08/05/2024
news
Guyyaa 2/8/2024
• Hojii Raawwachiistuu/Shanee Gumii ABO-WBOf
• # Miseensota Gumii Sabaa ABO-WBOf
• # Koree Seeraa fi To’annaa ABO-WBOf
• Ajajoota WBO zoonii hundaaf
• Miseensota dhaabaa hundaaf
Dhimmi isaa Rakkoo Mooraa Qabsoo ABO-WBO keessatti waggootaaf
gaaga’ama uumaa jiru ilaala
Qabsoon bifa fincila qonnaan bulaa, diddaa barattootaa, waldaa walgargaarsaa, aartii fi
diddaa murna xixiqqaan Oromiyaa bakkee hedduutti eegale 1970’ta keessa jaarmiyaa
siyaasaa horate. Hundeeffamu ABO irraa eegale qabsoon Oromoo sagantaa siyaasaa, Aasxaa
fi Alaabaa tokko jalatti walitti qabamuun qabsoo farra kolonii finiinsani. Qabsoon kun ganna
50 oliif bu’aa bahii hedduu keessa darbuun injifannoowwan hedduu ilmaan Oromoof
gumaachee, qabsoo Oromoos sadarkaa ol aanaatti sikseera.
Qabsoo fincila diddaa garbummaa Uummanni Oromoo waloon gaggeesseen 2018 jijjiiramni
Siyaasaa impaayera Itoopiyaatti dhufee ture. Jijjiirama Siyaasaa kana booda Mooraan
qabsoo Oromoo kan kallachummaa ABOn durfamu qabsoo hidhannoorraa gara qabsoo
karaa nagaatti deebi’uun jaallan dirree irraa qabsoo hidhannoorra jiran rakkoo hedduuf
saaxile. Haa ta’u malee jijjiiramni Siyaasaa impaayera Itoopiyaa keessatti abdatame
fashaluun lola, hidhaa fi dirree siyaasa karaa nagaa cufee filannoo qabsoo Oromoo
hidhannoo qofa godhee as baase.
Uummanni Oromoo yeroo kamiyyuu caala abdiin isaa WBO ta’uu hubachuun kallattii
hundaan WBO jabeessuu dirqama godhate. Waraanni Bilisummaa Oromoos haala kanatti
dhimma bahuun humna isaa daran cimsee qaawwa hooggansaa qabu duuchuuf tarkaanfi
fudhachuu eegale. Tarkaanfii kana keessatti haala yeroofuu hudhaawwan bu’uura seeraa fi
heeraan furamuu hin dandeenye jiraatus wantoota bu’uura Seeraa fi Heeraan qajeelchuun
danda’amuyyuu hin qajeelchine. Adeemsi bu’uura Seeraa fi heeraan ala tarkaanfii
fudhachuu kun waggoota sadan darbaniif babal’achuun mooraa qabsoo Oromoo raafama
cimaaf saaxilee jira.
Tarkaanfiiwwan jajjaboo bu’uura Seeraa fi Heeraan ala fudhatamuun
gaafatama barbaadu!
1. Adoolessa 25, 2021 Qondaalonni WBO yeroo walfakkaataatti kora Lixa Oromiyaa fi
kibba Oromiyaatti taa’aniin murteewwan gurguddoo dabarsanii turan. Murtee kana
keessa heera, seera, sagantaa siyaasaa, faajjii, irbuu fi kkf hunda kan ABO tti osoo
dhimma bahanii maqaa ABO-WBO’n socho’uun bu’uura seeraa fi heeraa kan
falleessudha. ABO’n qabsoo karaa nagaatti amanee boordii filannoo biyyaalessaatti
galmaa’uun tarsiimoo qabsoo Aangoo 9 irraa kan jallate maqaa jijjiirrachuu osoo
qabuu WBOn sagantaa siyaasaa ganamaatti kan ciche maqaa jijjiirrachuun bu’uura
heeraa boqonnaa 2, aangoo 1 cabsa. Kana malees heerri Dhaabaa aangoo 22 koreen
Hojii Raawwachiistuu ykn Shanee Gumii miseensa 15 akka qabu himus Miseensa 3
ykn 5n filuun bu’uura seeraa fi heeraa hin qabu. Kana malees Hayyuu duree fi shanee
gumii malee ‘ajaja Olaanaa’ waanti jedhamu bu’uura heeraa akka hin qabne heerri
keenya ifaan lafa kaa’a.
