Iluu News Network

Iluu News Network Ummatarraa Ummataaf

22/11/2023

Iluu News Network

  Mana barnootaa Leeqaatti sirni baruufi barsiisuu guutummaatti hafeera jechuun ni dandahama. Barattoonni kutaa 6ffaa ba...
20/10/2023


Mana barnootaa Leeqaatti sirni baruufi barsiisuu guutummaatti hafeera jechuun ni dandahama.

Barattoonni kutaa 6ffaa bara kana ji'a Caamsaa 26_30 qormaata sadarkaa naannootti qophaa'u qoramuuf jiran hanga yonaa gosa barnootaa lama qofa malee barachuu hin jalqabne. Innuu afaan alagaa qofa,afaan ingiliziii fi afaan amaaraati. Akkasumas barattoonni kutaa 7 fi 8ffaan gosa barnootaa
afur afur qofa barachaa jiru.
Barattoonni kutaa 1_4 guyyaatti gosa barnootaa tokko tokko qofa baratanii galaa jiru.

Qaamni dhimmi ilaallatu barattoota kanaaf
furmaata hatattamaa akka kennu gaafanna.

Wayitii Barnoota Torbee Sirna Barnoota Haaraa Kutaa 9-12ffaa
30/09/2023

Wayitii Barnoota Torbee Sirna Barnoota Haaraa Kutaa 9-12ffaa

Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad, Giiftii duree Zinnaash Taayyaachoofi Hooggansi Federaalaafi Naannoolee raawwii   pi...
29/09/2023

Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad, Giiftii duree Zinnaash Taayyaachoofi Hooggansi Federaalaafi Naannoolee raawwii pirojektoota ijaaramaa jiranii qorachuuf Jimma dhaqan.

Fulbaana 18,2016-Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad, Giiftii duree Zinnaash Taayyaachoofi Hooggansi Federaalaafi Naannoolee raawwii hojii pirojektoota ijaaramaa jiranii qorachuuf Jimma dhaqaniiru. Waajjira Ministira Muummee.

Tajaajila Lammummaa: Imala Ofitti Deebi’uu!Tajaajilli Lammummaa waan lamaan olmaa nuuf oole. Kan jalqabaa dandeettiin go...
29/09/2023

Tajaajila Lammummaa: Imala Ofitti Deebi’uu!

Tajaajilli Lammummaa waan lamaan olmaa nuuf oole. Kan jalqabaa dandeettiin gochuu Ummata keenyaa amma yaannuu ol ta’uu, qabatamaatti nutti agarsiise. Shallaggii hanga Waxabajjii 30, bara 2015 taasifameen qofa hojiifi deeggarsi gosa adda addaa Sagantaa Tajaajila Lammumaatiin arganne bil. 163.4 oli.

Kan lammataa ammoo duudhaa humneessoo ummata keenyaa sababa adda addaatiin adda citee ture akka deebisnee gonfannu karra nuuf baneera. Labsii Tajaajila Lammummaa booda humnoota waloo duudhaa ummataa irraa madaqan sadi gara hojiitti galchineerra. Imala hawaas-dinagdee ummata keenyaa jijjiiruu keessattis jabinaan nu utubaa jiru. Adeemsa kana, battala gama kanatti nu qajeelche irraa kaanee hanga ammaatti haa ilaallu!

Sakatta’iinsa Gamanatti Nu Qajeelche
Hooggansi jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa hunda dura rakkoolee misooma naannicha ukkaamsanii qabaniifi furmaata isaanii ilaalchisee dhimmoota akka tarsiimoo, imaammataafi misooma waliigalaa irratti qorannoo yabbuu muxannoowwan biyya keessaafi idil-adunyaa irratti sakatta'iinsa taasise gaggeesse. Bu’aan qorannichaas, ‘Tarsiimoon Misooma Mootummaadhaan Hoogganamu’ (State-led Development Approach) biyyi keenya duraan fayyadamaa turtee akkasumas muxannoowwan biyyoonni Afrikaa heedduun fayyadamaa turan, guddina ariifataa, hunda galeessaafi damdaneessa kan hin mirkaneessine ta’uu agarsiisera. Kufaatiin tarsiimoo kanaa sababoota hedduu qabaatus, inni jalqabaa hariiroofi fudhatama ummata waliin qabu irraa kan maddu ture. Innis, gama tokkoon dandeettii raawwachuu ummataa hubatee sochoosuu dhabuu yoo ta’u, gama biraatiin sochii misoomaa taasifamaa turan irratti ummanniifi qooda fudhattoonni akka abboomaman taasisuu dhabuudha. Muxannoowwan biyyoota “Qeerransa Eeshiyaa” (Asian Tigers) imaammatichi akka ‘modeelaa’tti fudhatu wayita ilaallu, ummata isaanii guutummaatti sochoosuudhaan qooda fudhannaa ummanni misooma keessatti qabu qixa sirriin waan dabalaniif yeroo gabaabaa keessatti guddina ariifataa akka galmeessan isaan dandeessisuu agarsiisa.

