Digital Qeerroo

Digital Qeerroo Biyyakoo Oromiyaaf mormakoon kenna!
(1)

27/06/2024
Biyya keenyatti sababa manca'uu qabeenya uumamaatiin  Omishutummaan lafaa dadhabuun, qabeenyi bishaanii hir’achuu  fi ha...
27/06/2024

Biyya keenyatti sababa manca'uu qabeenya uumamaatiin Omishutummaan lafaa dadhabuun, qabeenyi bishaanii hir’achuu fi haalli qilleensaa jijjiiramuun waan namuu ragaa ba'uudha. Rakkooleen kun garuu rakkoolee fala hin qabnee miti.

Ashaaraan Magariisaa rakkoolee kanneen furuuf, karooraa fi kaka'umsa Abbichuutiin gadi dhufe. Lammii hundis dhimma waloo kana waloon qabatee deemaa jiras.

"Deebisanii bosona dhabuu fi lafaa manca’ees deebisanii dandamchiisuun sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa gumaac...
27/06/2024

"Deebisanii bosona dhabuu fi lafaa manca’ees deebisanii dandamchiisuun sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa gumaacha dinqiisfatamu taasisaa jira."

Dr. Abiyyi Ahimad

Ashaaraan Magariisaa Dirqama Biyyummaati. Biyya teeyna miidhagsuun, gammoojjummaa irraa tiiksuun fi faalama qilleensaa i...
27/06/2024

Ashaaraan Magariisaa Dirqama Biyyummaati.

Biyya teeyna miidhagsuun, gammoojjummaa irraa tiiksuun fi faalama qilleensaa irraa ittisuun dirqama biyyummaati.

"Uummata keenya waliin taanee diina ni m***a. Uummata keenya waliin taane hiyyummaa ni m***a. Uummata keenya waliin taan...
27/06/2024

"Uummata keenya waliin taanee diina ni m***a. Uummata keenya waliin taane hiyyummaa ni m***a. Uummata keenya waliin taanee quufnee,ni quubsina. Uummata keenya waliin taanee wanti nuti hin moo'anne hin jiru.Gaarri nuti bahuu hin dandeenye hin jiru."

Dr.Abiy Ahimad

Nagaa fi Badhaadhinaa qofatu Itoophiyaa fayyada!Lafti Itoophiyaa kana booda bakka nyaanni baay'inaan itti oomishamu male...
27/06/2024

Nagaa fi Badhaadhinaa qofatu Itoophiyaa fayyada!

Lafti Itoophiyaa kana booda bakka nyaanni baay'inaan itti oomishamu malee bakka qawwee fi taankiin itti dhaabbatu ta'uu hin qabu. Bakka sabboontotni guddina biyya isaaniitiin boonan itti kabajaman ta'uu qaba. Sirni badhaadhina nama hunda wal qixa ilaalu akka uumamuuf qabsaa'uun barbaachisaadha malee sirna qoqqoodinsa fi diigumsa uumuu miti. Dargaggoonni Itiyoophiyaa barnoota qulqullina qabu akka argataniifi teeknooloojii ammayyaa akka gaariitti akka fayyadaman hojjechuun barbaachisaadha.

Mootummaan   Yeroo kamiyyuu Marii,Araaraa fi Nageenyaf dursa laata!  ➡MM Itoophiyaa Dr.Abiy Ahimad barii jijjiiramichaa ...
27/06/2024

Mootummaan Yeroo kamiyyuu Marii,Araaraa fi Nageenyaf dursa laata!

➡MM Itoophiyaa Dr.Abiy Ahimad barii jijjiiramichaa irraa eegalee Itoophiyaatti araarri bu'ee lammiileen nageenyaan gara misoomaatti akka xiyyeeffataniif hojii baay'ee hojjetaniiru.

Paartiilee siyaasaa mootummaan TPLF shorokeessummaan biyyaa ari'e waliin araara buusanii gara biyyaatti galchuu irraa hanga Eeritiriyaa waliin araara buusanii badhaasa Nageenya addunyaa "Nobelpeaceprize" badhaafanuutti hojjetaniiru.

