Yasin Siraj

Yasin Siraj Ba'ada usri yusuraa

02/01/2024
Jecha gochaan agarsiisuun akkasitti.
02/01/2024

Jecha gochaan agarsiisuun akkasitti.

02/01/2024
02/01/2024

ፈጣሪ ይመስገን እንጂ ሌላ ምን ሊባል ይችላል!
Uumaaf galanni haa ta'u malee kanbiraa maaltu jedhamuu danda'a!

No more lock land
02/01/2024

No more lock land

02/01/2024
Baga gammannee
02/01/2024

Baga gammannee

24/12/2023

This version of Facebook uses less data and works in all network conditions.

14/12/2023

Yaadamni ida'amuu adda durummaan Itiyoophaaf kan furmaata kennudha.

14/12/2023

Nageenyi Bu'uura Waan Hundaati!
= = =
Jiruufi jireenya ilma namaa keessatti nageenyi murteessaa waan ta'eef nageenya itti fufiinsa qabu mirkaneessuun nageenyi lammiilee akka eegamu gochuuf hirmaannaan hawaasaa daraan barbaachisaadha. Kana gochuuf ammoo marii hawaasa hunda hirmaachise geggeessuun misooma kallattii hundaan eegalame itti fufsiisuun badhaadhina akka biyyaatti qabame milkeessuuf hojjechuun murteessadha.

Bu'uuruma kanaan Godina Arsii Aanaa Sirkaatti konfaransiin misoomaafi nageenyarra irratti fuulleeffate bakka Pirezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiifi Itti gaafatamaan Waajjira Milishaa Oromiyaa Obbo Abarraa Bunoo argamanitti geggeeffame.

Pirezidaantii Ittaanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii akka jedhanitti aarsaa qabsoo ilmaan Oromoo qaaliin bu’aa waggaa 150n booda argame gufachiisuuf kan socho'an ABO shaneefi finxaleeyyii irratti tarkanfiin eegalame akka itti fufu dubbataniiru.

Hawaasni nageenya naannoo isaa eeggachuun misoomni eegalame akka itti fufuuf tokkummaan qaamolee nageenyaa waliin hojjachuu akka qabus hubachiisaniiru.

Itti gaafatamaan waajjira Milishaa Oromiyaa Obbo Abarraa Bunoo gama isaaniin uummanni Oromoo injifannoo aarsaa qaaliin argate dhandhamachuu yeroo jalqabeetti warreen hinaaffaafi jibbaan guutaman naannoo Oromiyaa dirree jeequmsaa taasisuuf yaalan qindoomina qaamolee nageenyaan fashaleessuun danda’amuu ibsuun ammas hirmaannaan hawaasaa murteessaa ta'uu himaniiru.

Bulchaan godina Arsii obbo Ibraahim Kadiir ummatni gocha badii ABO Shaneen lammilee nagaa irratti raawwate balaaleffachuun mandhee isaa diiguun nageenyi waaraa akka mirkanaa’uuf qindoominaan hojjachuu qaba jedhan.

Kutaaleen hawaasaa konfiransicha irratti hirmaatanis nagaa isaanii waaressuuf qaamolee nageenyaa waliin qindaa’uun akka hojjetan himuun lammilee gocha garee badii ABO Shaneen qe'eefi qabeenya isaanii irraa buqqa'an deeggaruu akka qaban dubbataniiru.

14/12/2023
08/12/2023
30/11/2023

SAAYINASII (Sinusitis)
Saayinasiin qaama keenya, saayinasaayitis (sinusitis) ykn kulkula sayiinasii kan jennu ammoo dhukkuba.
************************

Kanaan dura waa'ee Asmii Yoon barreessu, kan kulkula saayinasii (sinusitis) na gaafattanii turtan dubbisaa.
Saayinasiin maqaa qaamota keenyaa keessaa tokkooti. Saaynasiin baayyinaan afur kan ta'an qaamota keessi isaanii qullaa (duwwaa) qilleensaan guutame jiru, kan lafee naannoo funyaanii jiran keessatti argamanidha.
****************************