Sakatta’iinsa taasifameen, tarsiimoon misoomaa moottummaan jijjiiramaan duraa hordofaa ture qaawwa qabaachuu kan agarsiise yoo ta'u, kanaaf muuxannoowwan “Qeerransa Eeshiiyaas” akka jiruun fudhachuun rakkoo aadaa ummata keenyaan walsimuu dhabuu akka qabaatu ifa ture. Kanaaf, qaawwa kana duudhaafi aadaa ummata kenyaa irraa ka’uun akkamitti duuchuun akka danda’amu adda baasutti galame.

Ilaalchota Oromoo Akka Ka’uumsa Tarsiimoo Misoomaatti
Akka Oromootti namni Ta’a Waloo (communal being) ti. Namni tokkoo guutumatti nama biraa irraa adda bahuufi nama biroo malee guutuu ta’u hin danda’u. Kana jechuun namni dhuunfaa tokko, karaa namoota biroot (hawaasaa) guutuu ta’a. Akkasumas, hawaasni tokko, karaa namoota dhuunfaa malee guutuu hin ta’u. Oromoo biratti hariiroon hawaasummaa iddoo guddaa kan qabuu. Sochii dhimmoota waloofi arjoomni namoota dhuunfaa dirqama qofa osoo hin taane, itti gaafatamummaa naamusaa kan ta’e asirraa ka’uuni.

Itti gaafatamummaan ‘dirqama’ naamusaa irraa maddu kun hariiroo hawaasaa walsimatoo (harmonious) uumuufi ‘dirqama’ hawaasummaa bahachuu keessatti ummata keenya gamteessee tureera. Itti gaafatamummaan kun dhimmoota akka buusii (humnaa, maallaqaafi gosaa adda addaa) tajaajiloota waloo, deeggarsa harka qalleeyyii, kabaja maanguddootaa, ittisa lafa Oromoo, kunuunsa qabeenya uumamaafi kkf hammata.

Tarsiimoon misoomaa kamuu, hirmaannaa ummataa dhugoomsuuf aadaafi duudhaa ummatichaa irraa waraabamuu akka qabu sakatta’iinsi taasisne ifatti mul’dhiseera. Bu'uruma kanaan hirmaannaa lammiilee hundagaleessa tarsiimoon misooma ariifataa barbaadu mirkaneessuuf duudhaalee Ummata Oromoo ganamaatti deebi’uun dhimma filannoof hin dhiyaanne ta'uun hubatame. Asirraa ka'uun “Tajaajila Lammummaa” duudhaa ummata kana dura turefi dhiibbaa adda addaatiin addaan citee ture kara qinda'aa ta'een deebisuun qaawwa kana kan duuchu ta'uu waan itti amanameef, qaamni hojii Raawwachisaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Adoolessa 8, bara 2011, Labsii Lakk. 219/2011, Caffee naannichaatiif dhiyeessee raggaasisuun, bara 2012 irraa eegalee hojiitti galche.

Qabiyyee Kenna Tajaajila Lammummaa
Yaadamni Kenna Tajaajila Lammummaa, misooma dhuunfaafi garee murta'aa caalaa, hawaasni misoomaafi dhimmoota waloo irratti akka xiyyeeffatu kan taasisuu ta'uu isaatiin gamtaa hawaasaa (social cohesion) tiksa. Akka naannoo keenyaatti Tajaajila Lammummaatiin hojiin fakkeenyummaa qabuufi ummata keenyatti nu boonsu gama Ijaarsa Manneen Barnoota Bu'uura Boruu Idilee duraa, Ijaarsa Daree Barnootaa dabalataa, Manneen Barsiisotaa, eegumsa qabeenya umamaa, manneen jireenya harka qalleeyyii, sagantaa ‘dugda haadholii keenyarraa ba'aa haa buusnu’ jedhamu, faayyaa (‘mass sport’, iddoo hormaata booke dhabamsiisuu, deeggarsa nyaata harka qalleeyyi, arjoma dhiigaa, ijaarsa ‘bilookii’ dabalataa dhaabbilee fayyaafi keellaa fayyaa, bittaa ambulaansi, yaala bilisaa gaggeessu fi kkf), bu'uraalee misooma (diriirsa daandii cirrachaa, ijaarsa riqaalee aadaa, qophii boolla bishaaniifi misooma burqaa) adda durummaadhaan kaasu ni dandeenya.

Bu’aa Raawwii Kenna Tajaajila Lammummaa
Bara 2012 irraa eegalee hanga Fulbaana 06 bara 2016’tti Tajaajila Lammummaatiin Mannen Barnootaa Bu’uura Boruu 4,574 ijaaruuf karoorfame keessaa Manni Barnootaa Bu'ura Boruu 2,871 (62.76 %) xummuramaniiru. Istaandardii Manneen Barnootaa 3,410 fooyyessuuf karoorri qabamee, karooraa ol, Manneen Barnootaa 3,608 (105.80%) adeemsa fooyya’iinsa sadarkaa adda addaa irra jiru. Ijaarsi Manneen Jireenyaa Barsiisotaa 4,000 karoorfamee 4,013 (100.32%) ijaarsi isaa xummuramee; kan hafe sadarkaa xummuraarra jira. Yeruma kanatti manneen kitaabaa 159 haaraan yoo ijaaraman, dhiyeessiin bishaan qulqulluu 126 taasifameera. Deeggarsi meeshaa barnootaa barattoota harka qalleeyyi mil. 2.46 taasisuuf karoorfamee mil. 2.3 (94%) biraan gahuun danda’ameera.

