Markaba Jaalalaa

Markaba Jaalalaa "Rakkoo jaalalaatif furmaata." Invite ur friends...�� Jaalalaan Bashannanuu yoo barbaadan fuula Markaba Jaalalaa like(Jaalladha)godha.��

🤔🤩  🤩🤔■𝐈𝐥𝐦𝐚 𝐧𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐧𝐚𝐦𝐚 𝐛𝐚𝐚𝐲’𝐞𝐞 𝐡𝐢𝐧 𝐡𝐚𝐚𝐬𝐨𝐟𝐧𝐞𝐭𝐮 𝐣𝐢𝐫𝐚, 𝐠𝐚𝐫𝐮𝐮 𝐲𝐨𝐨 𝐝𝐮𝐛𝐛𝐚𝐭𝐞 𝐣𝐞𝐜𝐡𝐢 𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐦𝐢’𝐚𝐚𝐰𝐚𝐚 𝐲𝐨𝐨𝐦𝐮𝐮 𝐡𝐢𝐧 𝐝𝐚𝐠𝐚𝐭𝐚𝐦𝐧𝐞!.■𝐍...
06/28/2024

🤔🤩 🤩🤔

■𝐈𝐥𝐦𝐚 𝐧𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐧𝐚𝐦𝐚 𝐛𝐚𝐚𝐲’𝐞𝐞 𝐡𝐢𝐧 𝐡𝐚𝐚𝐬𝐨𝐟𝐧𝐞𝐭𝐮 𝐣𝐢𝐫𝐚, 𝐠𝐚𝐫𝐮𝐮 𝐲𝐨𝐨 𝐝𝐮𝐛𝐛𝐚𝐭𝐞 𝐣𝐞𝐜𝐡𝐢 𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐦𝐢’𝐚𝐚𝐰𝐚𝐚 𝐲𝐨𝐨𝐦𝐮𝐮 𝐡𝐢𝐧 𝐝𝐚𝐠𝐚𝐭𝐚𝐦𝐧𝐞!.

■𝐍𝐚𝐦𝐚 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐦𝐚𝐥𝐞𝐞 𝐡𝐚𝐚𝐬𝐚𝐰𝐚 𝐡𝐞𝐝𝐝𝐮𝐦𝐦𝐞𝐞𝐬𝐬𝐮𝐭𝐮 𝐣𝐢𝐫𝐚, 𝐠𝐚𝐫𝐮𝐮 𝐡𝐚𝐚𝐬𝐨𝐟𝐧𝐢 𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐡𝐮𝐧𝐝𝐮𝐮 𝐎𝐝𝐮𝐮 𝐲𝐨𝐨𝐦𝐮𝐮 𝐡𝐢𝐧 𝐲𝐚𝐚𝐝𝐚𝐭𝐚𝐦𝐧𝐞!.

■𝐍𝐚𝐦𝐚 𝐲𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐛𝐚𝐚𝐲’𝐞𝐞 𝐡𝐢𝐧 𝐦𝐮𝐥𝐝𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐭𝐮 𝐣𝐢𝐫𝐚,𝐠𝐚𝐫𝐮𝐮 𝐤𝐚𝐧 𝐲𝐨𝐨𝐦𝐮𝐮 𝐡𝐢𝐧 𝐝𝐚𝐠𝐚𝐭𝐚𝐦𝐧𝐞!.

■𝐊𝐚𝐧 𝐠𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚𝐧 𝐡𝐢𝐧 𝐝𝐡𝐨𝐤𝐚𝐧𝐧𝐞𝐭𝐮 𝐣𝐢𝐫𝐚, 𝐠𝐚𝐫𝐮𝐮 𝐤𝐚 𝐮𝐟 𝐝𝐮𝐮𝐛𝐚 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢'𝐞𝐞 𝐡𝐢𝐧 𝐲𝐚𝐚𝐝𝐚𝐭𝐚𝐦𝐧𝐞!.

■𝐍𝐚𝐦𝐚 𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐱𝐢𝐪𝐪𝐨𝐨 𝐝𝐚𝐥𝐚𝐠𝐞𝐞 𝐠𝐨𝐜𝐡𝐢 𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐲𝐨𝐨𝐦𝐮𝐮 𝐡𝐢𝐧 𝐝𝐚𝐠𝐚𝐭𝐚𝐦𝐧𝐞𝐭𝐮 𝐣𝐢𝐫𝐚.

■𝐍𝐚𝐦𝐚 𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐠𝐮𝐝𝐝𝐚𝐚 𝐝𝐚𝐥𝐚𝐠𝐞𝐞, 𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐝𝐚𝐥𝐚𝐠𝐞 𝐡𝐮𝐧𝐝𝐚𝐚 𝐧𝐚𝐦𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐡𝐢𝐦𝐮, 𝐠𝐚𝐫𝐮𝐮 𝐤𝐚𝐧 𝐝𝐚𝐥𝐚𝐠𝐚𝐚𝐧 𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐡𝐢𝐧 𝐲𝐚𝐚𝐝𝐚𝐭𝐚𝐦𝐧𝐞𝐭𝐮 𝐣𝐢𝐫𝐚.

