Waajjira Qonnaa fi Lafaa Aanaa Ciroo/Chiro Woreda Agriculture & Land Office

Waajjira Qonnaa fi Lafaa Aanaa Ciroo/Chiro Woreda Agriculture & Land Office Guddina dinagdee keenyaa dhugoomsuuf Qonna keenya ni milkeessina.

  deeggarsa Ogeessota Godinaa fi Ogessoota   mootara bishaanii   motora hojjachuu dide suphuun tajaajila akka kennu taas...
28/01/2025

deeggarsa Ogeessota Godinaa fi Ogessoota mootara bishaanii motora hojjachuu dide suphuun tajaajila akka kennu taasifamee jira.🌾🌾🌾🌾

28/01/2025
 🌾🌾🌾🌾🌾🌾🌾🌾🌾🌾 /N Misoomni  Qamadii Jallisii Bonee sadarkaa kana irra gaheeti jira...!!!
14/01/2025


🌾🌾🌾🌾🌾🌾🌾🌾🌾🌾
/N
Misoomni Qamadii Jallisii Bonee sadarkaa kana irra gaheeti jira...!!!

 /5/2017Godina Harargee Lixaa Aanaa Cirootti Hojiin   Gandoota Aanichaa hunda keessatti  akkuma itti fufetti jira.  'uur...
13/01/2025

/5/2017
Godina Harargee Lixaa Aanaa Cirootti Hojiin Gandoota Aanichaa hunda keessatti akkuma itti fufetti jira.


'uura_misooma_hundaatti...!!!

 !Ayyaana Qillee Bara 2017 Sababeeffachuun     /Waajj/Qonnaa_fi_Lafaa_Aanaa_Ciroo Hordoftoota Amantaa Kiristaanaaf Ergaa...
06/01/2025

!
Ayyaana Qillee Bara 2017 Sababeeffachuun /Waajj/Qonnaa_fi_Lafaa_Aanaa_Ciroo Hordoftoota Amantaa Kiristaanaaf Ergaa Baga Geessanii dabarsan
🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲
Muddee,28/2017 /Waajj/Qonnaa_fi_Lafaa_Aanaa_Ciroo hordoftoota amantaa Kiristaanaa fi Hojjattoota Aanichaan Baga Ayyaana Qillee bara 2017 nagaan geessan yeroo jedhan Gammachuu Guddaan kan itti dhaga'ame ta'uu ibsaniiru.

Ayyaanni Qillee ayyaana kabajamaa fi jaallatamaa hordoftoota amantaa kirstaanaa hunda biratti waggaa waggaadhaan sirna ho'aa fi hawwataa ta'een kan kabajamu ta'uus ibsan.

Ayyaana kana wayita kabajnutti gammachuun keenya dachaa akka ta'uuf haaluma duudhaa amantichaatiin waan qabnurraa ollaa keenya bitaafi mirgaa kanneen akka keenyatti yeroof harka isaaniirraa waa hin qabne yaadannee,kan beela'e nyaachisaa kan dheebote obaasaa akka ayyaaneffannuu ergaa koon dabarsa jedhan.

Uummatni Aanaa Ciroo Ayyaana Qillee yeroo kabajnu hojiilee misoomaa aanichaa hojjetamaa jiraniifi nageenya naannoo keenyaa qaama nageenyaa waliin taanee eeggachaa farreen nageenyaa faallaa gammachuu keenyaa fi jijjiiramaa ta'an dura dhaabannee injifannoo dachaan akka galmaa'uufis hojjetamuu akka qabus ergaa isaanii dabarsaniiru.

AYYAANA GAARII
Obbo Abdulwahaab Ahmad
Itti Aanaa Bulchaa fi Itti Gaaf/Waajj/Qonnaa fi Lafaa Aanaa Ciroo
🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲

CIROO!  gandoota baadiyyaa keenya hunda keeysatti gaggeeffamuu jalqabee jira.  Amajjii 1/2017 irraa jalqabee hojiin miso...
05/01/2025

CIROO!

gandoota baadiyyaa keenya hunda keeysatti gaggeeffamuu jalqabee jira.

Amajjii 1/2017 irraa jalqabee hojiin misooma sululaa sirnaan ni jalqabama.

  Sosochii fi Leenjiin Misoomaa Sululaa Guyyoota Sadiif kennamaa ture   goolabamee!!***  22/2017 - Godina Harargee Lixaa...
31/12/2024

Sosochii fi Leenjiin Misoomaa Sululaa Guyyoota Sadiif kennamaa ture goolabamee!!
***
22/2017 - Godina Harargee Lixaa Sosochii fi Leenjiin Misoomaa Sululaa Guyyoota Sadiif kennamaa ture goolabamee jira.

