Warquu xaafaa warquu xaafaa

Warquu xaafaa  warquu xaafaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Warquu xaafaa warquu xaafaa, Digital creator, Dukem.

14/01/2024

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Abdi Jote, Amme Jamaal Barataa Yunivaarsitii

16/11/2023

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Bakkalchaa Barii, Melkam New, Megarsa Hailu Yadasa, Laga Qu'ii, Mahmmad Awaale Abraham, Xahaa Kaa Amaan, Saabito Habib Arbi'naa, Ramadan Yusuf, Gammachuu Odaa, Biqiltuu Maariyaam, Ibsaa Musxafaa, Abdii Ragoo, Suui Abdoo, Nafileti Abera, Hajii Mahamad, Olàana Naggasu, Mucattii Jiille, Sifoo Hambaa

Irreecha fi IrreeffannaaWaaqa fi WaaqeffannaaHora Finfinnee fi Abbaa Malkaa Hora Finfinnee..Irreechi Hora Finfinnee ega ...
18/10/2023

Irreecha fi Irreeffannaa
Waaqa fi Waaqeffannaa
Hora Finfinnee fi Abbaa Malkaa Hora Finfinnee..
Irreechi Hora Finfinnee ega addaan citee baroota heedduu lakkoofsisee booda bara 2011/2019 deebi'ee eegale. Akka hayyoonni argaa dhageettii waan kanaa qaban dubbatanitti, irreechi Hora Finfinnee kun waggoota 150 (jaarraa tokkoof walakkaa) oliif akka hin irteeffatamne dhoowwamee addaan citee ture jedha qorataan seenaa fi og barreessaa Taabor Waamii akka barreessetti.

Finfinneen handhuura Oromoon Tuulamaa itti walga’ee irreeffatuufi eebba Abbaa Muudaa itti argatu ture.

Suuraa Irreecha Hora Finfinnee bara 1903, Irreecha Hora Finfinnee kan akaakilee irraa dhaalee hanga guyyaa addaan cituutti eebbisee saaqaa ture Abbaa Muudaa Sarrawwaa Lumeeti jedhama.

Ilmaan warra Sarrawwaa Lumee kan amma lubbuun jiran akka jedhanitti, barri Oromoon Hora Finfinneetti irreeffataa ture sun, bara quufaa, bara jaalalaa, bara kabajaa, bara aadaafi safuu guddaadhaan jiraatan ture.

Akka horteen Sarrawwaa Lumee itti dabaluun ibsanittis, gosoonni Oromoo naannoo Hora Finfinnee turan, Oromoo Gullallee, Eekkaa, Gumbichuu, Galaan, Abbichuu; akkasumas, Karrayyuu fuudhaaf heerumaan dhufaniifi kanneen biroos turan.

Namoonni wal dhabbii fi wal abaarsa qaban, Malkaa Irreechaa Hora Finfinnee irreeffachuuf odoo hin dhaqiin, dursanii dhaqanii dhiifama waliif taasisu. Warri wal abaare waliif tufee aagii waliif baasa. dhibaafatanii, muuddatanii, walitti biifanii erga walitti araaramanii waliif qulqullaa’anii booda gara Malkaa Irreeffachaa deemu.

Namoonni waldhabdee qaban odoo waliif hin qulqullaa’iin gara Malkaa Hora Finfinnee yoo deeman oofkaltii hin argatan jedhanii amanu waan ta'eef dura dhakaa Araaraa deemanii waliif dhiisanii ega wal hiikanii booda gara malkaa Irreeffannaa deemu.

Akka Abaabileen Obbo Sarrawwaa Lumee Obbo Deessis Dabalee jedhanitti, Irreechi Hora Finfinnee kan addaan cite bara Abbaa Muudaa jedhamuutti.

Goototaasalaalee Biyyi tun Sadarkaa hojii isaatiin kabaja hin kennineef !            Abbichuu Bayyanaa QorichooNamoonni ...
18/10/2023

Goototaasalaalee Biyyi tun Sadarkaa hojii isaatiin kabaja hin kennineef !

Abbichuu Bayyanaa Qorichoo

Namoonni baay’een Abichuun Sirbban keessatti maqaan isaa ka’us maal akka ta’e waan beekan natti hin fakkaatu. Abichuu jechuun Yeroo duula xaaliyaanii sana xaaliyaani habashaan meeqa sodaatte kan booji’efi Gootummaadhan beekkameedha.Baandaa eenyuu akka ture ni beekkama. Xaaliyaannoonni ni beeku.Ragaa ni bahu !

Abichuun daggala ciisaa
Sinbira seetee hin darbatinii
Mosoloniin samii irra deemaa
Mootii seetee hin abdatinii

Baandaa ishee gantuu,kokkee ishee qalee Abichuu akkam jirtaree Leenca Sabboonticha Oromoo Bakakkaa Abichuu gaaddisa goda hiyyeessaa Mee naaf garmaamii Uffadhuu kalloo Leencaa Hawwiin Abichuu adamoo turee Ajjeesee galuuf,salaalee bu'ee Tapha fardaafaa jaallata turee Biyyi weeraramnaan hawwiisaa dhiisee Faranjii fixuuf bosona ciisee Bineensa dhiisee baandaa caccabsee Xaaliyaanii dhufte asitti hambisee Baandaan sodaattee fincaan ishee buustee Hambaan rasaasaa eessa akka buutee
Haati si deesse osoo dabaltee As ba'ii dhallanduu shurrubbaa mudhiiGuduruun Jaagee, Yaa gahuu mudhii Rifeensa Jaagee, yaa dheerina isaa Harmee dabalii kormee akkasaa Qaxalee keelloo yaa ajjeessaa koo mudhii Guduruu Mirgaan naa Gali, yaa bareeda koo Jettee eebbistee !Gulufaa fardaa abbaa farda Leencaa gidirsaa dhiiraa Hijibbaachisaa,finiinsaa diinaa ! Kan isaa maal himuu Laftuu gubata ibidda saafa'aa Keessaa Abichuu yaa rukuttaasaa
Matariyeesiin abbaa bishaaii Xaaliyaan fixee,Bara 1922tti namni tokko salaalee Oromiyaa koonyaa ona warra Jaarsotti gara addunyaa tanaatti makame Abbaan daa'ima kanaa Salaale keessatti Goota gita hin qabne akka ture himamaaf Haati Abbichuu Abbichuu dabalatee ilmaan sadi qabu ture. gaafa Xaaliyaanonni Xoophiyaa bara 1936tti weeraran obbolaawwan Abbichuu Xaaliyaanota faana wal'aansoo taasisuuf gara gammoojjii Maayicaawu Tambiyeenii fi Ambaaraadoomitti oggaa duuluuf jedhan Abbichuunis isaan wajjiin duulu malee jedhee Harmee isaa ijibba

Address

Dukem

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Warquu xaafaa warquu xaafaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share