Dr Kedir Mohammed

01/03/2025
Ab-suuddaa (Xuqur asmuudi) gurraacha1. Raammoo garaa keenyaaf damma waliin garaa duwwatti nyaachiftu.https://t.me/ashong...
01/03/2025

Ab-suuddaa (Xuqur asmuudi) gurraacha
1. Raammoo garaa keenyaaf damma waliin garaa duwwatti nyaachiftu.
https://t.me/ashongore
2. Haphina rifeensaaf shayi waliin. .
3. Umrii malee harrii yaasuu ni qolata shayi waliin.
4. Dhibee mata-bowwuutiif dammaa waliin..
5. Dhibee kaansaariif.
6. Madaa deddeebi'a ni qoorsa damma waliin
7. Dhibee sukkaaraaf.
8. Dhibee garaa kaasaatiif.
9. Qakkeef.
10. Dhukkubbii garaa laaleessu..
11. Dhibee ija gogaa dhukubu nifura.
12. Utaalloof
13. Fooli badaa afaan keessaa nurraa ittisa.
14. Dhukkubbii maashaaf bayeessa.
15. Dhukkubbii dugdaatiif..
16. Dhukkubbii garaa walitti hacuucu.
17. Dhukkubbii ilkaaniif,
18. Infekshinii irgaaf ni tola..
19. Hooqxoo qaama.
20. Ho'insa qaama dabaluuf.
21. Dhibee himna humna nama qabuuf. .
22. Dadhabina onnee qolachuuf nigargaara.
23. Bareedina gogaa keenyaaf ni tola...
24. Kintarrotii nifoyyeessa akawama isaa daaka daaraa isaa sana jiisa jirbiin keessa galcha..

Firiin kun dhibewwaan gara garaatiif heeddu gargaara akka jiru qoronnowwan wirtuu omisha dawaa ibsaa jiru
-Akkaataan soorata isaa nyaata waliin.
-Shayi waliin
-Damma waliin.
- Buna waliin.
- Bishaan waliin

Akkamiitti nyaatamuu qaba
=Daakama isaa otoo hin bilchoofne
=Sodaa garaachi daaku dadhabuuf immoo xiqqo akawama.
=Zeeytii (cunfaa)isaa

Wal Quunnamtii Saalaa wayita Ulfaa******************************https://t.me/ashongoreWaa'een wal-qunnamtii saalaa wayit...
01/03/2025

Wal Quunnamtii Saalaa wayita Ulfaa
******************************
https://t.me/ashongore
Waa'een wal-qunnamtii saalaa wayita ulfaa gaafii isiin baay'inaan gaafachaa turtan keessaa isa tokko. Egaa wal quunnamtiin saalaa hanga ji'a afuritti haadha ulfaaf mijachuu dhiisuu danda'a. Sababni isaas wayita kana ol guurraan ,tuttufsiisaan fi dadhabbiin waan itti baayyatuuf fedhiin ishee hir'achuu ni danda'a. Garuu ji'a 4-7tti dhibeewwan armaan duratti caqafaman hir'achaa waan deemuuf fedhiin isaani ni dabala. Ji'a 8 hanga dhumaatti gadameessi daa'ima baatu guddaa waan ta'eef haalli qunnamti saalaaf mijachuu waan diduuf feedhii isaanii akka duraa hin ta'u. Walumaagalatti walquunnamtiin saalaa ji'aan hin dangeffamu,jechuun hamma dhibeen hin jirretti walquunnamtii saalaa hanga ji'a dhumaatti hin dhorkamu. Garuu wayita dhibeewwan armaan gadii mul'atan wal qunnamtii saalaa gochuun dhorkaadha.
1. Seenaa ba'uu ulfaa al lamaaf isaa ol yoo qabaatan.
2. Ulfa duraa irratti ciniinsuun osoo hin ga'iin itti dhufeera yoo ta'e.
3. Yoo karaa qaama isaanii dhigni dhangala'e.
4. Yoo bishaan gubbee dhangala'e.
5. Ultrasoundiin ilaalamtee yoo of-kaltiin balbala gadameessaa irra ykn mucaa dursee jiraa yoo ta'e dha.
Garuu qunnamtii saalaa booda yoo dhigni mul'atee fi bishaan gubbee dhangala'e atattamaan mana yaalaa deemuun barbaachisaadha.
Galatoomaa !
Dr. Kedir Mohamed

