Spider

Spider Sacrifice

SubhaanallaahDheerinni nabi Aadam (AS) hanga kana ture. Dhundhuma 60 ykn naannoo meetira 37 turan jechuudha.Kan suuraa a...
22/12/2022

Subhaanallaah
Dheerinni nabi Aadam (AS) hanga kana ture. Dhundhuma 60 ykn naannoo meetira 37 turan jechuudha.

Kan suuraa armaan gadii irratti mula'atu kun qixa dhaabbii isaaniitiin agarsiisaaf kan qophaa’eedha.

Facebook
https://www.facebook.com/spidermediaa
Telegram channel
https://t.me/spidermediaa
> Spider

Warra Shaashamannee maraaf: Inshallah harra galgala salaata magribaa booda magaalaa SHAASHAMANNEE masjida HAMZAATTI saga...
17/12/2022

Warra Shaashamannee maraaf: Inshallah harra galgala salaata magribaa booda magaalaa SHAASHAMANNEE masjida HAMZAATTI sagantaa daw'aa irratti wal argina.
✳✳✳✳✳✳✳✳✳✳✳✳✳✳✳✳
ለሻሸመኔ ጀመዓዎች በሙሉ: ዛሬ ማታ ከመግሪብ ሰላት በኋላ አላህ ካለ በሻሸመኔ ከተማ በሀምዛ መስጂድ በሚኖረን የዳዕዋ ዝግጅት ላይ እንገናኛለን።

Ustaazicha irraa
Facebook
https://www.facebook.com/spidermediaa
Telegram channel
https://t.me/spidermediaa
> Spider

Dargaggeessi ganna 20 fi lammii Iiraan ta'e Ismaa'il Gadarzaadeh nama gabaabaa adduunyaa kanaa ta'eSpider: Muddee 7/2015...
16/12/2022

Dargaggeessi ganna 20 fi lammii Iiraan ta'e Ismaa'il Gadarzaadeh nama gabaabaa adduunyaa kanaa ta'e

Spider: Muddee 7/2015

Lammiin Iiran Ismaa'il umriin isaa 20 yoo ta'u dheerinni isaa cm 65.24 ta'uun erga mirkanaa'ee booda Guinness World Records irratti galmaa’uu danda'eera.

Ismaa'il iinchii 2.7'n nama lammii Kolombiyaa ta'e Edward Nino gadi ta'uu isaatiinii rikardicha cabsuu kan danda'e.

Maatiin Ismaa'el yoo dubbatan ilmi isaanii yemmuu dhalatu kg 1.5 ulfaachuufu amma paawondii 15.3 ga'uu isaa himani.

''Sababa dhaabbii kootiitiin hojii argachuun rakkisaa natti ta'ullee beekamtiin koo haaraan kun maatii kiyya deeggaruuf akka nagargaaru nan abdadha'' jedhe Ismaa'il.

Itti dabaluunis ''Namni dheeraan adduunyaa irra jiraatu eenyu akka ta'e nan beeka, ganaa harka isaa irra taa'uu nan danda'a'' jechuun dubbachuu isaa UPI gabaaseera.

Facebook
https://www.facebook.com/spidermediaa
Telegram channel
https://t.me/spidermediaa
> Spider

Muslimoota magaalaa Aggaaroo fi naannoo isheetiif✳✳✳✳✳✳✳✳✳✳✳ ✳✳✳✳Yoo Rabbin jedhe guyyaa  harra salaata asriin booda mag...
13/12/2022

Muslimoota magaalaa Aggaaroo fi naannoo isheetiif
✳✳✳✳✳✳✳✳✳✳✳ ✳✳✳✳
Yoo Rabbin jedhe guyyaa harra salaata asriin booda magaalaa aggaarootti masjidaa bunno barritti (Hilaallitti) sagantaa da'waa jirutti wal argina.
🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹
ለአጋሮ ከተማና አከባቢው ሙስሊሞች
ዛሬ በአስር ሰላት በኋላ በአጋሮ ከተማ ቡኖ በር (ሂላል) መስጂድ በሚኖረን የዳዕዋ ዝግጅት ላይ እንገናኛለን።

Ustaazicha irraa
Facebook
https://www.facebook.com/spidermediaa
Telegram channel
https://t.me/spidermediaa

> Spider

Baankin Hijraa badhaasa Best Islamic Retail Bank injifateSpider: Muddee 3/2015Erga hojiitti seenee reefuu waggaa tokko k...
12/12/2022

Baankin Hijraa badhaasa Best Islamic Retail Bank injifate

Spider: Muddee 3/2015
Erga hojiitti seenee reefuu waggaa tokko kan guute baankiin guutummaa guutuutti dhala irraa bilisaa baankiin Hijraa bara 2022 kanatti Itiyoophiyaa bakka bu'uun dadhaasa Best Islamic Retail Bank jedhamuu mo'achuu danda'eera.

''Baankiin keenya yeroo hojii itti jalqabe irraa eegalee miiltoowwan jajjaboo kan akka hawaasa hunda hammataa, haqummaa fi sab daneessummaa irratti hundaa'uun tajaajila hunda keessatti kutannoo cimaadhaan hojjachaa jira'' jechuun badhaasa kana goonfachuu isaa baankichi gabaaseera.

