Kello Media

Kello Media Kello Media brings you news, documentaries, and stories in Oromo and Amharic. Follow us on Facebook and Telegram for updates and exclusive content.

We keep East African audiences informed and entertained with news, in-depth reports, and documentaries.

ትግራይ ዳግም ወደ ጦርነት ልትገባ ይሆን?👇👇👇
02/02/2025

ትግራይ ዳግም ወደ ጦርነት ልትገባ ይሆን?
👇👇👇

#ኢትዮጵያ #ዜና #ትግራይ #አማራ #ኦሮሚያ #ፋኖ #ፖለቲካ #ኢትዮፎረም #...

01/31/2025
ሰበር ዜና | ነሒማ ጀማል ተለቀቀች👇👇👇
01/31/2025

ሰበር ዜና | ነሒማ ጀማል ተለቀቀች
👇👇👇

#ኢትዮጵያ #ዜና #ትግራይ #አማራ #ኦሮሚያ #ፋኖ #ፖለቲካ #ኢትዮፎረም #...

Meettaa Walqixxee Manaree ganda Roggee Eelaatti daa'imni waggaa 10 hin guunne guddeedamtee duute jedhan.Yakki mirga namo...
01/31/2025

Meettaa Walqixxee Manaree ganda Roggee Eelaatti daa'imni waggaa 10 hin guunne guddeedamtee duute jedhan.

Yakki mirga namoomaa Oromiyaa keessatti raawwatu itti fufeera. Akka gabaasni Keelloo dhaqqabe hubachiisutti daa'imni umuriin baay'ee xiqqaa ta'e waraanaan gudeedamtee ajjeefamte.

Gabaasichi akka ibsutti daa'ima maqaan ishee Simboo Biraanuu jedhamtu waraanni mootummaa gudeedanii gaafa harkatti laaftu mukatti fannisan jedhame.

Kanaanis erga lubbuun ishee darbee fanniiftee of ajjeefte jechuun ibsamuu dhagaa'ameera. Yakki waraanaan raawwatamu Oromiyaa keessatti irra deddeebiin kan dhagaa'amu yoo ta'u, guyyaa gara guyyaatti odeeffannoon gurraaf hin tolle bahuun itti fufeera.

Gabaasichi akka jedhutti yakka kana waraana mootummaa raawwate. Fayyadamtoonni miidiyaa hawwaasaa hedduunis fuula dhuunfaa irratti maxxansuun dhimmicha dheekkamaa jiru.

Yakki waraanaa Dubartootaaf Daa'imman irra gahu yaaddessaa ta'uu isaa gabaasa kana irraa hubachuun nii danda'ama.

ሰበር ዜና | ቀሲስ በላይ 5አመት ተፈረደባቸው👇👇👇
01/30/2025

ሰበር ዜና | ቀሲስ በላይ 5አመት ተፈረደባቸው
👇👇👇

#ኢትዮጵያ #ዜና #ትግራይ #አማራ #ኦሮሚያ #ፋኖ #ፖለቲካ #ኢትዮፎረም #...

TPLF yaalii Fonqolchaa wal irratti gaggeesse👇👇👇
01/30/2025

TPLF yaalii Fonqolchaa wal irratti gaggeesse
👇👇👇

#ኢትዮጵያ #ዜና #ትግራይ #አማራ #ኦሮሚያ #ፋኖ #ፖለቲካ #ኢትዮፎረም #...

Namichi Qur'aana Rabii gubuun beekamu du'uun isaa himame. Namichi kitaaba qulqulluu Rabbii Qur'aana gubuun beekamu ajjee...
01/30/2025

Namichi Qur'aana Rabii gubuun beekamu du'uun isaa himame.

Namichi kitaaba qulqulluu Rabbii Qur'aana gubuun beekamu ajjeefamuu isaa miidiyaaleen idil addunyaa gabaasaa jiru. Jibba Qur'aanan kan dhugame namni lammii Iraaq ta'e Salwaan Moomika jedhamuu ajjeefamuu maddeen odeeffannoo Keelloo ibsaniiru.