Qaamonni kun yeroo fayyaa isaanii qiilleensaan guutamanii haa jiraatan malee yeroo tokko tokko: dhangala'aa hin barbaachifneen, baakteriyaadhaan, vaayirasiin akkasumas seelota qaamaa bakka sanatti hin barbaachifneen fi kan biroon illee ni dhuunfatamu. Yeroo kana kan sinusitis ykn kulkula sinusii jennu.
***************************

Allergic sinusitis kan jennu, kan yeroo baay'ee namni barteedhaan 'saayinasii' jedhee waamu, sababa alerjiin yoo saayinasiin keenya kulkulu jechuudha. Saayinasiin kun akkuma dhukkuba asmii yeroo darbe ibsee waantoota alaa itti dhufan loluudhaan kan namatti dhufudha. Akkuma asmii dhukkubni kun waantoota akka qilleensa qorraa, qilleensa gogaa, dhukkee, foolii daraaraa garagaraa, fi kkf. dhufuu namatti ka'uu danda'a. Dhukkubni kun mallattoowwan akka mataa dhukkubsuu, funyaan cufuu, fuula dhukkubsuu, haxxifachiisuu, qufaasisuu fi kkf argisiisa.
Yaala isaa ilaalchisee akkuma dhukkuba asmii waantoota dhukkuba kana nutti kaachisan irraa fagaachuun furmaata isa duraa ta'ee osoo jiruu, yeroo tokko dhukkuba alarjii kana irratti baakteeriyaan garaagaraa dabalamuun qaama sinus jedhamu kanatti seenuu waan danda'aniif, keessumaa ho'iinsi qaamaa (fever) yoo qabaatan, mana yaalaa deemanii ilaalanii adda baafachuun gaariidha. Baakteriyaan qaama sinus jedhamu kana keessa seenee, yeroo dheeraaf osoo hin yaalamiin yoo turan ammoo rakkoo biraa irra nu buusu mala. Fakkeenyaaf sinusiin sammuu cinaatti waa argamuun achumaan baakteriyaan gara sammuutti seenuun infekshinii sammuu (meningitis) illee fiduu danda'a. Kun keessumaa namoota dhukkuba biroo akka dhukkuba HIV/AIDS fi dhukkuba sukkaaraa qaban mudachuu waan maluuf of eeggachuu qabu. Sinusitis sababa alerjiin dhufu garuu ofumaa qoricha gargaraa fudhachaa yeroo isaa eegee mallattoowwan isaa kun dhabamuu, akkasumas deebi'anii dhufuu malu.
*********
Fayyaan Faaya
© Dr. Gurmeessaa