■𝐍𝐚𝐦𝐚 𝐰𝐚𝐚 𝐱𝐢𝐪𝐪𝐨 𝐝𝐨𝐠𝐨𝐠𝐠𝐨𝐫𝐞𝐞 𝐝𝐨𝐠𝐨𝐠𝐠𝐨𝐫𝐫𝐢 𝐢𝐬𝐚𝐚 #𝐦𝐚𝐝𝐚𝐚 𝐲𝐨𝐨𝐦𝐮𝐮 𝐡𝐢𝐧 𝐪𝐨𝐨𝐫𝐫𝐞 𝐭𝐚’𝐞𝐞 𝐡𝐚𝐟𝐮𝐭𝐮 𝐣𝐢𝐫𝐚.

■𝐍𝐚𝐦𝐚 𝐡𝐞𝐝𝐝𝐮𝐮 𝐝𝐨𝐠𝐨𝐠𝐠𝐨𝐫𝐞𝐞 𝐠𝐚𝐫𝐮𝐮 𝐝𝐨𝐠𝐨𝐠𝐠𝐨𝐫𝐫𝐢 𝐢𝐬𝐚𝐚 #𝐆𝐚𝐚𝐫𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐝𝐚𝐠𝐚𝐭𝐚𝐦𝐮𝐭𝐮 𝐣𝐢𝐫𝐚.

Gaarummaa!!~~~~~~Gaarii jechuun tun waan tolaafii Dadaa, waan milkiifii dagaaginaa, waan jaalalaafii kabajaa, waan arjum...
06/14/2024

Gaarummaa!!
~~~~~~
Gaarii jechuun tun waan tolaafii Dadaa, waan milkiifii dagaaginaa, waan jaalalaafii kabajaa, waan arjummaafii gootummaa, Ee....waan Akka aantummaafii waliif naasuu qabaachuu Waan akkanaa fii kan biraa irratti sadarkaa yaadaafii ilaalchaa irraa eegalee hanga gochaafii hojamaataatti namni waliin jireenya keessatti waliif tinnisuu jechuudha. Gaarummaan tun roga tokkoon ykn kallattii tokko qofaan kan ibsamuu miti.

Waan tolaafii gaarii yaaduun Lafa kana gubbaa qofaa mitii, Waan du,'a boodallee hojii ilma namatti gatii godhuudha. Walitti hidhaminsa namaa keeysatti akkasumaas Walii galteen tarkaanfachuu keeysatti iccitiin walitti hidhaminsa sun gaarii waliif yaaduudha. Gaaroominni Kun jaalalaaf caayaa, Hoggaa tahu Guddinaaf ammoo uuda. Hawaasni abshaalummaa qabu, karaa dhaloota guddisuu irratti waliif gala. Gaarummaan dhunfaan Namoota irraa ka'ee walitti cophaa guddata. Hawaasa keessatti namoonni gaarii yaadan gaaroomina hoj-maataan geeddaranii dhaloota Waan gaarii yaaduufii waliiniis waliifiis gaarii hawwan oomishan yoo if dagannaan dagataniifii dagataman , gaarummaan haphatteeti, gowwummaan Wal xiqqeessuufii Wal salphisuu goobdi. Kanaafuu karaa gaarii tahe irratti waliin deemuuf ilaalcha gaariifii jaalalaatiin waliif irkoo tahuun namoota boru Maqaan isaanii Waan gaariin ka'u haa taanu. Waliif dhaamuuniis gaarummaadhaa dhandhamadhaa.
Raabaa Doorii

05/27/2024

Dhiirti ammaa yoom wal agarraa malee yoom wal fuuna siin hin jattu! 😫

05/23/2024

Intala dubraatiif:-
Waan Waggaa Digdamman Dabre Mana keessanitti hin argatin, Heerumtee guyyaa digdamatti Abbaa manaa keetirraa hin eegin...

منقول

  gaayelaaf hin taane (Women who can't maintain marriage🙄🤔)✏°°°°°°°°°°Gaayela milkaa'aa fi itti fufiinsa qabu uummachuun...
05/22/2024

gaayelaaf hin taane (Women who can't maintain marriage🙄🤔)
✏°°°°°°°°°°
Gaayela milkaa'aa fi itti fufiinsa qabu uummachuun salphaa miti. Namoota tokko tokkoof yoo danda'ameyyuu kaanif hawwii galma hin geenye yeroon ta'u jira. Dubartootaaf ammoo waayeen gaayelaa hin qoofamu. Dhiira caala isaantu itti dhiphata waan ta'eefi. Umurii isaanii daa'ima argachuuf murteessaa ta'etti jaarsa argachuu waan barbaadaniif baayyee yaadda'u.

Dubartoota gaayela milkaa'aa qabaachun isaaniif salphaa hin taane haa ilaallu.

1) Warra akka malee bareedan( the most beautiful women). Waan miidhagduuf dhiironni baayyeen ishii hawwu. Kunimmoo miira oftuulummaa ishii keessatti uuma, filannoo baayisti, miidhagina ishee gara maallaqaatti jijjiiruu barbaaddi. Kunimmoo akka ishiin dhiira jijijjiirtu ishee godha. Osuma kana gootuu umuriin waan deemuuf jaarsa malee hafuu dandeessi.

2) Dubartii baay'ee baratte( The Most educated women). Dubartiin mastersii, ykn phd qabdu takka gaayela gaarii qabaachun harkuma waaqaa jira🤔. Ciminni isaanii akka dhiiran waliif hin galle taasisa. Kaampaaniiwwan gurguddaa deemii gaafadhu, dubartoonni hedduun singiliidha ykn hiikaniiru.