Namni kun bara 2021 keessa Siwiidinii fi Deenmaark keessatti kooppii Qur'aanaa kan amantaa Islaama osoo gubuu argame. Erga kana taasisees Koolgaltummaan baqate.

Biyyooti hedduunis gocha isaa kana balaaleffachuun, hawwaasni bal'aan hojiisaa cimsanii balaaleffataa turaniiru. Biyyoota hedduuttis madda mormii ta'ee ture.

Siwiidinii fi Deenmaark yeroo sanatti namoota Qur’aana guban seera dhorku waan hin qabneef seeratti dhiheessuun rakkanna jedhanii yoo dubbatan imbaasiiwwan isaanii biyyoota adda addaa keessa jiran sababa kanaan haleelamaniiru.

Kun ta'ee Salwaan Momikaa mana isaa magaalaa guddoo Siwiidin Istookhoolm keessatti argamu keessatti ajjeefamee argamuu gabaasni har'a bahaa jiru himeera.

Dargaggeessi ganna 38 Salwaan Momikaa kaleessa galgala ajjeefame kan jedhamu yoo ta'u, poolisiin nama ajjeese adda baasuuf qorachaa akka jiru beeksiseera.

Siwiidin dhiheenya kana seera Qur'aana gubuun yakkaan akka nama adabsiisu taasifteetti jechuun Al Ain gabaaseera.

Jaalalli Eertiraa fi Itoophiyaa badhaasa Noobelii nagaa argamsiise dhidhimee mormitoota wal irratti ijaaruu irra gahame....
01/30/2025

Jaalalli Eertiraa fi Itoophiyaa badhaasa Noobelii nagaa argamsiise dhidhimee mormitoota wal irratti ijaaruu irra gahame.

Hariiroon Itoophiyaa fi Eertiraa waggootaan booda bulchiinsa Abiyyi keessa gara nagaatti deebi'eera jedhame, waliigaltee fakkeenya biyyoota addunyaati jedhamuun kan badhaasa Noble Abiyyiif kennisise akka biqilaa Gannaa dafee collaguun gara mormitoota wal irratti leenjisuutti ce'eera. Tibba tokko bulchitoonni biyyoota lamaanii michummaa hamaa deebi'ee qabanaa'a hin jedhamne keessa gahamee ture.

Buna waliin dhuguu waan eegalan fakkaatee ture. Sun suuta suuta badaa deemee mormitoota wal irratti ijaaruuf waraana wal irratti leenjisuun akka eegale himame.

Akka kanaan Mormitoonni mootummaa Eeritraa Wiixata darbe Amajjii 27, 2025 Finfinneetti walgahii taa’uu Sagaleen Jarmanii (DW) hirmaattota walgahichaa wabeeffachuun gabaaseera.

Dhalattoota Eeritraa hanga 2,000 ta’an maricharratti hirmaataniiru jedhame. “Walgahiin kuni beekamtii mootummaa Itoophiyaatiin akka ta'e” bakka bu'aan paartii Kongireesii Biyyaaleessaa Eeritraa-Affaar ibseera.

Hoji gaggeessaan paartichaa Yusuuf Abdallaa af-gaaffii Sagalee Jarmanii waliin taasisaniin, badii dhalattoota Affaar Eeritraa keessa jiran irratti raawwatamu mormuun hojjachaa jiraachuu ibseera. Saboota Ertraa biroo waliin ta’uu mootummaa Eritraa kuffisuuf hojjachaa akka jiru hojigaggeessaan kuni himeera.

Isaayyaas Afawarq fi Abiyyi Ahemad hariiroo gaafii hanga abbaaf ilma jechisiisu keessa kan turan, waggootni osoo hin lakkaa'amin gara wal dhabbitti ce'aniiru. Kanaanis Itoophiyaan Eertiraan Faannoo narratti leenjisaa jirti jechuun yoo himattu, gama isheen mormitoota Eertiraa irratti qindeessuu jabeessiteetti.