 ! MOSEE (POTATOES)_____________________________________https://t.me/ashongore_______Onnee  Keenya yoo Mosee (Potatoes) ...
01/03/2025

! MOSEE (POTATOES)
_____________________________________
https://t.me/ashongore_______
Onnee Keenya yoo Mosee (Potatoes) nyaannu nutti gammaddi, maaliif? Kanaa fi fayidaalee mosee kan biraa dubbisaa waliif qoodaa
1. Fayyummaa lafee keenyaaf: elementoonni ayirenii, kaalsiyeemii, foosfarasii fi magniziyeemii, kan jabinaaf ijaarama lafeef baay'ee gargaaran baay'inaan of keessaa qaba.
2. Dhiibbaa dhiigaa to'achuuf: namoonni dhiibbaa dhiigaa qaban yoo mana yaalaa deeman ashaboo (sodium chloride) akka hin nyaanne gorfamu. Moseen ammoo qabiyyee sodium kana kan nyaata biroo irraa baay'ee gad'aanaa ta'e waan qabuuf, namoota dhiibbaa dhiigaa qabaniif baay'ee filatamaadha.
3. Fayyummaa Onneef: Qabiyyee nyaataa fayyuummaa onnee keenyaa huban (Cholesterol fi Sodium) of keessaa dhabuu irra dabree, qabiyyee onneef gargaaran akka Vitamin B6, C fi fiber of keessaa qaba. Kanaaf onneen keenya yoo mosee nyaannu nutti gammaddi!
4. Moseen guddaan tokko giddu galeessaan keemikaala choline jedhamu 57mg of keessaa qaba. Keemikaalli kun kulkula qaamaa (inflammation) kan ittisuu fi ergaa daddabarsuu narviif gargaaru dha.
5. Moseen qabiyyee fiber of keessaa qabuun gogiinsi garaa akka hin dhufne ittisuu fi sirna bullaa'insa soorataa akka sirriitti hojjattu taasisa.
6. Fayyummaa gogaa keenyaaf: qabiyyeen Vitaamin C moseen of keessaa qabu, gogaan keenya akka salphaatti hin miidhamne fi akka fayyuummaan waliigalaa gogaa eegamu taasisa.
7. Dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu (immunity) keenya ni dabala. Kunis, sababuma vit C guddaa of keessaa qabuuf ta'uu mala.
8. Qabiyyeen mosee Vaayitaamin B6 sirna bullaa'iinsa sorataa keessatti, pirootiinii fi kaarboohaayidiretiin qaama keenya keessaa akka sirriitti caccabu taasisa.
-------------------------------
Fayyaa Faaya
Dr. Kedir Mohamed

Dubartiin tokko marsaa laguu ishee(peereediin) ishee itti dhufee guyyaa meeqa gidduutti ulfoofti https://t.me/ashongore1...
01/02/2025