Boodas humna wayyaanee hinaaffaa fi xiiqiin Ilmaan Itoophiyaa irratti gantummaa hojjete waliin waraana ture hambisuuf araaraaf dursa laachuun fageenya dheeraa imalanii Nageenya biyya uumaniiru.

Har'as humnoota biroo kanneen dheebuu aangoo fi ana malee jechuurraa ka'uun hidhatanij lolaa jiran waliin mari'achuu fi Nageenya buusuuf dursa laatanii hojjechaa jiru.

Daandii Wabii Nyaataa Mirkaneessu= = = = = = = Ashaaraan Magariisaa dhiqama biyyeefi madaala uumamaa eeguun cinatti imal...
27/06/2024

Daandii Wabii Nyaataa Mirkaneessu
= = = = = = =
Ashaaraan Magariisaa dhiqama biyyeefi madaala uumamaa eeguun cinatti imala wabii nyaataan of danda'uu dhugoomsudha. Duula ashaaraa magariisaa akka biyyaatti waggoottan darbaniif taasifneen bu'aa olaanaa gonfachuu dandeenyees jirra. Sochii biqiltuu dhaabuu guyyaa tokkotti daangaa hanga daangaan taasifneenis tokkummaan yoo kaanee seenaa akkamii dalaguu akka dandeenyu mirkaneessineerra. Warraaqsi ashaaraa magariisaa biqiltuu dhaabuun gamatti tokkummaa saboota biyya kanaa caalmaatti hojii jabeessudha.

27/06/2024
Ashaaraa keenya dhaloota egereef!❤🙏
27/06/2024

Ashaaraa keenya dhaloota egereef!❤🙏

"Milkaa'inni sagantaa Ashaaraa Magariisaa ofii keenyaa kan itti baranne biyyoota biroof ammoo kan itti kaka'umsa uumnedh...
26/06/2024

"Milkaa'inni sagantaa Ashaaraa Magariisaa ofii keenyaa kan itti baranne biyyoota biroof ammoo kan itti kaka'umsa uumnedha!"

Dr. Abiyyi Ahimad

''Dhimmi Ashaaraa Magariisaa dhimma Itiyoophiyaa eeguu, kabajuufi badhaatuu taasisuuti. Dhimma seenaa jijjiiruuti. Dhimm...
26/06/2024

''Dhimmi Ashaaraa Magariisaa dhimma Itiyoophiyaa eeguu, kabajuufi badhaatuu taasisuuti. Dhimma seenaa jijjiiruuti. Dhimma darbanii dhalootaaf yaaduuti’'

Dr .Abiyyi Ahimad

Santu Seera!🙏= = = = = =Keeniyaa Naayiroobiitti gidduu kana wixinee labsii daballii gibiraa manni maree labse hordofee m...
26/06/2024

Santu Seera!🙏
= = = = = =
Keeniyaa Naayiroobiitti gidduu kana wixinee labsii daballii gibiraa manni maree labse hordofee mormiin guddaan mudatus Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo wixinicha hin mallatteessu jechuun diduun dhaga'ame.

Uummata ofii dhaggeeffachuun gaaruma🙏

Hattoonni Cuuramaa Jiru!👏= = = = = = = =Hattoonni motor saayikiliin magaalaa keessa socho'uun moobayilii uummata irraa b...
26/06/2024

Hattoonni Cuuramaa Jiru!👏
= = = = = = = =
Hattoonni motor saayikiliin magaalaa keessa socho'uun moobayilii uummata irraa butuu suuqii kuusaa turan to'annoo jala oolfaman.

Itti Muddaa!👏👏

26/06/2024

“Biyyi bu'uuressuufi dhaloonni waaressu qormaata injifatee galma waloo dhugoomsa ” Shimallis Abdiisaa; Pirezidaantii MNO

Qabeenya uumamaa tiksuun ergama guddicha ilma namaatiif kennamedha. Qabeenyi uumamaa kunuunfames jireenya ilmoo namaa dachaa eebbaaf qopheessa; madaallii uumamaas ni tiksa. Ilmi namaa garuu ergama guddicha kunuunsuufi tiksuu kennameef faallaa jiraachuun mancaasee addunyaa rakkoo jijjiirama qilleensaan qoramaa jirtu keessummeesse.

