Caffee Jannataa slamic Da'awa

Caffee Jannataa slamic Da'awa

24/10/2024

Muhaadaraa Dubartoota Qofaa Oct-27-2024 Alhada As deemu Uganda-kampala

18/10/2024

Deeggarsa STUDIO Shabaaba Muslimaa kan Ustaaz Riyaad Abdallatin Durfamu

05/07/2024

Mee Seenaa Tana Dhaggeefadhaa Asumaan Page keenya godhaa

02/07/2024
Manguddoon Furtuun Balbala Ka’abaa 🕋 Harka Turtee fi Itti Gaafatamaa Dhimma Ka’abaa Gama Aakiraa Godaanuun DhagahameINNA...
22/06/2024

Manguddoon Furtuun Balbala Ka’abaa 🕋 Harka Turtee fi Itti Gaafatamaa Dhimma Ka’abaa Gama Aakiraa Godaanuun Dhagahame

INNAA LILLAAHI WA INNAA ILEYHI RAAJI’UUN

Dr Sheikh Saalih Al-Sheybiin hortee Gosa Banii Sheybaa jedhamtu,tan Ergamaan RABBII (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) amaanaa furtuu Ka’abaa itti kennan irraa kan dhalatee dha.

Akka galmee seenaatti; Furtuun Ka’abaa jarraa 16 dura Abaabayyuu Nabi Muhammad (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) isa shanaffaa kan tahe, Qusayyi Bin Kilaab kan jedhamu harka turte. Ilmaan Qusayyi kanarraa ilmi Sheybaa jedhamu gaafa dhalaterraa furtuun ka’abaa isatti kennamte. Gaafa sanirraa waggaa 1600 irraa hortee Banuu Sheybaa kanatti osoo dabarfamtu jaarraa 16 lakkoofsiftee har’a dhaqqabdee jirti.

Ergamaan RABBII (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) gaafa Makkaan bananis amaanaa furtuu isaanirraa hin fuune, akkas jechuun itti jabeessan;” Furtuu tana qabaa yaa Banii Sheybaa. Abadan harkuma keessan haa teessu. Nama jallataa malee namni isin harkaa fuudhu hin jiru “ jedhaniin.

Gaafa sanirraahis qabee Baniin Sheybaa furtuu Ka’abaa qabuu qofa osoo hin taane,Ka’abaa dhiquu,uffata isii yoo moofe irraa jijjiiruu,Warra isii Ziyaaruu dhufu simatuu, Maqaama Nabi Ibraahiim (Aleyhissalaam) tiksuudhaan itti gaafatamummaa guddicha kana har’aan gahaniiru.

Dr Sheikh Saalih Sheybii warroota furtuun Ka’abaa harka turte keessaa Abaabayyuu Ergamaa RABBII (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) irraa namaa dhibbaa fi saglaffaati,akka Ergamaan RABBII (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) Makkaan banan irraa ammoo nama 77 dha.
Namni kuni yeroo 100 ol Ka’abaa akka dhiqe hima.

Akkasuma namni suuraa isaa argitan kun nama 109 booda Nabi Muhammadiin abbaa tokkorratti walitti deebi’an jechuudha. Har’a ganama gama fuula RABBII deemuun dhagahame. RABBIIN furtuu JANNATAA isaaf haa kennu. Warra Nabi Muhammadiin jannata keessatti wal argu isaan haa taasisu.

صلوات ربي وسلامه على أشرف الأنبياء والمرسلين

14/05/2024

Koonfaransii Markazal muhajir Foundation Biyya Uganda-kampala

04/05/2024

Koonfaransii Markazal muhajir Foundation Biyya Uganda-kampala akka Awuroppaatti may/18/2024 akka nurraa hin hafne

27/04/2024

Koonfaransii Markazal muhajir Foundation Biyya Uganda-kampala Akka Lakkofsa
Faranjitti may/18/2024
Ethiopia. 10/09/2016
Akka islaamatti Zulqida/8/1445
Namuu Share share nuuf godhaa

11/04/2024

Address

Caffeejannataa@gmail. Com
Kampala
DACHASABDUREHMAN

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Caffee Jannataa slamic Da'awa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Caffee Jannataa slamic Da'awa:

Videos

Share

Category