Qo'annaa fi Qorannaa Siyaasaa Itoophiyaa

Qo'annaa fi Qorannaa Siyaasaa Itoophiyaa Sagalee oromoon Kan Hundaa'e.

15/08/2023

Like Godhaa.

15/08/2023

Aanaa Saxxammaatti Maaltu Ta'e?

Shamarran ulaagaalee armaan gadii kana guutan carraa biyyoota sadii deemuu isaaniif banaadha.Woldaan keenya shamarran ul...
28/05/2023

Shamarran ulaagaalee armaan gadii kana guutan carraa biyyoota sadii deemuu isaaniif banaadha.

Woldaan keenya shamarran ulaagaalee eeraman guutan baasii tokko malee biyyoota sadii akka deeman eeyyama ni kennaaf.
1)Umrii 18 ol ta'uu fi qaamaan miidhamtuu ta'uu dhabuu.
2)Woraqaa ragaa dhalootaa fi ragaa barnootaa kutaa 8ffaa.
3)Sabaan oromoo ta'uu fii lammii itoophiyaa ta'uu.
4)Abbaa worraafii daa'ima kan hin qabne ta'uu.
5)Amal gaarii fii araada addaa addaarraa bilisa ta'uu.

Shamarran ulaagaa kana guutan 3600 barbaanna.

Biyyoota.-Dubay-Sud Arabia-Qatar.

20/05/2023

Itoophiyaan ammallee obsa jabaa barbaada.

Qaamoleen tokko tokko biýya itoophiyaa jedhamtu kana numa qofaatu qaba jedhanii yaadu.Kunimmoo yoomillee hin ta'u,Ta'uud...
30/03/2023

Qaamoleen tokko tokko biýya itoophiyaa jedhamtu kana numa qofaatu qaba jedhanii yaadu.Kunimmoo yoomillee hin ta'u,Ta'uudhaafillee hin jiraatu.

Kanaafuu qaamolee kana irratti mootummaan karaa seeraa fi heera biyyattii bu'uura godhateen tarkaanfii barsiisaafii amansiisaa akka fudhatu cimsinee gaafanna.

Kanaan ala biyyi kun fuulduraaf balaa hamaa fi godaannisa wol'aanuudhaaf ulfaatuutu isii eeggata.Paartileen siyaasaa oromoo fi abbootiin qabeenyaa oromoo garaagartummaa siyaasaa woliin qabnu akkuma jirutti dhiifnee mootummaa kana bira dhaabbannee qaamolee seeraan alaa kan beekaa oromoo irratti miidhaa geessisaa jiran kana seera qabsiisuun dirqama hunda keenyaati jedheen yaada.

TUKKUMMAAN BILISUMMAA KEENYAAF BAKKA GUDDAA QABA.

Mammaaksa Oromoo Kana dubbisaa mee.
16/01/2023

Mammaaksa Oromoo Kana dubbisaa mee.

NAGEENYA.Nagèenya jechùun yeroo afaaniin haasawan laafaa fakkaatus bu'aa hangana hin jedhamne hawaasa addunyaatiif kan k...
14/11/2022

NAGEENYA.

Nagèenya jechùun yeroo afaaniin haasawan laafaa fakkaatus bu'aa hangana hin jedhamne hawaasa addunyaatiif kan kennuudha.Nageenya jechuun hawaasummaa jechuudha,diinagdee,utubaa biyyaa,madda durummaa,madda amantiilee,madda furmaata waan hundaati.

Mariin nageenyaa mootummaa itoophiyaa fi garee TPLF Jidduutti mallatteeffame karaa hawaasa fayyaduun akka hojiirra nuuf oolu cimsinee gaafanna.

Kanumatti aansee qaamni sabaaf sab-lammoota keessaa karaa woraanaan qabsaawa jedhee hidhatee bosona jiru gara qabsoo nagayaatti akka dhufu asumaan cimsinee gaafanna.Qaamni kun yeroo hawaasa isaafin qabsaawa jedhu miidhaa hawaasa isaarra gahaa jiru hubatee akka qabsoo isaa karaa nagaatti jijjiiru gaafanna.