Facebook
https://www.facebook.com/spidermediaa
Telegram channel
https://t.me/spidermediaa

> Spider

Alfataawaa Shar'iyyah Fil-Ahkaamil Fiqihiyyah~~~~~~~~~~~~~~~~~~~Abbaan keenya muftii sheek Aadam Tuulaa Rabbiin qubsuma ...
12/12/2022

Alfataawaa Shar'iyyah Fil-Ahkaamil Fiqihiyyah
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
Abbaan keenya muftii sheek Aadam Tuulaa Rabbiin qubsuma isaanii firdawsiin haa godhuutii, umrii isaanii guutuu diiniidhaaf oolchanii gamnummaan jiraataniiru. Rakkoo heddu dandamatanii ilmii barachuun kumaatamootas barsiisaniiru.

Muftiin majlisa isaaniitti sammuu kumaatama qaruu qofatti hin gabaabbanne. Barnootaafi gorsa qaamaaniifi karaalee miidiyaa adda addaatiin kennuun dabalatee kitaabotas barreessannii hawaasaaf oolchaniiru.

Kitaabota isaanii kana keessaa kitaabni ''Alfataawaa Shar'iyyah Fil-Ahkaamil Fiqihiyyah'' jedhu kun ji'a Caamsaa bara 2006 maxxane. Kitaabni kun fataawaa garaa garaa boqonnaalee kudha lamaan (12) qoodee kaa'uun fuula 240'tti barakata (gabaabbata). Rabbiin kitaaba kana nama dubbisee irraa fayyadamu nu haa godhu.

Rabbiin sheek keenya hojii gaarii isaanii irraa qeebalee jannataan nuuf haa qanansiisu. Achitti Rasuula (saw) wajjin walitti nu haa qabu!

Facebook
https://www.facebook.com/spidermediaa
Telegram channel
https://t.me/spidermediaa

> Spider

Bara 2022 kanatti Google irratti jechoonni Itiyoophiyaanotaan barbaadaman ifooman~~~~~~~~~~~~~~~~Bara 2022 xumura argach...
11/12/2022

