Horn Of Africa

Horn Of Africa Committed for true information

 Dhaabbanni   magaalaa   Warshaa oomisha     fi   oomishu dhaabuudhaan bakka garaa garaatti raabsaa jira. Daakuun kun ka...
10/12/2024



Dhaabbanni magaalaa Warshaa oomisha fi oomishu dhaabuudhaan bakka garaa garaatti raabsaa jira. Daakuun kun kan qulqullina olaanaa qabu yommuu tahu warshaalee biroo irraa gatii madaalawaan daldaltoota ykn namoota humna bitachuu qabaniif gurgura. Gatiin akkaataa gabaa guyyaa guyyaan yommuu tahu akkuma walii galteetti hanga bakka barbaaddaniitti isiniif geessuu dandeenya. Namoonni ykn dhaabbileen daakuu kana gatii madaalawaan raabsuu barbaaddan nu qunnamuun bitachuu kan dandeessan tahuu isin beeksisna.


0911353968
0911255471 irratti bilbilaa

 :Namoonni siyaasaa fi paartiileen siyaasaa Oromoo wal falmuu fi wal morkuun dhimma tokkummaa Oromoon tasumallee wal hin...
28/11/2024

:

Namoonni siyaasaa fi paartiileen siyaasaa Oromoo wal falmuu fi wal morkuun dhimma tokkummaa Oromoon tasumallee wal hin qabatu. Namoonni siyaasaa fi paartiileen siyaasaa kan walitti tokkoomuu danda'an sababaa Oromoo ta'aniif osoo hin taane yoo kaayyoo fi adeemsi siyaasaa isaanii kan walfakkaatu tahee qooddannaa aangoo fi dhimmoota biroo irratti walii galaniidha. Namni Oromoo kanaan booda wanti hubachuun nurra jiraatu wal mormii fi wal mormii namoota siyaasaa fi dhaabbilee siyaasaa gidduutti godhamu fi fuuldurattis godhamuu maluun rifachuu fi Oromoon tokkummaa akka dhabeetti ilaalun nurra hin jiraatu. Namoonni siyaasaa fi paartiileen siyaasaa dhimma fedhan irratti akka barbaadanitti wal qeequu fi wal morkuu ni danda'u. Kun adeemsa ijaarsa dimokraasii keessattis barbaachisaadha.

Wanti hubachuun barbaachisu garuu walmorkii godhamu kamuu keessatti jibbaan walirratti duuluun gonkumaayyuu hin barbaachisu. Kan mormamuu fi falmamu yaada nama sanaati malee namummaa nama sanaa tahuu hin qabu. Deeggartoonni fi miseensonni paartiilee fi namoota dhuunfaa Oromoo dhimma mormii fi morkii siyaasan wal jibbuu fiwal jibbuun tasumallee hin barbaachisu. Yeroo kamiiyyuu dantaa saba Oromoo xiyyeeffannoo keessa galchuun dhimma waloo mariif dhiheessuun hin barbaachisu.

Kabajamoo PMNO duraanii obbo   bara hooggansarra ture hidhattoonni    Oromiyaa  weeraruuf Lixa Oromiyaa irraan uummata O...
25/11/2024

Kabajamoo PMNO duraanii obbo bara hooggansarra ture hidhattoonni Oromiyaa weeraruuf Lixa Oromiyaa irraan uummata Oromoo irratti lola bante Abbaa Duulaa Gammadaa hooggansa jala taa'ee humna Oromiyaa qindeessee hidhattoota Gumuuz Oromiyaa weeraruuf dhufte daaressuun daangaa Oromiyaa kabachiisee Oromoo fi Oromiyaatti ulfina h**e.

Kabajamoo obbo Abbaa Duulaa Gammadaa osoo bitaa mirga duulli irratti gaggeeffamuu ciniinnatee arrabsamaa saba Oromoof hojjachuun Oromoo fi Oromiyaa gadi dhaabe. Hayyuu guddaa qabsoo yeroon gaafattuun bakka jirutti saba isaa utube galataa fi ulfina guddaatu siif mala.