Dubartiin tokko marsaa laguu ishee(peereediin) ishee itti dhufee guyyaa meeqa gidduutti ulfoofti https://t.me/ashongore
1. Mala riitimii/kalandariii ji’aa
Tooftaan kun tooftaa bara durii kaasee namoonni hedduun fayyadamaa turanidha.
Malli ulfa karoora malee ittisuu kun kalandarii guyyootaa beekuu irratti xiyyeeffata. Dubartii giddugaleessaan laguu ishee guyyaa 26-32 argitu keessatti guyyaan itti hanqaaquun ovaarii keessaa gadi-lakkifamtee gara ujummoo gadameessaa dhaqtu guyyaa 14ffaa irrattidha.
Sanyiin dhiiraa ykn ispermiin miliyoona hedduun lakkaa’aman kan yeroo wal-qunnamtii saalaa qaama saalaa dubartootaaf gadameessa keessatti gadi dhiifaman keessaa sanyii dhiiraa tokkotu hanqaaquu ovaarii keessaa qophooftee gara ujummoo gadameessaa deemte kana cabsuun guddinni miciree dhala namaa jalqaba. Kanaaf sanyiin dhiiraa gadameessa keessatti gadi-dhiifame kunis guyyaa muraasa waan turuuf akkasumas hanqaaquun dubartiin gadi-lakkistes hanga sahaa 24 waan turuuf guyyoota isheen carraa ulfaa’uu qabdu kana beekuun yeroo sanatti wal-qunnamtii saalaa gochuu dhiisuu jechuudha.
Dubartiin tokko carraan isheen guyyoota ji’aa kana keessatti ulfaa’uuf qabdu guyoota muraasa qofa. Giddu galeessaan guyyaa 6 jechuudha. Kanaaf akka tooftaa ulfa karoora malee ittisuu kanaatti dubartiin laguu ishee guyyaa 26-32 argitu tokko guyyaan laguun ishee itti dhuferraa kaastee tokko jettee lakkaa’uun kan eegaltudha. Erga lakkaa’uu eegaltee boodas guyyaa 8-19 gidduu kan jiru guyyaa isheen itti carraa ulfaa’uu guddaa qabdu waan taheef guyyaa kana wal-qunnamtii saalaa gochuu dhiisuu ykn yoo barbaaddan koondomii fayyadamuun barbaachisaadha.
Kanaaf tooftaa kana fayyadamuuf marsaan laguu keessan dhaabbataan guyyaa jedhame kana keessatti kan dhufu kan taheefi guyyaaa sana sirriitti lakkaa’uu qabdu.
Fayyaa hin dhabinaa
Dr Nafyad Getu
??
https://t.me/ashongore

Dhukkuboota HANTUUTA irraan nama qaban keessaa: 1. Rat bite fever: Ciniinnaa yokaan hanqooquu hantuutaa fi akkasumas han...
01/02/2025

Dhukkuboota HANTUUTA irraan nama qaban keessaa:

1. Rat bite fever: Ciniinnaa yokaan hanqooquu hantuutaa fi akkasumas hantuuta duute harkaan tuquudhaan kan namatti dhufu dhukkuba baakteeriyaan nama qabudha.

2. Leptospirosis: Baakteeriyaan kan dhufuu fi nyaata fincaaniif bobbaa hantuutaan faalame nyaachuudhaan akkasumas waltutuqqaa bishaanii fi waantoota biroo hantuuta kanaan waltuqaniin kan darbudha.

3. Plague: Kunis dhukkuba baakteriyaan dhufuu fi tafkii hantuuta ciniintee nama ciniintuu fi kallattumaan hantuutaan illee kan darbudha.

4. Salmonellosis: Nyaataa fi dhugaatii bobbaa hantuuta kanaan faalameen kan darbuufi kunis baakteeriyaan kan dhufudha.

5. Hanta virus polmunary syndrome: Dhukkuba vaayiresiidhaan dhufu kan ta'ee fi dhukkee bakka hantuutni itti fincoofte yokaan bobbaate irraa ka'uun yokaan kallattiidhumaan hantuuta tuquudhaan kan darbudha.

6. Hemorragic fever with renal syndrome: Kunis vaayirasiidhumaan ka darbuufii tuttuuqqaa, ciniinnaa hantuutaa, bobbaa fi fincaan hantuutaa fi nama irraa namatti illee kan darbudha.

************
Fayyaan faaya
©️ Dr. Kedir Mohamed https://t.me/ashongore

Dhiirota qofaaf!Yeroon itti shamarree waliin chat godhan; waliin https://t.me/ashongore qoosanii haasaadhaan kofalsiisan...
01/02/2025

