Milkii Media Network

Qophiin eebba Kitaaba Hin gabbuu guyya kalee oromiya xiqqoo magaala lakkuu titti bifa miidhagaan geggeeffame oleera.
01/12/2025

Qophiin eebba Kitaaba Hin gabbuu guyya kalee oromiya xiqqoo magaala lakkuu titti bifa miidhagaan geggeeffame oleera.

01/11/2025

Eebba Kitaaba Hin Gaabbu Magalaa lakkuutti

Atileet Lemecha Girma  dubare Selam Getaachoo waliin ji'a kanatti ciidha godhachuuf qophii xumuranni jiru.Gotichii  Olom...
01/11/2025

Atileet Lemecha Girma dubare Selam Getaachoo waliin ji'a kanatti ciidha godhachuuf qophii xumuranni jiru.

Gotichii Olompikii Tookiyoo bara 2020 fiigicha meetira 3,000 steeplechase meedaaliyaa meetii kan argate atileet Lemecha Grama fudhuuf Maddeen amanamoo akka nutti himanitti ji'a kanatti 18/05/1917 ALH. Magaala Asalaatti akka ciidha godhu oddeeffannoo arganee jira.

Ciidha kana irratti Atileetonni, leenjistoonni, fi hoggantoonni federeeshinii keessummoota guyyaa kanaa ta'u.

Oduu kanaan walqabatee, atileet Haayilee Gebreslaase, sirna suuraa Hoteela Haayilee Giraandiitti gaggeeffamee fi kaffaltii kuma 100 ol kan gaafatu baasii guutuu uwwiseera jira .

Lamaan keessaniifu gaa'ela gammachuu isiniif hawwina.

Qophiin Eebbaa Kitaaba Hin Gaabbuu Guyyaa boruu January 11-2025 Magalaa lakkutti geggeffama qophiin kan itti jalqabu waa...
01/11/2025

Qophiin Eebbaa Kitaaba Hin Gaabbuu
Guyyaa boruu January 11-2025 Magalaa lakkutti geggeffama qophiin kan itti jalqabu waaree booda yeroo sa’atii 12:30tti.

Kirkira lafaan manneen barnootaa 37’rraa miidhaan qaqqabuun ibsameNaannoo Afaaritti kirkira lafaa mudateen manneen barno...
01/09/2025

Kirkira lafaan manneen barnootaa 37’rraa miidhaan qaqqabuun ibsame

Naannoo Afaaritti kirkira lafaa mudateen manneen barnootaa 37 irra miidhaan qaqqabuu Biiroon Barnootaa naannichaa ibse.

Hogganaan Biirichaa Obbo Abduu Hasan Faanaa Dijitaaliif akka ibsanitti, miidhaa balichaan manneen barnootaa 21 guutummaatti kan miidhaman yoo ta’u, 16 ammoo gartokkeen miidhamuu ibsaniiru.

Barattoonni barnoota isaaniirraa akka hinhafneef sadarkaa naannootti koreen hundeeffamuun hordoffii fi deeggarsi taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.

Miidhan qaqqabe manneen barnootaa Aanaalee Fantaallee, Dulaasaa fi Haanruukaatti argamanirra ta’uun ibsameera.

Naannoo Afaar Awaashii fi naannawichatti kirkirri lafaa Reektar Iskeelii 5.3 galmeesse mudachuun ni yaadatama.

01/08/2025

Sirba haaraa yaadannoo 1886!

Obbo Bulchaa Dammaqsaan du'aan addunyaa kanarraa boqotan  Gameessa siyaasaa fi qabsa’aa, akkasumas hayyuu diinagdee kan ...
01/06/2025

Obbo Bulchaa Dammaqsaan du'aan addunyaa kanarraa boqotan

Gameessa siyaasaa fi qabsa’aa, akkasumas hayyuu diinagdee kan turan Obbo Bulchaa Dammaqsaan umurii isaanii 94’tti du’aan addunyaa kanarraa boqotan.

Obbo Bulchaan bara Haayilasillaasee kaasee siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmaannaa taasisaa kan turan yoo ta’u, waggoota 20 dura paartii Sochii Dimokraatawaa Federaalawaa Oromoo ( ) hundeessuun beekamu.

