
03/07/2025
Kitaabni qondaala ABO Lammii Beenyaan barreeffame eebbifamuuf akka jiru ibsame.
Qondaala ABO kan ta'e Lammii Beenyaa waggootaaf mana hidhaa wayiita turetti kitaaba Asoosama Daayaa jedhu barreessee maxxansuun isaa nii yaadatama. Daayaan Dilbata dhufu eebbaaf akka qophaa'aa jiru barreessaan kitaabichaa Lammii Beenyaa beeksisee jira.
Qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti jaala hedduu jaallatu dhabuun irra deddeebiin kan isa mudatu, akkasuma obboleessa quxusuu kan dhabe Lammii Beenyaa kitaabni isaa badhaasa Hog-barruu Gaaddisaa injifatee turuun nii yaadatama.
Dhaabbanni maqaa barreessaa jabaa Oromoo Gaaddisaa Birruun hundaa'e Hog-barruu Gaaddisaan kitaaba Lammii Beenyaan barreeffame Daayaa Asoosama bara kanaa taasisuun filachuusaa Keelloon kanaan dura gabaasuun nii yaadatama.
Lammii Beenyaa dararaa mana hidhaa keessatti waggoota dheeraa kan dabarse, yakka tokkoon alatti uummata isaaf sagalee waan ta'eef qofa manni murtii yeroo hedduu bilisa jedhus waggootaaf hiraarfamaa turee baatilee darban keessa hiikame.
Ta'us Lammii Beenyaa wayiita mana hidhaa jirutti obboleessa isaa Hundaa'ol Beenyaa jedhamu magaalaa Naqamtee keessatti waggoota dhiyoo as waraana PP'n rasaasaan ajjeefameera. Akkasuma jaala qabsoo inni baay'ee itti amanuuf itti dhiyaatu Battee Urgeessaas humnoota mootummaan ajjeefameera.
Kitaaba isaa Asoosama Daayaa jedhu kana obboleessa isaa akka ittiin yaadatu kana dura himeera.