Kanaafis falli ergama ganamaatti deebi’uun idaa kaleessaa kaffalanii hojmaata bosonoomsuu, kunuunsuufi tiksuu hojiirra oolchuun filannoo dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu murteessudha. Addunyaa muddama jijjiirama qilleensaa damdamachuu dadhabaa jirtuufis falli Imala Sagantaa Ashaaraa Magariisaan jalqabnee jirru milkeessuun uumamatti araaramuu qofaadha.

Kanaafis biyyi keenya Itoophiyaafi naannoon keenya Oromiyaan sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara 2011 tarkaanfii haaraa MM Dr Abiyyi Ahmad fudhataniin ergama guddicha qabeenya uumamaa harka keenyaan mancaafne deebisnee bosonoomsuu, kunuunsuufi tiksuu hojiirra oolfameen qormaata jijjiirama qilleensaa qolachuu akka dandeenyu argineerra.

Uummanni keenyas barii jijjiiramaa irraa eegalee jijjiirama qilleensaa mudachaa jiru qolachuuf ergama waloon fudhate waloon milkeessee jira. Kanaanis dhaloota biyya magariisa dhaalchisuuf galma tarkaanfii beekumsaan masakame irraa maddeen utubamee imala karaa dheeraa tarkaanfiin miidhage hojiirra oolchaa jira. Kutannoofi hirmaannaa uummata keenyaan hojii hojjetamaa jiruun rakkoo jijjiirama qilleensaa furuu, uwwisa bosonaa dabaluu, eegumsa biyyeefi bishaanii fooyyessuun jijjiiramni abdachiisaan mul’achaa jira.

Waggoota Shanan darbe kanatti biqiltoota gosa gara garaa faayidaa damdaneessummaa qaban biliyoona 18.3 dhaabuu dandeenyeerra. Kanaanis uwwisni Bosonaa naannoo keenyaa Bara 2011 dura % 17 irra ture gara % 26.7tti guddisuun dandaa’ameera. Hojii hanga ammaatti hojjetame Kanaanis mancaatii bosonaa xiqqeessuu, dhiqama biyyee hir’isuufi oomishtummaa fooyyessuun danda’amaa jira.

Kabajamtoota uummata naannoo keenya!

Harki hojjetu goota ta'uu argineerra. Karoorsinee ummata keenya qindeessuun hiriirsinee gootummaa keenya damee kanaanis mirkaneessineerra. Sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa marsaa 6ffaa Ganna kana gaggeessinuufis qophii ga’aan taasifameera. Harki waktii Bonaa hojii kunuunsa qabeenya uumamaaf haala mijeesse ganna kanas gamtaan ba’uun sagantaa dhaabbii biqilaa Ashaaraa Magarisaatiif akka tumsitan waamicha kabajaa isiniif dhiyeessuun barbaada.

Sagantaa Ashaaraa magariisaa marsaa 2ffaa waggaa 2ffaa bara kanaatiin biqiltoota gosa garaa garaa faayidaa damdaneessummaa qaban biliyoona 5.5 dhaabbiif qophaa’e keessaa biliyoonni 4.9 ol akka dhaabbatuuf xiyyeeffannaa olaanaa kenninee hojjechaa jirra.

Mul'atni ashaaraa magariisaa hirmaannaa lammii hundaatiin dhugooma. Biyyi bu'uuressuufi dhaloonni waaressu ashaaraa dhalootaa dhalootatti darbu qabaata. Ashaaraa Magariisa bu’uura iccitii milkaa’inaafi badhaadhina keenyaa ta’e jecha qofaan dhaadannee osoo hin taane uummata keenya waliin qindoofnee milkeessaa jirra.

Kanaanis naannoo keenya Oromiyaa bakka jireenya dhala namaaf mijooftuu, miidhagina uumamaan gonfatteefi ga’umsa tuuristii filatamtuu taasisuuf kutannoon keenya har’aa Itoophiyaa kan cimsu abdii dhaloota egerees kan ijaarudha. Kanaafis sagantaa Ashaaraa Magariisaa ajandaa waloon qabanne xiiqiin milkeessuun egeree keenyaaf har’a bu'uura akka taanu waamichan dhiyeessa.

