Oromiyaa

Oromiyaa Oromia page is an independent, nonpartisan and nonprofit page. Oromia gathers reliable news sources from inside Oromia.
(2)

Oromia is an independent, nonpartisan and nonprofit news company whose mission is to produce original and citizen-driven reporting on Oromia. We're everywhere in Oromia. Follow us on our page for more reliable news sources

30/09/2023

Alaabaa fi Irreecha|Alaabaa keenyaa fi kan jaraa

Ijoolleen keenya Oromiyaa keessatti irreecha irratti hirmaachuuf qophiitti jirtan of-eeggannoo cimsaa. Akkuma beekamu ayyana Masqalaa baranaa kana irratti warri leellistoota sirna Minilik alaabaa lummuxxii(gos-tokkee) kan urji ofirraa hin qabneen faayamanii ayyaanicha irratti hirmaatan Oromiyaa bakkoota garaa garaatti alaabichi irraa funaanamuun isaa miidiyaalee hawaasaa garaagaraa irratti tamsaasamee arginee jirra. Amma immoo Ayyaana irreechaa irrattis waan wal-fakkaataa fakkaatee garuu kan hammeenyummaa guddaa of-keessaa qabu ijoollee Oromoo Alaabaa Oromoo qabatan irratti raawwachuuf akeeka waan qaban fakkaatu.

Egaa anis sodaan qaba. Sodaan kiyyas ijoolleen keenya Alaabaa keenya qabattanii yoo Ayyaana Irreechaa kana irratti argamtan warri PP akka warra leellistoota sirna Minilik isinirraa sassaabanii qofa gadi isin lakkisuu dhiisuu danda’u. Oromootti baayyee garaa jabaatu. Balaa hamaa isinirraan geessisuu danda’u. Kanaaf yoo isiniif danda’ame Alaabaa Abbaa gadaatiin faayamaa deemaa. Wareegama garmalee hin baasinaa. Gaafa Abbaa Biyyaa* taane bilisummaadhaan Alaabaa keenya mirmirsaa deemna. Ammaaf Oromoonni guutuu Addunyaa keessa facaanee jirru nii mirmirsina.

Hubachiisa: Yaadakoo akka hin micciirre. Ani ilaalcha biraa of-keessaa qabaadhee utuu hin taane akka ilma Oromoo tokkootti, ijoollee Oromoo keessaa namni tokkollee sababa kanaatiin hidhamuun, reebamuun, dhiigaa dhangala’uun, akkasumas ajjeefamuun akka hin dhagahamne barbaadeeni. Kanuma!
Irreecha Gaarii!
Gadaa M Gaarii

13/04/2023

Wallootti gochaan Oromoo irratti ta’e jecha ittiin ibsamu hin qabu. Biyya sana keessa uummanni Oromoo namaa wajjin utuu hin taane waraabessa daggalaa isa guyyaa saafaa nama nyaatu waliin jiraachaa jiraachuu isaati.

Inni Wallaggaatti morma ijoollee Oromoo muree akka faachaatti mirmirsee ittiin dhiichisaa ture amma immoo Wallootti sadarkaa gara jabina isaa fooyyesuun qaama saalaa ilma Oromoo muree akka gooftaa Yesuusitti mukatti fannisee irra ijaajjee dhiichisaa magaalaa keessa naannessuun hammeenyummaa Oromoof qaban irra deddeebiin nuuf mirkaneessanii jiru. Jarri kun amma immoo yeroo dhufanii Raayyaa Ittisa Biyyaatti (RIB)makaman Oromiyaa keessa faca’uun maal akka Oromoo gochuuf jiran tilmaamuun nama hin dhibu.

Oromoon maaliif gochaa kana akka salphaatti ilaalaa jiru naaf galaa hin jiru. Yoo jara kana humna ittiin ofirraa ittifnuu fi ittiin of kabachiifnu dhabnellee akkamiin miidiyaalee hawaasaa hundi keenya of harkaa qabnuun balaaleffachuu dadhabne?

Kanaaf Oromoon waa lamaaf of qopheessuu qaba. Yookaan ofirraa qolachuuf of qopheessuu ykn ciisee waan isatti dhufaa jiruu simachuuf qophii ta’uudha.

07/12/2022

Oromiyaan biyya!

01/10/2022

Baga Ayyaana Irreechaa Geessan!
Barii bilisummaa nuuf haa ta’u!

Address

Ambo

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromiyaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Oromiyaa:

Videos

Share



You may also like