Ganna kana manneen harka qalleeyyii 27,049 yoo ijaaraman/suphaman, sagantaa “dugda daadhooli keenyarraa ba’aa haa bufnu” jedhuun gaarii, harree, farda, raaddeniifi hoolota 4,121 bitamuun raabsamaniifiru. Akkasumas arjooma dhiigaatiin, dhiigni unitii 13,207 Baankii Dhiigaatif galii ta’eera.

Bu’aawwan raawwii tajaajila kana irraa argaman hunda tarreessun hin danda’amu. Akkuma seensa keenya irratti ibsame, hojii bara 2012 irraa eegalee raawwatameen hanga Waxabajjii 30 bara 2015’tti bu’aan shallaggii birrii Bil. 163.4 ol ta’u argameera. Bara baajata 2016’ttis Karoora Tajaajila Lammummaatiin hojiilee birri bil. 102.7’tti shallagamu raawwachuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Raawwiin hanga dhuma ji’a Hagayyaa jirus, tilmaama birrii bil. 27.12 akka qabu beekameera.

Walumaagala, carraan kun duudhaa ummata keenyaa irraa kan argameedha. Misoomni ummata hin hirmaachifneefi imaammanni duudhaa ummataa irraa hin kaane fuulduratti hin deemu. Dhumarrattis, yeroo itti aanuuttis, imaammatoota keenya duudhaa ummataa irraa waraabaafi qajeelchaa misooma waloo ariifataa kan dhugoomsinu ta’uu isiniif mirkaneessaa, raawwii hanga ammaa jiruuf ummata keenya irra deddeebi’ee galateeffachuun barbaada. Shimallis Abdiisaa

Beeksisa Qaxarrii Barsiisotaa # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # #Biiroon Barnootaa Oromiyaa barsiisota g...
26/09/2023

Beeksisa Qaxarrii Barsiisotaa
# # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # # #

Biiroon Barnootaa Oromiyaa barsiisota gosa barnootaa adda addaa qaban dorgomsiisee manneen barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad. 2ffaa Amboofi Nageelleef qaxaruu waan barbaaduuf; barsiistonni ulaagaa armaan gadii guuttan akka galmooftan waamicha taasia.

HUBACHIISA:
Galmee Fulbaana 14 -28/2016
Galmee Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad.2ffaa Amboofi Nageellee
Qabatamee Dhiyaatu: Ragaa bara qaxarrii, bara tajaajilaa, muuxannoo hojii mana barumsaa sad.2ffaa, qabxii madaallii waggaa lamaa (kan dhihoo) qabachuu barbaachisa
Ragaa Eeyyama barsiisummaa
Ragaa (Serteficate) Leenjii Kompuutaraa qabachuu fi kkf yammuu ta'u,
Ulaagaa waliigalaa galmaa'uuf barbaachisu asii gadiitti ilaalaa
CARRAA GAARII !!!

25/09/2023

Dhaloota yeroon gara barnootaatti erguun, gahee nurraa eegamu haa bahannu! Barnoota qulqullina qabu lammii hundaaf.

25/09/2023

Barnoonni hojiifii miti. Kan barateehu eeysa dhaqee miti jettanii daa'imman barnootaaf gahan akka manatti hin hambifne.

Lammiin barate gaafii mirga gaafata G. TB

Barnoota Ammas barnoota kana taa'u qaba kaayyon oromootaa. ART. Dr. AB

Barnoonni ifaa... waan hedduutu jedhame .
Warri tarkaanfii takka barnootaan dursan fagaatanii jiran itti dhaqqabuun ta biraati.

OEG

25/09/2023

📚𝗗𝘂𝗯𝗯𝗶𝘀𝗶 𝗴𝗼𝗿𝘀𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗯𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗰𝗵𝗶𝘀𝗼𝗼 𝗸𝗮𝗻𝗮𝗮𝗻 𝗴𝗮𝗱𝗶𝗶 🔰
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
1. Namoota gosa sadii kabaji
👉 Abbootii beekumsaa
👉 Maatii kee
👉 Manguddoota
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
2. Waan sadii qabaadhu
👉 Amanamummaa
👉 Amantii
👉 Hojii gaarii
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
3. Waan sadii irraa of fageessuu
👉 Nama kabajuu dhabuu irraa
👉 gowwoomsuu irraa
👉 Liqii irraa
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
4. Waan sadii to’adhu
👉 Arraba kee
👉 Aarii kee
👉 Miira kee
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
5. Waan sadii irraa of eegi
👉 hojii badaa irraa
👉 Nama Hamachuu irraa
👉 Inaaffaa irraa
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
6. Waan sadii barbaadi
👉 Beekumsa
👉 Amala gaarii
👉 Abboomamuu
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
7. Waan sadii qulqulleessi
👉 Qaama kee
👉 Uffata kee
👉 Haasaa kee
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
8. Waan sadii yaadadhu
👉 Du'a
👉 Tola namoonni siif Oolan
👉 Gorsa namoonni siif kennan.