Bara 2022 kanatti Google irratti jechoonni Itiyoophiyaanotaan barbaadaman ifooman
~~~~~~~~~~~~~~~~
Bara 2022 xumura argachuuf jiru kana keessa Itiyoophiyaa keessatti jechoonni Google irratti heddumminaan barbaadaman (search godhaman) kan ifooman yoo ta'u isaan keessaa jechi 'Itiyoophiyaa' jedhu sadarkaa jalqabaa qabateera. Jechi 'Facebook' jedhu ammoo isatti aanuun sadarkaa lammaffaati jedhe dhabbanni Google.

Jechoonni youtube, music, premier league, translate (hiikkaa jechootaa), telegram, Gmail, Arsenal akkasumas download jedhan ammoo walduraa duubaan tarree galanii ta'aniiru.

Dhaabbanni Google waggaatti jechoota baay’inaan barbaadaman kan ifoomse yoo ta'u sadarkaa adduunyaatti jechi tapha suur-sagalee (video) wordil jedhu baay'inaan barbaadamuun sadarkaa tokkoffaa qabateera.

Facebook
https://www.facebook.com/spidermediaa
Telegram channel
https://t.me/spidermediaa

> Spider

Waggoottan 600'tti siquuf ammallee qabriin mootii Itiyoophiyaa waggoottan 14 oliif bulchee kunuunsa hin arganne~~~~~~~~~...
04/12/2022

Waggoottan 600'tti siquuf ammallee qabriin mootii Itiyoophiyaa waggoottan 14 oliif bulchee kunuunsa hin arganne
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
ALA bara 15 gara jalqabaa irraa kaasee waggoottan kudha afurii oliif biyya har'a Itiyoophiyaa jedhamtu kana biyyoota isaan amma ollaa biyyattii jiran kanneen birmadummaa isaanii labsatan waliin walitti qabee bulchaa kan ture Imaam Ahmad bin Ibraahim Al-Gaazii ture.

Bilchina, hayyummaa, dandeettii lola irratti qabuuniifi beekumsa siyaasaatiin adduunyaan kan beektu Amiirri Sulxaaneetii Adaaliifi khaliifaan Itiyoophiyaa duraanii dargaggeessichi jabaan abbaan Harar Imaamu Ahmad atsoota biyyattii isaan amantaa, afaaniifi saba tokko leellisan waliin yeroo garaa garaatti lola gaggeessuun injifannoon inni argate seenaa biyyattii keessatti abadan yoomuu kan dagatamanuu miti.

Imaamichi Islaama loluuf waraana Awurooppaa (Poortugaal) irraa ergame dhufe injifachuun mataa nama waraanicha hoogganee dhufee Kiristoofar Dagaamaa kutee gateettii irraa fuudheera.

Imaam Ahmad ALA February 21 bara 1543 Hara Xaanaa irraa gar bahaatti kan argamtu bakka Zantaraa Waynaa Dagaa jedhamtutti lola diina irraa isaanitti baname humna xiqqoo isaan bira jiruun gootummaan waraanaa osoo jiranuu Rabbiin (sw) shahiidummaa isaan woffaqee umrii dargaggummaa isaanii waggaa 37 tti gara aakhiraa deeman.

Janaazaan Imaamu Ahmad bakkuma itti sha'h'iide naannawaa Zantaraa daandii Gondar irraa gara Bahaardaar geessu kallattii mirgaatiin km 20 gara keessaa seenee bakka Maaksanyoo Gabayaa jedhamu cinaatti qabarame. Bakki awwaalcha imaamaa hanga har'aatti muslimoota qonnaan bultoota naannoo sanaatiin ala yaadatamee hin beeku. Loon akka irra hin ejjanneef isaantu hanga danda'e waa itti naannessee tiksaa jira.

Mootummaan, komishiiniin turiziimiifi isaan seenaa akkasumas haambaa biyyattiitiif quuqumnaafi hojjanna jedhan hunduu hanga har'aatti jaarraa shaniifi walakkaa ol yookiin waggoottan dhibba shaniifi torbaatamaa (570) oliif bakka seena qabeessa kanaaf xiyyeeffannaa tokkoyyuu kennanii hin beekanu.

Sirni mootummaa biyyattiifi faarsitoonni isaanii kan islaamaafi muslima balaaleffatu Imaamu Ahmadiin mo'amuu isaanii dhoksaa turuu seenaan isaan barreessanii hanga har'aatti of harkaa qaban ragaa ba'a.

Kanas ta'u sana mo'amaniiru, Itiyoophiyaan isiin hanga isii har'aa caalaa guddattuufi bal'attus waggoottan dheeraadhaaf shari'aadhaan bulteetti.

Facebook
https://www.facebook.com/spidermediaa
Telegram channel
https://t.me/spidermediaa

> Spider

Magaalaa Jimmaatti du'aatotaaf leenjiin kennameSpider: Sadaasa 24/2015Har'a Sadaasa 24 Godina Jimmaa magaalaa Jimmaa hot...
03/12/2022

Magaalaa Jimmaatti du'aatotaaf leenjiin kenname

Spider: Sadaasa 24/2015

Har'a Sadaasa 24 Godina Jimmaa magaalaa Jimmaa hoteela Booniitti sochiilee da'awaa irratti daa'iileedhaaf leenjiin kennamaa oole.
Leenjii kana Waldaa Tokkummaa Muslimoota Jimmaafi Naannawaa isiitu daa'iiwwan kana dura sochiilee da'awaa garaa garaa irra turaniifi kanneen gara fuula duraatti garasitti seenuu barbaadaniif kenne. Namoonni baay'eenis leenjicha fudhataniiru.

Facebook
https://www.facebook.com/spidermediaa
Telegram channel
https://t.me/spidermediaa

> Spider

Qaroomina mootummaa Jimmaa Abbaa Jifaar durii wantoota ragaa ba'an keessaa tokko isa kanaa gadii kana. Waggoottan 150 du...
03/12/2022

Qaroomina mootummaa Jimmaa Abbaa Jifaar durii wantoota ragaa ba'an keessaa tokko isa kanaa gadii kana. Waggoottan 150 dura khaliifaan Sulxaaneetii Jimmaa Abbaa Jifaar Mahaammad Bin Daawud (Abbaa Jifaar 2ffaa) masjiidota mooraa masarichaa hektaara 40 bal'atu (booda sirna Dargii keessa gara hektaara 1 fi walakkaatti hir'ifameera) keessa turan keessaa kaan irratti meeshaa bakakkaa ittisu kana biyya Awurooppaa irraa fichisiisuun hiisisanii/qamadchiisanii turan.

Abbaan Jifaar kabajaafi jaalala ulamaa'iif qabanuun amiira baay'ee beekamanuudha. Kunuunsa isaan isaaniif godhan irraa ka'uunis Jimmaan biyya haara galfii ulamaa'ii jedhamtee beekamti. Masjiida, madrasaaleefi diinii islaamaatiif kabaja guddaa qabu. Rabbiin firdawsiin isaan haa qanansiisu.

Facebook
https://www.facebook.com/spidermediaa
Telegram channel
https://t.me/spidermediaa

> Spider

''Sirna mirkaneessa halaala  cimaa fayyaafi misooma diinagdee fooyya'aa ta'eef'' dhaadannoo jedhuun majlisni Oromiyaa ho...
03/12/2022

''Sirna mirkaneessa halaala cimaa fayyaafi misooma diinagdee fooyya'aa ta'eef'' dhaadannoo jedhuun majlisni Oromiyaa hoteela Sharaatan Addisitti simpooziyeemii gaggeesse

