Wollo Oromo Times

Wollo Oromo Times Land of Tolerance wollo
Symbol Of Tolerance Wolloye

Bara tokko booda gadhiifamneerra
24/04/2025

Bara tokko booda gadhiifamneerra

09/10/2024

Akkam bultan ummata keenya ?

Akka bulchiinsa saba oromootti shira, hanna, zulmii fi ajjeechaa miskiinotaa caasaa mootummaatiin Aangoo dawoo godhatanii balleessaa sanyii raawwatamaa jiru ragaa qabdan keessaan natti darbafadhaa !!!

08/10/2024

Alhamdulillaah !! Turtii ji’ooleen booda gadhiifameera, odeeffannoo sassaabbannee ajjeechaa hanga hanna deemaa jiruutti walitti dhufna

20/09/2024

“ Oromoon walloo har’as du’aa jira
Warri hoggansaa daansiirra jira”

aa jara saalfii hinqabne kana saala dhabdanii isa saalfatu saalfachiiftan,mee nama lubbuu biyyaaf kenniifillee beekkamtii walqixa kennaa !! lubbuun lubbuu caalu waan jiru !! Moo isin biratti lubbuun liqawanbariitu kan biraa caala ?? Obboleewwan keenya sadan lubbuu bakka bu’iinsa hinqabne biyyaaf kennan rabbiin jaannataan haa qeebalu hawaasa oromoo walloo mara rabbiin haa jajjabeessu

“Manaamni waraabessa nyaata ufooniiti” Ati duras waa’ee qabsoo maalitti beekta maqaa ummata wallootiin kadhaa fi hannaan...
17/08/2024

“Manaamni waraabessa nyaata ufooniiti”

Ati duras waa’ee qabsoo maalitti beekta maqaa ummata wallootiin kadhaa fi hannaan ofjaaraa asgeesse ammas sararumti leeffannaa akka adda sijalaa hincinneef maqaa nama du’ee naanneesita malee duuba gurbaa du’e kanaan maal akka hojjechaa turte lagatu sibeeka.

Ati akka barte ammas waa leeffannaaf haala mijjeeffatuuf malee dhugaa namni kun simararee akkan hintaane nibeekkama garuu akka nagahaan sii beekkamu murrima takkaan “Ajil kaawwadhu” “gadhee zarii hinqabdu nama kee dhalatti jedhama!!

14/08/2024

“ Jirra jirtuu”

Jidduu tana haalli an keessa ture xiqqoo rakkoo waan tureef wal babbanneerra, haala qilleensa masaritii hawaasaa waggaan amma lallaalee waan baay’ee argeen gammade !!

Alhamdulillaah garaan waan nama hingoone hinqabu wayyaaneen baay’een badhaadhinatti makamaniin arge hamma tahe kan barbaadamu kanuma!! Warri kaleessa wayyaaneen baga nagahaan nuudhuftan jedhee aduu guyyaatiin dura bu’ee mootummaa kana lolaa fi lolsiisaa miiltoo tahee deemaa ture Goota biyyaaf wareegame olkaasanii ennaa faarsan laaluu caalaa waanni nama gammachiisu hinjiru. garuu immoo abbaan garaa hanguma garaa gaha waan taheef ija takkaan laaluu barbaachisa!!

Faaris mahammad goota silaa siidaan dhaabamuuf akkasumas magaalaa godinichaa kamiseetti kan silaa qabiyyee goota kana madaaluun kan manni hojjetamuufii qabu goota akka keetii fi warra sifakkaatuuf ture kun akkuma jirutti tahee amma siyaasaafis tahee afaan mi’eeffannaaf diinoonni kaleessa wayyaanee waliin siwaraanaa turan itti hadhaawaas tahu sifaarsuun isaanii anaaf hiikaa guddaa qaba yeroosaa eeggatee seenaan kee akka barraa’us mirkaneeffadheera

“Afaan Oromootiin dubbachuu fi Oromoof dubbachuun adda adda”Ummanni oromoo walloo waanni inni sirriitti beeku qabu caasa...
23/06/2024

“Afaan Oromootiin dubbachuu fi Oromoof dubbachuun adda adda”