Dhiirota qofaaf!
Yeroon itti shamarree waliin chat godhan; waliin https://t.me/ashongore qoosanii haasaadhaan kofalsiisanii gaggabsan; waan ishiin jette hiriyyaa ofii waliin haasa'anii irratti mari'atan; murteessuu dadhabanii akka dhallaadduu bishaan keessaa kirkiran; ishii kanarraa amala ishii sanarraa bareeda tokkorraa sabboonummaa kaanirraa garraamummaa.... jaalatanii laga kun hundumtuu itti walga'ee yaa'uu waraabachuuf jedhanii dheebotanii dhaban ni darba. Kan kana hundaa rakkannee, muddamnee, calculate goonee, mari'annee jennu TAKKITTII rabbi nuu kaa'e san argachuufidha. Waanti ani har'a haasa'uu barbaade garuu ishii gaafa argannu gara boqonnaa biraatti ceena! Ni ulfoofti ykn garaatti baatti. Kun eebbaa waaqaa fi kabajaa guddaadha; nama gammachiisa. Akkamiin yoo ishiin mucaa lamaan keenyaa garaatti baattu haa kunuunsinuun dhimmakoo har'aati.
YOO HAATI MANAAKEE GARAATTI BAATTU AKKAMIIN KUNUUNSITAA?
1. Akkuma ulfaa'uu ishii barteen akka gammachuun guddaan sitti dhaga'ame itti himi. Tarii karoora kee malee dhufe ta'a; garuu karoora rabbii malee hin dhufne. Accept it!
2. Danda'aa ta'i. Haati manaakee yoo ulfooftu amalli ishii ni jijjiirama. Gaafii ni gammaddi; gaafii immoo sababuma malee lafaa katee boossi. Kana kan fidu hoormoonii qaama ishii keessaa jijjiiramu malee rakkoo ishii miti.
3. Akka ofii kee garaatti baatteetti jiraadhu. Kana jechuun fkn yoo dooktarri ishii buna hin dhugiin jedheera ta'e atis waliin dhiisi. Bira teessee dhugdee akka itti dhaga'amu hin godhiin. Alkoolii, fi kkf illlee akkasuma.
4. Gara mana yaalaa yoo ishiin deemtu yeroo hunda waliin deemi. Uumaa rabbii ta'ee ishiin garaatti baatte malee mucaan gaafa dhalatu qixxeedha. Waan salphaa miti kun hedduu sitti gammaddi.
5. Akkuma dur yeroo hin ulfaa'iinii sana akka ishiin bareeddu itti himi. Yoo ulfooftu haati manaakee qaamaan kan duraa irraa baay'ee jijjiiramti. Kanaaf jecha akka iji kee ammallee ishii irra jiru, akka sitti bareeddu beekuu barbaaddi. Sin gaafattu, utuma ishiin sin gaafatiin itti himi.
Dr Kedir

Taatee guyyaa guyyaan goonu kan baayina sanyii dhiiraa(ispeermii) hir’isan maalfaadha?Sanyii dhiiraa ykn ispeermii gahaa...
01/01/2025

Taatee guyyaa guyyaan goonu kan baayina sanyii dhiiraa(ispeermii) hir’isan maalfaadha?

Sanyii dhiiraa ykn ispeermii gahaa tahe(>15 million/ml) fi fayyaalessa tahe qabaachuun sanyii ofii Itti fufsiisuuf murteessaadha!
Wantoonni guyyaa guyyaan goonuufi haalli jireenya keenyaa baayinaa ispeermii hir’isan kan armaan gadiiti
1. Wantoota ho’ina naannoo cidhaanii dabalan kanneen akka yeroo dheeraaf bakka tokko taahaa turuu , paantii baayyee nama qabu uffachuu
2. Ulfaatina qaamaa garmalee
3. Yaaddoo ykn dhiphina hamaa
4. Tamboo aarsuu
5. Alkoolii baayinaan dhuguu

Kunniin taatee guyyaa guyyaan goonu kan nuti fooyyessuu dandeenyudha. Kanneen biroo kan baayina ispeermii dhiiraa gadi buusanis jiru.

Kanaaf of -eeggannoo gochuun gaariidha!
Fayyaa hin dhabinaa
Dr Kedir Mohammed
https://t.me/ashongore

01/01/2025
01/01/2025

Qophii Baashananaa

WAA'EE QORICHA SILDANAAFIIL(Viagra)Qoricha kana namoonni hedduun guyyaa aruuza(cidha) isaanii kan jalqabaa gootummaa isa...
01/01/2025

WAA'EE QORICHA SILDANAAFIIL(Viagra)