 MM Dr. Abiyyii Ahmad aadde   itti aantuu hoggantuu waajjira muummicha ministeeraa gochuun muudaniiru. Aadde Maariyaam k...
01/11/2024



MM Dr. Abiyyii Ahmad aadde
itti aantuu hoggantuu waajjira muummicha ministeeraa gochuun muudaniiru. Aadde Maariyaam kanaan dura teessuu af-yaa'ii mana maree naannoo ta'uun waggootan sadan darbaniif tajaajilaa turte.

Dubartii uffattu jalqabaa yeroo jalqabaaf sadarkaa Waajjira muummeetti muudamteedha.

Cancala Diinagdee   Uummanni Oromoo diinagdee keessaa dhiibamaa ture. Warraaqsa diinagdee gochuun wanti barbaachisuuf Or...
30/10/2024

Cancala Diinagdee



Uummanni Oromoo diinagdee keessaa dhiibamaa ture. Warraaqsa diinagdee gochuun wanti barbaachisuuf Oromoon waggaa 150f roorroo irratti gaggeeffamaa turteen saamamaa, qabeenya isaa irraa buqqifamaa waan tureef diinagdee keessaa dhiibamee bahe. Magaalota biyya tanaa keessaa kan sabni magaalichaa keessa hin jiraanne magaalota Oromiyaati. Magaalota naannolee biroo keessa heddumminaan uummanni jiraachu uummatuma naannoo sanaati. Kana jechuun magaalaa tokko keessa sabni biroo jiraachuu hin qabuuf osoo hin taane magaalli takka uummata kanaan dura isirra jiraachaa ture hammattee guddachuu qabdiidha.

Uummata Oromoo diinagdeen dhiibamee magaalaa keessaa bahe kana magaalomsuun kan dandahamu Oromoon akka sabaatti ijaarramee diinagdee isaa yoo cimsate qofaadha. Oromoon ijaarramee akka sabaatti diinagdee isaa hin jabeeffatu taanan hammuma magaalonni babaldhachaa deemaniin Oromoo magaalaa keessaa fagaachaa deema. Kanaafuu yeroon ijaarramee diinagdeen cimuuf warraaqsa diinagdee cimaa gochuun isarra jiru ammuma. Akka sabaatti diinagdee irratti dammaqiinsa fi xiyyeeffannoo guddaa kennuutu nu barbaachisa.

Kitaabni Cancala Diinagdeetis xiyyeeffannoo diinagdee cimsuu irratti kan fuulleffateedha.

Duulli hammana gahu maalif?Habtaamu Lamuu haalli Andualem Gosa  itti ibse sirrii miti. Ani maaltuu akka ta'ee fi dogoggo...
03/10/2024

Duulli hammana gahu maalif?

Habtaamu Lamuu haalli Andualem Gosa itti ibse sirrii miti. Ani maaltuu akka ta'ee fi dogoggora maaltuu akka uumame wanti beeku hin jiru. Garuu haalli Habtaamuu Lamuu weellisaa jaallatamaa kana gadi xiqqeessee miidiyaa gubbatte ibse guutumatti waan sirrii hin taanedha. Yoo dogoggorri jiraate, akkuma gaafa biroo hiriyaa jedhanii waliin deemanitti rakkoo bitaa mirga jiru ilaalanii bakka dhugaan jirtu hubatanii furuutu gaarii ture. Sirboonni weellisaa Andualem Gosaa hundi akka kan isaa hin taanetti yommuu ibsu wal cabsuu taati. Andualem Gosaa artistii cimaa Oromoon bara kana keessa qabduudha.

