Waajjira Bulchiinsa Aanaa Fadis

Waajjira Bulchiinsa Aanaa Fadis Sirna Tajaajilaa Si'ataa Fi Qulqulluu Ta'ee Hawaasa Keenyaf Kennuun Galma Badhaadhina Ni Dhugoomsina.
(1)

Rakkoo Bishaan Dhugaatii Hawaasa Baadiyyaa Furuuf Hojjatamaa Jiraachuun Dubbatame.☆☆☆☆☆    30,2016■Godina Harargee Bahaa...
10/12/2023

Rakkoo Bishaan Dhugaatii Hawaasa Baadiyyaa Furuuf Hojjatamaa Jiraachuun Dubbatame.
☆☆☆☆☆
30,2016
■Godina Harargee Bahaa Aanaa Fadisitti Rakkoo Bishaan Dhugaatii Araddoota Baadiyyaa Furuuf Baajata Idilee Aanaan Ittiin Karoorsee Hojjatuun Madditti Dhaabbilee Miti Mootummaa Dhaabbata ANE Jedhamu Deeggarsa Gaafachuun Keemikaala Qulqulleeysituu Bishaanii "Bishaan Gaarii" Jedhamuu Kartoona 192 fi Mootara Jenereetara Paampii Bishaaniif Olu Kan Birrii 2 Olitti Tilmaamamu,Gaafachuun Deeggarsa Argame Rakkoo Bishaan Dhugaatii Araddaa Risqii Ittiin Furuuf Guyyaa Har'aa Araddaa Galuu Isaa Ibsaniiru.

Guyyaan Sabootaafi Sablammoota Itoophiyaa Naannoo Somaalee Magaalaa Jijjiigaatti Kabajamaa Oleera.
09/12/2023

Guyyaan Sabootaafi Sablammoota Itoophiyaa Naannoo Somaalee Magaalaa Jijjiigaatti Kabajamaa Oleera.

Oreenteeshinni Haala Yeroo Fi Kallattiin Hojiiwwaan Itti Aananii Hoggansa Aanaatiif Kenname.☆☆☆☆    29,2016■Godina Harar...
09/12/2023

Oreenteeshinni Haala Yeroo Fi Kallattiin Hojiiwwaan Itti Aananii Hoggansa Aanaatiif Kenname.
☆☆☆☆
29,2016
■Godina Harargee Bahaa Aanaa Fadisitti Oreenteeshinni Haala Yeroofi Kallattii Hojiiwwaan Itti Aananii Hoggansa Aanaatiif Bakka Hoggansi Olaanoo Aanichaa Bulchaa Bulchiinsa Aanaa Fadis Hoggansa Godinaa Itti Gaafatamtuu Waajjira Galmeessa Siivilii Jiranitti Kennamaa Ture Milkaa'inaan Goolabame.

"Miidhaa Jijjiirama Qilleensaan Dhufuu Malu Dandamachuuf,Hojiin Kunuunsaafi Misooma Qabeenya Uumamaa Murteeysaadha" Jedh...
08/12/2023

"Miidhaa Jijjiirama Qilleensaan Dhufuu Malu Dandamachuuf,Hojiin Kunuunsaafi Misooma Qabeenya Uumamaa Murteeysaadha" Jedhame.
☆☆☆☆☆
28,2016
■Godina Harargee Bahaa Aanaa Fadisitti Leenjiin Haala Kunuunsaafi Misooma Sululaan Walqabatee Koree CALMP4R Sadarkaa Araddaatiif Qooda Fudhattoota Bulchoota Araddaa,Manaajaroota Araddaa,H/Misoomaafi Bakka Bu'oota Kutaa Hawaasaa Araddoota 10 Irraa Hirmaachise Bakka Hoggansi Olaanoo Aanichaa Bulchaa Bulchiinsa Aanaa Fadis Kabajamoo Aadde Soozit Mohammed Jiranitti Ifatti Banamuun Gaggeeffamaa Oleera.

■Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Fadis Kabajamoo Aadde Soozit Mohammed Haasaa Taasisaniin,Miidhaa Jijjiirama Qilleensaan Numudachaa Jiru Waggoottan Muraasa Keeysatti Hoongee,Hanqina Roobaa Hammaataa,Ho'a Humnaa Olii,Rooba Yeroo Maleefi Kan Biroo Numudateen Miidhaa Dhufe Tilmaamuun Nama Hindhibu Jedhan.Isa Kana Dandamachuuf Immoo Hojiin Misoomaafi Kunuunsa Qabeenya Uumamaa Murteeysaadha Jedhan.Kanaaf Sululoota Waggoottan Dabran Hojjatamaa Bahan Kayyoo Hojjatameef Fiixa Baasuuf Pirojektii CALMP4R Jedhuun Misoomuuf Qabame Irratti Leenjii Fudhachuuf Koreen Argamtan Imala Jalqabame Dhugoomsuufi Bu'aa Qabatamaatti Lafarratti Agarsiisuuf Leenjiin Isiniif Kannamaa Jiraachuu Hubattanii Karooricha Dhugoomsuutu Isin Irra Jiraata Jedhan.

■Leenjichi Guyyaa Lamaaf Kan Turuufi Qooda Fudhattoonni Leenjirratti Argaman,Hubannoo Argatan Kana Fudhachuun Araddaa Isaanirratti Galanii Misooma Sululaa Jalqabamee Ifatti Kunuunsaafi Misoomni Akka Taasifamuufi Carraa Hojii Dargaggootaa Irratti Ijaaruun Irraa Fayyadamaa Akka Ta'an Taasisuu Akka Qaban Abbaan Adeemsa Qabeenya Uumamaa Obbo Mohammed Abdukariim Leenjii Kennaa Turaniin Dubbataniiru.

Oreenteeshinni Koree Oditii Hojjataa Mootummaaf Kennamaa Ture Xumurame.☆☆☆☆    28,2016■Godina Harargee Bahaa Aanaa Fadis...
08/12/2023

Oreenteeshinni Koree Oditii Hojjataa Mootummaaf Kennamaa Ture Xumurame.
☆☆☆☆
28,2016
■Godina Harargee Bahaa Aanaa Fadisitti Oreenteeshinni Koree Oditii Hojjattoota Mootummaa Araddootaafi Seektaraalee Bakka Hoggansi Olaanoo Aanichaa Itti Gaafatamaa Waajjira Bulchiinsaa Aanaa Fadis Kabajamoo Obbo Zalaalam Kabbadaafi Itti Gaafatamaa Waajjira PSMQN Aanaa Fadis Kabajamoo Obbo Waafir Abduramaan Jiranitti Ramaddiin Bobbaa Koree Kennamuun Milkaa'inaan Goolabameera.

Gamaaggamni Raawwii Carraa Hojii Uumuu Gaggeeffamaa Ture Kallattii Hojii Fuuladuraa Kennuun Goolabame. ☆☆☆☆☆    28,2016■...
08/12/2023

Gamaaggamni Raawwii Carraa Hojii Uumuu Gaggeeffamaa Ture Kallattii Hojii Fuuladuraa Kennuun Goolabame.
☆☆☆☆☆
28,2016
■Godina Harargee Bahaa Aanaa Fadisitti Gamaaggamni Raawwii Carraa Hojii Uumuu Dargaggootaa Maal Irra Akka Jiru Adda Baasuufi Dargaggoof Carraa Hojii Uumun,Misooma Biyyattiitti Galchuun Walqabatee Qooda Fudhattoota Hojjattoota Waajjiraa CHU Waliin Bakka Hoggansi Olaanoo Aanicha Bulchaa Bulchiinsa Aanaa Fadis Kabajamoo Aadde Soozit Mohammed Jiranitti Gaggeeffameera.

■Gamaaggama Kanaan Hanqinaafi Cimina Raawwii Hojii Keeysatti Mullate Ilaaluun Carraalee Harka Qabnuufi Aanaan Qabu adda Baasuun Dargaggoof Carraa Hojii Uumuun Hojii Keeysa Galchuu Akka Qaban kallattiin Hojii Fuuladuraa kennamuun Milkaa'inaan Goolabameera.

WBAFADIS Sadaasa 27/2016-)Manni Marii Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Godina Harargee Bahaa Raawwii Hojii Hanga Ammaa Kan ...
07/12/2023

WBAFADIS Sadaasa 27/2016-)Manni Marii Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Godina Harargee Bahaa Raawwii Hojii Hanga Ammaa Kan Bara 2016 Bakka Bulchaan Godina Harargee Bahaa Aadde Miskii Mahammaad,Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Harargee Bahaa Obbo Abdii Aliyyi dabalatee,Hoggantoonni Godinaa fi Qooda Fudhattoonni Aanaalee fi Magaalota Godinichaa Argamanitti Gamaaggama Gaggeessaa Jira.