Gama diinagdeetin waggaa 30 dura bara 1994 baankii dhuunfaa yeroo ammaa kana biyyattii keessatti milkaa’inaan maqaan isaa ka’u hundeessuun, boodarras hoji gaggeessaa baankichaa ta’uun tajaajilaniiru.

Kana malees miseensa boordii Baankii Addunyaa, akkasumas Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ( ) keessatti ogeessaa diinagdee ta’uun tajaajilaniiru.

Haala siyaasaa biyyattii ilaalchisees yaada yeroo garaagaraa paarlaamaa fi waltajjiiwwan irratti ibsaniin alattis, kitaabootas barreessuun seenaa beekan dhaloota dhufuuf akka darbu taasisaa turaniiru.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad ergaa gaddaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanirratti dabarsaniin, “waan danda'an hundaan biyyasaanii fi Afrikaa kan tajaajilan, ejjennoo isaaniitiin cimaa, ummattoota walitti dhiyeessuuf kan dhama'an turani” jedhan.

Kirkira Lafaa Gurguddoo Mudatan Shan!Jaarraa 21ffaa keessatti kirkirawwan lafaa gurguddoodha jedhaman bara 2004 keessa I...
01/04/2025

Kirkira Lafaa Gurguddoo Mudatan Shan!

Jaarraa 21ffaa keessatti kirkirawwan lafaa gurguddoodha jedhaman bara 2004 keessa Indoneezhiyaa keessattiifi bara 2011 ammoo Jappaan keessatti kan uumanidha. Kirkirawwan lafaa kunneen lamaanuu Reektar iskeelii 9.1 akka ta'an galmaa'eera.

Kirkirri lafaa Odola Indoneezhiyaa qarqara lixaatti argamtu Sumaatraa jedhamtutti mudate kana ni caalayyu ture.

Sunaamiin sababa kirkira lafaa kanaan uumame Kibba Eeshiyaafi Afrikaa Bahaa keessatti walumaagalatttti biyyoota 14 miidheera. Namoonni Kuma 17 lubbuu isaanii dhabanii, miliyoona 2.3 kan ta'an ammoo miidhaan irra gaheera.

Kirkirri lafaa Turkiifi Sooriyaa keessatti qaqqabes kirkirawwan lafaa hamoo 20 jaarraa kana keessa qaqqabanitti ramadamu.

Bara 2015 ammoo kirkirri lafaa sadarkaan isaa 7.8 Neppaal keessatti qaqqabee namoota 9,000 galaafatee ture.

Baayyina nama ajjeeseetiin yoo ilaalamu kirkirri lafaa bara 2010 Hayitii keessatti qaqqabe isa hunda caalaa hamaadha.

Akka daataa Ji'oloojikaal Sarvayii UStti, kirkirawwan lafaa gurguddoon shanan galmaa'an isaan itti aanan kanadha:

1. Chiilii
Hanga: 9.5

Halkan gaafa Caamsaa 22, 1960, Chiiliin kirkira lafaa baayyisee guddaadah jedhameen rukkutamte. Kun ammoo biyyattiirratti miidhaa cimaa qaqqabsiiseera.

Kirkira lafaa yeroo sanatti qaqqabeen namoonni 1,600 dhamanii 3,000 madaa'anii ture. Kirkirri lafaa kun mancaatii qaqqabsiiseen, Chiiliin qabeenya dolaara miliyoona 550tti tilmaamamu akka dhabdu godhe.

Kirkira lafaa kana hordofee ammoo sunaamiin dhalatee Hawaahii keessatti namoota 61, Jappaan keessatti namoota 138, akkasumas Filiippins keessatti ammoo namoota 32 akka lubbuun darbe gabaafameera.

2. Alaaskaa (USA)
Hanga: 9.2

Kirkirri lafaa kun Bitootessa /28/1964 kan mudatee sunaamii hordofsiise kun lubbuu namoota 131 galaafatee ture. Dabalataanis qabeenya dolaara biliyoona 2.3tti tilmaamamu mancaaseera. Kirkirri lafaa kun magaalota Ameerikaa baayyeekeessatti dhaga'amee ture.