Dhugaa gama lachuu hubatee, ilaalun osoo irra jiraatuu yaada warra Andualem komatuu qofa fudhatee isaayyuu miidiyaa irratti haala hamilee nama cabsuun Andualem ibsuun isaa dogoggora guddaadha jedheen fudha. Namni miidiyaa dhugaa gama hunda jiru adda baafatee, achiin booda miidiyaatti waan hin baane fi namni irraa hin baranne dhiisee waan miidiyaatti bahuun irra jiraatu gadi baasa.

Wal cabsuutti jarjaruurra wal gorfachuu fi rakkoo mariin furuu aadeffachuu qabna.

 Oromoon saba guddaa hidda sanyii   yommuu tahu waggoota kumaatamaaf amantaale fi sirnoonni Itoophiyaa sirna gabbataa Or...
30/09/2024



Oromoon saba guddaa hidda sanyii yommuu tahu waggoota kumaatamaaf amantaale fi sirnoonni Itoophiyaa sirna gabbataa Oromoon qbu balleessuu irratti hojjachaa turan. Sirna guddaa Oromoo keessaa sirni buna qalaa isa tokkoodha

Sabni guddichi Oromoo sirna buna qalaa kan addunyaan biraa hin qabne uummata qabuudha. Sirna Oromoo guddaa kana hojii sheexanaa/seexanaa/ jedhanii itti duulaa turan. Duulli kun immoo amantaale fi sirnoota irraa itti roobaa ture. Waan Oromoon qabu hunda balleessanii uummata of wallaale uumuudhaaf dhiibbaa godhamaa tureedha. Sirna Oromoon warruma seexana jedhuunitu seexana malee sirni buna qalaa Oromoo sirna duudhaa Oromoo ganamaati. Waan keenya gannee akka kan ormaa fudhannu, amantaalen dhiibbaa guddaa nurratti gochaa turan. Amma garuu dhaloonni waan ofii iyyaafatee itti deebi'aa jira. Dhaloota of ta'e.

Oromoon Finfinnee keessaa wanti qabu daandii guyyaa jala bultii irreechaa simmintorra ciisee qorra dhugaa bulu tana yoo ...
29/09/2024

Oromoon Finfinnee keessaa wanti qabu daandii guyyaa jala bultii irreechaa simmintorra ciisee qorra dhugaa bulu tana yoo taate malee homaa hin qabu. Dargaggessi Oromoo aarsaa kaffalee jijjiirama fide ni irraanfatame. Finfinneen tan Oromooti kan jedhu jechama kijibaati.

Dargaggeessi Oromoo fageenya irraa deemee Finfinnee asfaaltii irratti qorraan waaddamee irreecha miidhagsa. Warri maallaqni biliyoonan ramadamee hoteelaa dhiichisaa bulu irreechayyuu quba hin qabu. Simboon irreechaa ijoollee aarsaa kaffalanii qorra dhuganii sirna isaanii miidhagsan kanneeni.

Finfinneen ammallee akkuma Oromoon wal dhabdetti jirti. Osoo godoo keessaa hin qabaanne magaalaa kooti jechuun qabaniidha. Finfinneen kan isa keessaa jiraatu fi keessaa qabeenya qabuuti.

"....Hooggantoonni hedduun 1% hojjattanii 99% gabaasitan. Akkasiin rakkinna uummataa dhoksitan....." MM Dr. Abiy Ahmed A...
28/09/2024

"....Hooggantoonni hedduun 1% hojjattanii 99% gabaasitan. Akkasiin rakkinna uummataa dhoksitan....."
MM Dr. Abiy Ahmed Ali
Rakkoo guddaan mootummaa fi uummata addaan fageessee waan MM Dr. Abiyyi gubbaa uummataaf hojjachuuf yaadu akka uummata bira hin geenye, waan uummanni barbaadu akka Dr. Abiy bira hin geenye kan gufuu tahuun Gandarraa hanga gubbaatti gabaasa sobaa qindeessee rakkoo uummataa awwaalu hooggansa mootummaati.