Ummanni oromoo walloo waanni inni sirriitti beeku qabu caasaa bulchinsa saba oromoo jiraan du’e kun dheengaddas gaafa wayyaanee faana turan ummata kana aarsaa hintaane kaffalsiisaa turan maqaa “mankataaristummaa amantaa fi moggaasa ABO kanaan ummata keenyaa maseensuu hanga lubbuu balleessuu akkasumas qe’ee guutuu gubuun warra ibiddarraa hafan umrii guutuu hidhuuf qallittiitti guutsifamuu isaaniitiif shaafii fa’aan ragaa qabatamaadha.

Guddisoonni wayyaanee yeroo jijjiiramaa san ifatti ወያኔ wayyaanee jigsuun biyya jigsuudha jedhanii sirbaa sirbisiisaa turan,kaleessas dhumaatii jumlaa “intoleetiin” qoosaa qabsoon gaggeessineen nama dhibbaa ol tarkaanfii irratti fudhanne jedhee miidiyaa naannoo amaaraatti sagantaa qopheessanii ittin of dhaadhessaa fi dhaadataa turan.

karaa takkittii hawaasni keeenya yeroo gara garaa hanguma rakkoosaa lola sanyi balleessaa caasaa mootummaa hanga finxaleeyyii ittiin ofgargaaraa jiru tana adda kutuun abdii murannaa tokko malee irratti hojjetaa asgahan garuu milkaawuu dadhaban marsaa dhumaatiif caasaa keessaa hanga ergamtoota isaanii bobbasanii ija takkittii nudhaamsuuf fiishkaa dhumaa afuufaa jiran waan taheef ummanni dammaqee waldammaqsuun caasaa federaalaatiin walitti bu’uu akka hintaane tumsa walfakkaatuun haqisaa akka hindhokanne dalaguu qaba.

Kanaaf hawaasni keenya garee ykn murna jaamaa maqaa mootummaa ofirraa qabu kana haaluma eegalee gochaan qe’eerraa arihee caasaa jigse kanatti imaammataaf tarsiimoon maqattiis irraa mulquu qaba jedheen amana.

Dhumarratis piroopaagaandaa kijibaa fuullee mannee barnootaa jijjiirree fi jenereetara binneen qabaa nagadhiisaa isaanii kanaanis biizii of gochu hinbarbaachisu” warra kana jedhuunis “Gurri citu dhageettiin hafaan” jechama oromooti waan taheef godinaalee oollaa piroojektoota biliyoonaan eebbisanii nuuf immoo shira diriirsaa sirba giddii waliin sirbaan wahi taatiree ijoollee keenya

16/06/2024

Yaa rabbi guyyaa iidaa kana du’aa’iin godhamus mustajaaba waan taheef ummata oromoo walloo Adurreenis taheef maqaa leencaan uggaramaa,alagaanis tahee firaan ajjeefamaa akkasumas qe’eerraa buqqa’aa asgahan rabbii qabdu abshiraa.

Hawaasni lubbuu bakka bu’iinsa hinqabne nuuf jecha jechuun lafaaf lafee keenyaaf jecha nuuf kennitan rabbii caffee jaannataan isin haa qeebalu nuhis bakka gammachuun hinjirretti kijibaan dheechisuurra ilmoo teessan abbaa malee guddataa jirtu kan abbaa tahee guddisu nuhaa godhu

Warri maqaa madootiin hannaaf haala mijjeeffannaa bare har’as boowicha naachaa eegaleera. Karaa tokkoon warra ummata ajj...
15/06/2024

Warri maqaa madootiin hannaaf haala mijjeeffannaa bare har’as boowicha naachaa eegaleera. Karaa tokkoon warra ummata ajjeesisaa jiru Dalgoo fi gojoba hamma manaa geessee shallamaa akkuma baran jogola dallahaa fi madraakii manaa jala ciisanii ilaammataa boru suuraa nuu maxxansu

“ Argu Fakkaaniyyoo yaa bifa Gaararraa       Jireenyaan nagubdee du’us kan kanarraa”Ummanni oromoo walloo dura kan of ke...
14/06/2024

“ Argu Fakkaaniyyoo yaa bifa Gaararraa
Jireenyaan nagubdee du’us kan kanarraa”

Ummanni oromoo walloo dura kan of keessaa qulqulleessuu qabu hattuu maqaasaatiin kakataa alaa hamma keessaa hidhata godhatee isa nyaataa jiruu ,nyaataas asgahe,walitti bu’iinsa sababa godhachuun madraakii manaatti hirkatee ittiin of dhaadhesaaa jiraataa asgahe walkee jiraatu kanatu rakkoo tahaa jira waantaheef tokko tokkoon walitti dhufna !!

