14/04/2024
Amerikaan Maaliif Cichitee Israa’eel Deeggarti❓
🇮🇱🇺🇸🇮🇱🇺🇸🇮🇱🇺🇸🇮🇱🇺🇸🇮🇱🇺🇸🇮🇱🇺🇸🇮🇱🇺🇸🇮🇱🇺🇸
Haleellaa 9/11 jedhamuun beekamu, kan gamoo lakkuu “World Trade Center” NewYorkitti argamuu fi Waajjira Mummee Ittisa Ameerikaa “Pentagon” Virginia-tti argamu, Al-Qaayidaa Osaama Bin Laadiniin durfamuun, bara 2001 rukutamuu isaa hordofee, Ameerikaan “War on Terror” - Woraana Shoorarkeessumaa irratti godha jechuun ka’uu isii labsite.
‘War on Terror’ kanaan, dura baruma 2001, Afghanistaniin, mandheen Alqayida achi jechuun; itti aansee, bara 2003 ammoo pirezedaantiin Iraaqii Sadam Huseen meeshaa woraanaa jumlaan nama fixu (weapons of mass destruction) oomishaa jiraa, shoorarkeessitootas ni deeggara sababa jedhuun, biyyoota kana lamaan weerartee mootummoota achi turan diigde. Itti aansee, kallattiinii fi alkallattiin waldhabdee fi woraanota biyyootta akka Soriya, Libiyaa, Yeman, fa’a keessa jiran cinaa tokko goruun hammeessuu itti fuufte.
Woranaa ‘War on terror’ fi rakkoowwan woraana san hordofee dhalataniin, biyyota asi olitti eeraman kanniin keessatti, yoo xiqqaate, namootni miliiyona 4.5 ol ta’an yoo du’an, miiliyoona 38 ol kan ta’an ammoo qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru.
‘War on terror’ kana irratti, Baha Jiddu Galaa (Middle East) keessatti ,Israa’eel michuu ijoo fi jalqaba Amerikaa yoo taatu, biyyoonni akka Sa’udi Arabiya fi UAE ammoo hariiroo gaarii Amerikaa wojji kan cimsataniidha. Iraan ammoo biyya doorsisaa fi qoqqobbii diinagdee Amerikaan yero yeroon irra keettu dandamachaa fi teeknolojii woraanan of cimsaa dhufteedha.
Biyyonni Arabaa hedduun, Israa’eel biyya ta’uu isii kan beekamtii hin kennineef yoo ta’u, Saddam Huseenii fi Colonel Muammar Gadafiin ammoo Israa’eel wanti jedhamtu jidduu lafaa keenyaatii baduu qabdi worra jedhanii ifatti dubbataa turaniidha. Iraanis beekamtii kennuu dhabuu irra tartee, biyyi Israa’eel jedhamtu guutumatti baduu qabdi worra jedhanii ijjannoo cimaa ibsataniidha. Kanaafiis, Iraan garee Hamas kan Gaazaa bulchu bifa garagaraatiin deeggarti.
Iraan humna niwukulaaraa ijarachuuf sochii irra kan jirtu yoo ta’u, Israa’eel fi Ameerikaan ammoo duunee argamna malee Iraan harka humni niwuukularaa galuu hin qabu jedhanii ijjannoo cimaa qabu. Ijjannoo qabachuu irra taree, Israa’eel yoo Iraan humna niwuukulaaraa gabbisuuf waan jalqabde kan itti fuuftu yoo ta’e, wirtuulee itti Iraan niwuukularaa gabbiftu rukutuuf duuba kan hin deebine ta’u deddebiin dubbatti.
Iraan, dhiibbaa Ameerikaa dandamachuuf akka isii gargaaruuf, Raashiyaatti michoomuu cimsitee itti fuufte. Dirooniin Raashiyaan fayyadamtu kan Yukreeniin tumtu hedduun isaanii kan Iraan oomishtuudha. Iraan, Raashiyaan michoomuun gabbisa niwuukularaa irratti akka isaan gargaaranii fi dhiibba Ameerikaa dandamachuuf akka isii gargaaruuf yoo ta’u; Raashiyaan ammoo daldala gara biyyoota baha fagoo (China, India fa’atti) gootuuf Iraan keessa meeshaalee daddabarfachuuf akka toluufiif michoma kana cimsu.
Iraan, Israa’eel haleellaa Gaazaa kana yoo hin dhabne, tarkanfii kan fudhattu ta’uu isii ibsiti; kun ammoo shakkii Amerikaan, yoo Iraan Israel rukutte, kana sababa godhachuun Iraanii fi wirtuulee gabbisa niwuukularaa isii rukutuuf haala gaarii uumaaf. Iraan yoo rukutamte ammoo michuun isii Raashiyaan hin caldhistu jedhame yaadama. Kun ammoo woraanaa baldhaa, tarii ammoo dhawaataan biyyoota heddu hirmaachisuun Woraana Adunyaa 3ffaaf dhufaatii ta’uu haala itti danda’utu jira jedhame shakkama.
Nageenyi Addunyaa Keenyaaf🕊
@ Dr Nuredin