Spider: Sadaasa 24/2015

Manni maree dhimmoota Islaamummaa naannoo Oromiyaa waggoottan 25'n darbaniif foon Itiyoophiyaa irraa gara biyyoota alaatti ergamu hordoffii halaalaa irratti gochuuniifi mirkaneessa kennuufiin kan beekamu yoo ta'u akka baha Afriikaatti manni marechaa damee kanaanis isa kophaa mirkaneessa halaalaa raawwatuufi akkasumas muuxannoo guddaas kan qabuudha.

Majlisichi yeroo darbe ogeessota gara biyya Ugaandaa erguun bakkoota qalmaa biyyattii, akkaataa qalmaafi qulqullina isaa erga sakatta'anii booda mirkaneessa halaalaa kenneefii turuun isaa ibsameera.

Foon Ugaandaa irraa gara biyya bara kana waancaa aduunyaa qopheessite Qatar ergame irratti sakkatta'insa gochuun mirkaneessa halaalaa kan kennes mana maree dhimmoota Islaamummaa naannoo Oromiyaati.

Facebook
https://www.facebook.com/spidermediaa
Telegram channel
https://t.me/spidermediaa

> Spider

Maashaa AllaahTaphataan garee biyyaalessaa Sa'uud Arabiyaa Yaasir Al-Shahraanii yeroo darbe dirree taphaa irratti miidha...
02/12/2022

Maashaa Allaah

Taphataan garee biyyaalessaa Sa'uud Arabiyaa Yaasir Al-Shahraanii yeroo darbe dirree taphaa irratti miidhamni irra ga'e Alhamdulillaah yeroo ammaa haalli fayyaa isaa gaariidha jedhamuun hospitaalaa bahee yaala isaa hordofataa jira. Rabbiin fayyaa isaa bareedduu haa deebisuufi.

Facebook
https://www.facebook.com/spidermediaa
Telegram channel
https://t.me/spidermediaa

> Spider

Islaamummaa Argentiinaatti~~~~~~~~~~~~~~~~~~~Walakkeessa jaarraa 15ffaa keessa sanyiin Muurotaa qabata Ameerikaafi Spen ...
29/11/2022

Islaamummaa Argentiinaatti
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
Walakkeessa jaarraa 15ffaa keessa sanyiin Muurotaa qabata Ameerikaafi Spen habuuree dhooqa sana keessa yaa'uu hordofee Islaamummaan gara Arjentina akka seene qaanqeen seenaa akeeku tokko tokko ni jira.

Jaarraa 19ffaa keessa ammoo sanyiin Arabootaa hedduun Sooriyaafi Liibaanos irraa gara dachee Argantina seene. Araboonni kunneen baay'een isaanii warra amantaa Islaamaa hordofanu hin turre. Har'a sanyiin isaan kanaa biyyattii keessa jiran hanga miliyoona 3.5 ta'u jedhamee yaadama.

Ummata biyyattii miliyoona shantamatti siqu keessaa muslimoonni naannawaa %1 tokkoo akka ta'anitti tilmaamamu. Walumaa galatti muslimoonni biyyattii walakkaa miliyoonaatii ol akka ta'antu tilmaamama. Masjiidonni gurguddoon kudhanii ol (10 ol) biyyattii keessatti ni argamu. Ta’ullee magaalaalee gurguddoon ala bakkoota birootti masjiidas ta'ee giddugalaawwan amantii Islaamaa argachuun ulfaataadha. Wanti gaariin jiru yoo jiraate, muslimootas ta'ee hordoftoonni amantaa kamuu bakkai gabbaraafi giddugala barnootaa fedhan ijaarrachuuf haalli mijataa ta’uudha.

Yeroo jalqabaatiif masjiidni bara 1980moota keessa biyyattii keessatti ijaarame. 1983 gargaarsa mootummaa Rippabilikii Islaamaawaa Iraaniin Booras Ayirasitti, akkasumas 1985 masjiidni Al-Ahmad ijaaramniiru. Sana boodas gargaarsa mootummaa Sa'uudiifi mootummaa biyyattiitiinis ijaarameera.

Facebook
https://www.facebook.com/spidermediaa
Telegram channel
https://t.me/spidermediaa

> Spider

Masjiidni abbaa darbii lamaa magaalaa Hirnaatti nama tokkoon ijaarame eebbifame Spider: Onkoloolessa 19/2015Harargee mag...
28/11/2022

Masjiidni abbaa darbii lamaa magaalaa Hirnaatti nama tokkoon ijaarame eebbifame

Spider: Onkoloolessa 19/2015

Harargee magaalaa Hirnaatti baasii nama tokkootiin kan ijaarame masjiidni abbaa darbii lamaa har'a eebbifameera.

Sirna eebba masjiida kanaa irratti mashaa'ikkaniifi hawaasni magaalichaa hedduun argamaniiru.

Facebook
https://www.facebook.com/spidermediaa
Telegram channel
https://t.me/spidermediaa

> Spider

Dhaabbanni Abbaajifaar tuuriifi tiraavilii lammiilee Aanaa Hajjeetti hongeen miidhamaniif deeggarsa qarshii kuma 670 taa...
28/11/2022

Dhaabbanni Abbaajifaar tuuriifi tiraavilii lammiilee Aanaa Hajjeetti hongeen miidhamaniif deeggarsa qarshii kuma 670 taasise

Spider: Sadaasa 19/2015

Dhaabbanni Abbaajifaar tuuriifi tiraavilii lammiilee Aanaa Hajjeetti hongeen miidhamaniif deeggarsa qarshii kuma dhibba jahaafi torbaatama taasiseera.

Dhaabbanna bakka bu'aa daawwannaafi imalaa Abbaa Jifaar kana duras lammiilee sababa balaa uumamaafi namtolcheetiin miidhamaniif yeroo garaa garaatti tumsa gochaa turuun isaa kan yaadatamuudha.

Facebook
https://www.facebook.com/spidermediaa
Telegram channel
https://t.me/spidermediaa

> Spider

Meeshaa kana baachuudhaaf foon luka sangaa tokkoofi hoolaa tokko guutuu nyaattee fixuu qabda~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~Meesh...
28/11/2022

Meeshaa kana baachuudhaaf foon luka sangaa tokkoofi hoolaa tokko guutuu nyaattee fixuu qabda
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
Meeshaan kanaa gaditti suuraa isaa argitan kun shaanxaa mootii Abbaa Jifaar Abbaa Gommoli. Mootiin Abbaa Jifaar yeroo bakka tokko gara bakka birootti deddeeman uffanni isaanii shaanxaa kanatti nammee isaan wajjin deema.

Shaanxaan/borsaan kun guutummaa guutuutti muka irraa kan hojjatame ta'ee haala baadhachuudhaaf toluun soqamee kan qophaa’eedha.

Daraggeessi shaanxaa mootii kana baadhatee isaan waliin deemu gahee hojii kanaatiif gahuu isaatiin dura dorgommiifi qorumsa baay'ee keessa darbuu qaba.

Jalqaba qoroowwan hunda keessaa dargaggeessi jajjabaan filama. Dargaggoonni qoroowwan hunda keessaa filaman kun dorgommiiwwan garaa garaa kanneen akka wal’aansoofi nyaata nyaachuu akka dorgoman godhamu. Namoonni qoroo isaanii bakka bu'anii dorgommii kana injifatan ammas waliin dorgomu. Booda kanneen dorgommicha injifatanii shaampiyoonaa ta'an lama adda ba'u.