31/08/2023

Baatiiwwan darbaniitti Tigraayitti qorannoon dhibee HIV AIDS kan jalqabame yoo tahu dhiiga namoota hedduu keessattis vaayirashichi argamaa jira.

Hospitaalonni, waajjiraaleen fayyaa, waldaalee ittisaa fi to’annoo HIV yaaddoon ‘’weeraraa’’ akka jiru ibsu.

31/08/2023

Waajjira Paartii Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) irraa Obbo Baqqalaa garbaaf barraa'e xalayaan jedhuu fi dhimma odiitii qabeenyaa eeru miidiyaa hawaasummaarratti bal'inaan qoodamaa ture.

Xalayaan ''Obbo Baqqalaan osoo qabeenya harkasaanii jiru hin beeksisinii fi oodiit hin godhin biyya ambaatti hafan,'' jedhu kun isaaniin akka hin barreeffamnee fi eessaa akka dhufe akka hin beekne Dura taa'aan KFO Pirofeesar Mararaa Guddinaa BBCtti himaniiru.

Pirofeesar Mararaan waa'ee paartii gadhiisuu Obbo Baqqalaa irrattis dubbataniiru.

31/08/2023

GORSA MAATIIF

1- Mucaa keessaniif waan inni gaafatu hunda Kennuu irraa of qusadhaa. Waan barbaade hunda argachuuf mirga akka qabu amanee guddata.

2-Yeroo mucaan keessan jechoota arrabsoo dubbatu kolfuu irraa of qusadhaa. Kabaja dhabuun bashannana akka ta'e itti fakkaatee guddata.

3-Amala badaa amala badaa isaaf osoo isa hin arrabsin argisiisuu danda'uuf miira malee turuu irraa of qusachuu. Hawaasa keessa seerri akka hin jirre itti fakkaatee guddata.

4- Waan mucaan keessan jeeqe kamuu irraa of qusadhaa. Jeequmsa isaaf namoonni biroo itti gaafatamummaa fudhachuu akka qaban amanee guddata.

5- Sagantaa kamiyyuu TV irratti akka ilaalu gochuu irraa of qusadhaa. Daa'ima ta'uu fi nama guddaa ta'uu gidduu garaagarummaan akka hin jirre itti fakkaatee guddata.

6- Maallaqa daa'ima kee gaafatu hunda kennuu irraa of qusadhu. Maallaqa argachuun salphaadha jedhee itti fakkaatee guddata, kanaafis hatuu irraa duubatti hin jedhu.

7- Yeroo hunda yeroo inni ollaa, barsiisota isaa, poolisii irratti dogoggore gama isaatti of kaa'uu irraa of qusadhaa. Wanti inni hojjatu hundi sirrii dha, kan dogoggora ta'e warra kaanii waan ta'eef yeroo hunda waan hundumaa jalaa bahuu danda'a jedhee guddata.

8- Yeroo bakka ibaadaa/mana amanta deemtan mana keessatti kophaa isaa dhiisuu irraa of qusadhaa, yoo kana hin taane Waaqayyo akka hin jirre itti fakkaatee guddata.

31/08/2023

¶ Addunyaa hogganuu irra of hogganuutu cimaadha! Of hogganuun of geggeessuudha! Ofgeggeessuuf immoo konkolaataan keenya sammuu keenyadha!

¶ Sammuun keenya guyyaa guyyaan akkuma garaan keenya soorata barbaadu,sammuunis qallaba sooratu jechoota barbaada.
Jechootni qallaba yaada sammuu keenyaati.qallabni gumbii jechoota yaada sammuu gaarii utuu tahe caalaa bareedadha.
( ) yaada gochuudha.

¶ Yaadni sammuu keenya hamaa yoo tahe fi isa seensa banaadha.Yaadni keenya hamaan hamma hammina keenya sammuu keenya booressa. Yaada sammuu boora'a calaluuf isa Ofitti deebi'uudha.
Ofitti deebi'uun Of ilaaluuf of barbaaduudha.
Namni of barbaadee of argate yaada sammuu si'ataa(active) qabaata...!

√ Yaada yaadamee fi calalametu ija godhata.
Yaada keessaa yaada yaadamu calali.