06/12/2023

Faaruu Kabaja Ayyaana Sabaafi Sablammootaa Barattootaan.

06/12/2023

Jiilli Bulchaa Bulchiinsa Aanaa Fadis Kabajamoo Aadde Soozit Mohammedin Durfamu,Kabaja Ayyaana Sabaafi Sablammoota Itoophiyaa Magaalaa Maayaatti Kabajamu Irratti Hirmaachuun Kabajaa Oleera.
WBAFADIS Sadaasa 26,2016

06/12/2023
06/12/2023

Magaalaa Maayaa Irraa.

Jiilli Bulchaa Bulchiinsa Aanaa Fadis Kabajamoo Aadde Soozit Mohammedin Durfamu Guyyaa Kabaja Ayyaana Sabaafi Sablammoot...
06/12/2023

Jiilli Bulchaa Bulchiinsa Aanaa Fadis Kabajamoo Aadde Soozit Mohammedin Durfamu Guyyaa Kabaja Ayyaana Sabaafi Sablammootaa Marsaa 18ffaa Akka Naannootti Magaalaa Maayaatti Kabajaa Jira.

06/12/2023

Kabaja Ayyaana Sabaa fi Sablammootaa Kabajuuf G/Gala Gabaa Baha Oromiyaa Awwadaay Jirra.

05/12/2023

,Uummata Jaalalaa.
Gammachuu Hawwan Kabaja Guyyaa Riivaanii Adii Sababeeffachuun Ibsatan.
Sadaasa 25,2016

"Carraa Hojii Qabnu Hunda Duguugnee Dargaggoo Irratti Ijaaruun,Humnaafi Dandeetti Dargaggootaa Misoomaafi Ijaarsa Biyyaa...
05/12/2023

"Carraa Hojii Qabnu Hunda Duguugnee Dargaggoo Irratti Ijaaruun,Humnaafi Dandeetti Dargaggootaa Misoomaafi Ijaarsa Biyyaaf Akka Oluu Taasisuun Dirqama"Jedhame.
☆☆☆☆☆
25,2016
■Godina Harargee Bahaa Aanaa Fadisitti Manni Marii Carraa Hojii Uumuu Aanaa Fadis Raawwii Hojii Carraa Hojii Hanga Ammaa Qooda Fudhattoota Caasaa Araddaa,H/Misoomaa,Ekistenshinii fayyaafi Manaajaroota Araddaa Hirmaachise Bakka Hoggansi Olaanoo Aanichaa I/A Bulchaa Aanaa Fadis Kabajamoo Obbo Iliyaas Mohammed Jiranitti Gaggeeffamaa Oleera.

■I/A Bulchaa Aanaa Fadis Kabajamoo Obbo Iliyaas Mohammed Haasaa Baniinsaa Taasisaniin Imala Jalqabame Dhugoomsuuf Carraa Qabnu Hunda Duguugnee Dargaggoota Irratti Ijaaruun Humnaafi Dandeetti Qaban Ijaarsa fi Misooma Biyyaaf Akka Oolan Taasisuutu Nurra Jiraata Jedhan.

Isa Kana Milkeessuu Keessatti Ga'een Qooda Fudhattootaa Olaanaa Ta'uufi Hojiin kun Xiyyeeffannaa Argatee Akka Milkaa'ina Qabaatuuf Hojjatamuu Akka Qabuus Kallattii Kennaniiru.

■Gabaasni Raawwii Hanga Ammaa Waajjira Carraa Hojii Uumuu Obbo Mohammed Kan Dhiyaate Yoommuu Ta'u,Yaadaafi Gaaffii Mana Keeysaa Ka'eef Deebiifi Kallattii Hojiiwwan Itti Ananii Kennuun Milkaa'inaan Goolabameera.

