Utubaa Haaromsaa

Utubaa Haaromsaa Odeeffannoo Wayitaawaa fi Qulqulluu page kanarraa ni argattu

28/07/2024
  _Breaking _NewsItiyoophiyaan imaammata fooyyessa diinagdee Gooroo hojiirra oolchuutti seenteeAdoolessa21/2016 Itiyooph...
28/07/2024

_Breaking _News
Itiyoophiyaan imaammata fooyyessa diinagdee Gooroo hojiirra oolchuutti seentee
Adoolessa21/2016 Itiyoophiyaan imaammata fooyyessa diinagdee Gooroo hunda galeessa ta’e hojiirra oolchuutti seentee.

Imaammata Sagantaa Fooyyessa Diinagdee Gooroo
ilaalchisuun cuunfaan ibsa kenname akka ittaanutti dhiyaateera.

Jijjiirama Siyasaa Bara 2010 hordofee mootummaan hojiilee Diinagdee Gooroo fooyyessuu gaggeessaa tureera.

Adeemsa Fooyyessa imaammataa fi seeraa gaggeeffamaniin diinagdeen biyyattii gara diinagdee gooroo tasgabbaa’aatti akka ce’u abdii uumeera.

Sagantaan fooyyessii diinagdee mandhalee marsaa jalqaba bara baajataa 2011 hojiitti seenes kaayyoo fi galmoota diinagdee bal’aa kan milkeessedha.

Itiyoophiyaan waggoottan ja’an darban guddina diinagdee itti fufiinsa qabu galmeessuun addunyaarraa biyya diinagdee saffisaa argisiisa jiran keessa tokko ta’uu ibseera.

Dhiyeenya kan ragga’e sagantaan fooyyessa diinagdee mandhalee marsaa 2ffaan hojiilee fooyyessa diinagdee gooroo hafan xumuruuf kutannoo jiru kan argisiisuudha.

Haaluma kanaan sagantichi utubaalee afurirratti kan hundaa’e ta’uu eerameera.

Kunneenis, diinagdee gooroo tasgabbeessuu fi waarinaan kan deeggaru hammattoo imaammata diinagdee Gooroo tasgabba’aa hundeessuu, invastimantii mijataa kalaqa jajjabeessuu fi naannawaa damee daldalaa fi dorgomtummaa guddisu, dandeettii oomishaa fi omishtummaa biyyaa keessaa cimsuu fi tajaajila qulqullina qabu ga’umsaan dhiyeessuuf dandeettii mootummaa guddisuu fa’aa ta’uu ibseera.

Ajandaan fooyyessa diinagdee guddina diinagdee hunda galeessaa fi kalaqa hojii kan bu’uureffateedha.

Sagantichi qaala’iinsaa jireenyaa tasgabbeesuu, walbuusa sharafa alaa walsimsiisuu, damee faayinaansii daran cimsuu, qaala’iinsa gatii to’achuu, galii gibiraa guddisuu, bu’aa qabeessummaa invastimantii mootummaa fooyyessuu, idaa mootummaa waarinaan mirkaneessuun, dorgomtummaa damee baankii cimsuu fi naannawaa invastimantii fi daldalaa fooyyessuu, sirna diinagdee amm

Aanaa Gola Odaatti Facaan sanyii Buussa Gonofaa itti fufeera***********************☆☆**************************Adoolessa...
17/07/2024

Aanaa Gola Odaatti Facaan sanyii Buussa Gonofaa itti fufeera
***********************☆☆**************************
Adoolessa 10/2016 WKAGO Godina Harargee Bahaa Aanaa Gola Odaatti Sochiin Misooma Kilaastara Bishingaa Sanyii filatamaa fi facaa sanyii Buussa Gonofaa itti fufee jiru Bulchaa Aanaa Gola Odaa Obbo Musxafaa Mahammadiin daawwatame.

