02/08/2021
Faatihaa Salaata Keessatti Qara'uu
Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta'eetiin.
Faatihaa Qara'uun Imaamaa fi Nama Kophaa Salaatuuf Dirqama. Faatihaa Qara'uun Arkaana Salaataa Keessaa Isa Tokko. Yoo Faatihaa Hin Qara'in Salaatni Ni Baddi.
Faatihaan Baay'inni Aayaa Isii Torba. Basmalaan (Bismillah Ar-rahmaan Ar-rahiim) Faatihaa Irraayii Miti. Faatihaa Qara'uun Dura Basmalaa Sagalee Gad Qabanii Qara'uun Sunnaadha. Suuraa Quru'aanaa Biroos Qara'uun Duras Barbaachisaadha.
Faatihaa Yeroo Qara'an Sababaan Malee Irra Deebi'aa Qara'uun Dhoorkaadha. Yeroma Takka Xiyyeeffannoodhaan Tolfamee Qara'amuu Qaba.
Namni Faatihaa Qara'uu Keessatti Osoo Beeku Dogongoru , Kan Baratuu Dhiisee Laaffiseetiin Dhiisee Faatihaa Tolchee Hin Qaraane Salaatni Isaa Ni Baddi.
Namni Imaamatti Hidhatee Salaatu Yoo Imaamni Faatihaa Xumuree Suuraa Biroo Qara'aa Jiraate Wajjiin Hin Qara'u. Garuu Qaraatii Imaamaa San Dhaggeeffatuu Qaba.
Rabbiin Beekumsa Faayidaa Qabu Nuuf Haa Kennu. Ibaadaa Nama Tolfatus Nuhaa Taasisu. Aamiiiiiin!
โ Abdurahman Mujahid Fillah
https://t.me/AbduIslamApologist