3. Sumaatiraa (Indoneezhiyaa)
Hanga: 9.1

Mudde 26, bara 2004, ganama barii saatii 12 fi daqiiqaa 58 irratti kirkirri lafaa guddaan qarqara lixa odola Sumaatraa Indoneezhiyaa keessatti mudate.

Sunaamiin kirkira lafaa kana hordofeeuumame ammoo kibba Eeshiyaafi Baha Afrikaa dabalatee biyyoota 14 miidheera.

Namoonni kuma 17 lubbuu isaanii dhabanii, miliyoona 2.3 kan ta'an ammoo miidhaan irra gaheera.

4. Honshuu (Jappaan)
Hanga: 9.0

Adoolessa 3/2011 Sunaamiin kirkira lafaa uumame hodofee qarqara baha Honshuu, Jappaanitti qaqqabe namoota 15,700 galaafate. Kirkirri lafaa ammoo lubbuu namoota 4,600 galaafatee 5,300 ammoo miidhaa irraan gaheera.

Walumaagalatti kirkira lafaafi sunaamii isa hordofee uumameen namoonni miliyoona 1.3ol ta'an mana malee hafanii, manneeniifi gamoowwan miliyoona sadii ta'an ammoo diigamaniiru.

Miidhaan qaqqabe kun Jappaan akka dolaara biliyoona 309 dhabdu taasiseera.

5. Kamchatkaa (Raashiyaa)
Hanga: 9.0

Eebla 11/1952 keessa kirkirri lafaa mudachuu hordofee tsunaamiin Galoo-galaanaa Baha Fagoo Raashiyaatti argamtu Kamchaatkaa keessatti qaqqabe. Bakki sun namoonni walirraa faffagaatanii waan jiraataniif namoota muraasa qifatu miidhame.

Haata'u malee, sunaamii uumame sun Yunaayitid Isteet, Hawaahii keessatti miidhaa dolaara miliyoona tokkotti siqu akka manca'uuf sababa ta'eera.

Egaa balaan Kirkira lafaa akkasi. Kan biyya keenyaa hammi isaa dabalaa jira. Rabbiin kanumaan gahe nuun haa jedhu.Balaan xiqqaa hin qabu.Hundaa ol garuu yeroon yeroo itti qoosan, jal'inaan walirratti ka'an, walballeessuuf deeman osoo hin ta'in yeroo Waaqa araara kadhatan, garaa dhiifamaan waliin jiraatan, galgala ofii tolfatanidha.

Godina Arsii lixaa Aanaa Siraarootti barmaatilee miidhaa daa'immaanii fi dubartootaa irratti geessisan hambisuuf  tumaan...
01/02/2025

Godina Arsii lixaa Aanaa Siraarootti barmaatilee miidhaa daa'immaanii fi dubartootaa irratti geessisan hambisuuf tumaan seeraa tumame.

Godinalee fi Magaaloni keenyaa hundii sochii kana itti fufisisuu qaba!!

Hordoftoonni   Media hundi keessan baga bara 2025 geessan. Barri bara nagaa fi milkii hunda keenyaaf haa ta’u!
01/01/2025

Hordoftoonni Media hundi keessan baga bara 2025 geessan. Barri bara nagaa fi milkii hunda keenyaaf haa ta’u!

USA tti   39ffaa  Ameerikaa kan ture Pres.Jiimii Kaarter umrii waggaa 100tti du'aan addunyaa kanarraa bochuun isaanii ga...
12/30/2024

USA tti 39ffaa Ameerikaa kan ture Pres.Jiimii Kaarter umrii waggaa 100tti du'aan addunyaa kanarraa bochuun isaanii gabaafame.

Naannoo Amaaraatti hidhattoonni FAANNOO waamicha nagaa  fudhachuun galaniifi Leenjii haaromsaa fudhachuuf  giddu gala le...
12/29/2024

Naannoo Amaaraatti hidhattoonni FAANNOO waamicha nagaa fudhachuun galaniifi Leenjii haaromsaa fudhachuuf giddu gala leenjii Baatii Burqaa galaa jiran

  Godinichatti bu'aa damee turizimiitiin argamu guddisuuf xiyyeeffannaan hojjatamaa jiraachuu himame.=====Godina Baaleet...
12/25/2024

Godinichatti bu'aa damee turizimiitiin argamu guddisuuf xiyyeeffannaan hojjatamaa jiraachuu himame.
=====
Godina Baaleetti baatiiwwan 6 kanatti yaa'iinsa turistootaa irraa galiin qarshii miliyoona 47 ol tajaajila adda addaarraa kan argame ta'uusaa waajjirri Aadaafi Turizimii godinichaa beeksise.