Oromiyaa ni ijaarra,
Itoophiyaa ni utubna,
Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina;
Waaqayyos nu gargaara.
Shimallis Abdiisaa;
Pirezidaantii MNO
Waxabajjii, 2016
Finfinnee

Badhaadhinni Itoophiyaa dhugoomsaa jira!= = = = = = =Itoophiyaan ifaajee ijoollee isheen guddina ishee dhugoomsaa jirti....
26/06/2024

Badhaadhinni Itoophiyaa dhugoomsaa jira!
= = = = = = =
Itoophiyaan ifaajee ijoollee isheen guddina ishee dhugoomsaa jirti. Badhaadhina afaaniin dubbannu qabatamaan argaa jirra. Isaan kana keessaa ijaarsi haaydroo elektirikii kooyishaafi hidhi haaromsaa guddichi, ikoo turizimiilee wancii, gorgoraafi cabaraa curcuraan agarsiiftuu guddaadha.

Dabalataanis Itoophiyaa keessatti dhaabbilee biyyaaf bu'uura ta'an ijaaruu, sirna Diimokiraasii dhugaa diriirsuu, seenessa guddicha waloo tokkummaa biyyaalessaa fidanifi obbolummaa dagaagsan akkasumas hojiiwwan misoomaafi Piroojektiiwwan Dinagdee dandamataa ijaaruuf nu dandeessisan hedduu milkeessuun olka'insa Itoophiyaa dhugoomsaa sadarkaa Addunyaatti mirkaneessaa jirra. Kanaaf ammoo bu'uurri geggeessummaa ilma saba guddaa Abbaa Malaati!❤

“Itoophiyaa hundarraa hundaan taate ijaaruuf hojjenna”MMI Dr. Abiyyi Ahimad
26/06/2024

“Itoophiyaa hundarraa hundaan taate ijaaruuf hojjenna”

MMI Dr. Abiyyi Ahimad

Abbichuun biyya waan hundaan badhaatee ofirraa haftee biyya Addunyaaf taatu ijaaraa jira. Kana keessaa Ashaaraan magarii...
26/06/2024

Abbichuun biyya waan hundaan badhaatee ofirraa haftee biyya Addunyaaf taatu ijaaraa jira. Kana keessaa Ashaaraan magariisaa madda nyaataafi wabii lubbu qabeeyyi maraa ta'uu bira darbee gaaddisa Addunyaa ta'uu danda'a.

Kanaaf hunduu duu'a Ashaaraa magiisaa bara kanaa milkeessuuf hojjechuu qaba!

"Ashaaraan Magariisaa hambaa dhalootaaf darbudha. Jijjiirama qilleensaa fi manca'insa naannoo ittisuuf adeemsa biyya bar...
26/06/2024

"Ashaaraan Magariisaa hambaa dhalootaaf darbudha. Jijjiirama qilleensaa fi manca'insa naannoo ittisuuf adeemsa biyya baraaruuf ooludha. Akkasumas biqiltoota nyaataaf oolan dhaabuun karaa ittiin wabii nyaataa keenya mirkaneessinudha."
Dr. Abiyyi Ahimad

Ashaaraa Keenya Dhaloota Haaraaf! 🚩 Biyya abbootii keenya irraa dhaalle dhaloota dhufuuf mijattuu fi magariisa taasifnee...
26/06/2024

Ashaaraa Keenya Dhaloota Haaraaf!

🚩 Biyya abbootii keenya irraa dhaalle dhaloota dhufuuf mijattuu fi magariisa taasifnee dabarsuuf hundumti keenya dirqama lammummaa qabna. Kaka'uumsa MM Itoophiyaa Dr.Abiy Ahimadiin duulli Ashaaraa Magariisaa waggoota 5 dura eegale ammas cimee itti fufaa jira waan ta'eef Itoophiyaanonni hundi dhaabbii biqiltuu bara kanaa irratti hirmaachuun ashaaraa keenya dhalootaaf haa keenyu.

Kana Qeerroon maal jedha??Namichi Ameerikaa galuu hin oolu
26/06/2024

Kana Qeerroon maal jedha??

