Harma Haadha Tokkoo

Harma Haadha Tokkoo Diinni gargar nama qooddi. Osoo hin jaalatiin ijoollee harma haadha tokkoo hootee gadameessa haadha Nuy Hundi keenya Ijoolee haadha tokkooti. Hubadhaa!

Harma haadha tokkoo hooneet guddatne. Rakkinaaf gadadoo waliin dabarsineet har'a geenye. Har'a garuu faayidaaf jenneet dabarsinee wal laachaa jirra. Boolla qotneet keessatti wal darbachaa jira. akkuma qullaa keenya gadameessa haadha keenyaa keessa baane, dacheen reeffa keenya walqixa afaan bantee fudhatti. kanaaf gaarii waliif haa yaadnu!

14/05/2024

ግንቦትን ለሙዳይ!

በዚህ ወር በማኅበራዊ ትስስር ገፆቻችን በሚቀላቀሉ አዲስ ተከታዮች (Followers) ብዛት ልክ 30 ብር እንዲሁም በሚጋሩ ልጥፎች (Share) ልክ 10 ብር ለሙዳይ የበጎ አድራጎት ማህበር እንለግሳለን!

እርስዎም ይፋዊ የማኅበራዊ ትስስር ገፆቻችንን ይከተሉ፤ ፖስቶቻችንን ያጋሩ፤ ለወገን ድጋፍ ይተባበሩ!

ቴሌግራም፡ https://t.me/ethio_telecom
ፌስቡክ፡ https://www.facebook.com/ethiotelecom
ኢንስታግራም ፡https://www.instagram.com/ethiotelecom/
ሊንክዲን፡ https://www.linkedin.com/company/ethio-telecom
ዩትዩብ፡ https://www.youtube.com/c/EthiotelecomETH
ቲክቶክ፡ http://www.tiktok.com/?lang=en

ዘላቂ የጋራ ማኅበራዊ ኃላፊነት ለወገን ብሩህ ተስፋ!


Waamicha Eebba Kitaaba CichoominaaBarreessaan: Fufaa BakiruuEebba kana irratti quuqamtoota aartii Oromoo hundumatu affee...
22/04/2024

Waamicha Eebba Kitaaba Cichoominaa

Barreessaan: Fufaa Bakiruu

Eebba kana irratti quuqamtoota aartii Oromoo hundumatu affeerameera. Maaloo irraa hin hafiina.

Dilbata fuuldura keenyaa Magaalaa Burraayyuu Bakka addaa Keellaa Hoteelaa Guuteetti Eebbifama.

12/02/2024



"Bara durii kabajamaa kan ta'e Jeneraala tokkotu Raashiyaa keessa jiraata ture jedhan. Jeeneraalichi soorama kan bahe ta'us waan barbaade akka barbaadetti hojjechuurraa kan is dhorku hin jiru ture. Isa jalatti akka barbaadetti kan ajajatuufi tajaajiltoota amanamoo 2000 ta'an qaba.

Guyyaa tokko daa'imni qe'e isaatti dhiyoo tokko osoo taphatuu saree adamsituu isaatti dhagaa darbatee miila rukute. Ganama osoo sareen sun okkoltuu kan arge Jeneraalichi maal taatee akka okkolaa jirtu tajaajiltootaa isaa gaafannaan Daa'imni taphataa osoo jiruu saree sana akka rukute itti himu. Jeneraalichis daa'imichaafi haadha isaa gara isaatti akka fidan ajaje. Jeeneraalichi daa'ima sana gaafa argu aariidhaan mana onaa keessa galchanii akka itti cufan ajaje. Haati daa'imaas imimmaaniin fuulashee dhiqattee gara manasheetti deebite.

Ganamasaa daa'imichi dursummaa Jeneraalichaan gara dirree adamootti fudhatame. Dirree adamoo akkuma gahaniin daa'imicharraa uffatasaa baasanii qullaa isaa akka dhaabbatu akka godhan ajaje. Daa'imichis dirree sana keessa qullaa isaa qorra Raashiyaa keessa dhaabbatee osoo hurgufamuu jeneraalli sun akka inni fiigu isa ajaje. Humna daa'imummaa isaatiin dirree sana keessa fiiguu gaafa jalqabu saroonni adamoof qophaa'an hedduun duubaan itti gadhiifaman. Osoo inni hin fagaatiin saroonni sun daa'imicha bira gahanii osoo haatisaa ilaaltuu isa cicciran" jedhan.

Namoota gara jabeessota akkasiitu ajjeechaa namoota nagaaf sababa ta'a. Waaqayyo gara jabeessota nama nagaa ficcisiisaa jiraniif hubannaa haa kennuuf!

አይኔ ነው ደብረጽዮን ነው?
09/02/2024

አይኔ ነው ደብረጽዮን ነው?

Sababni guddaan Khuulleen Oromoo kalaqameef jedhanii fakkeenya gabatee armaan gadii fudhatan jedhan. Osoo qubeema dachaa...
06/02/2024

Sababni guddaan Khuulleen Oromoo kalaqameef jedhanii fakkeenya gabatee armaan gadii fudhatan jedhan. Osoo qubeema dachaarratti waggaa hamma sana qorannoo gaggeessaniiru ta'ee waan ajaa'ibaa fidanii dhufuu hin danda'an turee? Rakkinoonni akkasii Fidala Gi'iizii keessa akka jiranhoo quba hin qabanii laata? Haala galumsa isaaniin rakkoo tokko malee fayyadamaa turre.

ታምራት ምግም አልበላ አለ።
ታምራት ታች ቤት አለ።

Waldaan Barreessitoota Oromiyaa (WBO) Waldaa Barreessitoota Itoophiyaa (WBI) dhaan goolii 3_2'n moo'atee Geepha kaaseera...
29/01/2024

Waldaan Barreessitoota Oromiyaa (WBO) Waldaa Barreessitoota Itoophiyaa (WBI) dhaan goolii 3_2'n moo'atee Geepha kaaseera.