Haalli kun tarii jeequmsa gaanfa Afrikaa babal'isuu akka malu sodaatama. Kun ta'ee hiddi isaanii tokko ta'uun kan himamu, aadaa tokkoof afaan tokko kan qaban TPLF fi Shaabiyaa jechuun Isaayyas Afawarq fi Dabratsiyoon Gabramikaa’eel wal ta'uu isaanii kan nama amansiisu suurri isaan waliin ka'an miidiyaa hawwaasaan qoodameera. Qoohii keenya xiinxala jedhu yeroo darbe isin biraan geenyeen doorsisa suuraa gama lamaan jiru isinii ibsuun keenya nii yaadatama.

Jiraattonni magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Galaan kaffaltii baasii mootummaan nu gaafatuuf jiraachuu dadhabaa jirra jec...
01/30/2025

Jiraattonni magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Galaan kaffaltii baasii mootummaan nu gaafatuuf jiraachuu dadhabaa jirra jechuun himatan.

Kaffaltiin mootummaan uummata gaafatu guyyaa gara guyyaa dabalaa dhufuun isaa hawwaasa obsa fixachiisuurra gahaa jira. Hawwaasni Oromiyaaf kutaalee magaalaa hedduu keessatti kaffaltii mootummaan gaafatuun gidiramaa jiraachuu himataa jiran. Caasaaleen mootummaa Gibira gaabbaramuu alatti kaffaltii nagahee hin qabnee irra deddeebiin uummatatti gadi buusuun sadarkaa jiraeenya dadhabuurraan hawwaasa gahaa jira jedhame.

Akka kanaan jiraattonni magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Galaan kaffaltii mootummaaf jiraachuu dadhabne jechuu isaanii himameera.

Oromiyaa bulchiinsa magaalaa Shaggaar kutaa magaalaa Galaan Guddaa keessa kan jiraatan, baasii yeroo yorootiin mootummaan nu gaafatu jireenya nutti hammeesseera, akkatti itti fufuu dadhabaa jirra jechuun akka himataa jiran Raadiyoon Waazemaan gabaaseera.

Jiraattonni kunneen akka Waazemaa Raadiyootti himanitti qondaalonni mootummaa Misoomaaf, Milishaaf, Gibira Mana jireenyaa fi akkasuma daandii jedhaniillee irra deddeebiin namootarraa maallaqa sassaabu jechuun himatan. Akka jedhamaa jirutti namni tokkoo yeroo afurii ol kaffaltii mootummaaf gaafatama.

Kun ammoo jireenya itti hadheessuun sadarkaa obsa fixachiisuurraan gahuu kulkulfatanii Wazemaa Raadiyootti himataniiru

Waanti raajii namatti ta’umoo maallaqa guuramu sanaaf nagaahee kennamu irra maqaa nama maallaqa sana fuudheefi chaappaan akka hin jirre maddi kun gabaaseera.

Akka fakeenyaatti kutaa magaalichaa keessa kan jiraatan barsiisaan tokko, bara dabre baatii Caamsaa kaasee haga Adoolessaatti karaa baankii Siinqeefi namoota mootummaatiin baasii qarshii kuma 10 mootummaaf akka kennan dubbataniiru.

Kaffaltiin kana fakkaatuu Oromiyaa kutaalee hedduu keessaatti mul'ata. Inumaa waan nagahee hin qabne gaafachuun bulchiinsa PP kana keessa seeraawaa taasifamee hojiitti hiikamuu karaa garaa garaa himama

አቶ እስክንድር ነጋ ቡድናቸው ከአለም አቀፍ ማኅበረሰብ ተወካዮች ጋራ ባደረገው ውይይት የድርድር ጉዳይ አለመነሳቱን አስታወቁ👇👇👇
01/29/2025

አቶ እስክንድር ነጋ ቡድናቸው ከአለም አቀፍ ማኅበረሰብ ተወካዮች ጋራ ባደረገው ውይይት የድርድር ጉዳይ አለመነሳቱን አስታወቁ
👇👇👇

#ኢትዮጵያ #ዜና #ትግራይ #አማራ #ኦሮሚያ #ፋኖ #ፖለቲካ #ኢትዮፎረም #...

Naannoo Tigraay magaalaa Maqaleetti yaaliin fonqolcha mootummaa gaggeeffame.Yeroo dheeraaf wal himataa kan jiran caasaan...
01/29/2025

Naannoo Tigraay magaalaa Maqaleetti yaaliin fonqolcha mootummaa gaggeeffame.

