mootummaa seermalee PP yoo fudhatan kan Tigrayiif beekamtii hin kenninee. Waggooti lama fixiiqaccee fi namooma irratt yakki tolfame irra ilaalamee, jilli Tigray eenyummaa ofii saba irraa golatt akka jijjiiru taasifame. Bu’urri haasa nagaaf dhihaatan garri caalu kan PPn dhihaatantu fudhatame. Tigray akka hikkatus itt murteeffamee jira. Qawwee eenyutt akka galchutu murtaawee? Finnaa, seermalee, malaammaltuu, finnaa bososee gargar harca’aa jiruttii? Kun nageenya Tigraay qofa utuu hin ta’in kan saboota, sabaawotaa fi ummatoota hundaa hamaa irra buusaa.
Sun akka fedhe ta’us, Jilli Tigray yoo gidiraan ummatichaa itt haa fufu jedhame malee, kan jedhaniin fudhachuu malee jilli Tigray filmaata biraa hin qabu. Yeroo filmaati hin jirre durfannoon Tigaaruu baraaru dha. Jatti nyaata, qoricha fi waan jireenyaaf barbaachisan waggoota afur darbaniif dhowwatamaa turan isaan barbaachisa. Barreessaan kun hogganoota saanii waan isaa fi ummata isaa irratt tolchaniif dallansuu qabaatuyyuu jannummaa fi cichoomnii yerroo hamaa kana keessa ummati Tigraay agarsiise dinqisiifachuu dhaabu hin danda’uu. Kun waggoota lama guutuu jarsoliiin qaaqa malee laalaa Afrikaanotaa yarsuuf qubaa tokkollee hin hiixatin, ammammoo gara yakkamaa waraanaa goranii namoota gadadamoo irratt akka anjaa argatu kan tolchan qaanessuu qaba ture. PP fi deggertootaaf yakka saanii ofirraa dhiquun faloo akka bahaniif abdii kennaniifii.
Waan amma addunyaan argaa jiru irraa yakki abbaa hirroota Itophiyaa hin haqamu jechuun nama dhibaa. Abiy Ahmad utuu hedduun Dan Haag isa eeguu Kora Olhaana US-Abbaa hirroota Afriikaatt afeeramee argame. Sana jechuun lubbuu kumkumoota Afrikaanotaa barbadeeffame fi yakki inni namooma irratt raawwate hamma bu’aa Korporet Amerikaan Afriikaa irraa bolquu nafii hin qabu jechuu dha. Utuu akka Oromoo ta’ee safuutt lakaawama ture. Abiy Ahmad garuu eenyuu, hamma wallaalchifate nu gidruuf deemaa laata? Kun Oromoof barnoota ta’uu qaba. Haala sirrii keessatt Oromoon dubbii araaraaf warra gumaa fullee walii hin ta’an turanii. Garuu Itophiyaan akka bulcha seerawaa qabatu yoomiyyuu waan hin eegamneef karaa kabaja ofii eeguun waliin dubbachuu malee filmaati biraa hin jiru.
Nagaa fi araara buusuun aadaa Oromootii. Haala si’ana jirutt haalli ABOn kaa’e akkumaa. Haa ta’u malee ABO/WBOn haala ofii kaa’uu danda’aa. Ta’us, imaammati akkasii ulfinaa fi nageenya saba Omoo kan mirkaneessu ta’uutu irra jira. Waliigaltee hundi kan WBO hiikachiisu ta’uu hin qabu. Hidhannoon saa kan finnaa deokraatoftuu federooftee Oromiyaa ta’aa. Waraanni kolonummaa haquu waraana ummataatii. Nagaan lubbuu fi qabeenya barbadaaweef beenyaa hin argamsiifne, hamaa tolfameef itt gaafatamaa kan hin goone fi gar tokko duwwaa hiikkachiisu harka kennisiisuutt hedama. Roorroo kana hunda booda kan diriira nagaatt dhufu gamnaa fi jannaa. Haala dureen nagaatt dhufuu kannee gad haanan dabalachuu danda’aa:
1. Bu’uura irratt walii galame
2. Bakki walitt dhufan, bakka hin baabsine irratt waliigalan ta’aa
3. Bakka qaammi sadaffaan jiranitt gaggeefamu
4. Kanneen malee haala dureen nagaaf taa’uuf gaafatamu hin jiru.
Oromiyaa haa jiraattu!