Mil’annaan bitaa mirgaa tahe oolmaan asis achis jejjedhamee maqaa ummatichaan of jiraachisaa,ittiin walgodaansisaa imimmaan naachaatiin taatee mumul’atu irra darbanii boddee madaa ummataatti muka darbuun dhaabbatuu qaba.

Bakka waa waccee fi bictetti abbaa of godhanii hannuma baraniif tottolfatuuf akkaa bofaa yeroo eeggatanii mummuuxatuu isaanii gaafa agarre” ija laafettiin intalaa obboleessarraa ulfoowti” waan jedhamuuf ejjannoo tokkoon yeroon isaa darbuu ifa walitti himnee bakka dukkanaawe buluun furmaata yeroo kanaati.

በስተርጅና እንደ ኮርማ ግመል አረፋ እየደፈቀ የሀገሪቷን ብሄር ብሄረሰብ ሙልጭ አድርጎ በመሳደብ የሚታወቀው ጋሽ ታዲዎስ ከንቱ በአማኑኤል ሆስፒታል የአእምሮ ህሙማን ውስጥ ስደረግለት የነበረው...
08/06/2024

በስተርጅና እንደ ኮርማ ግመል አረፋ እየደፈቀ የሀገሪቷን ብሄር ብሄረሰብ ሙልጭ አድርጎ በመሳደብ የሚታወቀው ጋሽ ታዲዎስ ከንቱ በአማኑኤል ሆስፒታል የአእምሮ ህሙማን ውስጥ ስደረግለት የነበረውን ህክምና በመጨረስ ወደ ቤቱ ተመልሷል። የርሳቸው በሽታ ከእርጅና ጋር የሚያያዝ በመሆኑ ከሀኪሞች አቅም በላይ ስለሆነ ቀሪ እድሜውን በገዳም ውስጥ እንድያሳልፉ በመምከር ነው ከህክምና ማአከሉ እንድወጡ የተደረጉት። ጋሽ ከንቱ ፋኖ የእርሶ ባለእዳ ነው፣ ፈጣሪ ህልናዎትን ይመልስሎት

 #የሐድራዋሹፌር ባቲ .........❤እሁድናና ናፍቆት ፣ ሐድራና ዚያራ ፣አቤት መጣፈጡ ፣ ከባቲዎች ጋራ ።አሳ በራ ጊቴ ፣ አውቶብስ የሚቴ ፣ቡርቃ ተረከዜ ፣ ሃውሳ መቀነቴ ፣እንደ አጀብ ይ...
01/06/2024

#የሐድራዋሹፌር ባቲ .........❤

እሁድናና ናፍቆት ፣ ሐድራና ዚያራ ፣
አቤት መጣፈጡ ፣ ከባቲዎች ጋራ ።
አሳ በራ ጊቴ ፣ አውቶብስ የሚቴ ፣
ቡርቃ ተረከዜ ፣ ሃውሳ መቀነቴ ፣
እንደ አጀብ ይቀልጣል እሁድና ባቴ ።

ያች የሐድራ ሹፌር ፣
ድረስልኝ ብላኝ ፣ ልካለች ከባቲ ፣
ባቲና እሁድ ፣ እሁድና አሽኩቲ ፣
ሐድራና መቀነት ፣ ጀምአና አርቲ ፣
እየጎዘጎዘች ፣ ድረሱልኝ ካለች ፣
መገን ድረሱላት ፣ ሐጃ ታወጣለች ።
#ሼር
fans

Address

Dessie

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Wollo Oromo Times posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share