Guyyaan gabaasni sobaa fi hooggansi sobaan qulqullaa'u fagoo hin ta'u.

Qaama Dhimmi Ilaallatu hundaaf========   godhaa ==========Waggaa waggaan iddoon irreecha Hora Finfinnee   waanuma tokko ...
27/09/2024

Qaama Dhimmi Ilaallatu hundaaf
======== godhaa ==========
Waggaa waggaan iddoon irreecha Hora Finfinnee waanuma tokko osoo hin jijjiiramne waggaan gahee ayyaanni guddichi Oromoon hundi itti wal gahu kabajama. Iddoon ayyaana irreechaa kun akkaataa Oromoo madaalun hojjatamuu hin dandeenye. Kunis xiyyeeffannoo dhabuu irraa madda.

Waggaa waggaan mootummaan maqaa kabaja irreechatiin baajata biliyoonan dhangalaasa. Baajanni kun garuu iddoma irreechaa kanallee miidhagsuu fi misoomsuu hin dandeenye. Ammatti iddoo irreechaa ayyaana baranaa kanaaf saffisaan sirreessuun wantoonni barbaachisan
1. Dallaan seensaa iddoo irreechaa akka wal dhidhiibbaan hin uumamne bal'achuu
2. Daandiin seensarraa gara iddoo irreechatti geessu bal'achuu fi akka akka yommuu roobe hin mucucaanne lafti biyyee tahe sun akka hojjatamu gochuu
3. Erga balbala seenanii booda biqiltoonni mataan irraa cicciramee irreecha darbe irratti nama sakaalanii kuffisaa turan gidduu gidduutti kaafamuun akka dhidhiibbaa fi sakaalamee namni hin kufne mijeessuu
4. Bakka bishaan itti kuufamee itti irreeffatamu kanaan dura nama rakkisaa waan tureef guyyoota muraasa hafan keessatti sirreessuu.
5. Iddoo gara gubbaa bahiinsaf uummanni itti fayyadamu mijataa godhuu irratti hojjachuu

Ammaaf qabxiilee xiyyeeffannoo yeroo gabaabaa kanuma kaasna. Maxxansa itti aanun immoo waan fooyya'uu qabu hunda kaasaa deemna.

Duula maqa balleessii   irratti gaggeeffame kitaabni Haaromsaa fi Muummichaa akkaasiin ibsa.... Muummicha irratti duula ...
20/09/2024

Duula maqa balleessii irratti gaggeeffame kitaabni Haaromsaa fi Muummichaa akkaasiin ibsa....

Muummicha irratti duula gosa 2tu gaggeeffamaa ture.
1. Duula Oromummaa Muummicha irraa mulquu
Akkuma MM Dr. Abiyyi hojiilee gurguddoo sadarkaa biyyaatti hojjachuu eegaleen duula Oromummaa irraa mulquutu muummicharratti baname. Dr. Abiyyi erga gara aangootti dhufeen booda qormaata ture keessaa tokko duula dharaa fi shiraa eenyummaa Oromummaa irraa mulquuf gaggeeffamaa tureedha. Dr. Abiyyi Oromuummaa isaa ifatti sodaa tokko malee dirree addunyaatti dubbatee hooggana ibsateedha. Duulli Dr. Abiyyi Oromoo miti jedhu duula shiraa kan bu'aa siyaasaaf jedhamee dalagameedha. Duulli kun adeemsa duudhaa sirna Gadaa Oromootinis wal faallessuudha......