Kun akkuma kanatti ta'ee ummannii fi abbooleen amantaa carraa nageenyaa kanatti fayyadamuudhaan ummata isaanii kara misoomaatti akka fuula isaa deeffatu nuuf kakaasuu akka qaban cimsine gaafanna.

NAGEENYI BIYYA KEENYAA FI ADDUNYAAFIS AKKA DHUFU HAWWINA.

18/10/2022
Namni siyaasaa jabaan afirkàa fi addunyaa obbo jawàar mohammad irreecha ilaalchisee yaada akkamii qaba.Ergaa baga geessa...
01/10/2022

Namni siyaasaa jabaan afirkàa fi addunyaa obbo jawàar mohammad irreecha ilaalchisee yaada akkamii qaba.

Ergaa baga geessanii nuuf dabarsee jiramoo beekaa callisuu filate?
Gara birootiin kabajni ayyaàana irreechaa bara kanaa oromoof ergaa maal fakkaatu dabarseef laata?

Siyaasni itoophiyaanummaa saba keenyaaf qabsaawota keenya nyaataa har'a gahe.Ammallee waa'een sabboonummaa itoophiyaa ku...
28/09/2022

Siyaasni itoophiyaanummaa saba keenyaaf qabsaawota keenya nyaataa har'a gahe.Ammallee waa'een sabboonummaa itoophiyaa kun nuuf hin galle.

Kanaafuu oromoon ammallee mooraan qabsoo isaa dhiigaan waan guutamaa jiruuf tokkummaa fi hirree jabaatu isa barbaachisa.

Nuti oromoon akkuma biyya keessatti baay'inàan sadarkaa duraarratti argamnutti baay'ina baqattummaanìis sadarkaa duraarr...
24/09/2022

Nuti oromoon akkuma biyya keessatti baay'inàan sadarkaa duraarratti argamnutti baay'ina baqattummaanìis sadarkaa duraarra jirra.

Motummaan jijjiiramaa dhiiga qèerroo fi qarreetiin dhufe kuniis biyya keessaa fi alaattis mirga ummata oromoo kabachiisuun isaaf hin mijanne.Kunimmoo ummata oromoo madaa dhufaaf darbaa itti tahee yeroo hunda aadaa jiraata.

Biyyi itoophiyaa jedhamtu lafeen dugdaa ishee beekamaan ummata oromooti kan lamii itoophiyaa qofa osoo hin taane worri adiinis ni beeku.

24/09/2022

Itoophiyaan Nama qabeenya hin qabneef cittorratti fanxoo dabalaafii waan jirtu natti fakkaata.

SIYAASA ITOOPHIYAA.-------------------------.Siyaasni itoophiyaa Maal Akka fakkaatu suuraan kun hedduu akeeka.Siyaasni i...
22/09/2022

SIYAASA ITOOPHIYAA.-------------------------.

Siyaasni itoophiyaa Maal Akka fakkaatu suuraan kun hedduu akeeka.

Siyaasni itoophiyaa harka abbichuu abbaa malaa jira.Kuniis lola worra aangoo irra turee dheebuu aangoo qabuutin dhoo'eedha.

Abbichuu abbaa malaatiin furmaata argatti jedheen yaada.

Biyya siyaasa gaarii fi ummata ishee hordoftuutu akkanatti guddina saffisaa galmeessifti.
14/09/2022

Biyya siyaasa gaarii fi ummata ishee hordoftuutu akkanatti guddina saffisaa galmeessifti.

BAGA BARA 2015 NAGAAN GEESSAN.
12/09/2022

BAGA BARA 2015 NAGAAN GEESSAN.

Akkam Jirtu Ummanni Afaan koo Dhageessan Martinuu.Sabni koo alaa fi keessaa kan amantaa hunda hordoftan martinuu baga ba...
09/09/2022

Akkam Jirtu Ummanni Afaan koo Dhageessan Martinuu.Sabni koo alaa fi keessaa kan amantaa hunda hordoftan martinuu baga bara haarawa itoophiyaa nagayaan geessan.