Yeroo dheeraaf wal himataa kan jiran caasaan TPLF dhibdee isaanii gara hammaataatti adeemsisaa jiraachuun barame. Dhibdee peresedaantii naannichaa duraanii Dabratsiyoonii Gabramikaa'el fi Geetaachoo Raddaa gidduutti uumameen naannichi sabatiinsa dhabuun irra deddeebiin himama.

Akka kanaan har'a miseensi paartichaa tokko hidhattoota shaniin deeggaramee buufata FM to'achuudhaaf yaalii taasisuun isaanii ibsame.

Har'a gara ganamaa itti-gaafatamaa nageenyaa tokkoofi hidhattoota shan qabatanii namni buufata FM Maqalee 104.4 qaqqaban tokko, yaaliin buufata kana to'achuuf taasisan fashaluu hojjettoota FM san wabeeffachuun maddi oduu kana BBC'n gabaaseera.

Namni hidhattoota shan waliin gara buufata Raadiyoo deeman kun Obbo Zamafanisqiddus Fissahaa kan jedhaman yoo ta'u, miseensa paartii TPLFdha.

Namni kun buufata kana bulchuudhaaf mana-mareetiin filatameera jechuun akka Kantiibaa magaalaa Maqaleetti kan of ilaalan Doktor Radaayiin muudamuu ibsu.

Hojjetaan buufata raadiyoo maqaan isaa akka hin eeramne barbaadu tokko Obbo Zamanifasqidduus Fissahaa namni jedhaman kun hidhattootaan deeggaramuun gara buufata kanaa erga seenanii booda chaappaa barreessituurraa butuun hojjettootaaf beeksisa maxxansuu isaa dubbate.

Hojjetaan buufatichaa biraan waan mudate kana BBCtti hime ammoo namni deeggaraa damee TPLF Dr Dabretsiyooniin durfamu ta'e tokko xalayaallee osoo hin qabaatiin buufaticha humnaan to'achuuf yaalii taasiseera jedha.

Torban darbe keessa qondaalonni waraanaa walitti dhufuun bulchiinsi yeroo akka diigamu ibsa kennuun nii yaadatama. Bulchiinsi yeroo naannichaa kan obbo Geetaachoo Raddaan durfamu ifatti Fonqolchi raawwatamaa jira jechuun, ibsi isaanii hojiirra akka hin oolle waamicha dabarsee ture

Lammaa Magarsaa dabarfamee akka kennamu Itophiyaan Xaaliyaanii gaafatte👇👇👇
01/29/2025

Lammaa Magarsaa dabarfamee akka kennamu Itophiyaan Xaaliyaanii gaafatte
👇👇👇

#ኢትዮጵያ #ዜና #ትግራይ #አማራ #ኦሮሚያ #ፋኖ #ፖለቲካ #ኢትዮፎረም #...

Mootummaan Itoophiyaa Lammaa Magarsaa hidhuuf Xaaliyaaniin dabarsitee akka kennitu gaafate. Peresedaantii mootummaa naan...
01/29/2025

Mootummaan Itoophiyaa Lammaa Magarsaa hidhuuf Xaaliyaaniin dabarsitee akka kennitu gaafate.

Peresedaantii mootummaa naannoo Oromiyaa kan ture obbo Lammaa Magarsaa erga bulchiinsa Abiyyi waliin wal dhabeen booda baqattummaan biyya Xaaliyaanii akka jiraatu himama. Namni Abiyyi Ahemadiin ganamuun isaa kan himamu Lammaa Magarsaa, oolmaa guddaa Abiyyiif kan oole deebi'ee Abiyyiin hidhamuuf barbaadamaa jira jedhame. Abiyyi Ahemad namoota isa tumsaa turan hedduu akka meeshaatti itti gargaaramee gataa tureera. Gatuu qofa osoo hin taane, namuma oolmaa oolaafii ture deebi'ee hiraarsuuf gidirsuun himatama.