2. WBOn waraana kaayyoo ta’ee roorroo fi garbummaa jibbaaf manaa bahe. Haa ta’u
malee yeroodhaa yerootti fottoqinsi uumamuun gaaga’amni qaqqabaa jira.
Fakkeenyaaf Zoonii lixaa keessatti Faqqadaa, Moosee, Guutuu, Abdii fi kkf, Zoonii
Bahaatti waraana wal irratti ijaaru, Zoonii Kaabaa ( wallootti) quba qabeenya ajajaa
zooniin alatti waraana quba Qabeenya Ajajaa Olaanaan Tigiraay ture qubsiisuunii fi
fottoqinsa kibba bahaatti uumamaa jiruun gaaga’amni miseensaa, qabeenya
dhaabaa fi uummata Oromoo irra gahaa jira. Namootni gochaa kana dalagan badii
sadarkaa olaanaatti dhoowwaman raawwachuu Seerri Naamusaa fi dambii adabaa
5.2 ifaan lafa kaa’a. Badii kanaa fi kanaan walqabatanii mooraa qabsoo Oromootti
raawatamaa jiruuf gaafatamni jiraachuu male.
3. Heerri ABO boqonnaan 8, aangoon 44 taliigni zoonii murtee Gumii sabaan akka
raawwatu lafa kaa’a. Bu’uura heeraa kana cabsuun waraanni Zoonii lixaa kora zoonii
lixaa dura yeroo lama Zoonii Giddu-galaa Jibaat fi shawaa kaabaa , yeroo ammaas
Jibaat qubsiifamee jira. Murteen bu’uura heera kanaa faallessuu fi badii murtee kana
hordofee dhufeef gaafatmni jiraachu qaba.
4. Murtee siyaasaan miseensa shanee gumii nama shan filamuun hojii dhaabaa akka
gaggeessan kora Adoolessa 25,2021 irratti murtaa’ee ture. Ta’us bu’uura heera
dhaabaa aangoo 23 jala jiruun waanti dalagame hin jiru. Fakkeenyaaf aangoo 23,
lakk. 23.2 hooganummaa waloon kenna jedhus kora zoonii lixaatti Caamsaa 2022
waamame miseensa 5 keessa 4 osoo mormanii abbaa irrummaa nama tokkoon
murtaa’e; lakk. 23.9 miseensa KHR yakka dalage jedhame 2/3ffaan osoo hin
murteessiin humna waraanaan dhuunfachiisuuf waraana bobbaasuu; bobbaa
waraanaa murteessuu, ibsa dhaabaa baasuu, fi kkf murtee koree kanaan kan darbe
hin turre. Sababa kanaan badiin mooraa qabsoo qaqqabe salphaa miti. Heera
dhaabaa itti irbuu galle qaamni cabsee gaaga’ama mooraa qabsoo irraan gahe
gaafatama fudhachuu qaba.
5. Kora Zoonii Lixaatti taa’ame irratti yaaliin miseensota KHR aangoorraa kaasuu,
caasaa dhaabaa miseensa WBO zoonii lixaa malee kan Zooniileen kaan quba hin
qabne ijaaruu, murtii waraanni Bilisummaa Oromoo Kora kanaan ala jiru shiftaa
ta’uu fi dhuunfatamuu akka qaban dabarsuu kun bu’uura heeraa fi seera dhaabaa
hin qabu. Daranuu yaalii dhaaba keessatti dhaaba ijaarun badii sadarkaa olaanaatti
nama gaafachiisu akka ta’e seerri Naamusaa fi dambiin adabaa lakk. 5.2 ifa godha.