Garuu wonti an saba kana gaafadhu waa'ee HACEE ILMA HUNDEESSAA Akkama gootan. Eenyutu hacee ajjeese?eenyuutu qindeesse?eenyutu milkeesse?Gaaffiin kun gaaffii ummata oromoo hundaati jedheen hubadha.

Erga guyyaa hacaaluun hundeessaa ajjeefameeti kaasee hanga saatii kanaatti itoophiyaan dhiiga boo'aa jirti.Dhiigni kuniis haqa hacaaluu natti fakkaata.Isinoo maal jettu laata?

HAQA HACÈE RABBI HAA BAASU.

Addunyaan har'aa kun teklenoojiin guddatee garuu beekaa isaa caqasuu dhabuun xiqqa'ate.
15/08/2022

Addunyaan har'aa kun teklenoojiin guddatee garuu beekaa isaa caqasuu dhabuun xiqqa'ate.

Hidhi guddichaa itoophiyaa guutiinsa bishaanii marsaa sadaffaa har'a bifa milkaawaa taheen raawwateera.Muummichi ministe...
12/08/2022

Hidhi guddichaa itoophiyaa guutiinsa bishaanii marsaa sadaffaa har'a bifa milkaawaa taheen raawwateera.

Muummichi ministeeraa itoophiyaa sirna kana irratti hasawa taasisaniin abbayyaan itoophiyaa qofaaf osoo hin taane kan addunyaa hunda gahu jedhan.

Itoophiyaan guutuun kan oromooti,oromoon naannoo kamiiniyyuu jiraachuuf wonti isa daangessu tokkolleen hin jiru.Hubannoo...
11/08/2022

Itoophiyaan guutuun kan oromooti,oromoon naannoo kamiiniyyuu jiraachuuf wonti isa daangessu tokkolleen hin jiru.Hubannoo.

Worroonni olola sobaatiin hawaasa doorsistanii hawaasa lamaan xilaata wolitti gootan of eeggadhaa.

11/08/2022

Siyaasni biyya itoophiyaa kun maaliif sabaaf sab-lammii biyya kanaa ija wol qixxummaatiin ilaaluun isatti ulfaata laata?.

Wonti yeroo hunda gaaffii cimaa natti ta'u seerri biyya kanaa maaf oromoo miidha?Aktivistoonni oromoo maaliif oromoo hodhachiisuu irratti hin hojjanne?Osoo tokko sin ajjeesa,sin buqqisa jedhee sitti dhaaddatuu keenya hidhannoo hiikkatuun barbaadame?.

Worri hidhatee bosona jiruus yeroo magaalaa tokko qabate oromoo hacuucuun maaf barbaachise?

Hundaafuu deebisaan ni jiraa guyyaa biroo wolitti deebina.

Dhimmi ijoo dubbii kanaa odeeffannoo naannoo soomalee tokko kan dhagahuufu gurri nama diduudha.Worreen qumaara siyaasaa taphachuu baratan ammallee olola hin dhaabne.Soomaaleen oromoo buqqisuu deema jedhanii ummata burjaajessu.

Kun immoo worra ummata buqqisuuf miidhaa qaba malee oromoofii miti.oromoon yeroo buqqa'u osoo hin taane yeroo buqqisu keessa jira.

Magaalaaleen yeroo TPLF Aangoo irra turr finfinnee jala galfaman oromiyaa jalatti deebifamanii jiru.Kun bu'aa qabsoo qee...
10/08/2022

Magaalaaleen yeroo TPLF Aangoo irra turr finfinnee jala galfaman oromiyaa jalatti deebifamanii jiru.

Kun bu'aa qabsoo qeerroo fi qarree dhiigni isaanii dhangala'eeti.

Baga gammaddan.