Namichi Ameerikaa galuu hin oolu

26/06/2024

Dhugaan Afaan baasee yeroo dubbatu!👏

25/06/2024

እደገቱ የሁላችንም ነው!👏

Oduu Ajaa'ibaa🤔Magaalaa finfinneetti dubartiin konkolaataa nama dhuunfaa hatte to'annoo seeraa jala oolte🙏🙏
25/06/2024

Oduu Ajaa'ibaa🤔
Magaalaa finfinneetti dubartiin konkolaataa nama dhuunfaa hatte to'annoo seeraa jala oolte🙏🙏

"Hojiin Ashaaraa Magariisaa, biqiltuu dhaabuu garasitti bosona duraan turanii fi lubbu qabeeyyiif kunuunsa taasisuun, qu...
25/06/2024

"Hojiin Ashaaraa Magariisaa, biqiltuu dhaabuu garasitti bosona duraan turanii fi lubbu qabeeyyiif kunuunsa taasisuun, quubsumoota miidhamanii fi manca'an akka deebi'aniif, akkasumas sirna uumamaa cimsuu kan ilaallatudha"

Dr. Abiyyi Ahimad.

Warra keenya!Qoti hin qonnaa yaa jorrooko!❤
25/06/2024

Warra keenya!
Qoti hin qonnaa yaa jorrooko!❤

"Qaamni hundi jijjiirama naannawaa isaa irraa eegaluu qaba!" Dr.Abiy Ahimad.Itoophiyaanonni hundi naannoo keenya qulqull...
25/06/2024

"Qaamni hundi jijjiirama naannawaa isaa irraa eegaluu qaba!" Dr.Abiy Ahimad.

Itoophiyaanonni hundi naannoo keenya qulqulluu fi miidhagaa gochuun qilleensa qulqullaa'aa fi naannoo miidhagaa dhaloota dhaalchisuuf har'a ashaaraa keenya kaa'u qabna. Duula Ashaaraa Magariisaa irratti hirmaachuunis imala Badhaadhina Itoophiyaa milkeessuuf taasifama jiru keessatti gahee keenya bahachuu qabna.

Abbichuun faalama qilleensaaf hayyuu fala faledha!Abbaan Malaa waan addunyaan guutuu yaadaan joortee jaawwartee fala itt...
25/06/2024

Abbichuun faalama qilleensaaf hayyuu fala faledha!

Abbaan Malaa waan addunyaan guutuu yaadaan joortee jaawwartee fala itti dhabdeef nama fala faledha. Faalama qilleensaa jiraachuu ilma namaaf yaaddoo ta’e warraaqsa Ashaaraa Magariisaa waggoota muraasa gidduutti gaggeesseen qilleensi barama madaala isaa uumamaa akka eeggatu, oomishaaf oomishtummaan akka dabalu darbees dachiin kun jireenya ilma namaaf mijattuu akka taatu dandeessisee jira. Yaada furmaataa hayyuun kun maddisiiseen addunyaanis badhaasuun beekamtii kennaa jirti.

"Amaloonni dhaloota Ida'amuu tokkummaa kan jaalatuufi tokkummaaf kan hojjatudha!" MMI Dr. Abiyyi Ahimad
25/06/2024

"Amaloonni dhaloota Ida'amuu tokkummaa kan jaalatuufi tokkummaaf kan hojjatudha!"

MMI Dr. Abiyyi Ahimad

"Ashaaraan Magariisaa hambaa dhalootaaf darbudha. Jijjiirama qilleensaa fi manca'insa naannoo ittisuuf adeemsa biyya bar...
25/06/2024

"Ashaaraan Magariisaa hambaa dhalootaaf darbudha. Jijjiirama qilleensaa fi manca'insa naannoo ittisuuf adeemsa biyya baraaruuf ooludha. Akkasumas biqiltoota nyaataaf oolan dhaabuun karaa ittiin wabii nyaataa keenya mirkaneessinudha."

MMI Dr. Abiyyi Ahimad

Address

Dukam, Oromia
Dukem

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Digital Qeerroo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Digital Qeerroo:

Videos

Share


Other Social Media Agencies in Dukem

Show All