2ffaa. Duula Oromummaa jibbuu
Duulli lammaffaan duula Oromummaa jibbuun irratti banameedha. Muummee ministeeraa Dr. Abiyyi irratti duulli Oromummaa jibbuu guddaan gaggeeffameera. Duulli Oromummaa jibbuu finxaaleyyiAmaaraa kan jibba Oromoo qaban kan sababa tokko malee Oromoo jibban irraati. Biyya seenaa waggaa 3000 qabdu diigee Itoophiyaa Oromoon bakka buusaa jira. Dr. Abiyyi farra Itoophiyaati. Dantaa Itoophiyaa gurguraa jira. Biyya keenya ganee jira. Itoophiyaa kan bulchuu qabu nuhi. Itoophiyaa baraaruu qabna..... duulli jedhu kallattii gartuu Itoophiyummaa leellisna jedhaniin maqaa Itoophiyaan daldala siyaasaa faaydaa daldalaniin irratti gaggeeffamaa ture. .....

Kitaaba Haaromsaa fi Muummichaa keessaa gabaabinaan kan fudhatameedha.

Barreessaa: Ibsaa Nagawoo

Waa'ee   fi   Kitaabni Haaromsaa fi Muummichaa maal jedha?" Oromia Media Network- OMN qabsoon qeerroo qindoomina guddaan...
17/09/2024

Waa'ee fi Kitaabni Haaromsaa fi Muummichaa maal jedha?

" Oromia Media Network- OMN qabsoon qeerroo qindoomina guddaan akka gaggeeffamu gumaacha olaanaa godhaa ture. Rogeeyyonni Oromoo biyya keessaa fi alaa qabsicha karaa miidiyaa hawaasummaan utubuun gumaacha guddaa godhan. Keessattuu xiinxalaa siyaasaa fi aktiivistii beekkamaan Oromoo Jawaar Muhaammad karaa facebook fi karaa miidiyaa OMNtin qabsoo qeerroo qindeessudhaan gumaacha yoomuu hin irraanfatamne gumaacheera. Jawaar Muhaammad diyaasporaa Oromoo sababaa qabsoon Oromoo dheerachuun abdii kutee bakka bakkatti wal qoqqoodee addaan fagaate mataa walitti qabuun tokkummaa diyaasporaa Oromoo cimsuun, Oromoonni biyya alaa jiraatan tokkummaan qabsoo qeerroo Oromoo biyya keessatti gaggeeffamaa jiru roga hundaan akka tumsan qindeessudhaan hojii seenan hin irraanfanne hojjateera...."

Bal'ina isaa kitaabicha keessaa argattu.

Kitaaba dhugaa jiru lafa kaa'u

 .Kitaabni guddaan "Haaromsaa fi Muummicha" jedhu qabsaa'aa gameessa jaal Ibsaa Nagawoo tiin barraa'e xumuramuun Onkoloo...
16/09/2024

.

Kitaabni guddaan "Haaromsaa fi Muummicha" jedhu qabsaa'aa gameessa jaal Ibsaa Nagawoo tiin barraa'e xumuramuun Onkoloolessa 03/2017 handhuura Oromiyaa magaalaa Finfinnee Godaambaa Yaadannoo Injifannoo Adawaatti haala adda ta'een ni eebbifama.

Kitaabni qabiyyee fi qabeen guddaa ta'e ijaarsa dhalootaa fi ijaarsa biyyaa keessatti gumaanni inni qabu baay'ee olaanaadha. Akkuma galaanaa kitaaba waan hunda of keessatti hammate, rakkoo akka sabaatti, akka biyyaatti jiru kan lafa kaa'u fi kallattii furmaataa akeeku, kitaaba jijjiirama olaanaa roga hundaan argamsiisuudhaan dhalootaf bu'uura cimaa lafa kaa'udha.

Kitaabni kun Afaan Oromoo fi Afaan Amaaraatiin barraa'ee eebbaf kan qophaa'e yommuu ta'u, Afaanota biyya keenyaa garaa garaattis ni hiikamuun akka raabsamu beekkameera.