Faaondeeshiniin odaa roobaa ummata woliin ta'ee ummata oromoo godaanaalee garaa garaa keessatti hongee hamaadhaaf saaxil...
05/08/2022

Faaondeeshiniin odaa roobaa ummata woliin ta'ee ummata oromoo godaanaalee garaa garaa keessatti hongee hamaadhaaf saaxilaman gargaaruudhaaf karaa gargaarsaa banee jira.

Ummanni keenya hongee qofa osoo hin taanee hongee siyaasaa biyya kanaatiinis dhiibamee dhiibbaa hamaa keessa jira.

Fakkeenyàaf godinaalee akka wollaggaa fi booranaa kèessatti sababaa qaama hidhatee bosona jiruutiin ummanni nagaan qa'ee fi qabeenya isaanii irraa heddumminaan buqqa'anii jiru.

Buqqa'uu qofaa osoo hin taanee beela hamaafis saaxilamanii argamu,kanaafuu isaan kuniis haalaan gargaarsa eeggatu.

Mootummaanis ammallee ummanni kun akka dandamatuuf dhaabbotii ummata kana gargaaruu barbaadaniif karaa akka banuuf gaafanna.

Worri siyaasaa itoophiyaa quucarsanii ummata mirgasaa falmatu dararaa turan worruma Artistii beekamaa oromoo kan calaqqe...
04/08/2022

Worri siyaasaa itoophiyaa quucarsanii ummata mirgasaa falmatu dararaa turan worruma Artistii beekamaa oromoo kan calaqqee siyaasaa itoophiyaa ta'e nyaateedha.

Guyyaa inni du'ee kaasee biyyi itoophiyaa jedhamtu yeroo tokkoof tasgabbooftee hin beektu,gaaga'ama siyaasaa hamaa keessa seente.

Itoophiyaan dhukkuba wol'aanuuf nama rakkisu keessa seente,Duraa fi duubni ishee hedduu nama dhiba.

Wolumaa galatti rakkoon siyaasaa itiyoophiyaa faca'insa saba bal'aati.

Roobii har'aa naannoo soomaalee magaalaa jijjigaa keessatti hawaasni hiriira nagaa gaggeesse.Xiyyeeffannoon hiriira kana...
03/08/2022

Roobii har'aa naannoo soomaalee magaalaa jijjigaa keessatti hawaasni hiriira nagaa gaggeesse.

Xiyyeeffannoon hiriira kanaas deeggarsa humna addaa naannichaaf agarsiisuu fi balaaleleffannaa garee al shabaabiif mullisuudha.

Hiriira kana irrattis hogganoonni qaama nageenyaa naannoo sanaa fi qaamoleen nageenya naannoo sanaa eegan irratti hirmaataniiru.

Ummannii fi hogganoonni kuniis kutannoo nageenyaaf qaban agarsiisanii jiru.

Hogganoonni kuniis hawaasni nageenya naannoo isaa cimsee akka eeggatu akeekkachiisanii jiru.itti dabaluunis garee al shabaab qushaasha jechuun moggaasab.

Naannoo soomaalee magaalaa jijjigaa keessatti roobii har'aa hawaasni magaalaa jijjigaa hiriira mormii gaggeesse.Hiriirri...
03/08/2022

Naannoo soomaalee magaalaa jijjigaa keessatti roobii har'aa hawaasni magaalaa jijjigaa hiriira mormii gaggeesse.

Hiriirri mormii kuniis galateeffannaa liyyuu poolisii naannoo soomaaleetii fi mormii garee al shabaab kan hammateedha.

Kanatti aansuudhaaniis hogganoonni qaama nageenyaa naannoo sanii kutannoo al shabaab dhabamsiisuu irratti qaban ummata isaaniitiif ibsuudhaan garee al shabaab kanaas qushaash jechun moggaasaniru.

Address

Dukam@ee Hu
Dukem

Telephone

+251935785578

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Qo'annaa fi Qorannaa Siyaasaa Itoophiyaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share


Other Social Media Agencies in Dukem

Show All