Lammaan erga biyyaa bahees bulchiinsa Abiyyi ammaa qeeqaa turuu isaa miidiyaaleen karaa garaa garaa himaa turaniiru. Gabaasa Itiyoo Fooram kaleessa galgala hojjeteen mootummaan Itoophiyaa Lammaan dabarfamee akka kennamu Xaaliyaanii gaafachuu ibse. Ta'us Xaaliyaaniin gaaffii kana akka kuffifte himameera.

Sababaan Lammaa Magarsaa mormitoota waliin ta'uun jeequmsa Oromiyaa keessatti adeemaa jiru hammeesse jechuun himate. Namni kun biyyattii nagaa dhowwaa jira jechuun bulchiinsi mootummaa Itoophiyaa ammaa xaaliyaaniif gaaffii dhiyeesse jedhame.

Siyaasa Itoophiyaa kan bara 2018 keessaatti gahee olaanaa kan taphate Lammaan, haala kanarra gahuun isaa hawwaasa fayyadamtoota miidiyaa hedduu aarsuu gabaasichatu ibsa.

Dhiyeenya Shabboo Miidiyaa irratti gaaffiif deebii kan taasise Dr. Milkeessaa Miidhagaa akkaataa Lammaan sirnicha keessaa dhiitame bahe kaaseera. Lammaa Magarsaa Peresedaantii naannoo Oromiyaa ta'ee tajaajilaa wayiita turetti akka arge nama ajjeesuuf hidhuun qabbanaa'ee ture jedhamuun himama. MM Itoophiyaa ta'uuf yaadamee wayiita filamuurra gahutti Abiyyi Ahemad Abbaa Duulaa gammadaa michoonfachuun, ofii aangoo qabachuu akka danda'e obbo Milkeessaan himeera. Lammaa Magarsaa fi Abbaa Duulaa Gammadaa dhimma Wayyaanee irratti akka wal dhabanis himeera. Abbaa Duulaa Gammadaa TPLF nama jaallatu yoo ta'u, Lammaan garuu jara argaa isaanii akka hin feene hime

"Harka duwwaa mormuun lubbuu keenya hanga balleessurra gahe" jedha injiner Daani'eel GammadaaItoophiyaa keessatti qabsoo...
01/28/2025

"Harka duwwaa mormuun lubbuu keenya hanga balleessurra gahe" jedha injiner Daani'eel Gammadaa

Itoophiyaa keessatti qabsoo karaa nagaa gaggeessuun danqaa olaanaa akka qabu himama. Inumaa biyyattii keessatti karaa nagaa harka qullaa qabsoo gaggeessuuf lubbuu ofii qabdii qabsiisuu akka ta'e kan himamaa ture, haalli kun itti fufuu isaa kan agarsiisu tibbana Kara Deemaan haala hamaan miidhamarra gahee ofkaluun gabaafameera.

Injineer Daani'een Gammadaa kan maqaa Kara Deemaa jedhuun hawwaasa biratti beekamu, rakkinaaf gadadoo waraanni uummata Salaalee irraan gahe baatilee darban miilaan deemee waraabee uummata addunyaarra jiruuf hawwaasa idil addunyaaf qoode.

Rakkinni uummata keenya Oromoo irra gahaa jiru kan ija miidiyaa jalaa dhokatee jiru hangam hadhaahaa akka ta'es saaxile. Erga sanii as humnoonni nageenyaa mootummaa akka adamsaa turan irra deddeebiin ibsataa tureera.

Sababa kanaafis maatii isaaf hiriyootni akka hidhaman Keelloo Miidiyaan gabaasuun nii yaadatama. Tibbanas Kara Deemaan qaamota hin beekamneen mataa isaa rukutamuu gabaafamaa ture.

Dhimma kana irratti yaada Shabboo Miidiyaaf kenneen balaan itti aggamamee hangam hamaa akka ture himeera. "Lubbuun kiyya baduuf turte badiisarraa ofkalteetti" jedha Kara Deemaan

"Daba goone, utuu hin taane waan uummatni keenya keessa jiru, waan mootummaan biyya sanaa gochaa jiru itti himuuf, harka duwwaa mormuun dhumarra lubbuu keenya hanga balleessurra gahee jechuun ibse.

Akka yaada Kara Deemaatti guyyaa waaqaa malee lubbuu rabi kaahe hin baatu oolleerra jedhe. Dhaabbata Jirraa Organisation jedhamanis oolmaa isaaf oolaniif galateeffateera.