Qoricha kana namoonni hedduun guyyaa aruuza(cidha) isaanii kan jalqabaa gootummaa isaanii agarsiisuuf , walitti fufiinsaan walqunnamtii saalaa gochuuf ykn sodaa yeroo walqunnamtii saalaa isa mudattu ofirraa oofuuf liqimsa!. Kana malees rakkina qaamni saala ka'uu dhabuu( erectile dysfunction) yaaluf fayyada. Odoo walqunnamtii saalaa hin eegalle sa'aatii 1 ykn daqiiqaa 30 dursanii fudhachuun barbaachisaadha. Sa'aatii 24 keessatti hoggaa tokkoo ol fudhachuu hin qabdan! Nyaata zayita qabu ykn dhadhaa qabu wajjin hin fudhatinaa!

💥 Of eeggannoo godhamuu qabu!

Qoricha kana akkanumatti lafaa ka'anii ajaja ogeessa fayyaa dhaba fudhachuun miidha qaba. Miidhaalee kannen hirisuuf
• Namni dhukkuba onnee qabu tasuma fudhachuu hin qabu
• Dhibee tiruu
• Dhibee kalee
• Faalij( dhiigni sammuu keessatti jiguu) fi
• Dhiibbaa dhiigaa namni qabu qoricha kana of eeggannoon fudhachuu qaba!

💥 Yeroo akkam mana yaalaa deemtu?
-----
1. Qaamni saalaa ka'ee sa'aatii 4 oliif yoo rafuu diduu
2. Erga qoricha liqimsitanii gurri yoo isinii dhagahuu dide
3. Yoo ijji isinii arguu didde
4. Yoo hafuurri isinitti kutame hatattamaan gara mana yaalaa deemaa!!

ALARJII (Allergies)................❶. Alarjiin Maali*Yeroo qaamni farra alagaa wantoota uumamaan rakkoo hin qabne irratt...
12/30/2024

ALARJII (Allergies)................
❶. Alarjiin Maali
*Yeroo qaamni farra alagaa wantoota uumamaan rakkoo hin qabne irratti dheekamsa(lola) uumudha
*Alarjiin rakkoo baayyee xixiqqoo irraa kaasee rakkoo hamaa amma lubbuu baasutti nama geessisuu danda'uudha
*Alarjii gosa adda addaatu jira.
*Baay'inaan sanyiidhan kan daddarbu ta'us nama kamiyyuu qabuu ni danda'a!.....
❷.Wantoonni alarjii namatti kaasan maal fa'a??
1.Nyaata-baayyee beekamoon=Hanqaaquu, aannan sa'aa,qamadii,garbuu...
2.Ilbiisota mana keessaa kan akka bararoowwanii fi rifeensa, gogaa fi finacaan bineeldota manaa
3.Daraaraa(abaaboo) fi biqiltuu adda addaa
4.Uffata(laastikii) adda addaa
5.kanniisni yoo nama hidde
6.Dhukkee/awwaara
7.foolii keemikaala adda addaa kan akka sh*ttoo,aara,fooli kophee.......
❸.Mallatoo
Gosa alarjii irratti hundaa'ee adda adda

💥 Alarjii Foolii (allergic rhinitis)
👉 Ijaa fi funyaan nama nyachuu/hooqsisuu
👉 Haxxissuu
👉 imimmaan baay'inaan dhangala'uu,iji diimachuu
👉 Dhangala'aan funyaanin yaa'uu
👉 Funyaan cufuu

💥 Alarjii Gogaa (Atopic)
👉 Nama hooqsisuu/nyaachuu
👉 Gogaan diimachuu
👉 Gogaan qunca'uu

💥 Alarjii Ciniinnaa ilbiisotaa(summii)
*Iddoo ciniinname/hiddame irra baayyee dhiita'uu
*Qaama guutuu nama nyaachuu/hooqsisuu
*Hafuura baafachuu dadhabuu, qufaa