15/09/2024



Ergaa cimtuu obbo  " Nuti waggaa 50 dura Oromoo bilisoomsina jennee manaa baane. Yeroo sana ani  Oromoodha kan ofiin jed...
14/09/2024

Ergaa cimtuu obbo

" Nuti waggaa 50 dura Oromoo bilisoomsina jennee manaa baane. Yeroo sana ani Oromoodha kan ofiin jedhu hin turre. Kuun islaama, kuun qottuu, kuun kiristaana ofiin jedhee of waama. Yoo ati Oromoodha jetteen sin dhiisu.... Nuti Oromoo bilisoomsina jennee manaa baanee Oromummaa jiraachifne. Oromummaan akka badu irratti hojjatanii turan. Bara 2015 yeroo Fincilli Qeerroo cimee Oromoon bakka jiruu waliif birmatu Oromummaan sadarkaa olaanatti mirkanaa'e. Amma Oromummaan bakka of duuba hin deebisne gaheera...."

Warri aarsaa qaalidhaan Oromummaa baraartan galatoomaa. Dhaloonni har'aa immoo Oromoo hiyyummaa jalaa baraaruu qabna...

  godhaaMagaalaa   fi magaalota Oromiyaa hunda keessaa kan mana nyaataa xiqqaa irraa hanga hoteela gurguddaatti guutee n...
12/09/2024

godhaa

Magaalaa fi magaalota Oromiyaa hunda keessaa kan mana nyaataa xiqqaa irraa hanga hoteela gurguddaatti guutee nyaatu, sirbee dhiichisu Oromoodha. Wanti nama dhibu garuu Oromoon mana nyaataa xixiqqaa irraa hanga Hoteelota gurguddaatti hin qabu. Amma kan nurraa eeggamu kaaffee, hoteelotaa fi manneen nyaataa garaa garaa irra deemnee mana alagaatti waan hojjanne achitti dhangalaasuu osoo hin taane, waan hojjanne qusannee, kopha kophaa yoo dadhabne bakka jirruu walitti dhufnee waan qabnu walitti finnee kaaffee, manneen bunaa bebbeekamoo fi hoteelota xixiqqaa hanga gurguddaatti ijaarachuutti haa ceenuu. Mee saba fi irraa haa barannuu. Akka keenyaa nyaatanii dhuganii sirbanii addaan hin galan. Yoo walitti dhufanis dhimma hojii isaanii waliin mari'atu. Ayyaana Arafaa fi Masqalaa akka koonfaransii itti wal arganii dhimma hojii isaanii itti mari'atanii karoora waggaa baafachuutti itti fayyadamu.

Hoteela alagaatii nyaannee dhuugnee waan hojjanne achitti dhangaalaasuu keessaa baanee gara waan hojjanne qusannee, ijaaramnee, gamtoomnee waan dhuunfaan hin dandeenye gamtaan milkeessuutti haa ceenuu. Biyya ofii irratti abbaa tahuun kan danda'amu humna diinagdee cimaa ijaarrachuun qofa.

Dhaamsa bara 2017

Firaol Ahmed Kasim

11/09/2024




Maal kun abboo

Hattuu dubartii fakkaateMiidiyaa hawaasaa kanarratti namoonni hedduun dubartiin poolisiim reebamte jechuun dheekkamsa is...
11/09/2024

Hattuu dubartii fakkaate

Miidiyaa hawaasaa kanarratti namoonni hedduun dubartiin poolisiim reebamte jechuun dheekkamsa isaanii bifa garaa garaan dhageessisaa turan.

Kan reebame dubartii osoo hin taane dargaggeessa uffata qaama hunda dhoksu kan dubartii muslimaa isa fakkeessu jalbaaba uffatee hojii hannaa irratti bobba'uun osoo hatuu qabame tahuun barameera.

Bara kana dhugaa fi soba osoo addaan hin baafatin xiqqaa guddaan ajandaa kijibaa facaacun kun waan qaanessaadha. Bara teeknoolojii keessa kijibaa fi dhugaa adda baafachuun dirqama.

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Horn Of Africa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Videos

Share