3) Dubartii maatiin ishii abbaa qabeenyaa ta'e. Isaan kunis hedduu ulfaatodha, dhiira hin bulfatan. Jireenya qananii keessatti guddatte waan ta'eef jaarsaf ajajamtee jiraachuun itti cimachuu danda'a😉.

4) Akka malee kan amantii jabeessitu. Dubartiin akkasii ykn dhirsa hin argattu ykn ni hiikti. Sababni isaas isheen gorsa jaarsaa fudhachuu hin dandeessu, ishiin akka amantiin jedhutti qofa waan deemtuf abbaa warraa isheetiif akka garaa hin taatufi.

5) Dubartii mana ciffaraa fi dhugaatii baayyistu. Ishiin akkasii akka waan jireenyi har'a qofa ta'eetti fataa jechuu feeti. Dhiirri ishiitti dhufus yeruma tokko bu'eet gatee biraa deema. Kanarraa kan ka'e dubartiin akkasii daa'ima abbaan walii hin beekkamne guddisaa hafti🙄.

Dubartii oggeeti ta'ii waan qabdun off hin tuulin Rabbi kadhaadhu ni milkofta.

SUMMIIN DHIIRA AJJEESUUYeroo tokko intalli bareeddun tokko jireenya gaa'elaa ishee dadhabdee hiriyaa gaa'ela ishee ajjee...
05/03/2024

SUMMIIN DHIIRA AJJEESUU

Yeroo tokko intalli bareeddun tokko jireenya gaa'elaa ishee dadhabdee hiriyaa gaa'ela ishee ajjeesuu barbaadde.

Ganama tokko harmee ishee bira fiigdee deemte. Harmee, ani abbaa manaa koo dadhabeera kana booda waanuma hin taane isa deggeruu hin danda'u. Isa ajjeesun barbaada garuu Seerri na gaafataa jedheen sodaadhe maaloo na gargaaruu dandeessaa" jetteen haadha isheetin.

Haati immoo akkas jettee deebisteef:

- Eeyyee intala koo si gargaaruu nan danda'a, garuu, hojii xiqqootu yaada keetti dabalamee jira.

Intalli "hojii akkamii? Isa baasuuf jecha hojii itti dabalame kamiyyuu fudhachuuf fedhii fi qophiidha? jettee gaafatte.

Tole jette haati

1..Yeroo inni du'e namni akka si hin shakkineef isa waliin araara buusuun sirra eegama.

2.. Abbaa manaa keetif hawwataa fakkaachuuf of bareechuu qabda

3.. Akka gaariitti kunuunsuu fi baay'ee akka namatti toluu fi dinqisiifachuu qabda

4.. Obsa jaalalaa fi hinaaffaa xiqqeessuu, gurra dhaggeeffatu baay'ee qabaachuu, kabajaa fi ajajamuu qabaachuufii qabda

5. Maallaqa kee isaaf kenniif yeroo inni waanuma fedheef qarshii siif hin kenninellee hin aarin.

6. Yeroo inni du’uu qabutti yoomiyyuu akka hin shakkamneef Nagaa fi jaalala jajjabeessaa malee sagalee kee hin dhageessisin.

Kana hunda gochuu dandeessaa?
jettee haati gaafatte.
Eeyyee nan danda'a jettee deebisteef
Tole jette haati.

Summii kana fudhachuun nyaata isaa guyyaa guyyaa keessatti xiqqoo naquudhaan suuta jedhee isa ajjeesa.

Guyyaa 30 booda giiftittiin gara haadha isheetti deebitee akkas jette.

Harmee, ammas abbaa manaa koo ajjeesuuf yaada hin qabu. Yeroo ammaa kana guutummaatti waan jijjiirameef isa jaallachuu jalqabeeea, amma abbaa warraa baay'ee mi'aawaa ta'eera kan ani yaade caalaa.

Summiin akka isa hin ajjeesne maal gochuun danda'a?

Mee na gargaaraa haadha koo.

Sagalee gaddaatiin kadhatta jetteen haati ishee.

Haati immoo deebisteefi
Hin yaadda'in intala koo. Waanti ani guyyaa tokkof siif kenne humna Ajjeesuu hin qabaatu.
Yoomiyyuu isa hin ajjeesu.

Dhugaa jiru yoo ilaalle summii suuta suutaan gowwummaa fii quuqama dhabuudhaan abbaa warraa kee ajjeesaa turte.

Yeroo isa jaallachuu kabajuu fi kunuunsuu jalqabde sana ture kan isa du'a irraa oolchite jetteen.
* Naol Nafyad irraa

"Dubrummaa ni qabdaa?"" ... hhhh! Jette, xiqqo akka seequu tokko fakkaattee! kofla qishnaa fakkaatu tokkoon fuulaa fii i...
04/27/2024

"Dubrummaa ni qabdaa?"