💥 Alarjii Qorichaa
👉Dhukkubbii garaa,albaatii,hooqqisa

💥 Asmii

💥 Alarjii Nyaataa
garaa, bokoksuu, albaatii, hooqqisa, dhaqna nama hooqsisuu

💥Anaafilaksis(anaphylaxis)
-kuni gosa alarjii baayyee hammaataa dafee yaala yoo hin arganne yeroo gabaabaa keessatti lubbuu nama baasuu danda'uudha....
❹.Yaala
👉waliigalatti yaalli isaa wanta alarjii namatti kaasu irraa of eegudha
👉Garuu yoo dhibichi namatti ka'e qorichoota adda addaa kan akka antihistamine,steroids, epinephrine....fudhachuun mallattoo irra fayyuun ni danda'ama
👉qorichoonnii kun mallattoo yaaluf malee kan guutumaa guututti (gara fulduratti) nama fayyisu miti

WAA'EE QORICHA CIPROFLOXACIN**************((**************⓵. Qorichi Ciprofloxacin maali?👉 Ciprofloxacin'n qoricha gosa ...
12/28/2024

WAA'EE QORICHA CIPROFLOXACIN
**************((**************

⓵. Qorichi Ciprofloxacin maali?
👉 Ciprofloxacin'n qoricha gosa garee farra bakteeriyaa fluoroquinolone ta'ee kan dhukkuboota baay'ee sababa bakteeriyaatiin dhufan irraa wal'aanuuf nu gargaaruudha.

⓶. Dhukkuboota Kam Kam yaaluf oola?
👉 Infeekshinii ujummoo fincaanii (Urinary tract Infection)

👉 Infeekshinii pirosteetii (prostate infection).

👉 Michii sombaa (pneumonia)

👉 Infeekshinii sayinasii (sinusitis )

👉 Infeekshinii lafee fi buusaawwanii qaamaa (bone and joint infection)

👉 Infeekshinii gogaa

👉 Dhibee garaa keessaa (intra-abdominal infection)

👉 Taayifooyidii (thyphoid fever)

👉 Garaa kaasaa (diarrhoea)

👉 Dhibee antiraksii (anthrax)

👉 Cophxoo fi kkf

⓷. Namoota Qoricha kana fudhachuu hin qabne
👉 Namoota alarjii qoricha ciprofloxacin ykn fluoroquinolone antibiotic ta'e kan akka levofloxacin,moxifloxacin, norfloxacin fi ofloxacin jedhamuu qaban
👉 Ijoollee waggaa 12 gadii
👉Dubartii ulfaa fi haadha hoosistu
👉Namoota dhibee lafee fi maashaalee qaban
👉 Namoota dhibee sukkaraa, dhibee narvii, rakkoo onnee, dhibee tiruu, dhibee kalee, gaggabdoo, miidhaa mataa (head injury), hanqina potaasiyeemii (hypokalemia),fi kkf qaban

◍ Qoricha kana yeroo fudhannuu aannanii ykn itittuu fi dhugaatii kaalsiyeemii of keessa qabu waliin yeroo wal fakkaataa keessati fayyadamuu hin qabnu yeroo xiqqoof adda turree fudhachuu qabnaa

⓸. Qoricha Ciprofloxacin Akkamitti fudhachuu qabnaa?
👉Akkaatuma ogeessi fayyaa ajajetti fayyadamuu qabna.
👉Qoricha guutuu isaa osoo hin alanfatini ykn ilkaaniin hin caccabsin bishaan baay'ee waliin fudhachuu qabna.
👉Qoricha kana erga jalqabnee booda yeroo hamma fudhatamuu qabu hamma xumurruutti jidduun dhaabuu hin qabnu
👉Qoricha kana iddoo hoo'aa ykn qorraa fi jiidhaa ta'ee irraa fageessinee kuusuu qabna.
👉Qoricha kana namoota biroo kan mallatoolee dhibee wajjiin wal fakkaatu yoo jiraatellee waliin fayyadamuu hin qabnuu.

Kiniinii Ulfa Ittisuu Afaaniin Fudhatamu (COC)**************************************👉 Taableetii guyyaa guyyaan ulfa itt...
12/28/2024

Kiniinii Ulfa Ittisuu Afaaniin Fudhatamu (COC)
**************************************

👉 Taableetii guyyaa guyyaan ulfa ittisuuf gargaaru

👉 Mala karoora maatii yeroo gabaabaa
Kiniiniin ulfa ittisuu afaaniin fudhatamu walitti makame (COC) kiniinii hormoonota lama piroojeestoojiinii fi istiroojinii of keessaa qabu yoo ta'u, ulfa ittisuuf guyyaa guyyaan fudhatama.