By:Miratuu Shaanqoo

06/01/2023

Wixata gaafa 24/4/2015 gaaffii barattoonni ugguramuu barattoota shamarraniitiin walqabatee kaasaniif barattoota wajjin akka mariin godhamuuf bulchaan aanaa Yaayyoo, itti aanaa bulchaa fi waajjira barnootaa irraa walumaa galatti namoonni afur aanaa irraa dhufanii barattoota isaan eegaa turanii wajjin osoo marii hin geggeessin maatii barattootaa akkasumas abbootii amantaa wajjin marii geggeessina jedhanii eega barattoota irraa kophaatti baafatanii abbootii amantaa kabajamoo achitti argamaniin isin maaltu galche, maaltu isin waame jedhanii tuffii qaban eega agarsiisanii booda bu'aa tokko malee walgahiin faca'e.
"Barattootaa wajjin maliif hin maryattanu" jedhamanii yeroo gaafatamanu deebiin jaraa"Nuti barattoota sadarkaa 2ffaa baratan mitii, barattoota yunvarsitii wajjin maryachuufuu yeroo hinqabnu" jedhanii deebisan.Kanarraa kan kahe hanga ammaatti barattootaa wajjin mariin geggeeffame kan hin jirre yoo tahu,deebiin deebihes hin jiru.
Gama biraatiin inumaa deebii laachuu dhiisanii barattoota tokko tokkoofi barsiisota hidhuudhaan tasgabbiin akka hin argamne gochaa jiru.
Qaamni godina bulchu waan kanatti fala akka godhu gaafatamaa Jira.
Waan jiru hordofnee isiniin geenya nu hordofaa.

[INN 13-1-2015]Barattoota kutaa 12ffaa Yuunivarsiitii itti qoramanirraa fagoo ta’aniif baasiin geejjibaa ni uwwifama jed...
23/09/2022

[INN 13-1-2015]

Barattoota kutaa 12ffaa Yuunivarsiitii itti qoramanirraa fagoo ta’aniif baasiin geejjibaa ni uwwifama jedhame
*******************************************
Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa marsaa lamaan Fulbaana 30- Onkoloolessa 17, 2015tti kennamuuf qophiin xumuramuu Tajaajilli Madaallii Barnootaafi Qormaatilee Biyyaalessaa beeksise.

Maxxansa qormaataa dabalatee qophiilee barbaachisoon xumuramuu Daayrektarri olaanaan tajaajilichaa Dooktar Isheetuu Kabbadaan Faanaa Broodkaastiing Korporeetitti himaniiru.

Kaffaltii geejjibaa ilaalchisee barattoonni yuunivarsiitii itti qoramanirraa fageenya kiiloomeetira 50 gadirratti argaman baasii geejjibaa isaanii kan of danda’an ta’uu ibsaniiru.

Barattoota fageenya kiiloomeetira 50 olirratti argamaniif manneen barnootaafi aanaaleen haala kan mijeessan ta’uu dubbatan.

Barattoonni wayita gara yuunivarsiitiiwwanii deeman wantoonni qabatanii akka seenaniif eeyyamamu kitaabilee, yaadannoowwan, meeshaalee eegumsa qulqullinaa, uffata halkanii, waraqaa eenyummaa, kaardii ittiin qoraman ta’uu eeraniiru.

Meeshaaleen elektirooniksii, qubeellaa gaa’elaarraan kan hafe meeshaaleen faayaa akkasumas jaakeettonni sagalee dhageessisan dhorkaa ta’uu yaadachiisaniiru.

Yuunivarsiitiiwwan qormaaticha kennan tajaajila mana ciisichaafi nyaataa barattootaaf kan qopheessan ta’uu ibsaniiru.

23/09/2022

Barattoota kutaa 12ffaa Yuunivarsiitii itti qoramanirraa fagoo ta’aniif baasiin geejjibaa ni uwwifama jedhame
*******************************************
Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa marsaa lamaan Fulbaana 30- Onkoloolessa 17, 2015tti kennamuuf qophiin xumuramuu Tajaajilli Madaallii Barnootaafi Qormaatilee Biyyaalessaa beeksise.

Maxxansa qormaataa dabalatee qophiilee barbaachisoon xumuramuu Daayrektarri olaanaan tajaajilichaa Dooktar Isheetuu Kabbadaan Faanaa Broodkaastiing Korporeetitti himaniiru.

Kaffaltii geejjibaa ilaalchisee barattoonni yuunivarsiitii itti qoramanirraa fageenya kiiloomeetira 50 gadirratti argaman baasii geejjibaa isaanii kan of danda’an ta’uu ibsaniiru.

Barattoota fageenya kiiloomeetira 50 olirratti argamaniif manneen barnootaafi aanaaleen haala kan mijeessan ta’uu dubbatan.

Barattoonni wayita gara yuunivarsiitiiwwanii deeman wantoonni qabatanii akka seenaniif eeyyamamu kitaabilee, yaadannoowwan, meeshaalee eegumsa qulqullinaa, uffata halkanii, waraqaa eenyummaa, kaardii ittiin qoraman ta’uu eeraniiru.

Meeshaaleen elektirooniksii, qubeellaa gaa’elaarraan kan hafe meeshaaleen faayaa akkasumas jaakeettonni sagalee dhageessisan dhorkaa ta’uu yaadachiisaniiru.

Yuunivarsiitiiwwan qormaaticha kennan tajaajila mana ciisichaafi nyaataa barattootaaf kan qopheessan ta’uu ibsaniiru.

