
22/05/2022
J/Battee Urgeessaa heddu galatoomi! Dunuunfatanii wal shakkuu fi olola hamaa akka sabaatti hegeree keenya miidhu omishanii tamsaasuu mannaa maaltu tahe jedhanii walitti deemanii wal gaafachuutu nu fura. Mallattoolee bilchina nama siyaasaa keessaa tokkos isa kana. Kanin kaleessa jedhellee kanuma. Wal ooduu, walirraa qoollifachuu fi wal singiggaahuun qabsaayota gidduutti hin hojjetu. Miirota dhibee kanarraa yoo fayyine qofa saba keenyas fayyifna.