" ... hhhh! Jette, xiqqo akka seequu tokko fakkaattee! kofla qishnaa fakkaatu tokkoon fuulaa fii ilkeesii tarree galte san ibsitee! osuma hin turin seeqni bareedaa fii fuulli sakandiilee dura ifaa ture jijjiirame! "Dubrummaa ni qabdaa?" jechuu boodaan seeqni qishnaa kun tahe! Gurbaatu gaafate! "Dubrummaa qabdaa naan jetteesal?" Jette irra deebitee, xiqqo miira akka gadduu fii yaadaan baduu tokko fuularraa natti ibsaa! Ijaan calliftee gara biraa laalaa! Isin gaafadhaa! Nu gaafachuun keeysan humaa miti. Baga gaafattan! Garuu ... jettee wanti dubbachuu barbaadde dhiiftee hafuura dheeraa baafatte!

Itti fuftee...
An maatii qotee bulaa irraahiin dhaladhe. Barnoota sadarkaa duraa achuma qe'ettiin baradhee xumure. Ifirra dhooytallee naan je'iniitii barattuu cimtuun ture. Barnoota sadarkaa duraa keeysatti Sadarkaa takkaffaa bahuuniin xumure! Anaaf qormaata gosa adda addaatu naaf dhiyaata ture. Qormaanni kuniis qormaata jireenyaa, qormaata mana barnootaa fii qormaata jaalalaati. Qormaata kana keeysaa kan mana barnootaa nan yaachisu. Kan jireenyarrallee, qormaata jaalalaatu natti ulfaata ture. Walumarra haa ulfaatu malee, qormaanni jireenyaatiis waa qormaata laafaa hin turre! Maatiin kiyya harka qalleeyyiidha. An warra keenyaaf hangafaan ture. Barnoota kiyya cinatti taligaa maatiitu na eeggata. Warri keenya hiyyummaan afaan kanaan siif himuu hin dandeenye keeysa turre!😞

An yeroo baayyee waa'ee warra keenyaatiin yaaddawa. Haadhaa fii abbaan kiyya anuma tana abdatan! Intala fuulduraaf jireenya keenya nurraa jijjiirtu je'anii naan dhaadatan! Hedduu naan boonan! "Gaaf tokko sumaan keeysaa baana!" Naan je'anii akkaan an jabaadhee barnoota kiyya hordofu na godhan. Yeroo hunda jajjabina, gorsaa fii dhaamsa narraa hin qusatan! Silaahuu qarshii hin qabaniitii waanuma qaban naaf guduunfan!

Lakkumaan guddadhuun waa'een warra keenyaa na yaaddeeysuu jalqabe. Abbaa kiyya xiqqo waan dhukkubuuf Aayyoo tiyyaa wajji anaatu joollee guddisa ture. Yeroon qormaata kutaa 8 firii olaanaa galmeeysee haayiskuul eegalutti, qormaanni jireenyaa qormaata hunda caalee argame! Sanirraan qormaanni jaalalaa kan na eegale gaafaan kutaa 9 baradhu semestara lammaffaa ture. Mucaan qallaan daree takka wajjiin barannu qormaata jaalalaatiin na qore. Qormaanni isaa qormaata fiiziksii caalaa natti jabaata ture!

Qormaanni lamaan wal natti tahanii ba'aa guddaan baadhachuu hin dandeenye narratti darban. Kanaaf waggaa tokkoof barnoota dhiisee waa daddalagee warra keenya gargaaruun filadhe! Gaafasiif akkumaan tahu tahee numaan dabarse! Akka durittillee sadarkaa bahuu hin baddiniitii ati kutaarraa gara kutaatti numaan dabra. Haaluma kanaaniin qormaata kutaa 12 fudhee yumbarsitiitti if arke! Qormaanni hedduun asitti naan marse. Hunda caalaa bareedinni kiyya qormaata natti tahe. Dhiirti na garte ija biraatiin na laalti. Barattoonni daree wajjiin barannu shantam tahanii ija natti diran! Barattoota caalaa ta barsiisoota yumbarsitii adda! Qormaata hangaan fedhe dalaguus, qabxii A fi B fiduus sababaan akka barsiisaan na gaafate iyaamuu dideef F tti naaf jijjiiramuu natti hima!😥

Akki namichi narraa barbaadu akkana je'ee siif himuumoo siif gale? Hiigaa!?
"Naaf gale..."
Haya Akkasitti, filannoo lama naaf kanne. Barnootaan itti laffa'ee A fide sababa saniif F naaf kanneeti, Akkaan qabxii (grade) tee siif qabuuf waaniin si gaafadhe naaf hayyami. Yookiin ammoo course kana F kee fudhattee asirraa arihamta! Filannoon keeti!" Kan je'u ture! Imimmaaniin gaaf san buuse yeroon yaadadhu, dachaaniin imimmaan buusee xuruursa! Dafee eeybifamee maatii kiyya kan ati biiftuu baatutti abdiin na eeggatan Jireenya isaanii fooyyeessuun fedha. Sababa qabxii tanaatiif yoon hafe abjuun kiyya dukkanaawee hafa. Kanaaf dirqamee waan barsiisaan na gaafate...! Barsiisaan tokkoo fii lamaa miti. Hundisaanii taaytaa qabaniin waan barbaadan na gaafachaa turan! Barattoonni group keenyaatiis sanuma. Gama meeqaan qormaanni natti xiixe!🥺

Yumabrsitiirraa niin eeybifame. Qabxii bareedaan qaba! Eeybifamee eegaan xiqqo dhibaawe hojii barbaachaan baadiyyarraa magaalaa seene. Dokumantii tiyya miikkaa (feestaala) keeysatti mareetiin qabadhee bakka beeksisni hojii itti bahu jala dhaabbadha. Magaalaa tana namniin an beeku lakkofsa qubbeenii hin gahan. Bakkaan buluu fii waan takka takka akka na gargaaru kan na gaafate, gurbaa tokko! Bajaaj qaba. Fuudhee bakka tokko na geeysa. Waan aķka qarshiitiis naaf kanna. Inumaa gurbaan nama gaarii naaf tahe. Amma keeysatti isumaan duskadhe. Isuma jalatti mataa qabdheetiin Dokumantii tiyya akka hagoobaraatti mataarra if qabee waajjira hundarra naannawa! Tahuus hojiin argachuu hin dandeenye! "Fira ni qabdaa?" ... 😥

Gurbaan anatti dhiyaachuu baayyise. An akkuma obboleeysa kiyyaattiin isa hubadhe. Inni garuu akkaan sehe sanii miti. Akkuma barsiisaa gaafattiitti ... Akkuma gurbaa bajaj kana, namni tokko waan tokko naaf godhuuf wahuma narra kajeelan. Namni babbareedaan waajjira keeysa taa'u kan jaartii qabulleen akkuma san naan je'an! Meeqa seetan!