The Yayu coffee forest biosphere reserve is in theIllubabor Zone of Oromiya Regional State, in thesouth-western part of ...
23/09/2022

The Yayu coffee forest biosphere reserve is in the
Illubabor Zone of Oromiya Regional State, in the
south-western part of Ethiopia. The area is drained
by small rivers like Geba, Dogi, Saki and Sese,
which discharge into the Baro River which is one of
the major tributaries of the river Nile. The biosphere
reserve contains landscape elements of regional,
national and international importance. The most
important landscapes are forest, agricultural land,
wetland, and grazing land.
The biosphere reserve includes Eastern
Afromontane Biodiversity Hotspot and Important
Bird Areas of international significance. The area is
also of cultural and historical significance since it
possesses many archaeological sites, ritual sites,
caves and waterfalls.

Ilu Abba BorDemographicsBased on the 2007 Census conducted by the CSA,this Zone has a total population of 1,271,609, ani...
23/09/2022

Ilu Abba Bor
Demographics
Based on the 2007 Census conducted by the CSA,
this Zone has a total population of 1,271,609, an
increase of 50.12% over the 1994 census, of whom
636,986 are men and 634,623 women; with an area
of 15,135.33 square kilometers, Illubabor has a
population density of 84.02. While 124,428 or
12.16% are urban inhabitants, a further 68 persons
are pastoralists. A total of 272,555 households
were counted in this Zone, which results in an
average of 4.67 persons to a household, and
263,731 housing units. The two largest ethnic
groups reported in Illubabor were the Oromo
(89.67%) and the Amhara (7.37%); all other ethnic
groups made up 2.96% of the population. Oromiffa
was spoken as a first language by 90.68% and
7.08% spoke Amharic; the remaining 2.24% spoke
all other primary languages reported. The majority
of the inhabitants were Muslim, with 50.6% of the
population having reported they practiced that
belief, while 26.51% of the population practiced
Ethiopian Orthodox Christianity and 22.51%
professed Protestantism . [3]
The 1994 national census reported a total
population for this Zone of 847,048 in 187,867
households, of whom 416,456 were men and
430,592 women; 80,290 or 9.48% of its population
were urban dwellers at the time. The three largest
ethnic groups reported in Illubabor were the Oromo
(85.4%), the Amhara (7.34%), and the Tigrayan
(1.26%); all other ethnic groups made up 6% of the
population. Oromiffa was spoken as a first
language by 89.86%, 6.26% Amharic, and 1.09%
spoke Tigrinya; the remaining 2.79% spoke all other
primary languages reported. The majority of the
inhabitants professed Ethiopian Orthodox
Christianity, with 45.81% of the population having
reported they practiced that belief, while 42.63% of
the population said they were Muslim, 9.78% were
Protestant , and 1.3% held traditional beliefs. [4]
According to a May 24, 2004 World Bank
memorandum, 9% of the inhabitants of Illubabor
have access to electricity, this zone has a roa

This article is about the current administrative zone.For the former province, see Illubabor Province.Illubabor ( Oromo ...
23/09/2022

This article is about the current administrative zone.
For the former province, see Illubabor Province.
Illubabor ( Oromo : Illuu Abbaa Booraa) is a zone in
Oromia Region of Ethiopia . Illubabora is named for
the former province Illubabor . It is bordered on the
south by the Southern Nations, Nationalities and
Peoples Region, on the southwest by the Gambela
Region, on the west by Kelem Welega Zone , on the
north by West Welega Zone , and Benishangul-
Gumuz Region, on the northwest by East Welega
Zone , and on the east by Jimma. Towns and cities
in Illubabora include Bedele , Gore and Metu.
A map of the
regions and
zones of
Ethiopia
The Central Statistical Agency (CSA) reported that
14,855 tons of coffee were produced in this zone in
the year ending in 2005, based on inspection
records from the Ethiopian Coffee and Tea authority.
This represents 12.9% of the Region's output and
6.5% of Ethiopia's total output. [1]
Historically, Illubabora has been considered one of
the food-exporting areas of Ethiopia, but beginning
in 1997 poor crops harvests and the appearance of
crop diseases such as Grey leaf spot, caused by
the fungus Cercospora zeaemaydis (not previously
common in Ethiopia) led to a deterioration in
conditions. By 1999, signs of the seriousness of
the situation included empty household granaries,
people begging and committing crimes in the hope
they will be fed in jail, sending children to live with
relatives or friends, and reduced student enrollment
in schools.

INN(30/12/2014)ODUU AMMEEManni murtii Olaanaa Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo filannoo pirezedaantummaa mo'achuu raggaasise.Ma...
05/09/2022

INN(30/12/2014)
ODUU AMMEE
Manni murtii Olaanaa Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo filannoo pirezedaantummaa mo'achuu raggaasise.
Manni Murtichaa himata Raayilaa Odiingaa, bu'aan filannichaa burjaaja'eera jechuun dhiyeessan kufaa taasisuun, filannichi burjaajja'uu ragaan agarsiisu hin argamne jedhe.Maddi BBC Afaan Oromoo

Manni Murtii Olaanaa Keeniyaa himata bu'aa filannoo pirezidaantummaa irratti dhiyaate ilaalaa ture murtee kenneen Wiiliyaam Ruutoo injifachuu mirkaneesse. Komishiniin Filannoo biyyattii qondaalli Pireezidantii Itti Aanaa turan Wiiliyaam Ruutoo sagalee uummataa miiliyoona 7.1 argachuun filannicha inj...