23/11/2023

Yaa halkan har'aa kayirii barbaadamtu san nuuf kenni

23/11/2023

Ibsi mootummaa Itoophiyaa fi WBO maal jedhan?
Mariin lola Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi Mootummaa Federaalaa gidduu jiru goolabuuf gaggeefamaa ture milkii malee xumuramuu Mootummaan Itoophiyaa fi WBO ibsa qofa qofaan baasaniin beeksisan.
Mariin nagaa furmaata fida jedhamee hawaasa biratti abdatame kun milkaa'uu dhabuu isaatiif qaamoleen lamaanu quba walitti qaban.
Mariin nagaa qaamolee lamaanii guyyootaaf Taanzaaniyaa magaalaa Daaree Selaamitti gaggeefamaa ture milkii malee xumuramuu jalqaba kan beeksisan Gorsaa Dhimma Nageenyaa Biyyaalessaa Ministira Muummee kan ta'an Ambaasaaddar Redwaan Huseen turan.
Mootummaa Itoophiyaa bakka bu'uun marii kanarratti hirmaachaa kan turan Ambaasaaddar Reedwaan ''mariin marsaa lamaan Shanee/ WBO waliin gaggeessaa turre waliigaltee malee xumuramee'' jechuun X gubbaatti ibsan.
WBO gama isaan fuula X gubbaatti ibsa baaseen, ''haala Itoophiyaa keessa jiru uummata Oromoofi lammiilee biyyattii hundaaf tolchuuf mariin hooggana olaana hirmaachiisuun gaggeessaa turre'' milkii malee xumuramee jedhe.
Mootummaan Federaalaa ''lola kutaalee Oromiyaa garii keessatti gaggeefamaa tureen dararaa mudate goolabuu barbaade ture'' kan jedhan Ambaasaaddar Redwaan ''mata jabina qaama isa kan biraan waliigaltee malee xumurame'' jedhan.
Mariin marsaa lammataa kun qondaalota waraanaa olaanoo qaamolee lamaanii hirmaachiisuun torban tokkoo oliif gaggeefamaa ture.
Ta'uus dhimmootni mariif dhiyaatan maal akka ta'an dabalatee adeemsa marichaa irratti hanga har'aatti odeeffannoon gahaan hawaasa bira gahaa hin turre.
''Adeemsi danqaa uumuufi fedhiin dhugoomuu hin dandeenye gareen kaan [WBO] qabate milkaahina dhabuu mariiwwan kanaaf sababadha'' jedhan Ambaasaaddar Redwaan.
Ambaasaaddar Reedwaan mootummaan fedhiiwwan jiran simachuuf ejjannoo isaa jijjiiruun ''furmaata qaama lamaaniinu fudhatama argachuu danda'u soqaa ture'' jedhan.
WBO ammoo ''marii Zaanzibaariifi kan Daar es Salaamirratti bulchiinsa naannoo Oromiyaarratti jijjiiramni guddaan akka dhufu wixinee qopheessinee ture'' jechuun mootummaan wixinee dhiyaate fudhachuu hanqachuu akka sababaatti kaase.
''Fedhiin mootummaa Itoophiyaa hooggansa WBO ofitti makuu malee rakkoo bu'uuraa nagenyaafi siyaasa biyyattii furuurraa kan maqeedha jedhe.
''Carraan seena qabeessi kallattii sirriin tarkaanfii guddaa deemsisuu danda'u kun kan fashale mootummaan Itoophiyaa adeemsa isaa sirreessuu hanqachuuni'' jedha ibsi Waraana Bilisummaa Oromoo.

23/11/2023

"Mana hidhaa Lij Iyyaasuu: Hambaa seenaa dagatame", Turtii 16,38

Mana hidhaa Lij Iyyaasuu: Hambaa seenaa dagatamee manca'aa jiru
Mana hidhaa Lij Iyyaasuu: Hambaa seenaa dagatamee viidiyoodhaan

Mootiin Lij Iyyaasuu ALA bara 1913 hanga 1916’tti biyya Itoophiyaa bulchaa akka ture seenaan ni mul’isa.
Mootota bara sana biyyattii bulchan keessaa umuriidhaan ijoolleedha. Bara bulchiinsa isaatti seerota mootonni Shawaa hordofaa turan keessaa bahuun adeemsa haaraa hordofuuf akka yaalaa tures himama.
Keessumaa wal-qixxummaa amantaalee irratti ilaalchi inni tarkaanfachiisu mootota Shawaa yeroo sanaa turan biratti fudhatama isa dhabsiisee ololaafi gochaan irratti fincilamaas ture.
Dhiibbaa biyya keessaafi alaa tureen barri bulchiinsa mootummaa isaa waggaa sadii kan hincaalles ta'e.

23/11/2023

Itiyoophiyaan ulaa galaanaa gargaaramuuf Somaalilaandi waliin mariin gaggeesissa jirtu sadarkaa fooyyeerra jiraachuu miidiyaan mootummaatti hidhata qabu Ejensiin Tajaajila Oduu Itoophiyaa gabaase.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Onkoloolessa keessa Itoophiyaan ulaa Galaana Diimaa argachuun ‘’dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti’’ jedhani turan.
Yaadni MM Abiy kennan kun biyyoota ollaa buufata doonii qaban biratti yaaddoo uumee ture.
Xiinxaltoonni karaa nagaatiinimoo? waraanan dhimma jedhurratti yaada kennaallee turan.
Kunoo otoo haala Kanaan jiruu tibbana Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf akkaataa dandeessuurratti Somaalilaandi fi Keeniyaa waliin mariirra jiraachuun dhagahame.
Somaalilaand wagga 30 dura Somaaliyaarra citte, garuu Gamtaa Afrikaa ykn Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitiin akka biyya walabaatti beekamtii hin arganne.