6. Kora Zoonii Lixaan booda golgaa ‘duula imala Finfinnee’ jedhuun badiin mooraa
qabsoorra gahe guddaadha. Diigumsa Waraanaa Horroo Guduruutti Birgeedi Odaa
Bulluq fi waraana Zoonii Giddu galaarra gaheen meeshaan dhaabaa fi miseensi
dhaabaa hedduutu diinatti gale ykn diina afaan bu’e. Waraana kora irratti ijaaramee
fi waraana faqqadaa, moosee, Eebbisaa fi Zoonii GG gidduutti lola tureen lubbuun
jaallan dhibbootan darbeera. Qabeenyi dhaabaas hedduun qisaasa’eera. Dirqama
waraana diiguu fudhachuun Birgeedonni Zoonii Lixaatii bobba’an gandummaa
waraanaa fi uummata keessa facaasaa turan. Caasaa dhaabaa kan akka humna
ittisaa, koree bulchiinsa yeroo fi maandhee dhaabaa ‘shiftaa waliin hariiroo qabdu,
waan sin bira kaa’an fidaa,...’ jechuun dararaa hamaaf saaxilani/ni diigani.
Qabeenya dhaabaa keessattuu qorichaa fi dhiheessii mooraa madoo Horroo
Guduruu, midaa qanyii fi Gammoojjii Nyamaritti hedduu abiddaan barbadeessan.
Madoo dhaabaa xiinsammuu xuquu, eegdota irraa hidhannoo hiikuu fi wareeguu
gochaa heeraa fi seera dhaabaa faalleessuu miti ilma namaarraayyuu hin eegamnetu
raawwatame. Holola sobaa fi maqaa balleessii bifa qindaa’een mooraa qabsoo irratti
oofuu. Aanaa Jibaat, Daannoo, Dirree Incinnii, Midaa Qanyii, Horroo Guduruu fi
aanaalee Wallagga bahaatti Miseensi waraana haala suukaneessaan ija hawaasaa
duratti reebichaa fi rasaasaan dhaaname. Ajjeechaan kun miseensa waraanaa qofa
osoo hin taane caasaa dhaabaa fi uummatni ajjeefame hedduudha. Duula marsaa 5’f
zoonii GG irratti banameen koree marsaa sadiif dhaabanii turani. Koreen kun rakkoo
sana furuuf yaali godhus murtee balaa jiru hir’isuuf dabarse cabsuun gaaga’ama
mooraa qabsoo Oromoo irraan gahaa turan, jirus. Miseensa Waraanaa badii mooraa
qabsoo Bilisummaa Oromootti fide to’annaa jalaa baasuun qondaalomsan. Badii
kanaa fi tarkaanfi heera dhaabaa cabsu fudhachuun badii gurguddaa Mooraa Qabsoo
Oromootti qaamni fide adda bahee gaafatamuu male.
7. Seerri Naamusaa fi Dambii adabaa lakk. 5.2.11 beekaa ajaja garmalee dabarsuun
gaaga’umsa uumuu gochaa badii sadarkaa olaanaa jala kaa’a. Birgeedii Qaanqee fi
Abbaa Kutaa Waraanaa gidduutti sababa ajaja garmaleetiin walitti bu’insa
uumameen lubbuun jaallan hedduu darbeera; Miseensii fi hidhannoon dhaabaa
dhibbaan lakkaa’amu diinatti gale, caasaan dhaabaa harka nyaaphaa bu’eera. Badii
kanaaf qaamni qoratamee gaafatame haga ammaatti hin jiru.