Namoonni ogummaa loogoo hojjechuu qabdanu miidiyaa keenya kanaaf loogoo miidhagaa akka nuuf dalagdaniif isin barbaannee ...
02/09/2022

Namoonni ogummaa loogoo hojjechuu qabdanu miidiyaa keenya kanaaf loogoo miidhagaa akka nuuf dalagdaniif isin barbaannee karaa keessaa nu qunnamaa.
Galatoomaa!

INN miidiyaa walabaa kan qaama tokkofillee hin loogneefi odeeffannoo haqaa isinirraa isiniif dhiyeessudha.

INN Ummatarraa ummataaf!

Please follow our page and share it!
https://www.facebook.com/profile.php?id=100067824923825

02/09/2022

በዘር እና በሐይማኖት ስያሜ የሚጠሩ ክለቦች የስም ማሻሻያ እንዲያደርጉ ማሳሰቢያ ተሰጠ
በዘር እና በሐይማኖት ስያሜ የሚጠሩ ክለቦች የስም ማሻሻያ እንዲያደርጉ የኢትዮጵያ እግር ኳስ ፌዴሬሽን አሳሰበ፡፡

በኢትዮጵያ እግር ኳስ ፌደሬሽን ስር የሚከናወኑ የ2015 የሊግ ውድድሮች የዝውውር ጊዜ የሚከፈትበት ቀን ይፋ ሆኗል፡፡

በዚህም መሰረት የ2015 የሴቶች ፕሪሚየር ሊግ እና የሴቶች ከፍተኛ ሊግ፣ የወንዶች ከፍተኛ ሊግ እና አንደኛ ሊግ እንዲሁም ከ20 ዓመት በታች ውድድሮች ላይ የሚሳተፉ ክለቦች ዝውውር መፈፀም የሚችሉት ከጳጉሜን 4 እስከ ህዳር 15 ቀን 2015 ዓ.ም ድረስ መሆኑ ተመላክቷል፡፡

ከ2015 ዓ.ም ጀምሮ በሁሉም የሊግ ውድድር ላይ የሚሳተፉ ክለቦች ከዘር እና ከሐይማኖት ነፃ የሆነ የክለብ መጠሪያ ስያሜ ማሳወቅ እንደሚጠበቅባቸው ፌዴሬሽኑ ማሳሰቡን የእግር ኳስ ፌደሬሽን መረጃ አመላክቷል፡፡

02/09/2022

INN ነሀሴ 27/2014 - የኦሮሚያ ትምህርት ቢሮ በአዲሱ የትምህርት ስርአት ሪፎም እና ቀጣይ አቅጣጫዎች ላይ ከባለድርሻ አካላት ጋር በአዳማ እየተወያየ ነው፡፡

በ2015 የትምህርት ዘመን ተግባራዊ ለሚደረገው አዲሱ የትምህርት ስርዓት አዳዲስ መፅሀፍት ታትመው ለተማሪዎች ተደራሽ ለማድረግ ቅድመ ዝግጅቱ መጠናቀቁ በመድረኩ ላይ ተነስቷል፡፡

የኦሮሚያ ትምህርት ቢሮ ምክትል ኃላፊ ዶ/ር ገላና ወ/ሚካኤል ለሀገር እድገት የበኩሉን ማበርከት የሚችል የተማረ የሰው ሀይልን ለማፍራት ጥራት ያለው ትምህርት ለሁሉም ማዳረስ ወሳኝ በመሆኑ ፤ ቢሮው ጥራቱን የጠበቀ ትምህርት ተደራሽ ለማድረግ ዝግጅቱን አጠናቋል ብለዋል፡፡
OBN

Odeeffannoo wayitaawaa fi ariifataa argachuuf fuula miidiyaa keenyaa kana hordofaa,hiriyoota keessanis itti affeeraa.INN...
02/09/2022

Odeeffannoo wayitaawaa fi ariifataa argachuuf fuula miidiyaa keenyaa kana hordofaa,hiriyoota keessanis itti affeeraa.

INN miidiyaa walabaa kan qaama tokkofillee hin loognee odeeffannoo haqaa isinirraa isiniif dhiyeessudha.

INN Ummatarraa ummataaf!

Please follow our page and share it!
https://www.facebook.com/profile.php?id=100067824923825

02/09/2022

Odeeffannoo wayitaawaa fi ariifataa argachuuf fuula miidiyaa keenyaa kana hordofaa,hiriyoota keessanis itti affeeraa.

INN miidiyaa walabaa kan qaama tokkofillee hin loognee odeeffannoo haqaa isinirraa isiniif dhiyeessudha.

INN Ummatarraa ummataaf!

Please follow our page and share it!
https://www.facebook.com/profile.php?id=100067824923825

Ummatarraa Ummataaf

02/09/2022

Duulli Twitarii ajjeechaa jumlaa humnoonni shororkeessitootaa Faannoo fi hidhattoonni Amaaraa aanaa Amuruu magaalaa Agamsaatti raawwatan balaaleffatu har'a galgala adeemsifamuuf jedha.