Ittigaafatamtuun Waajjirichaa Aadde Hindiyyaa Huseen, godinni Baalee godina turistoonni biyya keessaafi alaa baay’inaan daaw'ataniidha jedhan.

Haaluma kanaan, baatiiwwan 6 dabranitti turistoonni biyya keessaafi alaa kuma 35 ol iddoowwan hawwata turizimii godinichaa kan daaw'atan ta'uu himan.

Yaa'iinsa turistootaa kanarraayis galiin qarshii miliyoona 47 ol tajaajila adda addaarraa kan argame akka ta'es dubbatan.

Godinichatti bakkeewwan uumamaafi seena qabeeyyii turizimiif oolan babal'isuuf carraaqqiiwwan garagaraa taasifamaa jiraachuus eeran.

Kominikeeshinii Godina Baalee

Baankiin Addunyaa liqii miliyoona $700 seektara baankiifi faaynaansii "cimsuuf" oolu raggaasise====================Baank...
12/23/2024

Baankiin Addunyaa liqii miliyoona $700 seektara baankiifi faaynaansii "cimsuuf" oolu raggaasise
====================
Baankiin Addunyaa liqiin miiliyoona $700 gurmaa’insa haaraa baankii daldaa, sirreeffama faayinaansii baankii biyyaalessaafi baankii misoomaatiif oolu raggaasise.

Liqiin Baankii Addunyaa taasise kuni seektara faaynaansii Itoophiyaa utubuuf oola jedhame. Maallaqichi gurmaa’insa baankii daldlaa tumsuu, baankii biyyaaleessa mmayyeessuufi baankii misoomaa jijjiiruuf oola jedhame.

Paarlaamaan Itoophiyaa birrii biliyoona 54.6 baankii daldalaa jabeessuuf oolu raggaasisuun ni yaadatama.

Waajjirri Muummeen Koongireesii Federaalawaa Oromoo Haaraan Eebbifamee jira***************************Waajjirri muummeen...
12/22/2024

Waajjirri Muummeen Koongireesii Federaalawaa Oromoo Haaraan Eebbifamee jira
***************************
Waajjirri muummeen Koongireesii Federalawaa Oromoo(KFO) haaraan naannawaa Addababayii Qabbannaatti baname eebbifame.

Waajjirri KFO duraan Caffee Aannanii (Meeksikoo) ture sababa misooma koridariitiin gara gamoo naannawa Addababayii Qabbannaa buufata raabsa boba’aa cinaa argamutti jijjiramee jira.

Waajjirri haaraan kun Dilbataa har'aa Mudde 13/2017 ALI waaree booda sa’aa 8:00 irraa eegale sirna hoo’aan bakka hoggantoota, miseensota keenyaa fi hooggantoota Gamtaa Paartilee Morkattootaa (Caucus of Opposition Parties) argamanitti sirna hoo'aan eebbifame.

Sagantichi akka adaaa Oromootti eebbaa maanguddootaatiin kan eegale yoota'u, haasaa hooggantootaa, marii miseensotaa, akkasimas gumaacha KFO kan irratti gaggeeffameedha.

Waltajjii kana irratti dura taa'aan KFO Prof. Mararaa Guddinaa ergaa dabarsaniin biyyi teenya yeroo ammaa rakkoo hamaa keessa jiraachuu ibsanii rakkoon nageenyaa hunda dura furmaata atattamaa argachuu akka qabu himan. Kanaaf immoo rakkoolee siyaasa walwaraansatti geessan mariin furuun akka barbaachisu dhaaman.

Fedhiin ummata Oromoos ta'e sabaaf sablammoota Itoophiyaa guutuu, Nagaa Waaraa, Sirna Diimokraasii Cimaa fi Diinagdee Guddate argachuudha kan jedhan yoo ta'u; kana galmaan gahuuf KFO dabalatee gamtaan paartilee morkattootaa qabsoo isaanii cimsanii akka itti fufan ibsanii jiru.