"Yoomuu,Eessattuu,Haala Kam Keessattuu,Miidhaa Koorniyaa Bu'uureffate Hin Callisnu".☆☆☆☆☆    25,2016■Godina Harargee Bah...
05/12/2023

"Yoomuu,Eessattuu,Haala Kam Keessattuu,Miidhaa Koorniyaa Bu'uureffate Hin Callisnu".
☆☆☆☆☆
25,2016
■Godina Harargee Bahaa Aanaa Fadisitti Guyyaan Kabaja Ayyaana Riivaanii Adii Akka Biyyaatti Marsaa 18ffaaf Kabajamu Sababeeffachuun Dhaadannoo "Yoomuu,Eessattuu,Haala Kam Keessattuu,Miidhaa Koorniyaa Bu'uureeffate Hincallisnu"Jedhuun Qooda Fudhattoota Haadha Siiqqee,Liigii Dubartootaa,Abbootii Amantaa,Abbootii Gadaa,Manguddoofi Kutaa Hawaasaa Garagaraa Irraa Hirmaachise Waliin Bakka Hoggansi Olaanoo Anaichaa Itti Gaafatamaa Siyaasa Paartii Aanaa Fadis Kabajamoo Obbo Huzeeyfaa Muktaariifi Itti Gaafatamtuu Waajjira Dhim/Dub/Daa'imman Aana Fadis Kabajamoo Aadde Saadaa Mohammed Jiranitti Kabajamaa Oleera.

■ Itti Gaafatamaan Siyaasa Paartii Kabajamoo Obbo Huzeeyfaa Muktaar Haasaa Baniinsaa Taasisaniin Misoomaafi Ijaarsa Biyyaa Hirmannaa Dubartootaa Hin Haammanne Gonkuma Kan Bakka Hingeenye Ta'u himuun,Qoodni Dubartoonni Diinagdee Biyyaafi Imala Badhaadhinaa Jalqabame Dhugoomsuuf Tumsan Olaanaa Ta'uu Hubannee Miidhaa BMG Irra Gahu Irraa Qolachuufi Akka Qolatan Taasisuun Sammuufi Yaada Bilisa Ta'een Qooda Isaanii Akka Gumaachan Taasisuuf Tumsi Qooda Fudhattoota Hundaa Barbaachisaa Ta'uu Dubbataniiru.

■Itti Gafatamtuun Waajjira Dhim/Dubartiif Daa'immaan Aanaa Fadis Kabajamoo Aadde Saadaa Mohammed Haasaa Taasisaniin,Guyyaan Kabaja Riivaanii Adii Guyyaa Addaati Jedhan.Guyyaan Kun Guyyaa Miidhaa Gama Dhiiraatiin Gahuu Malu Isaan Waliin Taanee Balaalleffannuufi Waadaa Isaanii Itti haaromsan Ta'uun adda Isa Taasisa Jedhan.

Kanaaf Dubartoonni Mirga Heera Mootummaa,Aadaafi Amantaan keenya Nuuf Kannu Hubannee Qixaan Dhiibbaa Malee Hojiirra Akka Oluuf Yoo Tumsine fi Qooda Fudhattoonniis Ga'ee Gama Diinagdeen,Siyaasaafi Hawaasummaa Keeysatti Dubartiin Qabdu Hubachuun Nucinaa Hiriiruun Imala Jalqabame Akka Dhugoomuuf Tumsuutu Nurra Jiraata Jedhan.

■Hubannoon Mirga Dubartootaafi BMG Waliin Walqabatee Seerri Maal Jedha Waan Jedhu Irratti Abbaa Alangaa Kabajamoo Obbo Umar Ahmedin Kan kenname Yoo Ta'u,Gaaffiifi Yaada Mana Keessaa Ka'eef Deebiin Pirezidaantii Mana Murtii Aanaa Fadis Kabajamoo Aadde saadaa Husseenin Akka Kennamu Ta'eera.

■Xumura Irratti Sirni Waadaa Dhiirotaa Miidhaa Dubartoota Irra Gahu balalleffachuu Irratti Akka Galan Taasifamuun Milkaa'inaan Goolabameera.

05/12/2023

Aanaa Fadisitti Guyyaa Ayyaana Riivaanii Adii Akka Biyyaatti Marsaa 18ffaaf Kabajamu Sababeeffachuun Kabajamaa Oleera.

05/12/2023

Ayyaana Riivaanii Adii Marsaa 18ffaa

04/12/2023

Sharaan Haroo Misooma Jallisiif Olu Q/bultootaaf Raabsamaa Oleera.
Sadaasa 24,2016

04/12/2023

Hundeeffama Gumii Tiraanisfoormeeshinii Barnootaa Aanaa Fadis.