Qindeessitoonni duula Twitarii kanaa, Oromoota nagaatu qe'ee isaaniitti duguuggaan irratti raawwatamee jedhan.

Humnoonni shororkeessitootaa Faannoo fi hidhattoonni Amaaraa biroon meeshaa ammayyaa hidhachiifamanii fi leenjifamanii naannoo Amaaraatii bobbaafaman waggaa caalaaf uummata Oromoo aanaalee godina Horroo Guduruu Wallaggaa keessaa ajjeesaa, buqqaasaa fi qabeenya isaa mancaasaa turuu yaadachiisanii, shororkeessitionni kunneen gochaa badii isaanii itti fufuun ajjeechaa jumlaa kanatti cehuu eeraniiti jiru.

Duula twitarii kanaan gochaa suukkaneessaa magaalaa Agamsaatti uummata nagaa irratti raawwatame hawaasa addunyaatti ni saaxillaa jedhan.

Duula twitarii kana irratti dhalattoonni Oromoo akkasumas warreen mirga dhala namaaf falman akka hirmaatan qindeessitoonni yaamicha dhiheessaniiti jiru.

Ajjeechaa Abbootii Gadaa Karrayyuu ilaalchisee Waldaan Ijaarsa Dubartoota Oromoo Idil Addunyaa  xalayaa UNESCO dhaaf bar...
02/09/2022

Ajjeechaa Abbootii Gadaa Karrayyuu ilaalchisee Waldaan Ijaarsa Dubartoota Oromoo Idil Addunyaa xalayaa UNESCO dhaaf barreesse.

Gama biraatiin bulchiinsi mootummaa naannoo Amaaraa lafa aanaalee Fantaallee fi Boosat humnoota poolisii addaa naannichaa fi garee shororkeessaa Faannoo itti bobbaasuun weeraraa jiraachuu jiraattonni himataa jiru.

Odeeffannoo dabalataa hidha kanaa gadiin argattu

Ajjeechaa Abbootii Gadaa Karrayyuu ilaalchisee Waldaan Ijaarsa Dubartoota Oromoo Idil Addunyaa xalayaa UNESCO dhaaf barreesse.

Mootummaan Itiyoophiyaa har’a Addi Bilisummaa Uummata Tigiraay adda waraanaa gama kaabaa bakkawwan qabatee jiru irratti ...
02/09/2022

Mootummaan Itiyoophiyaa har’a Addi Bilisummaa Uummata Tigiraay adda waraanaa gama kaabaa bakkawwan qabatee jiru irratti haleellaa biraa bane jechuun himate. "Wag, Walqaayit (Lixa Tigraay) fi daangaa Itoophiyaa fi Sudaan irratti TPLF haleellaa eegalee jira" jedhe ibsi mootummaan baase.

Mootummichi akka humnoonni isaa bakka isaanii qabatanii eegaa jiran ibsee jira. Kan fuula Tiwiiterii isaanii irratti har’a ibsa gama isaanii barreessan, Obbo Getaachoo Raddaa ammoo, “mootummaan Abiyyi humnoonni Tigraay Seqotaa, Hamdaayitii fi deddebit dabalee addawwan hedduun haleellaa bananii jiru, jechuun ibsi baase ija hawaasa addunyaa duratti yakka irraa walaba of taasisuuf jecha oduu dharaa uumee odeessu,” jedhuun mootummichi jarreen Ertiraa waliin qindeeffachuun naannoo sanatti ibsidda qabsiisuuf akka carraaqaa jiranitti eeran.

Oduu kana dursee immooTPLF kaleessa mootummaan federaalaa Itiyoophiyaa magaalaa Maqalee keessatti haleellaa diroonii namoota nagaa irratti raawwate jechuun himattee turte. Dubbi himaan TPLF obbo Getaachoo Redaa kaleessa fuula Tiwiitarii isaanii irratti haleellaa maalitti akka geggeessame hin hubatamne jedhan.

Mootummaan federaalaa Itiyoophiyaa irraa haleellaa kana ilaalchisee deebiin kenname hin jiru. Oduudhuma wal-qabateen OCHAn kaleessa akka beeksisetti guyyoota darban keessa naannoo Affaar aanaalee Yaaloo fi Guliinaa keessaa sababaa walitti bu’insaan namoonni kumaan laka’man qe’ee isaanii irraa buqqa’uu beeksisee jira.

Komiishinerri sodaa balaa fi wabii nyaataa naannoo Affaar Mehaammed Huseen VOAf akka himanitti naannoo daangaa Tigraay irratti walitti bu’iinsa deebi’ee ka’eetti aansuu dhaan guyyoota darban keessa namoota 200,000 ol qe’ee isaanii irraa buqqa’uu ibsaniiru.

https://www.voaafaanoromoo.com/a/6724766.html

Address

Oromia
Metu

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Iluu News Network posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Iluu News Network:

Share


Other Media/News Companies in Metu

Show All

You may also like