13/11/2023
13/11/2023

MATAA DHUKKUBBII HAMAA
Namni kamuu mataa dhukkubbii ni qabaata. Haa ta'u malee mataa dhukkubbiin yaala hatattamaa barbaadu ni jira. Mataa dhukkubbii hamaa (dafanii yaalamuu barbaadu kun) kan akkamiitii?
(RED FLAGS OF HEADACHE)
---------------------------------------------------
1. Mataa dhukkubbii jalqabee daqiiqaa xiqqoo keessatti dhukkubbiin isaa garmalee cimee sadarkaa obsuu hin dandeenyerra nama geessisu.(Thundercalp headache)

2. Mataa dhukkubbii haala taa'umsa qaamaa (positional change) irraan garmalee namatti cimu ykn jijjiiramu.

3. Mataa dhukkubbii sochii qaamaa, waa hojechuu (exertion) qufa'uu, haxxifachuu fi kkf irraan nama eegalu.

4. Mataa dhukkubbii cimaa haaraa (kan duraan hin jirre) keessumaa namoota waggaa 50 olii yoo mudatu.

5. Mataa dhukkubbii yeroo mara buqqee mataa (head) irraa bakka tokko deddebi'ee dhukkubu.

6. Mataa dhukkubbii walitti fufaa (kan gidduutti hin fooyyofne ykn hin dhiifne).

7. Mataa dhukkubbii duraan dhukkubbii xiqqoo qabu fi daddafee deebi'ee hin dhufne yoo haala jijjiiratee garmalee haala duraa caalaa namatti yoo cimaa deemu.

8. Mataa dhukkubbii mallattoowwan biroo kan akka dhaqna gubaa, sochii dadhabuu kutaa qaamaa akka harkaa ykn miilaa, ulfaatina baay'ee hir'isuu of biratti qabatee deemu.
------------------------
Fayyaan Faaya
Dr. Gurmeessaa H.

18/10/2023

Lammiileen Israa'el 500,000 ta'an qe'eerraa buqqa'an - Raayyaa Ittisa Israa'el
Hamaas torban Sambata darbe haleellaa gara jabinaa biyyattiirratti erga raawwateen booda lammiileen Israa’el gara walakkaa miliyoonaa ta’an qe’eerraa buqqa’an jedhe Waraanni Israa’el.

Dubbi himaan Waraana Israa’el Jonataan Konrikaas ibsa toora interneetiin kennaniin, "Hawaasni naannoo Gaazaa hundi qajeelfama mootummaan kenne hordofanii baafaman.

Namoota nagaa naannoo lolaa sanatti akka argaman hin barbaannu," jedhan.

Lammiileen Israa’el buqqa’an 500,000 kun waldhabdeen garee hidhattoota biraa Hezbollaa waliin dabalaa dhufe hordofee hawaasa naannoo daangaa kaaba biyyattii Libaanoosirraa buqqa’an kan hammatu.

Haleellaan misaa'elaa xumura torban darbee Hezbollaan raawwatameen lammii Israa'el nagaa fi loltuu tokko ajjeeseera.

Gama biraatin, namoonni miliyoona tokkoo ol ta’an naannoo Gaazaa keessaa buqqa’aniiru. Mariin koridoorii gargaarsa namoomaa gargaarsi akka seenu fi namoonni Gaazaa keessaa akka bahan eeyyamu irra-deddeebiin diigamee jira.

''Haala rakkoo namoomaa guddaa Israa'el keessatti mul'atu dubbachaa jirra,'' jedhan Mr Konrikaas. Garuu ''haalli Gaazaa caala kan hammaataa ta'uu, akkasumas ''sekondii tokkoof illee wal jala jijjiiruu akka hin barbaanne'' beeksisan.

Odeeffannoo bal'aatiif
⬇️⬇️
https://bbc.in/45BKYVQ

18/10/2023
17/10/2023

Waa’ee lafa Masjidul-Aqsaa kana beytuu?

Lafti Falasxiin tan Masjidul-Aqsaa if keessaa qabdu tun Muslima addunyaa guutuurra jiraniif lafa kabajaati. Muslimni hundi “lafa tiyya qulqulluu, Qiblaa jalqabaa” ja’ee amana. Ergamtoonni Rabbii hundi akkasuma warri isaanitti amanee Muslima tahees Qiblaa gara Masjidul-Aqsaa gara galanii Salaataa turan. Nabi Muhammadﷺ fi Sahaabaanis hanga duraa Qiblaa Masjidul-Aqsaatti Salaataa turan. Eeganaa Rabbiin akka Makka/Ka’baa Qiblaa godhatanii itti garagalanii Salaatan ajaje. Kanaaf qabsoon lafa Falasxiin irratti gaggeeffamtu Aqiidaa dha, Islaamummaa waliin wal qabata.