15/07/2024
Jilli Bulchaa Aanaa Gola Odaa Obbo Musxafaa Mahammadiin duurfamu Hojiilee misoomaa Araddaa Biiftuu Nagayaatti dargaggoot...
15/07/2024

Jilli Bulchaa Aanaa Gola Odaa Obbo Musxafaa Mahammadiin duurfamu Hojiilee misoomaa Araddaa Biiftuu Nagayaatti dargaggoota waliin daawwatan.
====================//=========================
Adoleessa 8/2016 Godina Harargee Bahaa Aanaa Gola Odaa Araddaa Biiftuu Nagayaatti hojii Ashaaraa magariisaa kunuunfamaa jiru Dargaggoota Aanichaan daawwatame

Konfaransii Liigii Dargaggoota Aanaa Gola Odaa Kur.4ffaa bara 2016 erga gaggeeffame booda Daawwannaan hojii kunuunsa Ashaaraa Magariisaa Araddaa Biiftuu Nagayaatti Jila Bulchaa Aanaa Gola Odaa Obbo Musxafaa Mahammadiin duurfamu,koree Qindeessaa Aanaa fi Dargaggoota Araddootaarraa hirmaataniin daawwannaa taasisuun muuxxannoo qooddataniiru

Nama Gargaaruuf Nama Tahuun Ga'aadha================//=============================Adoleessa_6_2016 Godina Harargee Baha...
13/07/2024

Nama Gargaaruuf Nama Tahuun Ga'aadha
================//=============================
Adoleessa_6_2016 Godina Harargee Bahaa Aanaa Gola Odaatti Jilli Bulchaa Bulchiinsa Aanaa Gola Odaa Obbo Musxafaa Mahammadiin duurfamu Hojii Tajaajjila Lammummaa Sad.Magaalaa Burqaatti Waajjira Ejensii Geejjibaan hojjatamuuf Jalqabsiisaniiru.

Hojiin Tajaajila Lammummaa bara 2017 akka Aanatti eegalame Sad.Magaalaa Burqaatti Waajjira Ejensii Geejjibaan Jalqabamee jira.
Hojii tola Ooltummaa kanaan mana namoota dadhaboo fi harka-qalleeyyii ijaaruun Namaa fi Rabbi birattiis gaarii waan taheef har'a Mana Haadha Arjoomsaa Magaala Burqaa Ganda 2 Keessaatti Kutaa 2 Ijaarsi Issaa Waajjira Geejjibaan Bakka Bulchaan Bulchinsa Aanaa Gola Odaa Obbo Musxafaa Mahammad fi koree Qindeessaan Aanichaa argamanitti Haala Gaariin Jalqabameera.Seektaroonni Mootummaa fi Araddoonni Aanichaas kan itti fufan tahuu ibsaniiru.

Sirni Cifinsa M/B Burqaa Sad.2ffaa fi Kabaja Maatii Barattootaa Bara 2016 Halla gaariin Gaggeeffame.=================//=...
13/07/2024

Sirni Cifinsa M/B Burqaa Sad.2ffaa fi Kabaja Maatii Barattootaa Bara 2016 Halla gaariin Gaggeeffame.
=================//===========================
Adoolessa 6/2016 Godina Harargee Bahaa Aanaa Gola Odaatti Cufiinsi Mana Barumsa Sad.2ffaa Burqaa Bakka Bulchaan Bulchinsa Aanaa Gola Odaa Obbo Musxafaa Mahammad, koree Qindeessaan Aanichaa, Barattoota,maatiin barattootaa fi Qooda Fudhattoonni M/B Barumsaa argamanitti Sirni Cufinsaa Gaggeeffameera.
Dhumarratti sirni Badhaasni fi Beekamtii Barattoota 1_3 bahaniif,Barsiisotaa fi Koree GMBB raawwii gaarii hojjataniif badhaasaa fi galateeffannaa taasifameera.