Taateen itti aggamamee du'a akka ture hime. Yeroon inni rukutame galgala akka ta'e ibsee. Miidhaan irra gahe Billaan ta'uu kan hubachiise Kara Deemaan, jarri silaa morma isaatti billaa san akka gadhiisan dubbate. Akka isaan yaadan hin taane malee silaa lubbuun kiyyayyuu kan baatu turte jechuun waan isarra gahe hime. Rakkinni kam irra gahus qabsoo isaa akka itti fufu hubachiiseera.

ቪዲዮው ደርሶናል። ምርመራ እያደረግን ነው  - ኢሰመኮ👇👇👇
01/28/2025

ቪዲዮው ደርሶናል። ምርመራ እያደረግን ነው - ኢሰመኮ
👇👇👇

#ኢትዮጵያ #ዜና #ትግራይ #አማራ #ኦሮሚያ #ፋኖ #ፖለቲካ #ኢትዮፎረም #...

Misooma magaalaaf manni uummata sichi diigamuu mala jedhame👇👇👇
01/28/2025

Misooma magaalaaf manni uummata sichi diigamuu mala jedhame
👇👇👇

#ኢትዮጵያ #ዜና #ትግራይ #አማራ #ኦሮሚያ #ፋኖ #ፖለቲካ #ኢትዮፎረም #...

Jaawar Mohaammad muummee ministeera Itoophiyaa ammaa Maraatuu fi Seexanatti fakkeessuun ibse.Jaawar Mohaammad kitaaba is...
01/27/2025

Jaawar Mohaammad muummee ministeera Itoophiyaa ammaa Maraatuu fi Seexanatti fakkeessuun ibse.

Jaawar Mohaammad kitaaba isaa hin Gaabbu jedhu biyya alaatti eebbisiisuu itti fufeera. Fuula miidiyaa hawwaasaa dhuunfaa isaa gubbaa viidiyoo qoodeen, Teeksaasitti eebba kitaabaa taasifate irratti uummataaf haasaa taasisuu isaa agarsiisa. Jaawar waltajjiiwwan qopheessaa jiru hunda irratti dhimma siyaasa Itoophiyaa dubbachuu irraa duuba jedhaa hin jiru.

Akka kanaan dhimma sodaa nageenyaa isaa irraa kaasee dubbii dubbateen; sodaa wayyaaneef jilbeenfannee qabsoo hin dhiifne jedha. Maraataa biyyaaf uummata keenya qileetti fuudhee deemu kanaafis hanga fedhe dhidhiittataa, hanga fedhe ija babaasa, yoo barbaade diroonii erga malee sodaannee dubbachuurraa hin callifnu jedhe. Haasaa isaarraa akka hubatamutti Abiyyi Ahemad maraataa biyya gaggeessaa jiru ta'uu isaati.

Jaawar dubbii isaa kanaan Abiyyi Ahemad gara jalqabaa maqaa Itoophiyaan kakataa ture, xiqqoo turee ammoo Oromummaa keessa dhokatee socho'e jedha.

Amma sanis dhiisee maanguddoota OPDO waggootaaf of irraa ari'etti deebi'e jechuun Jaawar ibse. Dhimmoota bara 2018 keessa ta'an kulkulfatee kan haasa'u Jaawar, Qondaalonni OPDO yakka isaan uummata keenya irraan gahaa turan hin dagatamu jedha.

Ammas taanaan namni kun hin ta'u osoo jennuu kan bara 2018 seexanatti aangoo kenne warruma OPDO ta'uu ibse. As keessatti Jaawar Mohaammad Abiyyi Ahemad seexanatti fakkeessun dubbate.

Seexana jechuun hojiin isaa diiguudha. Kan ijaarame mancaasuudha. Jeequmsa babal'isuudha. Jaawaris akkasumaan yoo ibsu, Oromiyaa fi Itoophiyaa diiguu dura Abiyyi OPDO diige jedha.