8. WBOn ofii fi saba ofiirratti hirkannoon qabsoo gaggeessa. Sabni Oromoos qabsoo
isaa kan gargaaraa ture bifa jaarmiyaa hawaasaani. Kora Zoonii lixaan booda
Marroon qofaa isaa jaarmiyaa ABO-WBO biyya alaa kan bu’uura heeraa hin qabne
hundeessuun muudama aangoo kennee ture. Jaarmiyaan kun Caasaa inni biyya
ambaatti Ijaare caasaa tokkummaa Oromoo diigu, Mooraa qabsoo Oromoo gidduutti
garaagarummaa uumu, caasaa Mooraa Qabsoo Oromoorratti holola oofu fi Caasaa
faallaa heera dhaabaa socho’udha. Fakkeenyaaf Heerri ABO boqonnaan 7, lakk. 41
jaarmiyaan hawaasummaa damee dantaa siyaasaa fi jaarmiyaa jalatti akka taliigamu
eerus hin taane; Heera ABO aangoo 12 irratti alagaa, nama dhaaba keessaa bahee fi
miseensa dhaaba biraas miseensa gochuun murtii Shanee Gumii akka ta’e himus
faallaa kanaa garuu miseensomsuu irra darbee dirqamni dhaabaa gurguddaan itti
laatamaa jira. Kana malees Seerri Naamusaa fi Dambii adabaa lakk. 5.2.4, 5.1.19,
5.1.16, 5.1.14, 5.1.7, 2.10 fi kkf yeroo cabsan qaamni tarkaanfi fudhatu hin mul’atu.
9. Heera ABO aangoo 23, lakk. 23.7 irratti qaama dhaabaa hunda irratti nama ramaduu,
irroomsuu fi jijjiiruun aangoo Shanee gumiiti jedha. Faallaa kanaa garuu qaama
dhaabaa kan biyya keessaa fi alaa murteedhuma nam tokkoon raawwata. Gaafa
muudamus gaafa ka’us hin beekamu. Fakkeenyaaf dubbii himaa ABO-WBO Odaa
tarbii ta’uu sab-quunnamtii irratti qofa muldhatus kaafamuu fi hojjechaa jiraachuun
hin beekamu. Akkasumas Aadde Najaat Hamzaa muudama ishee akka dhagaa’ameen
osoo hin turiin afuurri dhabame. Tarkaanfii fi murtiin akkasii heera waan hin
bu’uureffanneef jaarmiyaa hojii daa’imaa godhuuf agarsiiftuudha.
10. Seera Naamusaa fi Dambiin adabaa lakk. 5.1.15 garaagarummaa kamuu humnaan
ykn karaa seera ala ta’een furuu ni dhorka. Ta’us faallaa seera kanaa garaagarummaa
moora qabsoo keessa jiru furuuf waraanni labsamaa jira. Fakkeenyaaf waldhabdee
Zooniin lixaa Faqqadaa, Guutu, Eebbisaa fi fottoqtoota kaan waliin qaban humnaan
furuuf jaallan gidduutti aarsa taate hedduudha. Waldhabdee Shawaa bahaa fi Kibba
baha keessa jirus yaalii humnaan furuuf godhaniin gaaga’amni Mooraa Qabsoo
Oromoo qaqabaa jira. Garaagarummaa Zoonii Giddu Galaa waliin qaban furuuf
marsaa shaniif duulli waraana zoonii lixaan gaggeeffamaa jira. Murtee bu’uura
seeraa cabseen gaaga’amni mooraa qabsoo irra gahaa jiru callisuun gaafatama jalaa
nama hin baasu.
11. Heerri ABO aangoon 13 miseensi kamuu tokkummaa fi gurmuu Uummata Oromoo fi
dhaaba isaa eeguuf dirqama qabaachuu himus wanti Dirree Oromiyaa fi hawaasa
Oromoo biyya alaa keessatti miseensa ABO-WBO’n ta’aa jiru faallaadha. Keessattuu
Horroo Guduruu, Jibaat, Dirree Incinnii, Wallagga bahaatti tarkaanfii Waraanni Zoonii
Lixaa uummata irratti fudhatuun uummanni qabsoo Oromoo jibbuu haga
diinomuutti deemaa jira. Hawaasni Oromoo biyya ambaas hololaa fi diigumsa
Jaarmiyaan ABO-WBO fi ajajaan Olaanaa godhaa jiruun sadarkaa qabsoo WBO irraa
abdii kutachuun oldeebi’e jiruusaa gaggeeffachuutti jira. Kunis gaafatama qabaachuu
male.