23/01/2024

Bullaalleekoo yaashee balaliituu
Ayyaanakee maaliif naa'n eegituu?
Amma isa ammaa fiigdee dhuftee
Maaliif na'n fudhattuu?
Maaluma yaaddeetu nagattee achumaan kan haftu?
Bullaalleekoo yaa ishee Samiirra jirtuu
Hangafakee dhuftee hin fudhattuu?

Baga Geessan!እንኳን አደረሳችሁ!Ofitti nu araarsuuf samii samiirraa bu'ee akka namaatti Gadameessa haadha keenya Dubroo Maariya...
19/01/2024

Baga Geessan!
እንኳን አደረሳችሁ!

Ofitti nu araarsuuf samii samiirraa bu'ee akka namaatti Gadameessa haadha keenya Dubroo Maariyam keessa bulee dhalachuudhaan Yordaanositti cuuphame. Bittaa seexanaarraa bilisa nu baasuuf, xalayaa garbummaa barbaadeessuuf Yordaanositti harka Qulqulluu Yohaannisitti cuuphame.

Waaqa Waaqotaa, Gooftaa Gooftotaafi Mootii Mootota kan ta'e Ilmi Waaqa Abbaa Iyyesuus Kiristoos, Ilmi Qulqulleettii Dubroo Maariyam Iyyasuus Kiristoos Cuuphamee ofitti, Abbaasaafi Afuura Qulqulluutti nu araars.

Baga Geessaan
እንኳን አደረሳችሁ!

"SAFUU!Safuufi Safeeffannaan guddannee Safuu malee burraaqna. Hin hojjennu; isa hojjetu nyaanna. Hin qabsoofnu; isa qabs...
14/01/2024

"SAFUU!

Safuufi Safeeffannaan guddannee Safuu malee burraaqna. Hin hojjennu; isa hojjetu nyaanna. Hin qabsoofnu; isa qabsaa'u fashaleessina. Uummata hin qarru; isa qaru doomsina. Uummata hin ijaarru; isa ijaarame diigna. Kabaja namaa hin qabnu; isa kabajame salphisna. Ormarratti aangoo hin qabnu, ofii walxiqqeessina. SAFUU" Gemechu Lamu tu fuula Twitter isaa irratti maxxanse.

Yaaduma kanaan walxaxnee achi siiquu dadhabne.

SAFUUUUU!

Kan nu rakkisaa jiran warreen qabsoo tokko eegalanii osoo fiixaan hin baasiin qabsoo biraa tuttuqanidha. Abdisa Bancha J...
13/01/2024

Kan nu rakkisaa jiran warreen qabsoo tokko eegalanii osoo fiixaan hin baasiin qabsoo biraa tuttuqanidha. Abdisa Bancha Jara sanas kanas tuttuquurra dhimma jalqabde fiixaan baasi. Dhimma biraarrattimmoo qabsaa'aa biraa horadhu. Maal qaba osuma qubeefi sirna tuqaalee ofii sirreessitee maxxansiteetta ta'ee?

Shiroo 1, Timaatima 1 fi Bishaan abbaa liitira 1 fayyadamtee gaafa 400 si kafalchiisan maal jechuu dandeessa 🤔🤔🤔🤔
12/01/2024

Shiroo 1, Timaatima 1 fi Bishaan abbaa liitira 1 fayyadamtee gaafa 400 si kafalchiisan maal jechuu dandeessa 🤔🤔🤔🤔

24/12/2023

"Wal beekuu dhabuun, walii beekuu dhabuun, waliin beekuu dhabuun, waliin deemuu dhabuun Arba Qurupheetti hirkisa" Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa

Badhaasa Ogbarruu GaaddisaaHirmaadhaa!Qopheessaan Waldaa Barreessitoota Oromiyaa
22/10/2023

Badhaasa Ogbarruu Gaaddisaa

Hirmaadhaa!

Qopheessaan Waldaa Barreessitoota Oromiyaa

Oromoon osoo Dandeettii, Qabeenyaafi Beekumsa qabuu; sababa tokkummaa dhabeef Waggoota hedduuf cunqursaa jala ture. Gaaf...
14/10/2023

Oromoon osoo Dandeettii, Qabeenyaafi Beekumsa qabuu; sababa tokkummaa dhabeef Waggoota hedduuf cunqursaa jala ture. Gaafa tokko ta'an kan isaan jala dhaabbatu waan hin jirreef Oromoomaan Oromoo jilbeeffachiisaa, bakka adda addaatti qoodanii hanga har'aa akka tokkummaan waliin hin dhaabbanneef shira xaxanii dhiigni dhaloota hedduu akka dhangala'u ta'eera.

Keessumaa Jaarraa 19ffaa irraa eegalee Seenaan Oromoo akka hatamuufi dhugaan isaa akka jallatuu ta'eera. Biyya ijaaruunsaa dhokatee akka biyya diigaa tureetti Seenaan hedduu barraa'eera.

Isuma har'aallee tokkummaa dhabnee obboleessi obboleessarratti akka dhukaasuufi dhiiga obboleessasaa akka dhangalaasu kan ta'aa jiru shiraafi daba kaleessa xaxamedha jechuun nama dandeessisa. Seenaa kaleessaarraa barannee har'umallee osoo tokkoomnee hunduma moo'annee gaariidha.

Tokkummaan Humna!

Kitaaba kana yoo dubbistan waan hedduu irraa barattu! Isin Affeereera

Address

Oromiyaa
Holeta

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Harma Haadha Tokkoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Harma Haadha Tokkoo:

Videos

Share