 . 'a_Labsame.====================//==========================Adoolessa 4/2016 WKAGO Godina Harargee Bahaa Aanaa Gola Od...
11/07/2024

. 'a_Labsame.
====================//==========================
Adoolessa 4/2016 WKAGO Godina Harargee Bahaa Aanaa Gola Odaatti Hojiin Tajaajila Lammummaa bara 2017 Sad.Magaalaa Burqaatti bakka hoggansi Olaanoon Aanichaa fi Abbootiin Afooshaa argamanitti Har'a labsameera.

I/G waaj/PB Damee Aanaa Gola Odaa Obbo Ahamad Muummee fi I/A Bulchaa Aanichaa Obbo Daawit Mangistuu argamuun walduraa-duubaan haasaa taasisaniin akka ja'anitti aadaa wal gargaarsaa cimsuun duudhaa Ummata Oromoo ganamaatti deebi'uuf kan yaadame ta'uu ibsaniiru.hojiin tola Ooltummaa kun dadhabaa fi harka-qalleeyyii Ganda keenya keessa jiran adda baasuun kan mana jaarachuu dadhabe,barataaf dabtaraaf qakamaa fi waan dandeenyuun bira dhaabbannee walgargaaruun namaaf Rabbi birattiis gaarii waan taheef hojii eebbifamaa Sadarkaa Magaalatti har'a labsame kana Sadarkaa Araddoota Aanichaatti gadi buusuun kan itti fufu tahuu dhaamaniiru.

Eegalamuu hojii tajaajila Lammummaa bara 2017 kanarratti Gabaasni raawwii hojii tola ooltummaa Afooshaalee magaalaa Burqaa dhihaateera.bakka Bu'oonni afooshaalee gandoota Magaalaa Burqaa yaada isaanii ibsuun akka ja'anitti hojiin eebbifamaan kun daran cimee itti fufuun waan qabnuun rakkataa keenya bira dhaabbachuu qabnaa ja'an.
dhumarratti Afooshaalee raawwii hojii isaanii bara 2016n fooyyee tahaniif sirni badhaasaa fi galateeffannaa walduraa-duubaan taasifameera.

  ==================//=======================WKAGO)Adoolessa, 3/2016 Godina Harargee Bahaa Aanaa Gola Odaatti Jilli I/A ...
10/07/2024


==================//=======================
WKAGO)Adoolessa, 3/2016 Godina Harargee Bahaa Aanaa Gola Odaatti Jilli I/A Bulchaa Aanaa Gola Odaa Obbo Daawit Mangistuun duurfamu kilaastara Bishingaa Malkaam ja'amu Zoonii Diimaatti facaasaniiru.

Kilaastera Bishingaa Malkaam ja'amu kana Zoonii Diimaa Araddaa Diimaa Misraatti bakka I/G Siyaasa PB damee Aanaa Gola Adde Dasii Mahammad,Ogeeyyii Waajjira Qonnaa fi Qonnaan-bultoonni argamanitti bifa duulaan Rooba argametti fayyadamuun Xaa'oo,Sararaa fi Sanyii filatamaa Bishingaa Malkaam facaasaniiru.I/A Bulchaa Obbo Daawit Mangistuu fi I/G Siyaasa PB damee Aanaa Gola Odaa Adde Dasii Mahammad Qonnaan bultootaa bifa guuzaan facaasaa jiran kana fayyaa dahaa jechuun jajjabeessaniiru.hojiin bifa duulaa kun cimee itti fufuu qabaas ja'an.

 ******************☆☆*******************  Godina Hararge Bahaatti Aanaan Gola Odaa sirna Badhaasaa fi Galateeffannaa taa...
10/07/2024


******************☆☆*******************
Godina Hararge Bahaatti Aanaan Gola Odaa sirna Badhaasaa fi Galateeffannaa taasifame.