Xumurarratti, haala kanaan ji'a muraasa eegaan meeradhee booda, hojiin barbaaduuf bahe dhabeetiin abdii kutadhe! harka maradhee taa'uus jireenyi waan nan dhìifneef akkaa fii bakkaan taa'u hin qabu! Warri biyyaa hundi fakkeenyaaf na fudhatu turan. Dubartii jabduu akka abaluu je'anii na dubbatan! Warri keenya kun qulqulluudha bar! Akkuma Yumbarsitiirraa baateen hojii eegaltee mindaa eegaltitti na beekan! Mootummaan akkasi je'anii yaadan! Isaan irra hin laalu! Tahuus akki isaan sehanii fii akki jiru dachiii fii samiidha! Hojiin baheef dhabnaan kkaan itti warra keenya miskiinatti ol deebiu dhabeetiin mala biraa tokko yaadadhe! Gara biyya arabaa!

Imala gara biyya arabaa bahariin eegaluuf joollee wajjiin karaa buune. Namni jiidhe rooba hin sodaatu jean! Aniis rakkoon amma booda na mudattu tan tana duraarra hin caaltu je'etiin karaa bu'e! Lafa kara yaman! Imala karaa sanii siif himuu? Hin boochugaa! Yoo garaa laafte dhuqatti ni boocha. Osoo hin feene ijji imimmaan si xuruursiti. Dallaaloonni nu oofan, akka namaatti nun laalan! Meeshaa! Meeshuma je'i! Wahuma lama! Lubbuun jiraachuu fii akka hunda tahuu! Mee silaa si taatee kam filatta ati? Dallaaloonni akkuma fedhan nu godhan. Nam tokkoo fii lamaa miti! Kanuma fedheetu waan fedhe nu gaafata! Keeysaafuu dubartii! Qormaata dubartii! 😑

Kun dhufeeti akka fedhe nutti fayyadamee deema. Ammaas shan tahanii dhufanii nu gaafatan! Dinnaan - àjjëēfamuù! Lammaffaan waan hunda keeysummeeysaa lubbuun jiraachuu! An yeroo meeqaan lubbuun jiraachuu jibbee akka warri keenya keeysa jiru yaadadhee jireenya filadha! Jireenya filachuuf ammaas akka hunda tahuu! Bishaanirrattiis akkanuma tahaati hadhaa meeqa booda biyya arabaa seenna! Eega biyya ormaa dhufnees qormaanni akkanaa dachuma! Dubrummaa qabdaa naan jechuu dhiiftee lubbuu numa qabdaa? Osoo naan jettee irra wayyaadha! laal nasruu, qormaanni dubartii hedduudha. Akkiin je'ee siif himu na dhiba. Waa’een kanaa kiyaaba if dandahe taati. Osoon siif himee tan tana caaltuun siif hima. Ana qofaa miti. Kun seenaa dubartoota akka kiyyaa hedduuti..."

Isumaa jettee naaf himuu itti fufte, bilbilli nurratti cite! Teeleeniis histii gooti!😔 mee yoo tahe itti deebieetiin silkii dhaweefii isiiniif xumura! 🤗

Nasru Kush
(Irra deebiin kan maxxanfame)

New Style😂❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️💙💙💙💙💓💓💓💝💝💝💝💝💝💝
04/27/2024

New Style😂

❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
💙💙💙💙💓💓💓
💝💝💝💝💝💝💝

04/19/2024

♡♡=Jaalalli keennaa gaanamaa, badhaasa uumamaati kan namni lama
agoobara tokko jala ittiin jiraatu. Agoobarri kuniis bultii jadhama. Garuu
gara agoobara bulti kana seenuuf dursa jaalala madaalawaa waliif
laachuun dirqama.
Hubadhaa:
Akkuma nyaata madaalawaa dhabuun qaama namaa miidhaa demu,
Jaalala madaalawaa dhabuuniis onnee namaa miidha. Kanaaf daandii
deemsa jaalalaa jalqabuun dura yaadaaf akeekaan gad laalanii onneen
hangam akka jaalala madaalawaa kennitee fudhachuu dandeessu
hubachuu fi mirkaneeffachuun baayyee barbaachisa.