Akkuma Seenetaraafi miseensi kongeresii Ameerikaa Lindsey Graham dubbatetti Israa’il lola amantii gaggeessaa jirti. Falasxiinoota gatan kanaafi manneen jigsan kana hunda akka waan dirqama amantii isaanii bahaa jiraniiti. Falasxiinoonni qabsaawaa jiraniis lafaafi qabeenya isaanii qofaaf osoo hin taane, bocola Yahuudaan deemtuun kaasanii faana ergamtoota Rabbii qulqulleessuuf karaa Rabbii irratti qabsaawaa jiran. Gaafa Yahuudaan Towraat qabattee loltu, Falasxiinoonni Qur’aana qabatanii “laa ilaaha illaLlaah Muhammadan rasuuluLlaah” jechaa dura dhaabbatan. Kanaaf taateen lafa tanarratti mudattu Falasxiinoota qofa hin laallattu, kallattiin ummata Muslimaa hunda dubbifti. Waan lafa tanarratti mudatu namni asumatti ukkaamsuu yaadu wallaalaadha, seenaafi qabatama jiru hin hubanne.

Lafti Falasxiin tan Masjid al-Aqsaa if keessaa qabdu tun qubsuma ergamtoota Rabbii turte. Nabi Ibraahim lafa tanatti baqatee ture. Nabi Luuxis gaafa Rabbiin ummata isaatti balaa buusu lafa tanatti baqatee nagaya bahe. Nabi Daawuud lafa tanarra jiraatee Mihraaba/Masjida toolfate.

Nabi Suleymaanis lafa tana handhuurfatee asirraa addunyaa guutuu bulchaa ture. Taateen Nabi Suleymaanii fi Mixii jidduutti mudatte, tan Qur’aanni Suuraa a-nNaml Aayaa 18 irratti dubbate lafa tana keessa naannawa Asqalaan bakka Waadi-nNaml ja’amtutti mudatte jechaatu odeeffama. Nabi Zakariyyaanis lafa tanatti Mihraaba/Masjida toolfatee keessatti Rabbi gabbaraa ture.

Nabi Muusaanis ajaja Rabbii fudhatee ummanni Isaa lafa tana akka seenan ajaje. Nabi Muusaan lafa tana “al muqaddasaa” ja’ee yaame. Lafa qulqulluu Shirkii fi hammeenya biroo irraa walaba taate, qubsuma Anbiyaa jechuudha.

Lafa tanarratti Mu’jizaa/raajii hedduutu tahe. San keessaa guddoon Maryam intalti Imraan; intalti dubraa osoo dhiiratti hin ida’amin fedha Rabbiitiin Nabi Iisaa dahuudha. Nabi Iisaan guddatee Islaamummaa babal’isuutti kaanaan akkuma aadeeffatte ilmaan Israa’il Isa ajjeesuuf kaate. Gaafa kana Rabbiin akka hin ajjeefamneef gabricha Isaa Nabi Iisaa gama Isaatti ol fudhate.

Nabi Muhammadﷺ gaafa samii bahu Makkaa ka’ee Masjidul-Aqsaa dhufe. Aqsaa irraa ammoo samii bahee Rabbi biraa Salaata nuuf fide. Nabi Muhammad Masjidul-Aqsaatti ergamtoota Rabbii dabraniif Imaama tahee Salaachise. Qur’aanni Suuraa al Israa’ Aayaa 1 irratti akkanatti dubbate👇🏾

۝ سُبْحَانَ الَّذِي أَسْرَىٰ بِعَبْدِهِ لَيْلًا مِّنَ الْمَسْجِدِ الْحَرَامِ إِلَى الْمَسْجِدِ الْأَقْصَى الَّذِي بَارَكْنَا حَوْلَهُ لِنُرِيَهُ مِنْ آيَاتِنَا ۚ إِنَّهُ هُوَ السَّمِيعُ الْبَصِيرُ ۝