👉 Hormooniin kiniinii keessa jiru ji'a ji'aan ovaariin hanqaaquu tokko akka hin gadhiifne gochuudhaan hojjetu (ovulation). Akkasumas, dafqa gadameessaa furdisee akka isparmiin gadameessa keessa gahuun itti ulfaatu taasisa.

👉 Bu’a qabeessummaan isaa 92% ta'a. Dubartoonni dhibba tokko waggaa tokkoof kiniinii kana yoo fayyadaman, dubartoota sana keessaa 92 yeroo sanatti hin ulfaa'an turan.

👉 Dubartoonni tokko tokko guyyaa guyyaan kiniinii kana fudhachuu dagatu, kunis carraa ulfa karoora malee qabaachuu dabaluu danda'a.

Rakkoo Qaamni Saala Dhiiraa Yeroo Dheeraaf Dhaabbatee Turuu (Priapism ):-Priapism kan jedhamu yeroo qaamni saala dhiiraa...
12/28/2024

Rakkoo Qaamni Saala Dhiiraa Yeroo Dheeraaf Dhaabbatee Turuu (Priapism ):-
Priapism kan jedhamu yeroo qaamni saala dhiiraa fedhii malee, wantoonni fedhii saalaa namatti kaasaan bakka hin jirrettii fi erga dhangala'a(mi'oo) dhangala'aseen boodas kan hin dhiisnee fi yeroo dheeraaf akkuma dhaabbateetti turuudha. Haalli kun yaala hatattamaa kan barbaaduu fi yeroo baayyee miira dhukkubbii kan qabuudha. Rakkoon kun daa'immanii fi nama ga'eessas kan muudatuudha.
Sababoonni haala kanaaf nama saaxilan baayyeen isaanii ifatti hin beekkaman, garuu kan rakkoo kanaaf nama saaxilan jedhamanii beekkaman keessaa:-
👍 Qorichoota rakkoo ka'uu dhabuu qaama saalaaf kennaman
👍dhibee sickle cell disease jedhamu
👍Kaanserii seelii dhiiga adii (leukemia )
👍Miidhaan ykn balaan naannoo qaama saalaa irra gahu (trauma )
👍Qorichoota gosa garagaraa yaala dhibee biroof fudhataman
👍Dhibeewwan sirna narvii waliin walqabatan fi kkf

Yaala
Yaalli isaa sababoota ka'umsa rakkoo kanaa ta'an irratti hundaa'a. Rakkoolee haala kanaan walqabatanii dhufan yoo yeroon kan hin yaallamne ta'e, miidhaa hamaa of duuba hin deebine qaqqabsiisuu danda'a.
Namoonni qoricha ka'u dhabuu qaama saala dhiiraaf kennamu fudhattan yeroo baayyee rakkoo kanaaf saaxilamoodha, kanaaf qorichoota kanneen gorsa ogeessa fayyaatiin ala fudhachuu hin qabdan. Namoonni qoricha kana fudhattanii haalli kun akka tasaa isin muudate immoo daftanii mana yaalaa deemu qabdu.
Daa'immanis ta'e namni kamuu haalli kun yoo isa muudate dafee gara mana yaalaa deemee yaala hatattamaa argachuu qaba.
Nagaan isiniif yaa ta'u
Dr KedDr Kedir Mohammed

WAA'EE QORICHA INTRACONAZOLE 100MG~~~~~~~~~~~~~\\~~~~~~~~~~~~~1️⃣.Qorichi intraconazole maali?✍Intraconazole~jechuun qor...
12/27/2024