Sharaan Haroo Misoomaa Jallisiif Oluu Q/Bultootaaf Raabsame.☆☆☆☆    24,2016■Godina Harargee Bahaa Aanaa Fadisitti Raabsa...
04/12/2023

Sharaan Haroo Misoomaa Jallisiif Oluu Q/Bultootaaf Raabsame.
☆☆☆☆
24,2016
■Godina Harargee Bahaa Aanaa Fadisitti Raabsaan Sharaa Haroo Misooma Jallisiif Oluu Q/bultoota 36'f sharaan Baayyinaan 36 Ta'u,Bakka Hoggansi Olaanoo Aanichaa Bulchaa Bulchiinsa Aanaa Fadis Kabajamoo Aadde Soozit Mohammed Jiranitti Raabsameera.

■Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Fadis Kabajamoo Aadde Soozit Mohammed Haasaa Taasisaniin Omishaafi Omishtummaa Dabaluuf Misooma Roobaan Oomishamaa Jiruun Madditti Misooma Jallisiin Jiruufi Jireenya Qonnaan Bulaa Dabaluuf Bishaan Kuufachuu Murteeysaa Ta'uufi Imala Badhaadhinaa Jalqabamee Dhugoomsuuf Sharaan Haroo Kenname Kun Bishaan Itti Kuusuun Misooma Jallisiiif Akka Oluuf Araddoota saddet Irratti Karoorri Qabamee Hojjatamaa Kan Jiru Yoommuu Ta'u Guyyaa Har'aa Sharaa 36 Akka Raabsamu Ta'eera Jedhan.

Cabaa Barnootaa Wal'aanuuf  Gaheen Qooda Fudhattoota Kutaa Hawaasaa Olaanaadha Jedhame.☆☆☆☆    23,2016■Godina Harargee B...
03/12/2023

Cabaa Barnootaa Wal'aanuuf Gaheen Qooda Fudhattoota Kutaa Hawaasaa Olaanaadha Jedhame.
☆☆☆☆
23,2016
■Godina Harargee Bahaa Aanaa Fadisitti Mariin Karoora Sosochii Gumii Tiraanisformeeshinii Barnootaa Irratti Qooda Fudhattoota Hoggansa Aanaa Hunda,Caasaa Araddaa,Dura Bu'oota Manneen Barnootaa,Koree GMB Fi Koree BBL Manneen Barnootaa Hirmaachise Bakka Hoggansi Olaanoo Aanichaa Bulchaa Bulchiinsa Aanaa Fadis Fi Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Aanaa Fadis Jiranitti Ifatti Banamuun Gaggeeffamaa Jira.

■Bulchaa Bulchiinsa Aanaa Fadis Kabajamoo Aadde Soozit Mohamed Haasaa Taasisaniin Dhimmi Dhaloota Dorgomaa,Hegeree Biyyatti Tilmaamu oomishuun Dhimma Biyya Ijaaruuti Jedhan.Caba Barnootaa Mudate Wal'anuuf Qoodni Kutaa Hawaasaa Sadarkaan Jiruu Murteessaadha Jedhan.Dhimmi Dhaloota Hegeree Oomishuu Dirqama Dhaloota Har'aati Jedhan.

■Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Aanaa Fadis Kabajamoo Obbo Gaashaw Zallaqaa Yaada Kennaniin Imala Jalqabame Dhugomsuuf Kalaqaafi Barnootaan Yoo Utubamuu Baate Dhumti Isaa Kufaatiidha Jedhan.Kana Hambisuuf Tumsi Maatii,Barsiisaa,Hawaasaafi Hoggansi Sadarkaan Jiru Murteeysaadha Jedhan.Barnoonni Madda Kalaqaafi Teknooloojii Ta'uu Hubannee Gahee Keenya Bahachuutu Nurra Jiraata jedhan.

■Itti Aanaa Waajjira Barnootaa Aanaa Fadis Kabajamoo Obbo Mohammed Abdallaa Sanada Barreeyfamaa Mariif Akka Mijatuutti Manaaf Kan Dhiyeessan Yoommuu Ta'u,Maddi Kuufatii Qabxii Barattootaan Walqabatee Mullachaa Jiru Qooda Fudhattoota Sadarkaan Jiru Biratti Akka Mullatu Ibsa Kennaniin Dubbataniiru.