۝ Inni(Rabbiin) gabricha Isaa halkan Masjida kabajamaa (Makkaa) irraa gara Masjida fagoo(Aqsaa), kan moggaa(naannawa) isaa Barakaa goonee mallattoowwan keenya akka itti agarsiifnuuf deemsise qulqullaawe. Dhugatti Inni(Rabbiin) Isumaatu dhagahaa argaadha ۝

Masjid al-Aqsaan Masjida Sadan itti imaltaawuun hayyamamu keessaa tokko. Hadiisa Abdallaah bin Umar odeyseen ergamaan Rabbiiﷺ “Masjida Sadi malee kaanitti hin imaltaawamu. Masjidul-Haraam, (Masjidu-nNabawii)Masjida kiyya kanaafi Masjidul-Aqsaa dha.”
[Bukhaarii 1864]

Salaanni tokkichi Masjidul-Aqsaatti Salaannu galatni isaa Salaata 500 tti qixxaawa, Salaata Masjida birootti Salaannuun wal adda. Hadiisa Jaabir bin AbduLlaah odeyseen ergamaan Rabbiiﷺ “Salaatni tokkichi Masjidul-Haraamitti Salaatamu Salaata Kuma Dhibbatti qixxaawa, Salaanni Masjida kiyyatti Salaatamu Kumatti qixxaawa, kan Masjidul-Aqsaa keessaatis Salaata Dhibba Shanitti qixxaawa.”
[Sahiihul-Jaami’ 3838]

Riwaayaa(gabaasa) birootiin ammoo, Salaanni Masjidul-Aqsaatti Salaatamu; Salaata Masjida birootti Salaatamu irra 250n caala.

Lafa tana bilisoomsanii harka Muslimaatti deebisuuf lola hedduutu tahe. Sahaabaa irraa kaasee hanga aduu arraatti lolli gaggeeffame guddaadha. San keessaa beekkamaan Ramadaana 13 bara Hijraa15 Sahaabiin beekkamaan Umar bin al Khaxxaab bilisoomsee ture. Achi boodaas Rajab 27 guyyaa Jum’aa Hijraa583 Salaahuddiin al Ayyuubiin bilisoomsee ture.

Aakhiru-zzamaan gaafa Dajjaal dhufu, Nabi Iisaan naannawa Quds tti ummata Muslimaa waliin osoo loluu bakka Baab-allud ja’amtutti Dajjaal ajjeesuuf jiraata. Dajjaal Masjidul-Haraam, Masjidul-Madiinaa, Masjidu-xXuur fi Masjidul-Aqsaa hin seenu.
[Majma’u-zzawaa’id 7/346]

Ya’juuj fi Ma’juuj-iis lafa tanarratti lolameenii injifatamuuf jiraatan.

Akkuma beekkamu Masjidul-Aqsaan Iskuweer Meetira Kuma 144 irra jira. Warra Salaatu nama Kuma 800 ol fuudha. Masjidni kun Minaaraa/Ma’aazina 4 qaba. “Masjidul-Haraamitti aanee amata Afurtama booda Masjidni lammaffaan lafa tanarratti jaarame Masjidul-Aqsaa dha” ja’an Nabiinﷺ.
[Bukhaarii 3425]

Kanaaf seenaafi waan lafa tanarratti mudataa jiru beekuun, ilmaaniis barsiisuun dirqama keenya jechuudha. Yaa Rabbi ummata Gazzaa fi Falasxiin hunda tika keetiin nuuf eegi. Yaa Rabbi zulmii jalaa lafa tanaafi nama isiirra jiruus bilisoomsi. Yaa Rabbi ummata Muslimaa hundaaf jabeenya kanni.

17/10/2023

Chaayinaan Kibxata har’a walitti dhufeenya Itiyoophiyaa waliin qabdu guddisuun, michuu tarsiimoo qabeetti yeroo dheeraaf qabduu kanaaf, deeggarsa gadi fageenya qabu fi diploomaasii kan agarsiifte yoo ta’u, kunis yaalii dorgommii Waashingitan biraa taasifamu cinatti dhiisuun ture....

14/10/2023
14/10/2023

Address

Mettu

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Yasin Siraj posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share


Other Mettu media companies

Show All

You may also like