WAA'EE QORICHA INTRACONAZOLE 100MG
~~~~~~~~~~~~~\\~~~~~~~~~~~~~
1️⃣.Qorichi intraconazole maali?
✍Intraconazole~jechuun qoricha garee farra fangasii ta'ee kan inifeekshinii baay'ee sababa fangasiin dhufu yaaluuf gargaara.

2️⃣.Qorichi Intraconazole yeroo yaalaaf fayyadamnu fayyaa keenyaaf faayidaa akkamii qaba?.
* Inifeekshinii fangasii afaan keessa.
* Inifeekshinii fangasii laagaa keessaa.
* Inifeekshinii fangasii sombaa.
* Inifeekshinii fangasii qensa qubbeen harkaa.
* Inifeekshinii fangasii qensa qubbeen miilaa fi kkf yaaluuf gargaara.

3️⃣.Qoricha Intraconazole yaalaaf fudhachuun durati maali godhuu qabna?
✍Namoonni alarjii qoricha intraconazole ykn qorichoota garee farra fangasii ta'an kan akka fluconazole,ketoconazole fi kkf qabu qoricha kana fayyadamuu hin qabuu.
✍Namoonni dhibee dadhabina onnee qabaachaa ture ykn qabu qoricha intraconazole fayyadamuu hin qabuu.
✍Namoonni dhibee tiruu fi kalee qabu qoricha intraconazole qorichoota biroo kanneen akka Colchicine,fesoterodine ykn solifenacin fi kkf waliin yoo fayyadamnee rakkoo birootiif wan nu saaxiluu maluuf waliin fayyadamuu hin qabnuu.
✍Qoricha intraconazole qorichoota biroo kanneen akka.....
* Qoricha Analafin.
* Qoricha Cisapride.
* Qoricha eliglustat.
* Qoricha Irinotecan.
* Qoricha Isavuconazonium.
* Qoricha methadone.
* Qoricha naloxegol.
* Qoricha ranolazine.
* Qoricha ticagrelor.
* Qoricha rakkoo fayyaa sammuu kan akka lurasidone ykn pimozide.
* Qorichoota farra koleestiroolii kan akka lomitapide,lovastatin,simvastatin fi kkf.
* Qorichoota akka dihydroergotamine,ergonovine,ergotamine, methylergonovine fi kkf.
* Qorichoota onnee fi dhiibbaa dhiigaa kan akka eplerenone, felodipine,ivabradine,nisoldipine fi kkf.
* Qorichoota akka disopyramide, dofetilide,dronedarone, ykn quinidine fi kkf dr kedir Moh

 Dhukkuba yokaan dhibee Toonsiiliif jalqaba mana keenyatti wantoota godhuu qabnu keessaa muraasa.1. Bishaan hoo'aa baayy...
12/27/2024



Dhukkuba yokaan dhibee Toonsiiliif jalqaba mana keenyatti wantoota godhuu qabnu keessaa muraasa.
1. Bishaan hoo'aa baayyinaan dhuguu.
2. Bishaan Burcuqqoo Takkatti Soogidda yokaan Ashaboo walakkaa Fallaana itti naquun xiqqo hoo'isanii hanga laagaa yokaan qoonqoo dhaqqabutti sakandii 30-45f ittiin lulluuqqachuu.
3. Damma fallaana tokkoofi soogidda walakkaa fallaanaa bishaan hoo'aan walitti ida'uun yero yerotti lulluuqqachuu.
4. Yeroo dhibee kanaan qabamnu yokaan dhibeen kun nutti ka'u, nyaatawwan jajjabaa ta'an, kanneen akka Chipsii, Aappilii fi Kaarot jiraa yeroo nyaannu laagaa yokaan qoonqoo teenya waan nu dhukkubsaniif hanga fayyinutti fayyadamuu dhiisuu qabna.
5. Toonsiiliin yeroo nama dhukkubu sagaleen nama duuduu waan dandeessuuf sagalee guddaan haasa'uu irraa of qusachuu. Sababni isaa ammoo dhukkubbii san daran cimsuu waan danda'uuf.
6. Boqonnaa ga'aa fudhachuu.
7. Qoricha Loozenjis ja'amu kan Faarmaasii irraa bitamu kan akka Karameellaatti xuuxamu fayyadamuuniis gaariidha.
Fayyaaa hin dhabinaa. Fayyaadahaa. Fayyaan faaya.
Dr. Kedir Mohamed

12/16/2024

Thanks again

Address

Canada, KS

Telephone

+251906409467

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Kedir Mohammed posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Dr Kedir Mohammed:

Videos

Share