Isaan kun dorgommii kana mo'achuun qofti shaanxaa kana baachuudhaaf isaan hin geessisu. Dorgommii xumuraa tokkotu isaan eeggata. Innis foon luka sangaa tokkoofi hoolaa tokkoo guutuu nyaatanii fixuu qabu. Yoo kana godhan qofa dargaggoota ciccimoo ta'uu isaanii mirkaneessu. Gaafas shaanxaa mootii Mahaammad bin Daawud (Abbaa Jifaar 2ffaa) baadhachuuf kaadhimamu jechuudha.

Facebook
https://www.facebook.com/spidermediaa
Telegram channel
https://t.me/spidermediaa

> Spider

Ameerikaa Niwjersitti dhalatte. Achuma magaalaa sanatti kan argamu mana barnoota Islaamaa Nuur keessatti barataa guddatt...
27/11/2022

Ameerikaa Niwjersitti dhalatte. Achuma magaalaa sanatti kan argamu mana barnoota Islaamaa Nuur keessatti barataa guddatte. Maryam daa'imummaa isiitiin Qur’aanaa Rabbii qomatti qabatte. Ammayyuu reef umriin ishee 16 ga'a.

Faaxumaa Masud obboleettii quxisuu Maryami. Akkuma Maryam Faaxumaanis Qur’aanaa haffazteetti.

Maryam Qur'aanaan alatti waltajjiilee Islaamummaa biyyoota adduunyaa garaa garaa keessatti qopha'an irratti hirmaachuun, daa'8mman, yatiimniifi miskiinni akka gargaaraman gochuufi kkf niin addunyaa irratti beekamtiifi jalaala guddaa kan horatte yoo taatu Facebook irraan qofa hordoftoota miliyoona 2fi kuma dhibba jahaa (ol qabdi.

Teessoon isaa Ameerikaa kan ta'e Faawundeeshiiniin Salaam dheengadda sagantaa qopheeffate irratti Maryamiin affeeree ture. Isheenis waa'ee As-Haamaa bin Abjaar (Najaashii), Ummu Ayman, Bilaal fi gahee haba*sh*aan Islaamummaa keessatti qabdu bal'inaan kaastee dubbatte.

Rabbiin Maryamiifi obboleettii isii Faaxumaa tiksee kan akka isaanii nuuf haa daneessu.

Facebook
https://www.facebook.com/spidermediaa
Telegram channel
https://t.me/spidermediaa

> Spider

Magaalli Walisoo Yaa'ii Milkiin geggeeffatte.====================================Yaa'iin waliigalaa majlisa magaalaa Wal...
27/11/2022

Magaalli Walisoo Yaa'ii Milkiin geggeeffatte.
====================================

Yaa'iin waliigalaa majlisa magaalaa Walisoo milkiin raawwatee jira. Majlisa Oromiyaa irraa itti gaafatamaan dhimma gurmaa’inaa fi hawaasummaa Shek Zaakir Abdulkariimii fi Itti gaafatamaa dhimma dargaggootaa Ustaaz Muhammadnuur Boruu argamuun ergaa majlisa Oromiyaa fi karoora tarsiimoo waggaa shanii irratti ibsa bal'aa kennanii jiru.

Dura bu'aan majlisa magaalaa Walisoo Shek Saafii fi dura bu'aan boordii Ustaaz Abdulfattah ergaa baga nagaan dhuftanii dabarsuun adeemsa majlisni keessa darbe ibsanii jiru.

Dhuma irratti gabaasni bara 2014 fi karoorri bara 2015 dhihaatee mirkanaa'ee jira.

Maddi: Majlisa Oromiyaa
Facebook
https://www.facebook.com/spidermediaa
Telegram channel
https://t.me/spidermediaa

> Spider

Sanyii lukkuu ajaa'ibaaIndaanqoon/lukkuun kun sanyii lukkuu jaarraa 17ffaa keessa kibba Jaappaan keessatti argaman keess...
27/11/2022

Sanyii lukkuu ajaa'ibaa

Indaanqoon/lukkuun kun sanyii lukkuu jaarraa 17ffaa keessa kibba Jaappaan keessatti argaman keessaa tokko ture.

ALA bara 1952 irraa eegalee ammoo kan Jaappaan ittiin beekamtuufi akka qabeenya ishee qofaatti kan ilaalamaniidha.

Gosti lukkuu kun maqaa Onogaa jedhamu kan qabu yoo ta'u wantoota lukkuuwwan biroo irraa adda isa godhan keessaa inni guddaan faara eegee hanga meetira 12 ga'u qabachuu isaati.

Facebook
https://www.facebook.com/spidermediaa
Telegram channel
https://t.me/spidermediaa

> Spider

Gumgummii guddaatu fiixee tabbaa irraa halaalaa dhaga'ama. Taakkuu tokko yoo itti siqan tarkaanfii lama as namatti siqa....
27/11/2022

Gumgummii guddaatu fiixee tabbaa irraa halaalaa dhaga'ama. Taakkuu tokko yoo itti siqan tarkaanfii lama as namatti siqa. Miira addaatu tarsaasee onnee namaatti lixa.,,,,,,, mana guddaa, balbala danuu,,, foddaa baay'ee,,,

''Bismillaahirrahmaanirrahiim,,, Sadaqallaahul Aziim, Yaa hayyu al-iinsaan,,, qaala Rasuulillaahi saw,,,,,'' sagalee tasgabbii onnee lallaban kana asiifi achii walkeessa dhageessa.

Balbala kamiinuu seeni wanti ati argitu namoota. Namoota maaddii maaddiitti qoqqoodamanii ta'an. Asitti, achitti, gamatti, gamanatti gurma'anii galaa waraqaa irraa habbuuqu.

Waggoottan 160 dura dhaaltota ambiyootaa ulamaa'ota 40'tu waajira tokko keessa wajjin hojjata. Kitaabni, luhiin, qalamniifi barataan isaanii tokko.

Waa'ee namoota isaan irratti baratanii dhiisiitii meemee namoota barsiisan afurtamman kana yaadi. Har'a markazaafi masjiidota meeqatu ulamaa'ii haqaan diinii barsiisu afurtamnuu hafee tokkoofi lama qaba laata? Ulama'iin hagana ga'an mootummaa biyya tokkoo sanuu masgiida tokko keessatti waliin barsiisuu jechuun siif maali? Ofii masjidni ulamaa’iin afurtamni otuu dabaree hin eeggatin isaan geenyaan keessatti barsiisan kunoo akkam ta'inna?

Har'a bara qaroomne jedhamu kanayyuu ulamaa'ii lama ykn sadii walbiratti arguun ulfaataadha. Garuu akaakayyuun mootii Abbaa Jifaar mootiin Abbaa Booqaa kunoo waggoottan 160 dura isa aniifi ati bara dukkana wahii fakkeessinee yaadannu keessa masjiida akka kanaa kana ijaaraniiru. Sanuu qorqorroofi dhakaa irraa osoo hin ta'in marga haamsisanii. Bu'uurri seenaa mootummaa Jimmaa akkanaan ijaarameem.

Facebook
https://www.facebook.com/spidermediaa
Telegram channel
https://t.me/spidermediaa

> Spider

Qaxar biyya xiqqoo har'a adduunyaa afaan qabachiifte eenyutu ijaare?~~~~~~~~~~~~~~~~~~Sheek Khaliifaa bin Haamad Al-Taan...
24/11/2022

Qaxar biyya xiqqoo har'a adduunyaa afaan qabachiifte eenyutu ijaare?
~~~~~~~~~~~~~~~~~~
Sheek Khaliifaa bin Haamad Al-Taanii bara kaliifummaa (mootummaa) isaaniitti milkiiwwan gurguddoo heddu nama galmeessisaniidha.

