11/05/2022
Guyyaa Har'aa Marii Majlisaa Irratti Maaltu Ta'ee Oole?!
Odeeffannoo guutuu:
Gabaasa Marii Majlisa Federaalaa Guyyaa Har'aa/Shawwaal 10 ture
*************
Guyyaa Roobii har'aa Shawwaal 10 ykn Caamsaa 3/2014 Majlisa federaalaa keessatti marii walii galaa qabna turre.
*****
Ganama naannoo sa'aa 3:00tti mooraa majlisaa keessatti wal geenye. Sa'aa sanaa kaasee hanga 5:47 maqaa namootaatu irra deddeebi'amee ilaalamaa ture. Sa'aa sadii guutuu maquma namoota check gochuutti fixne.
Sana booda Muftiin dhufee mariin haa jalqabamu jedhame. Qaasim ofuma isaatiin hogganaa waltajjii ta'ee jalqabe. Kaameeraan lama wahii seenee ture haasaa baniinsaa Muftii waraaban. Achiin Dr Jeylaanis haasaa baniinsaa gochuu jennaan Muftiin ispiikara dhorgate. Akkuma ta'etti Qaasim fuudhee kenneef. ergaan Doktooraa dhumnaan maal irratti haa mari'annu yaada jedhu Qaasim ibsuu jalqabe. Dambii majlisaa guutuu mari'anna moo bakka garaa garummaan yaadaa jiru irratti mari'anna gaaffii jedhu kaase. Yaadni hirmaattota baay'ee "guutuu hin dubbifnuu bakka garaa garummaan yaadaa jiruufi nutis dubbifnee jirra dhufne waan ta'eef yaada dambicha irratti qabnu ni ibsanna" kan jedhu ture.
Ogga kana garaa garummaan yaadaa nuti qabnu kana jedhee Qaasim waraqaa wahii fidee raabse. Kanan isiniif dubbisa isarratti mari'anna jedhe. Muftiinis yaaduma kana deeggare. Yaanni mana keessaa baay'een garaa garummaan nuti irratti mari'annu isa gaafa duraa qaboo yaa'ii keessatti ibsame ta'uu qaba kan jedhu ture. Sheykh Misbah Abdurrahmaan harka baasuudhaan "kan nu mariisisuu qabu ogeessa seeraati; garaa garummaanyaadaas isa qaboo yaa'ii keessa jiru irratti mari'achuu qabna" jedhan. Muftiifi Qaasim isa ofii barreessanii fidan akka ta'u nu amansiisuuf baay'ee yaalan.
Sana booda Dr Jeylaan yaada kennuuf gaafannaan ammas Muftiin dhorkuuf yaalee Qaasim carraa kenneef. Achumaan Doktoorri Waa'ee tokkummaa jabeessanii dubbatan; akkasumas waraqaa isii Qaasim fide kana warri 25 akka hin beekne ibsan. Dabalatas kan mariisisuu qabu qaama bilisaa ta'uu qabaa ibsan. Ogguma kana Muftiin lafaa ka'ee Doktoora booksiin dhawee ispiikara harkaa fuudhe. Gurbaan dardarri tokko isaan walirraa dhorkuuf fiigee dhaqe. Kan biraa immoo doktoora dhahuuf fiiga. Dargaggoonni biroo immoo isa dhahuuf fiigu. Guutuun manaa kanaan jeeqame; akkasitti booksii qaraanee sa'aa torba booda gadi baane.
******
Zuhrii salaanne sa'aa saddeet booda ol deebine. Namoonni gariin aaranii gara manaa galan. Warri dhufanis dambiis dabalatee dhimma biroo irratti mari'atanii kallattii kaa'uu Ulamoota 25tti kenninee amma gara manaa deemaa jirra. Aaqibaan dhaabbata Muslimaa akkana ta'e. Rabbiin nasrii isaa haa fidu.
Ustaaz Gaalii Abbaa Boor Irraa