●●●●●●●●●

04/15/2024

Ani sin hawwa, ati kan biraa hawwita, inni ati hawwitu sun ammoo anaaf sihawwa, duuba maal siif wayya??
🙆🏻‍♂️
Rakkoodhaboo!!

❤️❤️❤️❤️
03/26/2024

❤️❤️❤️❤️

Hojjattoota Magaalaa Adaamaa 24% Garmalee furdachaa jirachutu himame.😂😂
03/06/2024

Hojjattoota Magaalaa Adaamaa 24% Garmalee furdachaa jirachutu himame.😂😂

Warri Jaarsi keeysan jaartii lama qabuu akkam jettani wamtaan Jaarsa kiyya moo jaarsa keenya jettuun🥹🥹🤔fiidaa keeysaan h...
03/06/2024

Warri Jaarsi keeysan jaartii lama qabuu akkam jettani wamtaan Jaarsa kiyya moo jaarsa keenya jettuun🥹🥹🤔
fiidaa keeysaan haa baahuu wallahi.

Today's Best Photo ❤❤❤❤❤❤❤
10/23/2023

Today's Best Photo ❤❤❤❤❤❤❤






Bahali yake , Wako Getachew & Milkessa Naguma   🤪❤️Today,s Best photo❤💚❤️‍🩹🖤??💔✅️
10/15/2023

Bahali yake , Wako Getachew & Milkessa Naguma
🤪❤️
Today,s Best photo
❤💚❤️‍🩹🖤??💔✅️













Tokkootu Faranjootaan waliin dalagaa beeytaa? Yeroo mara hoggaa mana fincaanii seenu, gaazexaa fudhatee seena.Faranjichi...
10/15/2023

Tokkootu Faranjootaan waliin dalagaa beeytaa? Yeroo mara hoggaa mana fincaanii seenu, gaazexaa fudhatee seena.

Faranjichi laalee laalee guyyaa tokko yaamee "qooy isin yeroo mana fincaanii seentan malee, hin dubbiftan jechuudhaa?" Je'ee gaafate 😊

Faayidaan gaazexaa nu biratti waan biraatii malitti beeyti faranjiin 🤣

4 jedhe biyyi! Hamdiyaa Sultan fi Nasra T Oromoo Gursum dabalatee
10/15/2023

4 jedhe biyyi! Hamdiyaa Sultan fi Nasra T Oromoo Gursum dabalatee

Misha Siraaj with jawar Mohammed
10/15/2023

Misha Siraaj with jawar Mohammed

Dubartii Hararge namniFitti tuqe akka nama lolaaKoria wajjiin jalqabeeti 🙄😍TiTimiree Qashtii Dire Dawa �aTimiree Qashtii...
10/15/2023

Dubartii Hararge namni
Fitti tuqe akka nama lolaa
Koria wajjiin jalqabeeti 🙄😍TiTimiree Qashtii Dire Dawa �aTimiree Qashtii Dire Dawa �iTimiree Qashtii Dire Dawa �aTimiree Qashtii Dire Dawa �Timiree Qashtii Dire Dawa �

Bishooftuu Jirra🥰❤️Oh Oromoon akkam bareeda seetan Bishooftuutti Abdisa  jaartiinkee eessa jirti warri jettaniin kunooti...
10/07/2023

Bishooftuu Jirra🥰❤️
Oh Oromoon akkam bareeda seetan Bishooftuutti
Abdisa jaartiinkee eessa jirti warri jettaniin kunooti🥰

Ililli fi Jawe
10/07/2023

Ililli fi Jawe

Irreecha hora finfinnee milkofne jirra.
10/07/2023

Irreecha hora finfinnee milkofne jirra.

Irreechi Irree Keenya!
09/22/2023

Irreechi Irree Keenya!

 Saliha Sami  fi Tajudin Ahmed
07/26/2023


Saliha Sami fi Tajudin Ahmed

Fedhii walii beekaanii miira waliieeguun 'dubbii itillee' tolfachuu.👇“Dubartoonni hunduu jireenya isaanii keessatti saal...
07/17/2023

Fedhii walii beekaanii miira walii
eeguun 'dubbii itillee' tolfachuu.
👇
“Dubartoonni hunduu jireenya isaanii keessatti saal-
qunnamtii fayyaalessa ta’e itti gammadan argachuun
isaaniif mala,” jetti Yunivarsiitii Saayinsii Fayyaa
Oregonitti (OHSU) Saayikaatiristiin Wiirtuu Fayyaa
Dubartootaa Nikool Siriinoo.
Fedhiin uumamaa kun dubartoota qofaaf osoo hin
taane dhiirotaafis waan guutamuu feesisudha.
Haata’u malee, sababoota gara garaan keessumaa
dhiibbaa aadaa isaanirratti hammaatuun dhiirota
caalaa dubartoonni akka fedhaniifi saatii fedhanitti
waan hin taaneef yoo miidhaman mul’ata.
Qorannoon akka mul’isutti saal-qunnamtiin fayyaa
dhala-namaatiif baayyee barbaachisaadha. Saal-
qunnamtiin ergaawwan narviidhaan
(neurotransmitters) sammuurraa kaasee qama
namaa keessa akka si’oominaan daddarbaniif gochuuf gargaara.