■Qooda FudhattoonniMarii Irratti Hirmaatan Yaada Kennaniin Caba Barnootaa Mudate Bu'uurarraa Furuuf Barsiisaan Akka Barsiisaati Qooda Olaanaa Qaba Waan Ta'eef Qixaan Hojjachuu Akka Qabaniif Haala Mijeeysuufi Kutaan Hawaasaa Sadarkaan Jiru Tumsa Oluu Akka Qaban Kallattii Kenname Hojiirra Olchuun Keeysaa Nibaana Jedhan.

Lubbuun Takkalleen Sababa Kiyyaafi Keetiin Bahuu Hinqabdu!☆☆☆☆    22,2016■Godina Harargee Bahaa Aanaa Fadisitti Balaan N...
02/12/2023

Lubbuun Takkalleen Sababa Kiyyaafi Keetiin Bahuu Hinqabdu!
☆☆☆☆
22,2016
■Godina Harargee Bahaa Aanaa Fadisitti Balaan Nageenya Tiraafikaatiin Qisaasamni Lubbuufi Qabeenyaa Akka Hin Mudanneef Waajjirrii Geejjibaa Aanaa Fadis Hubannoo Nageenya Tiraafikaa Idileen Kennamuun Madditti Mallattoolee Nageenya Tiraafikaa Qopheeysuun Kallattiilee Daandii Aanichaa Irratti Bakka Balaan Tiraafikaa Mudachuu Mala Jedhamee Yaadamutti Akka Ifa Tahuttiifi Bakka Ifa Tahetti Dhaabuun Balaa Dhufuu Malu Hambisuuf Hojjachaa Jiraachuufi Hawaasniis Dirqama Isaa Bahachuu Akka Qabu Itti Gaafatamaan Waajjira Geejjibaa Aanaa Fadis Kabajamoo Obbo Cheruu Qananiisaa Dubbataniiru.

Calalliin Kilaba Taphattoota Kubbaa Miilaa,Aanicha Bakka Bu'uun Akka Godinaatti Dorgoman Gaggeeffame.☆☆☆☆    22,2016■God...
02/12/2023

Calalliin Kilaba Taphattoota Kubbaa Miilaa,Aanicha Bakka Bu'uun Akka Godinaatti Dorgoman Gaggeeffame.
☆☆☆☆
22,2016
■Godina Harargee Bahaa Aanaa Fadisitti Guyyaa Kabaja Ayyaana Sabaafi Sablammootaa Akka Biyyatti Marsaa 18ffaaf Kabajamu Sababeeffachuun Tapha Michoomaa Kubbaa Miilaa Kilaba Burqaa Fadisii fi Sadeen Fadis Jidduutti Gaggeeffameen bakka hoggansi Olaanoo Aanichaa Itti Gaafatamaa Waajjira Dargaggoofi ispoortii Aanaa Kabajamoo Obbo najjaash Abraahim jiranitti Karaa Miira Obbolummaa,Jaalalaafi Walqixxummaa Waloo Ibsuun Kabajamaa Oleera.

■Carraa Kanaan Calalliin Taphattoota Kubbaa Miilaa Kilaba Qorannoo Qonna Fadis Bakka Bu'uun Akka Godinaatti Dorgomu,Filachuuf Koreen Daawwii Taasiseen Taphattoota Boru Maqaa Aanichaa fi Ummataa Yaamsisuu Danda'an Tapha Michoomaa Kilaboota Lameen Jidduutti Gaggeeffameen Calallii Taphattootaa Milkaa'inaan Gaggeeffamaa Turuu Itti Gaafatamaan Waajjira Dargaggoofi Ispoortii Aanichaa kabajamoo Obbo Najjaash Abraahim Dubbataniiru.

02/12/2023

Tapha Filannoo Taphattoota Ispoorteeysitoota Kilaba Burqaa Fadis Ijaaruuf Tapha Gaggeeffame.

01/12/2023

Beeksisa !
Dorgommiin calallii Qaadhimamtoota barsiisotaa koollejjiin ciroo akka Godina Harargee Bahaatti wirtuu 2 irratti Dorgomsiisee fudhachuu barbaada:

Wajjiira barnoota godina harargee bahaa magaalaa Harar keessaa.
■ _2ffaan
Dadar irratti beeksisaa baasee waan dorgomsisaa waan jiruuf hojii barbaaddonni warri ulaagaa guuttan iddoo sinitti dhiyyaatutti akka galmooftan Waamicha isiniif taasisna.