12. WBOn dhiheessii Dugda diinaa fi uummata isaarraa argata. Uummata bifa jaarmiyaa
hawaasaan ijaaramee qabsoo isaa cinaa jiru diiguu, hamilee buusuu fi yakkuun
gargaarsi dinagdee to’achuuf ture. Haala kanaan yeroo garagaraatti waraana lolarra
tureef rakkoon maallaqaa mudataa jira. Furmaata waaraa barbaada.
13. Mooraa Qabsoo Oromoo keessatti ilmaan Oromoo lubbuu isaani qaalii saba isaaniif
kennuuf bahan murtee dabaan ykn Shiraan as buuteen isaani dhabameera. Jaallan
kunniin takkaan dirree irratti ajaja qondaalota oliin yoo wareegaman kaan harka
diinaa bu’ani. kaanis tarkaanfii suukaneessaa of irratti fudhatan. Jaal Tokkichoo, Jaal
Mohii, Jaal Fiiga, jaallan hedduu zoonii Lixaatti, jaallan Kibba bahaa fi Zooniilee
hunda keessatti raawwate qoratamee gaafatamni bahuu male.
Qabxiileen 13’n armaan oliitti kaafame kun rakkoo Mooraa Qabsoo Oromoo keessa jiru
tolchee muldhisus qabxiileen osoo hin ka’iin hafe hedduudha. Rakkoolee moora qabsoo
keenyaa jeeqaa jiruuf sababni heeraa fi seera dhaabaa irraa maquu waan ta’eef, tarkaanfiin
Mooraa Qabsoo Oromoo daandii heeraa fi seeraatti deebisu oole osoo hin buliin
fudhatamuu akka qabu waamicha goona.
Rakkoo Belbeltuu hatattamaan dhaabbachuu qabu
Kora Zoonii Lixaan booda yaaliin Zoonii Giddu galaatti Marsaa Shaniif duulsisaa jiru
hundeerra furamuu hafee badii uumameefis qaamni gaafatamu dhibee dhoqqee tokkicha
marsaa shaniif borcaa jirra! Marsaalee arfan darban rakkoo keessoo keenyatti furanna
jechuun itita mooraa qabsoo Oromoof aarsaa guddaa kanfalle. Aarsaan kun hundi qaama
karoorfatee dalaguuf gatii akka hin arganne duula qindaa’aa marsaa shanaffaaf tibbana
baname irraa argine.
Caasaa dhaaba KHR, GS, Zooniilee 8tanii fi qubsumni waraanaa akka mooraa qabsoo
keessatti yakka bu’uura heeraa fi seeraa malee dalagsiisuu isaan dandeessisutti tolfamuu
taatee duula marsaa shanaffaa kanaan walqabatee dhufurraa hubanne. Fakkeenyaaf ajaja
jaal Fiigaa ajjeesuu, murtee Jaal Shurrubbee Dhabamsiisuu ykn Zoonii lixaaf dabarsanii
kennuu, ajaja Jaal Jirranus rukuchiisuu, duula birgeedota zoonii lixaa zoonii Giddu galaatti
duulsisuu, tarkaanfi faalla murtee KHR hojiirra oolchuu, adeemsa seeraan ala duula nama
nyaaphessuu, duula holola qindaa’aa namarratti oofsisuu fi kkf agarsiiftuudha.