Biyyattii sirna nyaaphaa gita bittoota Ingilizootaa jala baasuufi mootummaa biyyattii deebisanii hundeessuufi ijaaruu, heeraa bu'uuraa kan yeroo fooyyessuu, waliigaltee zayita baasuufi gabaaf dhiheessuu baay'ee taasisuu, manneen barnootaa sadarkaa gadii aanoo hanga koolleejjiifi yunivarsitiilee gurguddoo hundeessuutti kan ga'an mootii seenaa biyyattii keessatti gaarummaa, bilchinaafi jabinaan eeramaniidha.

Bara 1932 Al-Rayyaanitti kan dhalatan Khaliifaa bin Haamad Al-Taanii nama uumamaan kennaa hooggansaa qabaniifi kaliifota maatii isaanii irraa muuxannoo jajjaboo horataniidha.

Bara 1949 hoogganaa dhimmoota nageenyaa biyyattii ta'uun bara 1957 ammoo yeroo jalqbaatiif ministeera barnoota biyyattii ta'uun muudaman.

Onkoloolessa 24 1960 itti aanaa kaliifaa ta'an. 1964 hoogganaa jalqabaa baankii biyyaalessaa Qaxar ta'anii 1970 tti ammoo mana maree ministeerotaa yeroo jalqabaatiif tolchaniiru.

September 3 1971 Sheek Khaliifaan Bilisummaa Qaxariifi labsuun waliigaltee Ingiloo_Qatar dabalatee waliigalteewwan kanneen biroo hunda diiguu isaanii ifatti beeksisan.

Ejjannoo kana booda aangoo mootummaafi seektaroota biyyattii hunda jabeessuufi bu'uuressuu irratti fuulleffatan.

Bara 1973 Yunivarsitii Qaxar isa jalqabaafi 1975 muuziyeemii isa jalqabaa hundeessan. Bara 1972 herri bu'uuraa kan yeroo duraan fooyya'ee ture bara 1970 ba'e bakka bu'e. Heerri kun Qaxar ''qaama biyya Arabaati'' jedha.

Achiis anga'oota biyyattii qindeessuu, kaawunsilii gorsaa seera baasuuf dandeessisu hundeessuufi baajata mirkaneessuu akkasumas biiroo oditii naannoolee Hundeessuutti jabaatan.

Waliigaltee boba'aa garaa garaa kubbaaniyyaawwan biyyoota hedduu waliin mallateessuun galiin mootummaa damee zayitaa irraa argamu gama kanaanis akka guddatu godhan.