Kana gochuun saal-qunnamtiin fayyaalessi
walumaagala fayyaa keessatti:
Dhiibbaa dhiigaa hir’isuun, sirna qaamni ittiin
dhukkuba ofirraa ittisu (immune) foyyeessuun, dhibee
onnee xiqqeessee fayyaa onnee foyyeessuun, ofitti
amanamummaa cimsuun, dhiphinaafi yaaddoo
xiqqeessuun, dhukkuba uumamaa akka namatti furu
taasisuun, hirriba foyyeessuuniifi kkf gumaacha
guddaa qaba jedhu qorattoonni.
Wal qunnamtii saalaa keessatti waanti murteessaan
gammachuu miiraafi qaamaa jaalalleewwan/ abbaa
warraafi haati warraa argatanidha jedhu namoonni.
Gammachuu miiraafi qaamaa lachanuu akka
barbaadanitti argachuu qaban milkeessuuf ammoo
iftoominaan dubbatanii fedhii walii baranii waliif
eeguu, iftoominaan waliin haasa’uu, walirratti
amantaa qabaachuu, kanneen jedhan warra ijoodha.
Keessumaa qunnamtii saalaa dura haasaan jaalalaa
taasifamu qophii xiinsammuu, miiraafi qaamaa
barbaachisaadha. Gaa'ela keessatti iftoominaan
haasa'anii fedhii walii beekuufi miira waliin eeguun
murteessaadha.
Fedhii addaa qaban waliif beekuun addatti itillee irratti
dubbii jabduudha jedhu warri fayyaa, saal-qunnamtiifi
jaalala qoratan.
[Itillee] jechuun bakka ciisicha michuuwwan jaalalaa
ykn haadha warraafi abbaa warraa jechuudha.
Mammaaksa Oromoo keessattis yeroo abbaan
warraafi haati warraa waldhabanii akka araaraman
barbaadamutti; ‘dhirsaafi niitii itilleeti araarsa’ jechuun
jaarsi dafee gidduu hin seenu.
Dubbiin itillee kun ammoo jarri lachan wal hubachuu,
tokko isa kaan irratti amantaa qabaachuufi waliif
beekuun qajeela.
Fakkeenyaaf, haadha warraafi abbaa warraa qunnamtii
saalaa jalqabanii tokko dura xumura. Kaan garuu
ammayyuu adeemsa irra jira/ jirti taha. Kun
uumamadhas.
Isaan keessaa tokko akka xumureen itti aansee tapha
akkamii taphata/tti? Hariiroo jaalalaafi itillee keessatti
bakki kun yeroo baayyee bakka rakkoon itti uumamuu
maltuudha waan ta'eef dhimma jarri lamaan
xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qabudha.
Yeroo hedduu fedhiin dhiirotaa dursee jalqabee dafee
yoo xumuramu, kan dubartootaa garuu suuta jalqabee
turee xumurama. Amala uumamaa kan garuu mariifi
walhubachuun horachuun, walqixxeessuu ykn walitti
butuun akka danda'amu himu hayyuun xiinsamuu.
Qorannoon adda addaa akka agarsiisutti dubartootni
%5 qofatu fiixee gammachuu isaanii dhumaa irra
gaha.
Kana jechuun dubartootni 80% tahan osoo miira
isaanii hin xumuriin jalqabanii gidduutti dhaabu
jechuudha.
Nama aarsa, walitti nama buusa, amala akka jijjiiratan
taasisa.
Kanaafidha qunnamtii saalaa keessatti miira ofii
xumuruun qofti gahaa akka hin taane beekuun kan
barbaachisuuf.
Qunnamtiin saalaa hojii sammuu, qaamaafi miraa of
keessaa qaba. Atileetii fageenya dheeraa fiigu tokko
jalqaba qaama ho’ifata, achii ni fiiga, erga xumuree
ammoo qilleensa baafachuun deebisee qama isaa
tasgabeessa.
Qunnamtiin saalaas akkanuma, qunnamtii saalaa
jalqabuu dura yeroo qunnamtii saalaafi booda erga
xumuranii lamaan isaanii haasaa jaalalaafi kaaniin
miira tasgabbeessuu barbaada.
Bakka kanatti walitti dhufeenyi hirribaafi saal-
qunnamtiis ilaalamuu qaba jedhu ogeessonni fayyaa.
Hirriba gaariifi gahaa qabaachuun saal-qunnamtii
fayyaalessa qabaachiif fayyada; saal-qunnamtii
fayyaalessa qabaachiinis hirriba gaarii argachuuf ni
gargaara.
Haata’u malee, hormooniiwwan wayita saal-qunnamtii
qama namaa keessaa burqan yeroo deebiyanii ititanitti
qaamni dhala-namaa waanboqotuuf hirribni dafee
nama fudhata.
Kun ammoo yeroo hedduu dhiironni dubartoota dura
fedhiin saal-qunamtii dhufeefii durasanii waan
xumuraniif wayita isheen miira ho’aarra jirtutti hirribi
fudhachuun ni mul’ata.
'Miirakoo fannisee ofii korrisa'
“Abbaan warraakoo akkuma qunnamtii saalaa
jalqabneen ana dursee fixata. Daqiiqaa booda
miirakoo fannisee hirriba keessa galee korrisuu
jalqaba,” jette dubartiin Sariinaa sagalee jijjirachuu
gootee miidiyaa biyya keessaa dhimma maatii irratti
mari’achiisaa ture irratti.