Gaaga’ama wareegamuu Jaal Fiigaan walqabatee ka’u xiqqeessuu fi daandii furmaata
kaa’uuf KHR Adoolessa 16 fi 17/2024 taa’een murtii ‘Birmannaa fi lolaaf birgeedonni Zoonii
lixaatii dhufan qubsuma isaaniitti akka deebi’an, Birgeediin Qeerransoo bosona Jibaatii
gaditti deemsa sa’aati sadii yoo fagaatu, waraanni Zoonii GG bosona Jibaatii olitti deemsa
sa’aatii sadii olii qubatanii furmaata waaraa akka eegan, rakkoo kana KST saffisaan akka
qoratu’ murteessee ture. Ta’us murtee kana faallessuun waraanni Lixarraa humnaan dhufe
waldhuunfachuun adamoo jaallanii eegale. Jaal Fiigaa fi taakiyoota isaa bakka tokkotti fixuu,
ajjeesanii fannisuu, itti dhiichisuu fi erga baga gammaddanii walii dabarsuutti dabalee humni
waldhuunfate kun Jaallan hedduu ija uummataa duratti ajjeesan, fannisan, billaanillee
qalan.
Taatee kanaan qaamni miira keessa hin galle hin turre. Bilbila qondaalotaa buchisiisuun
haasaa miira kanaan walqabatee dubbatame walitti funaananii nama yakkuu fi nama
diinomsuun yakka ofii dalaganii fi sagantaa ofii golguun ala waan haara miti. Korri
qondaalota WBO sadarkaa Abbaa Buttaati ol jiran hunda hirmaachise Adoolessa 22,2024
taa’amee ture. Kora kana irratti haasaa ciccitaa waraabame dhageessisaa, Jaal Marroon
haasaa kana irratti xiinxalaa fi tilmaama isaa kennuun hirmaattota kora kanaa ‘Brain wash’
godhuun qondaalota kana diinomsuu fi yakkuun murtee dabaaf affeeran. Hirmaattonni
gaaffii akka hin gaafanne, kan gaafate deebii dhabuun, yaada ugguruun, Marroon xiinxalaa fi
tilmaama erga kennee ajaja dabarsee kora sana keessaa baqachuun Shira ta’e jedhee itti
yaadamee raawwate jennee fudhanna.
Heera ABOs ta’ee Seera Naamusaa fi Dambii adabaa keessa shakkamaa to’achuufis ta’ee
murtee akkasii kennuuf bu’uurri heeraa fi barsifanni akkasii hin jiru. Taatee kana booda
duula hololaa, ajaja waraana Zoonii GG dhuunfachuu fi qondaalota kana seeratti dhiheessu
jedhuun Zooniin lixaa marsaa shanaffaaf lola banee jira.
Waggoota lamaan darbeef duula lolaa fi hololaa dura kan dhaabbanne heeraa fi seera
dhaabaan ala yakki dalagamaa jiru haa dhaabbatu jechaa har’a qaama shakkamee fi badii
seeraa dalage kamuu hin golginu. Haa ta’u malee adeemsa seeraan ala shira siyaasaa
dalaganii sagantaa marsaa shaniif yaalan milkeessuuf kan deeman yoo ta’e har’as akkuma
kaleessaa heeraa fi seera irbuu itti seenne dhiigaa fi lafee keenyaan tiksina.
Seerrii fi Dambiin adabaa lakk. 5.2.8 miseensi ABO shira miseensaa fi dhaaba irratti yaadame
osoo arganii callisuu akkuma dhoorku; lakk. 5.1.26 ‘maal na dhibeen’ oggaa balaan
miseensaa fi dhaaba irra gahu callisanii ilaaluun miseensa dhaabaa, keessattuu qondaalota
WBO zooniilee hunda keessa jiran gaafatama jalaa hin baasu.
Sagantaa Siyaasaa kaleessa ilaallee manaa baane; heera, Seera, alaabaa fi rasaasa qabannee
dhiigaa fi lafee jaallaniin irbuu seenne kabajnee kabachiisuuf tarkaanfii barbaachisu kamuu
kan fudhannuu fi adeemsa kana keessatti gaaga’ama uumamuuf gaafatama kan hin
fudhanne ta’uu qaamni dhimmi ilaalu hundi beeku qaba.
Injifannoon Uummata Oromoof!
Nagaa wajjin!
Qondaalota Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu galaa irra