Hojii Misoomaa Adda Addaattiin
=>Hojii Qusannaan Aanota 21 fi Magaalota 2 Keessaa Sadarkaa 1ffaa
=>Hojii Qonnaan Bulaa Ceesissuun Aanota 21 fi Magaalota 2 Keessaa 1ffaa
=>Qamadii Jallisii Boneetiin 1ffaa
=>Hojii Qonna Waliigalaatiin Aanaan Gola Odaa Aanota Horsiisee Bulaa Gondina Harargee Bahaa keessaa Bahuun tokkoo,Waraqaa Ragaa 4 fi Abbaa Geba 4 bara kanaa tahuun Badhafamnee jira.
1. Ahmadnuur Umar Qonnaan Bulaa Adda Duree Medaaliyaa fi Garii Badhaafamee jira.
2. Suufiyaan Ahmad Umar Waraqaa Ragaa fi Cheekii Qarshii 5000 Badhaafamee jira.
3. Kadiir Jibriilaa Waraqaa Ragaa fi Cheekii Qarshii 5000 Badhaafamee jira.
irraa deebiin .

09/07/2024
  Suppaviizhinii Waajjira Pirezidaantii MNO Aanaa Gola Odaatti Hojiilee Misoomaa garaagaraa daawwate.=============//====...
21/06/2024

Suppaviizhinii Waajjira Pirezidaantii MNO Aanaa Gola Odaatti Hojiilee Misoomaa garaagaraa daawwate.
=============//==============
WKAGO)Waxabajjii 14/2016 Godina Harargee Bahaa Aanaa Gola Odaatii Koreen Supparviihzinii Olaanoon Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Hojiilee Misoomaa garaagaraa Aanichatti daawwatan.

Koreen Sup.vizhinii Olaanoon kun Obbo Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaarraa Biiroo Maallaqaa Oromiyaa irraa bobbahan Hojiilee Misoomaa garaagaraa Aanaa Gola Odaatti hojjatamaa turan daawwataniiru.
Daawwii kanaan hojiilee misoomaa Qonnaarratti,Kilaastara Furdisa Jibootaa Magaalaa Burqaa, Oomisha Dammaaf Gaagura ammayyaa Araddaa Sattawwaa Kanniisaa ,Eegalchiisa facaa sanyii Bishingaa kilaastara ,Mana kuusaa nyaata Beeyladaa Araddaa Cophii Dagaagaa, Manneen Murtii Aadaa, iddoo Oomisha Koompostii,M/Barnootaa ,FTC fi kanneen biroo Sad.magaalaa fi baadiyyaattiis hojiilee qabatamaan hojjataman lafarratti ilaaluun mirkaneessaniiru.

Dhumarratti haala daawwii Sup.vizhinii kanarratti , Koree Qindeessaa fi Hoggansa Aanaa waliin mari'achuun koreen Sup.vizhinii kun Aanaa Gola Odaa Aanota Gammoojjii waliin Madasluu osoo hin taane kan Baddaa waliin dorgomuu akka danda'u ibsuun jajjabeessaniiru.

(WKAGO), Waxabajjii 7/2016)Jilli Bulchaa Godina Harargee Bahaa Aadde Miskii Mahammadiin durfamu Aanaa Gola Odaa Magaalaa...
14/06/2024

(WKAGO), Waxabajjii 7/2016)Jilli Bulchaa Godina Harargee Bahaa Aadde Miskii Mahammadiin durfamu Aanaa Gola Odaa Magaalaa Burqaatti Gaachena Sirnaa Leenjii dandeettii raawwachiisummaa fudhachaa turan Eebbisiise.

Waxabajjii 4/2016_Godina Harargee Bahaa Aanaa Gola Odaatti Dhaabbanni COOPERAZIONE jedhamu Meeshaalee tajaajilaa garaaga...
11/06/2024

Waxabajjii 4/2016_Godina Harargee Bahaa Aanaa Gola Odaatti Dhaabbanni COOPERAZIONE jedhamu Meeshaalee tajaajilaa garaagaraa buqqaatota ererii fi jijiigaatiif Bakka I/A Bulchaa Aanaa Gola Odaa Obbo fi Manaajarri Pirojektii COOPERAZION( ) damee Gola Odaa Obbo argamanitti raabsameera.
Haala itti fayyadama qulqulleessituu bishaanii wuhaa aggaaar irratti hubannoo ummataaf kennaniiru.