Ergaa hooggantoonni paartilee morkattootaa dabarsaniin, cunqursaa ummata irra gahaa jiru qolachuuf gamtaa isaanii daran akka cimsanii fi ummata guutuu ofcinaa hiriirsuun akka falmii isaanii cichoominaan itti fufan ibsanii jiru.

Haala yeroo biyyi keenya keessa jirtuu fi kallattii qabsoo itti aanu irratti mariin baldhaan gaggeeffame jira. Haaluma kanaan biyyi Itoophiyaa balaa waraanaa, kufaatii diinaggee, gaaga'ama hawaasummaa hamaa keessa jiraachuu isheeti fi carraa diigamaa itti deemaa jirtu irraa baraaruun hunda dursa kan xiyyeeffannoo argachuu qabu ta'uun himamee jira.

Waltajjii kana irratti miseensonnii fi deeggartoonni KFO akkasumas paartileen morkattootaa, KFO cimsuuf gumaacha maallaqaa fi meeshaa laatanii jiru.

Mariin biyyaalessaa nagaa waaraa lammiilee mirkaneessuuf barbaachisaadha-Miseensota WBOMariin biyyaalessaa nagaa waaraa ...
12/22/2024

Mariin biyyaalessaa nagaa waaraa lammiilee mirkaneessuuf barbaachisaadha-Miseensota WBO

Mariin biyyaalessaa nagaa waaraa lammiileef fiduuf barbaachisaa ta’uu miseesonni Waraana Bilisummaa Oromoo mootummaa waliin waliigaltee nageenyaa mallatteessan himan.

Miseensonni Waraana Bilisummaa Oromoo walii galtee nagaa mootummaa waliin mallatteessan waltajjii marii ajandaa walitti qabuu qooda fudhattoota naannoo Oromiyaarratti hirmaachaa jiru.

Qondaalli Waraana Bilisummaa Oromoo dhiyeenya mootummaa waliin waliigaltee nageenya mallatteessan Jaal Sanyii Nagaasaa waltajjicharratti haasawaa taasisaniin, mariin biyyaalessaa kan barbaachiseef lammiileef nagaa waaraa fiduufi jedhan.

Nageenyi waaraan kan mirkanaa’us garaagarummaa jirurratti mari’achuu fi waan sabaaf ta’u irratti yoo waliigalleedha jedhaniiru.

Marichi guutuu kan ta’uu qooda fudhattoonni hundi gama hundaan yoo hirmaatan ta’uus kaasaniiru.

Garaagarummaa yaadaa bilisaan dhiyeessuun karaa dimokiraatawaa ta’een wal mormuu fi mariin gabbisuun yaadota lammiileef bu’aa qaban yoo dhiyaatan marichi milkaa’as jedhan Jaal Sanyii Nagaasaan.

Milkaa’ina marichaaf hunduu tumsuu akka qabus dhaamuu ragaankomisninii marii biyyaalessaarraa argame ni mul’isa.

Nageellee Booranaatti Miseensonni WBO karaa nagaan galan simatamanGodina Boorana Bahaa Magaalaa Nageellee Booranatti Mis...
12/22/2024

Nageellee Booranaatti Miseensonni WBO karaa nagaan galan simataman

Godina Boorana Bahaa Magaalaa Nageellee Booranatti Miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) karaa nagaan galaniif simannaan taasifamuun eerame.

Waamicha Uummataa fi waliigaltee WBO fi Mootummaa gidduutti mallattaa’e bu’uureffachuun Ajajaa Olaanaa Cibraa Soddom Boroo Jaal Daawwaa Gannaalee fi Miseensonni WBO 26 ta'aan karaa nagaan galuu ragaan kominikeeshinii godiichaarraa argame ni mul’isa.

Jaarsoliin biyyaa, Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee fi hawaasni, miseensota galaaniif simannaa ho’aa taasisuun himameera.

Address

695 Sherbune Avenue
Saint Paul, MN
55104

Telephone

+17633471680

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Milkii Media Network posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Milkii Media Network:

Videos

Share

Category