"Madda Kufaatii Adda Baasuun Faayidaa Ummataa Mirkaneeysuufi Dhugoomsaa Deemuutu Nurra Jiraata" Jedhame.☆☆☆☆☆    21,2016...
01/12/2023

"Madda Kufaatii Adda Baasuun Faayidaa Ummataa Mirkaneeysuufi Dhugoomsaa Deemuutu Nurra Jiraata" Jedhame.
☆☆☆☆☆
21,2016
■Godina Harargee Bahaa Aanaa Fadisitti Gamaaggamni Raawwii Hojii Hanga Amma Abbootii Adeemsaafi Kutaa Karooraa Seektaraalee Mootummaa Hirmaachise Bakka Hoggansi Olaanoo Aanichaa I/A Bulchaa Aanaa Fadis Kabajamoo Obbo Iliyaas Mohammediifi Itti Gaafatamaa Waajjira Bulchiinsaa Aanaa Fadis Kabajamoo Obbo Zalaalam Kabbadaa Jiranitti Gaggeeffamaa Jira.

■Gamaaggama Kanaan Hanqinaafi Cimina Raawwii Hojii Keeysatti Mullate Ilaaluun Kallattiin Hojii Fuuladuraa Nikennama Jedhamee Eeggama.

30/11/2023

Guyyaa Ayyaana Sabaafi Sablammootaa sababeeffachuun Aanaa Fadisitti Marii Paanaalii Hojjattoota Mootummaatiin Kabajamaa Oleera.

"Dhaloota Abdi Hegeree Boruu Gaaddisa Biyyaaf tahan Gahoomsinee Oomishuuf Mana Barnoota  Bu'ura Biruu Cimsuun Murteessaa...
30/11/2023

"Dhaloota Abdi Hegeree Boruu Gaaddisa Biyyaaf tahan Gahoomsinee Oomishuuf Mana Barnoota Bu'ura Biruu Cimsuun Murteessaadha"
☆☆☆☆

■Godina Harargee Bahaatti Gumiin Tiraanisfoormeeshinii Barnootaa Qooda fudhattoota Sadarkaa Aanootaaf Magaaloota Godinichaa Hirmaachise Magaalaa Hararitti Bakka Hoggansi Olaanoo Godinichaa Bulchaa Bulchiinsa Godina Harargee Harargee Bahaa Kabajamoo Aadde Miskii Mohammediifi Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Godina Harargee Bahaa Kabajamoo Obbo Abdii Aliyyii Jiranitti taa'amaa jira.

"Imala Jalqabame Dhugoomsuuf Gufuuwwaan Raawwii Hojii Keeysatti Mullatan Maqsaa Deemuun Murteeysaadha" ☆☆☆☆☆    20,2016■...
30/11/2023

"Imala Jalqabame Dhugoomsuuf Gufuuwwaan Raawwii Hojii Keeysatti Mullatan Maqsaa Deemuun Murteeysaadha"
☆☆☆☆☆
20,2016
■Godina Harargee Bahaa Aanaa Fadisitti Gamaaggamni Raawwii Hojii Torbaanii fi Kallattiin Hojii Kurmaana 2ffaa Qooda Fudhattoota Hoggansa Aanaafi Bakka Bu'oota Waajjiraa Hirmaachise Bakka Hoggansi Olaanoo Aanichaa I/A Bulchaa Aanaa Fadis Jiranitti Gaggeeffamaa jira.

■Gamaaggama Kanaan Raawwiin Hojii Waliigalaa Nigamaaggamama,Nixinxalamaa Hanqinaafi Cimina Raawwii Hojii Keeysatti Mullate Ilaaluun Kallattiin Hojii Fuula duraa Nikennama Jedhamee Eeggama.

29/11/2023



Gamaaggamni Raawwii Hojii Waliigalaa Gaggeeffamaa Ture Xumurame.☆☆☆☆    19,2016■Godina Harargee Bahaa Aanaa Fadisitti Ga...
29/11/2023

Gamaaggamni Raawwii Hojii Waliigalaa Gaggeeffamaa Ture Xumurame.
☆☆☆☆
19,2016
■Godina Harargee Bahaa Aanaa Fadisitti Gamaaggamni Raawwii Hojii Waliigalaa Bulchoota Araddaafi Manajaaroota Araddaa Zoonii U/kulleefi B/Arbaa Hirmaachise Bakka Hoggansi Olaanoo Aanichaa Bulchaa Bulchiinsa Aanaa Fadis Kabajamoo Aadde Soozit Mohammed Jiranitti Gaggeeffamaa Ture Hanqinaafi Cimina Raawwii Hojii Keeysatti Mullate Ilaaluun Kallattii Hojii Fuuladuraa Kennuun Milkaa'inaan Goolabameera.