"Supporting the displaced population and host communities to mitigate the effects of Drought in the East Bale and the East Harerghe areas of the Oromia Region"
Distribution WASH NFI and dignity kits in at Gola Oda Woreda,East Harerghe Zone,June,2024
Projekt is funded by AICS .Italian Agency for development cooperation Implimanting partners:(COOPI)

Daawwannaa Suphaa Daandii Gola Odaa_Baddannoo Caamsaa 16/9/2016 WKAGO Godina Harargee Bahaa Aanaa Gola Odaatti  Bulchaan...
24/05/2024

Daawwannaa Suphaa Daandii Gola Odaa_Baddannoo
Caamsaa 16/9/2016 WKAGO
Godina Harargee Bahaa Aanaa Gola Odaatti Bulchaan Aanaa Gola Odaa Obbo Musxafaa Mahammad Rakkoo Daandii hawaasa Aanaalee 2n rakkisaa ture yeroo ammaa suphamaa jiru daawwatan.

daawwannaa kanaan hojii suphaa Daandii Aanaa Gola Odaa hanga Aanaa Baddannoo Araddaa Jiruu Ballinaatti korota Aanaa Gola Odaa irraa geejjibuun hojjatamaa jira.Bulchaan Bulchinsa Aanaa Gola Odaa Obbo Musxafaa Mahammad Rakkoo Daandii bobbaa galaa qaamota hawaasa garaagaraa dhiibbaa geessisaa ture bu'ura irraa furuuf Gara Aanaa Baddannootti imaluun iddoo rakkoon daandii hammaataan jirutti Cirracha(material) gahaan uwwifamee miidhaan konkolaataa ummataa fi hawaasarra gahaa ture hundeerraa akkaa furamu hanga Aanaa Baddannootti deemuun iddoo cirrachi(material) argamu daawwaniiru.

Tajaajilli   eegalamutti Ergaa Baga Gammaddanii Bulchaan Aanaa Gola Odaa Obbo Musxafaa Mahammad Caamsaa  #13/2016_WKAGO ...
21/05/2024

Tajaajilli eegalamutti Ergaa Baga Gammaddanii Bulchaan Aanaa Gola Odaa Obbo Musxafaa Mahammad

Caamsaa #13/2016_WKAGO Godina Harargee Bahaa Aanaa Gola Odaatti Tajaajjilli Net-workii bilbilaa fi daataa yeroo dheeraaf ummata rakkisaa ture deebii argachuun 3G irraa gara Tajaajila 4Gtti ol guddachuun ibsameera.guyyaa har'aa eegalee hojjattoota Dhaabbata ethio-Telecomiin meeshaa haaraa bakka buusuun tajaajila saffisaa ta'e kennuu eegalchiisaniiru.

Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Gola Odaa Obbo Musxafaa Mahammad Tajaajilli Net-workii Ummata Aanichaaf gaaffii waggoota dheeraa tahuu ibsuun,carraaqqi taasifameen har'a gaaffiin yeroo dheeraaf ture deebisaa waan argateef ummata Aanichaaf erga baga gammaddanii dabarsan. Dhaabbata -Telecom galateeffataniiru.

Adres

Twardogóra Gmina

Telefon

+251920108800

Strona Internetowa

Ostrzeżenia

Bądź na bieżąco i daj nam wysłać e-mail, gdy Utubaa Haaromsaa umieści wiadomości i promocje. Twój adres e-mail nie zostanie wykorzystany do żadnego innego celu i możesz zrezygnować z subskrypcji w dowolnym momencie.

Skontaktuj Się Z Firmę

Wyślij wiadomość do Utubaa Haaromsaa:

Widea

Udostępnij

Kategoria


Inne Twardogóra Gmina firmy medialne

Pokaż Wszystkie