Tibbana suurri qondaalota OPDO osoo Shimallis Abdiisaa waliin jiranii mul'atu miidiyaan naanna'aa jira. Qondaalonni akka Muktaar Kadir, Abbaa Duulaa Gammadaa kanneen hawwaasa Oromoo Biratti gaaga'ama namoomaa hamaan himatamanidha. Bara 2018 yeroo warraaqsi uummata Oromoo ho'ee banbanaa turetti gareen kun yakkaan himatamu jedhamee eegamaa ture. Yakkoota waggaa 30 dura dalagamaa turan adda durummaan keessatti maqaa kan dhahaman waliin Shimallis mul'achuun bulchiinsi ammaaf kan bara Wayyaanee jedhamu maqaan gargaraa malee tokko ta'uu nama tilmaamsisa.

Haasaa Jaawar Ameerikaa Dallas Teeksaasitti taasise kanarratti akka dhagaa'ametti caasaan mootummaa ammaa duratti maanguddoota OPDO kana gateera jedha. "Abiyyi duratti galagaleeyyuu hin ilaalu. Booji'amtoota jedhaan" kan jedhu Jaawar,amma ammoo barbaadee walitti qabaa akka jirutti ibse.

Shabboo Miidiyaa waliin Milkeessaa Miidhagaa afgaaffii taasisee tokko keessatti yaada Jaawar kana kuffisa. Milkeessan akka ibsutti "Abbaa Duulaa Gammadaa muummee ministeera ta'uu Abiyyiif shoora olaanaa taphate" jedha. Wayiita Lammaan Muummicha ta'a jedhamee yaadamaa jirutti, Abiyyi dafee Abbaa Duulaatti michoomuun aangoo akka qabatuuf isa gargaaruu hima. Kana malees Lammaa Magarsaa fi Abbaa Duulaa Gammadaa wal dhabanii, camadanii akka wal qabaa turaniis Shabboo Miidiyaa irratti Milkeessaa Miidhagaa dubbateera. Jaawar ammoo waltajjii kanarratti Abiyyi duratti akka gatetti ibsee jira.

"Abiyyi Ahemad nu dhiisii jaruma isa guddise illee hin dhaggeeffatu" jedha Jaawar. Nama of qofa dhaggeeffatu kan yaada namaa hin fudhanne ta'uu isaa cimsee dubbata.

"Amma garuu muddamnaan gaggeessitoota OPDO duraa qabatee gadi bahe" jedha.

Itti fufee haasaa Teksaasitti taasiseen "Abiyyi Ahemad suuraan uummata gowwomsuu barbaada" jedhee. Kana garuu namni argee quufe jechuun ibse. Dhugumatti siyyaasa suuraatti gargaaramuun Abiyyi Ahmad biraa haalaan mul'ata. Bakka isa fayyades qabaachuu hin oolu.

Miseensoonni jila Gadaa Karrayyuuf jaarsolii biyyaa tibbana as buuteen dhabame hiikamuu dhagaa'ame. Hambaa abbootii Gada...
01/26/2025

Miseensoonni jila Gadaa Karrayyuuf jaarsolii biyyaa tibbana as buuteen dhabame hiikamuu dhagaa'ame.

Hambaa abbootii Gadaa Karrayyuu tibbana hidhamanii as buuteen dhabame hiikamuu isaanii maddi oduu kanaa OMN maatii wabeeffachuun gabaaseera.

Miseensoonni Jila Gadaa Karrayyuu fi maanguddoonni hawaasa Karrayyuu Amajjii 6 bara 2025 hidhaman baayyinaan 20 akka ta'an himama. Maatiif hawwaasni Oromoo as buutee isaanii dhabuun yaaddoo guddaa keessa turan.

Kanaan dura haaluma kana fakkaatuun abbootiin Gadaa Karrayyuu caasaa waraanaa PP'n rashanamuun wal qabatee hawwaasni nageenya isaaniif yaaddoo keessa ture.

Ta'us amma hidhaarraa hiikamuu himameera. Miseensi maatii hidhamtootaa yaada kenneen, Miseensoonni jila Gadaa Karraayyuu fi maanguddoonni sababa walgahiif barbaadamtu jedhamuun wamamani hidhaman gad dhiifamani jiru jedhe.

Address

Silver Spring, MD

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kello Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Kello Media:

Videos

Share