Itti Aanaa Bulchaa fi Itti Gaafatamaa Waajira Qonnaa fi Lafaa Aanaa Ciroo kan ta'an akka ibsanitti, leenjii Ogummaa guyyoota Sadiif kennamaa ture irraa hubannoo guddaa ta'ee akka argatan abdii guddaa qabna jechuun. Bara kana hojii misooma sululaa hojjatamuuf karoorfameen hojii bara darbee caalaa hojjachuun nurraa eeggama jechuun ibsaniiti jiru.

Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Ciroo gama isaanittiin akka ibsanitti, hojii Sulula misoomsuu bara darbee hojjatameen akka Aanaatti ummata keenya qabannee seenaa hojjaneeti jirra jechuun bara kanaas Hojiin Misooma Sululaa misoomsuun dhimma lubbuun jiraachuu fi jiraachuu dhabuu waan ta'eef bara kana yeroo kamuu caalaa xiqqiidhaan hojjachuu qabdu jechuun dhaamanii jiru.

Bara kanaas Gurmaa'insa Caasaa haaraa waliin taanee ummata qindeessinee hojii seenaa qabeessaa ta’ee irra deebiin hojjachuuf of qopheessuun barbaachisaa dha jechuun keessattuu oggeeyyiin Qonnaa hawaasa tokkummaan sochosuun hojjachuu qabdu Jedhanii jiru

Hojii Misooma sululaa misoomsuu bara darbee hojjatameen bishaan maddaa iddoo garagaraatti akka baay'atu taasisaati jira kun immoo bu'aa suluula misoomsuu akka ta'e hubachuun barbaachisa dha.

Gama biraatiin akkuma bara darbeetti badhaasa konkolaataa tokko argamee tureen bara kana immoo badhaasa konkolaataa lamaa fi isaa ol fiduuf hojjachuu qabdu hundaa olitti immoo bu'aa Ummataatiif xiqiidhaa hojjatamuu qaba jedhaniiru.

Gandoota hojii misooma sululaa bara darbee hojjataniin raawwii gaarii qabaniif badhaasni fi beekamtiin kennmeefitti jira.!

 !!!πŸ‘‰πŸ‘‰ Leenjiin_misooma_Sululaa bara 2017 Hojjattootaaf kenname...!!!πŸŒ²πŸŒ²πŸŒ΄πŸŒ΄πŸπŸπŸπŸŒ²πŸŒ²βœ”βœ”Muddee 20/2017 Godina Harargee Lixaa   S...
29/12/2024

!!!
πŸ‘‰πŸ‘‰ Leenjiin_misooma_Sululaa bara 2017 Hojjattootaaf kenname...!!!
πŸŒ²πŸŒ²πŸŒ΄πŸŒ΄πŸπŸπŸπŸŒ²πŸŒ²βœ”βœ”
Muddee 20/2017 Godina Harargee Lixaa Sosochii fi dandeettii raawwachisummaa qooda fudhattootaa ciimsuuf xiyyeeffate kennamuu eegaleera.
Waltajjii kana irratti argamuun barbaachisummaa leenjii irratti haasaa baniinsaa kan taasisaan 'id itti Gaaf/Waajjira Paartii Badhaadhinaa Aanaa Ciroo fi itti Aanaa Bulchaa fi Itti Gaafatamaa waajjira Qonnaa fi Lafaa Aanaa Ciroo yoo ta'an waggoottan darban hojiiwwan xiyyeeffannoo guddaa kennuun hojjetamaniin bu'aawwan gaggaariin argamuu danda'eera. Kanaaniis fayyadamummaan ummataatiis yeroo gara yerootti dabalaa waan dhufeef Aanaan keenya Aanaa muuxannoon hojiilee kunuunsa qabeenya uumamaa irraa fudhatamu ta'uu ibsaniiru. Bara kanaas muuxannoowwan gama kanaan jiran qindeessuun babal'isuudhaan hojii misoma sululaa fi kunuunsa qabeenya uumamaa caalmaatti hojjechuudhaaf sululaa Hojjattoota Misoomaa Hundaa fi Gurmaa'insa Caasaa Gandaa ( itti Aanaa Bulchaa fi Itti Gaafatamtoota waajjira Qonnaa fi Lafaa gandaa ) kanaaf barbaachisaa dha jedhan. Kanaaf hirmaattoonni leenjichaatiis hubannoo leenjiirraa argatan kallattiin hojiitti jijjiiruun bu'aa argameen fayyadamummaa ummata keenyaa milkeessuuf miira xiiqiitiin hojjechuu qabdan jechuun dhaamsa dabarsaniiru.!!!

29/12/2024

Address

Asebe Teferi

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Qonnaa fi Lafaa Aanaa Ciroo/Chiro Woreda Agriculture & Land Office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Videos

Share