Barii

Barii Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Barii, Digital creator, Deder, Dire Dawa.

05/11/2023

Onnee too sif banee Kotuu seenii walakaa
Si arguun fedhaa as Behi mee takkaa ❤️

02/11/2023

Naaf kenni

Siin jaaladha jechuu
isa oduu dhiisii
Akka na jaalattu
gochaan argisiisii

Yoo afaan qofaa
hunduu jaalataadhaa
Afaanin odeessun
hundaafuu salphaadhaa

Meerre jaalalli kee
eessa garam jiraa?
Gochaan natti himi
oduu dhaabi narraa

Oduu qofa taatee
ofin godhin zeeroo
Kan biraa hin fedhu
mee naaf kenni

Siifan Oromoo page

09/09/2023
26/05/2023

"Jimaa keessan buqqisaa
Bakka buusaa baar-gamoo"
Jettanii mirqaanaadhaan
Kan labsitan waan-dhamoo

Madda galii ummataa
Albuuda baha biiftuu
Kan haati hiyyeessaa ittiin
Qoonqoo ilmaanshee jiiftu

Gombisaa qomoo keenya
Warra Ituu'f humbannaa
Maaddii irraa nyaanne dhiinnee
Maaliif hamaa dubbanna?

Sona jireenya hawaasaa
Jalaa gogsuun cubbuudha
Jimaan ummata harargeef
Dhimma jiruu; lubbuudha

Gaafa al-ergiin dhibee
Qaala’insi jireenyaa~ guutuu biyyaa garafu
Mi’a "Export" ta’ee
Doolaara nuuf sharafu

Faajjii eebbaaf araaraa
Jimaa muka kabajaa
Baar-gamoodhaan jijjiiruu
Sammuu maaliitu ajaja?

Lakkisaa qalbifadhaa
Bilaasha hin dhama'inaa
Warri haraama jettan
Feetan hin qama'inaa

Malee, qe'ee qulqulluu
Cubbuudhaan hin goolinaa
Saba tola nutti ooleef
Hammina hin oolinaa

Kan jaalala nuuf hiran
Gola onnee bananii
Ardaa gootota hedduu
Maaddii quufaaf qananii

Qe’een Elemoo Qilxuu
Kan Jaarraa Abbaa Gadaa
Caba sabaa okkolaa
Nuuf kulkulfataa madaa
Dhiibbaa duriiyyuu moo’ee
Har’a harka keenyaan badaa?

Akaakileen Sheek Bakrii
Ijoolleen Bakar Waaree
Falma Abbaa biyyummaaf
Dhugaa turanii raaree
Bu’aa aarsaa baasanii
Gidirfamuun jiraaree?

Maddi galii ummataa
Labsii dabaan maaf gu’a
Oromoon Afran-qalloo
Beelaa dheebuun maaf du’a?

Bakka-n malle tuqanii
Ofitti haadhuudha haasaa
Male innoo dogoggora
Biyya jechuun hawaasaa

Kanaaf.......

Qaamni dhimmichi laalu
Dhuunfaas ta’u mootummaan
Irra dedeebiin yaadaa
Siniin jenna kootummaan

Lameen waliif bu’uraa
Ummata harargeef jimaa
Oksijiinii fi somba
Addaan baasuun ni cimaa

Kanniisa qubatetti
Ofiif cuqqaallaan quba
Volkaanoon riphe dhoo’ee
Laavaansaa suma gubaa

Qabeenyi hawaasa harargee
Wabii saba hundaatii
Dinagdee biyyaatiifuu
Jimaan lafee dugdaatii

Waanuma facaasantu
Hudhee namaaf daraaraa
Hin tuqamuu; hin tuqinaa
Muka nagaaf araaraa!

✍️.... tiin! Hedduu Galatoomi Obboleeysakoo🙏
SArtist Sabrina Jamalfollow godhaa

04/04/2023

Na jalaa owwaadhu
Maaliif taata biizii
Al tokkoo dubbadhu
Laphee kiyya jiisii

Qas jedhii asaasii
As natti dubbadhu
Diinota basaasii
Yaada koo hubadhu

Anis siifan laadha
Yaada koo hundasa
Sumaafan jiraadha
Murteeffadhee tasa

Akkan in dabarree
Kiyyoo martee kessee
Jaalalaan na qabuu
Akamiin dandeessee

Onneen koo si baree
Sagal kufee cabaa
Takka nan booba'a
Tarimmoo sin dhaba

Ergaa na kessattii
Ijaarrattee mana
Tasumaa sin shakku
Sichi sin amana

An yoomuu sin nuffuu
Gaafa quufaaf beelaa
Fedha kee yoo ta'ee
So godhuu qubeelaa

Milikkitan badne
Quba keetti idhadhuu
Anis siin jiraadhaa
Atis naaf jiraadhuu

By Burqaa jaalalaa

04/04/2023

Address

Deder
Dire Dawa

Telephone

+251968536932

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Barii posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Barii:

Share