Ayyaanni Sabaafi Sablammootaa Marii Paanaaliin Dhaadannoo "Heddumminniifi Walqixxummaan Tokkummaa Biyyooleessaaf"Jedhuun...
29/11/2023

Ayyaanni Sabaafi Sablammootaa Marii Paanaaliin Dhaadannoo "Heddumminniifi Walqixxummaan Tokkummaa Biyyooleessaaf"Jedhuun Kabajamaa Oleera.
☆☆☆☆☆
19,2016
■Godina Harargee Bahaa Aanaa Fadisitti Guyyaan Ayyaana Sabaafi Sablammoota Biyyaatti Dhaadannoo "Heddumminniifi Walqixxummaan Tokkummaa Biyyooleessaaf"Jedhuun Marii Paanaaliitiin Hojjattoota Mootummaa Hirmaachise Bakka Hoggansi Olaanoo Aanichaa Bulchaa Bulchiinsa Aanaa Fadis Kabajamoo Aadde Soozit Mohammed,Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Aanaa Fadis Kabajamoo Obbo Gaashaw Zallaqaa Fi Itti Aanaa Bulchaa Aanaa Kabajamoo Obbo Iliyaas Mohammed Jiranitti Gaggeeffamaa Oleera.

■Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Fadis Kabajamoo Aadde Soozit Mohammed Haasaa Taasisaniin Guyyaan Kun Guyyaa Seena Qabeessa Lammiileen Itoophiyaa Jaalalaafi Kabajaan Waliin Ta'uun Garaagarummaa Isaanii Miidhagina Isaanii Ta'uu Beekanii Kan Waliin Kabajani Jedhan.Akkuma Baayyina Keenyaa,Garaagarummaa Sabaa,Amantaa,Qalamaafii Aadaa Keenyaan Qabnun Biyya Takkitti Waliin Qaban Keeysatti Faayamanii Tokko Kan Isaa Kaanii Kabajee Waliin Jiraachuun Kun Kennaadha Jedhan.Kanaaf Jaalalafi Kabajaa Ummanni Itoophiyaa Guyyaa Kanaaf Qabu Olaanaadha Jedhan.Inni Kun Haaluma Baratameen Waldanda'uufi Waliin Jiraachuun Itti Fufuu Danda'uu Qaba Jedhan.

■Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Aanaa Fadis Kabajamoo Obbo Gaashaw Zallaqaa Haasaa Taasisaniin,Paartiin Badhaadhinaa Heddumminaafi Walqixxummaan Tokkummaa Biyyooleessaf Ta'uutti Amana Jedhan.Paartiin Keenya Lammilee Isaa Akkaatuma Garagaarummaa Isaanitiin Walqixa Kan Tajaajiluufi Qooda Biyyattii Keeysattiis Walqixa Kan Hiriirsu Fi Fayyadamaa Taasisuudha Jedhan.Imala Jalqabamee Kan Dhugoomsinuun Tokko Tokko Firraa Dhiibee Osoo Hintaane,Walhaammachuufi Tokkoomuun Akkasumaas Waljala Hiriiruun Injifannee Badhaadhina Waloo Kan Dhugoomsinu Jedhan.

■Carraa Guyyaa Kabaja Ayyaana Sabaafi Sablammootaa Kana Sababeeffachuun I/A Bulchaa Kabajamoo Obbo Iliyaas Mohammed Waliin Walbarnoonni Taasifameera.

■Sanadni Barreeffamaa Walduraa Duubaan Itti Gaafatamaa Waajjira Abbaa Alangaa Kabajamoo Obbo Fu'ad Sabuuree fi Itti Gaafatamaa Waajjira Dhim/Komunikeeshinii Aanaa Fadis Kabajamoo Obbo Mikaa'il Abduramaaniin Ayyaana Sabaafi Sablammootaatiin Walqabatee Seerri Maal Jedha Kan Jedhuufi Hidha Haaroomsa Guddicha Laga Abbayyaatiin Walqabatee Walduraa Duubaan Akka Dhiyaatu Ta'eera.

Address

Bocco

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Bulchiinsa Aanaa Fadis posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Videos

Share


You may also like