ALA bara 1991 bakka boba'aan haalaan itti argama jedhamu kaaba Qaxaritti hojii qindaa'inaan oomisha bobo'aatti seenan.

Sheek Khlaiifaa bin Haamad hanga Waxabajjii 26 1995 biyyattiitti khaliifaa ta'uun turanii Onkoloolessa 23 2016 adduunyaa kana irraa gara aakhiraa deemanii janaazaan isaanii naannawaa qabrii Al-Rayyaanitti awwaalame.

Facebook
https://www.facebook.com/spidermediaa
Telegram channel
https://t.me/spidermediaa

> Spider

Alaabaa Filisxeem fi waltajjii adduunyaa ~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~Maaddii guutuun adduunyaa onnee tokkoon irratti hirmaatu...
23/11/2022

Alaabaa Filisxeem fi waltajjii adduunyaa
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
Maaddii guutuun adduunyaa onnee tokkoon irratti hirmaatu keessaa ispoortiin isa tokko. Taphoota kilabootaafi biyyoota jidduutti taphatamanii ol biyyoota adduunyaa kan walitti fidu waancaan adduunyaa qophii guddaa booda kan gaggeeffamuufi maatii ispoortiitiin ala namoota kaaniinuu kan eegamuudha.

Adduunyaan waltajjii tokko irratti yeroo walitti dhufu kanatti wantootni kubbaafi dirree irraa ol ta'anii mul'atan ni jiru. Dhimmoonni siyaasaafi kaanis yeroo mul'atan argina.

Waancaa adduunyaa bara kana qopheessummaa Qatar'n gaggeeffamaa jiru irratti wantoota adduunyaa ija bu'aniifi ijoo dubbii olaanoo ta'an keessaa inni tokko biliqqisa alaabaa biyya Filisxeemi. Namoonni dhuunfaaniifi gareen gurma'an ergaa suuraafi suur-sagalee (viidiyoolee) dabalatee karaalee garaa garaatiin dabarsaa jiraniin Filisxeemotaaf sagalee ta'aa jiru.

Hiraarfamni lammiilee nagaa biyyattii waggoottan dheeraaf hiixatee har'a ga'e xiyyeeffannaa argachuu akka qabu akkasumas cal'isni mootummoota idil-addunyaa hedduu lubbuu lammiilee baay'ee dabarsaa akka jiruufi sirrii akka hin taane hirmaattonni waancaa adduunyaa baranaa ibsachaa jiru.

Facebook
https://www.facebook.com/spidermediaa
Telegram channel
https://t.me/spidermediaa

> Spider

Sa'uud Arabiyaatti guyyaan borii guyyaa gammachuufi boqannaatiSpider: Sadaasa13/2015Khaliifaan Sa'uud Arabiyaa Saalmaan ...
22/11/2022

Sa'uud Arabiyaatti guyyaan borii guyyaa gammachuufi boqannaati

Spider: Sadaasa13/2015
Khaliifaan Sa'uud Arabiyaa Saalmaan bin Abdul-Aziiz tapha waancaa adduunyaa Qataritti gaggeeffamaa jiruun har'a biyyi isaanii Sa'uud Arabiyaan haala ajaa'ibaatiin morkataa ishee Arjantiinaa injifachuu hordofee guyyaan Roobii borii guutuu biyyattiitti guyyaa boqonnaafi gammachuu ibsatan ta'ee akka oolu ajajaniiru.

Haaluma kanaan biyyattiitti bor hojjattoonni waajiraalee mootummaafi miti-mootummaa kan boqatan yoo ta'u manneen barnootaas cufamanii oolu.

Akka gaazexaan Sa'uudii gabaasetti lammiileen biyyatti martiifi kanneen biyyattii keessa jiraatan hundi guyyaa borii gammachuudhaan akka dabarsan heeyyamameefiira.

Sa'uud Arabiyaafi Arjantiinaan waancaa baranaatiin kanneen ramaddii C jalatti hiriiran yoo ta'an tapha har'a waliin taasisaniinis Sa'uudiin galchii 2 fi 1'n Arjantiinaa mo'atteetti.

Facebook
https://www.facebook.com/spidermediaa
Telegram channel
https://t.me/spidermediaa

> Spider

Innaa lillaahi wa'innaa ilayhii raaji'uunImaamniifi khaaxibni masjiida Quubaa duraaniifi masjida Al-Nabawiitti imaamni s...
22/11/2022

Innaa lillaahi wa'innaa ilayhii raaji'uun

Imaamniifi khaaxibni masjiida Quubaa duraaniifi masjida Al-Nabawiitti imaamni salaata tarahwii Sheek Muhaammad Abid Al-Sindii gara aakhiraa deeman.

Rabbi jannatal firdawsiin isaan haa simatu.