[Sariinaan] maqaa ishee isa sirrii miti.
“Achi ofirraa na dhiibee hirriba isaa keessa gala, inni
ciisee korrisa, ani miirrikoo akkuma fannifamettan
baaxii manaa keessa ilaalaa yaadaan bada,
rakkoodha,’’ jechuun itti fuftee rakkoo keessa isheetti
ukkaamameeru ibsite.
Rakkoo gola namoota hedduu jirudha. Garuu eenyu
baasee dubbataree?
Sagantaadhuma maatii raadiyoon darbaa ture kana
irratti dubartin lammataa bilbilaan galuun “abbaan
warraakoo konkolaachisaadha, guyyaa guutuu
dadhabaa oola.
Guyyoota muraasa bubbulee manatti gala. Baay’ee
isa yaadee gaafan argadhu daqiiqaa tokko keessatti
xumuree hirriba du’a fakkaatu keessa gala. Maalan
godha?’’ jechuun furmaanni yoo jiraateef gaafatti.
Kan sadaffaa, “Kan koo ammoo yeroon ani isa
barbaadee tutuqu, isa waliin taphachuu barbaadu na
hin jeeqiin baay’ee dadhabeera jechuun na ifata,”
jette.
Akkuma beekamu aadaafi safuu uummata keenya
irraa kan ka’e namni keenya waa’ee qunnamtii saalaa
ifatti baasee hin dubbatu.
Garuu rakkoo guddaa otuma tahee jiruu waan biraan
qabee dubbii gochuu danda’a.
Ogeessi seeraa dhimma maatii irratti wal dhabdee jiru
ilaalchisee affeerame tokko ammoo mana murtiitti
waan biraan wal himatu malee rakkoon as keessa jira
jedhan.
Maddi rakkoo saal-qunnamtiirra tahee osoo jiruu wal
himannaan dhimma biraa taha jedhe.
Irra caalaan gaa’ela diigamuu ragaan hamma kana
jedhamee himamuu baatus rakkoo saal-qunnamtii
walaiin wal qabata jedhan.
Kun rakkoo bultoo keessa jiru mitiiree? Waan kana
keessummeessaa sagantaa raadiyoo maatii kun
ogeessa xiinsamuu tahe tokko waliin dubbateera.
Hiriyaan jaalala ho’aa walaiif qabu, wal mararsiifatu,
garuu akkuma qunnamtii saalaa jalqabanii inni dafee
xumureen diina walaii tahu,” jechuun ibse.
Tarii dhimmi kun diigamuu bultoo namoota hedduuf
sababa ta’uu ni mala.
👇
Share like gochuu hin dagatinaa Diigamuu Bultii namoota hedduuf Sababa ta'uu ni Mala.
Maddi :BBC waabeefanne.

06/14/2023

As wr wb Seenaa kana dhaggeffadhaa mee👂👈Waliif dabarsaa.

Eebbii Baankii Raammis  akkana ture.
06/05/2023

Eebbii Baankii Raammis akkana ture.

Jum'aa Mubarak Ummata Qashtii❣️
06/02/2023

Jum'aa Mubarak Ummata Qashtii❣️

05/05/2023

NAMA JAALATTU........

"Nama hedduu jaalattu yeroo dheeraaf ija itti dhaabdee hin ilaalin, waan jibbitu irratti agarta!" jedha Oromoon yoo maakmaaku. Dhugaadha! Yoo gad fageessitee ilaalte waan irraa jibbitu tarii ija kee irra si bu'eeti namni jaalattu san onnee keessaa si bahee qalbii si balfuu jalqabdi jechuu isaaniiti. Haa tahuu garuu keessattuu baroota kana nama jaalattu tokko yeroon sirritti of irraa ilaaluun gaariidha. Yoo waan jibbitu irratti argite immoo akka wanti irratti argite san sitti hin tolin itti himuu qabda.

Yeroo takka irra lama itti himtee yoo namni san kan hin jijjiirre taate immoo san booda irraa muraachuun dirqama taha. Haalli kun waan lamaaf si fayyada. Tokko osoo fagoo waliin deemte sa'aaf humna keetiis hin qisaasne yeroon irraa dhaabbachuu si dandeessisa. Lammaffaa immoo nama waan ati irraa jibbitu jijjiiruufi fooyyeessuuf hin tattaafanne waliin hariiroo balfamtuu akka hin dheeressineefi yeroon nama sirrii kan adeemsaafi akeeka ati feetuun tarkaanfatu osoo yeroon ganamaa akka barbaaddattuuf tilmaama gaarii siif diriirsa. Dubbiin jaalalaan fakkeeffamtee ibsamte marti dhimma jaalala saala faallaa qofarratti xiyyeeffatti akka hin seene.

05/05/2023

wantoota Argachuuf namatti ulfaatan⁉️
📶 WiFi password hin qabne
👩‍💼 Dubartii Jaalallee hin qabne
🙍‍♂ Dargageessa suusi hin qabne
😍😳😂😂😁😁
Markaba Jaalalaa ❣️

Address

North Amerca
Los Angeles, CA
00015

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Markaba Jaalalaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Videos

Share

Category