Facebook
https://www.facebook.com/spidermediaa
Telegram channel
https://t.me/spidermediaa

> Spider

Saud Arabia 2 - 1 Argentina
22/11/2022

Saud Arabia 2 - 1 Argentina

Daa'imni waggaa 11 Yusuuf Shaah qorumsa IQ'n riikardii adduunyaa cabse~~~~~~~~~~~~~~~Yusuuf Shaah lammummaan Inglizii yo...
21/11/2022

Daa'imni waggaa 11 Yusuuf Shaah qorumsa IQ'n riikardii adduunyaa cabse
~~~~~~~~~~~~~~~
Yusuuf Shaah lammummaan Inglizii yoo ta’u daa'ima umriin reefuu 11 gahuudha. Yusuuf qorumsa IQ dheengadda fudhateen qabxii 162 galmeessisuun hayyoottan fiiziksii akka idil-addunyaatti beekaman Albert Anistaayiniifi Isxifaanos Hawuking caaluun rikradii haaraa galmeessisuu danda'eera.

Yusuuf magaalaa Landan irraa kallattii kaabaan maayila 169 faga'attee kan argamtu magaalaa Kids bakka bu'uun dorgommii kana kan hirmaate yoo ta'u daa'ima waggaa 18 gadii ta'ee osoo jiruu qorumsa IQ kanaan qabxii olaanaa kana galmeessisuu isaan adduunyaa ajab jechisiiseera.

Adduunyaa irraa hayyoottan fiiziksii gurguddoo jedhamuun kan beekaman Anistaayin fi Hawuking qorumsa IQ qabxii 160 fiduu isaaniitu himama.

Yusuuf Shaam dandeettii olaanaa kana qabaachuu yeroo baay'ee hiriyoonni isaa kan ragaa ba'aafii turan yemmuu ta'u booda qormaata IQ idil-addunyaa Mensaan fudhachuuf akka murteesse dubbata. Qorumsicha hirmaachuufi qabxii boonsaa argate kanatti baay'ee gammaduu isaas hima.

Yusuuf yunivarsitii Okisfoord ykn Kaambriijitti barnootaa herreegaa barachuuf fedhii akka qabu ibse.

Qorumsi IQ dandeettiin yaaduu namootaa kan ittiin madaalamu yoo ta'u qormaata kanneen biroo caalaa qorumsa haalaan ulfaataa ta'eedha.

Facebook
https://www.facebook.com/spidermediaa
Telegram channel
https://t.me/spidermediaa

> Spider

Morkattoonni garee kaaraatee biyyaalessaa Misir dorgommii Shaampiyoonaa kaaraateee idil-addunyaa biyya Isloovaaniyaatti ...
20/11/2022

Morkattoonni garee kaaraatee biyyaalessaa Misir dorgommii Shaampiyoonaa kaaraateee idil-addunyaa biyya Isloovaaniyaatti gaggeeffame sadarkaa 1ffaa fi 2ffaan erga xumuranii booda alaabaa biyya Filisxeem qabaachuun wayita sirna suuraa ka'uu gaggeessan.

Facebook
https://www.facebook.com/spidermediaa
Telegram channel
https://t.me/spidermediaa

> Spider

20/11/2022

Maashaa Allaah!
D/r Zaakir Naa'ik akkuma Qatar gaheen yeroo namoota heddu shahaadaa jechisiisu

Kariim Musxafaa Beenzeemaa waancaa adduunyaa irratti hin hirmaatu~~~~~~~~~~~~~~~~~~Badhaasa baalaandoorii bara kanaa kan...
20/11/2022

Kariim Musxafaa Beenzeemaa waancaa adduunyaa irratti hin hirmaatu
~~~~~~~~~~~~~~~~~~
Badhaasa baalaandoorii bara kanaa kan mo'ate taphataan sarara fuulduraa biyya Faransaay Haji Kariim Musxafaa Beenzeemaa (Kariim Beenzeemaa) tapha waancaa bara kanaa Qatar qopheessite irratti sababa miidhama isa mudateen akka hin hirmanne ibsameera.

Gareen biyyaalessaa Faransaay ibsa dhimmicha irratti kenneen Kariim miidhama luqqeettuu isaa irra ga'een waancaa adduunyaa irratti hin hirmaatu jedheera.

Facebook
https://www.facebook.com/spidermediaa
Telegram channel
https://t.me/spidermediaa

> Spider

D.r Zaakir Naa'ik Qatar seeneTaphni waancaa adduunyaa baranaa Qatar qopheessite sa'aatiilee booda jalqaba. Maatiifi jaal...
19/11/2022

D.r Zaakir Naa'ik Qatar seene

Taphni waancaa adduunyaa baranaa Qatar qopheessite sa'aatiilee booda jalqaba. Maatiifi jaallattoonni ispoortii miliyoonotaan lakka'amanis kanumaaf jecha biyyattii akka seenaniifi seenaa jiran ibsamaa jira.

Taateen addaa adduunyaa ajab jechisiisee inni guddaan garuu daa'iin beekamaan adduunyaa D/r Zaakir Naa'ik waktii kana Qatar seenuu isaati. Zaakir namoota waancaa adduunyaatiif jecha Qatar deemaniif da'awaa gochuuf achitti argamuu isaatu himame.

Facebook
https://www.facebook.com/spidermediaa
Telegram channel
https://t.me/spidermediaa

> Spider

Waancaa adduunyaa 22ffaa baranaa guyyoota lama booda Qataritti eegaluufi qophiilee tapha baranaa kan duraanii irraa adda...
18/11/2022

Waancaa adduunyaa 22ffaa baranaa guyyoota lama booda Qataritti eegaluufi qophiilee tapha baranaa kan duraanii irraa adda taasisan
~~~~~~~~~~~~~~~~
> Biyyoota waancaa adduunyaa qopheessan keessaa Qatar ishee tiqqoodha.

> Waancaan adduunyaa barana Qatar qopheessite tapha waancaa adduunyaa yeroo jalqabaatiif biyya Arabaa keessaatti qophaa'eedha.

> Seenaa waancaa adduunyaa keessatti baasiin Qatar barana waancaa adduunyaatiif baaste kanneen hanga ammaatti ba'an maraa oli.

> Qatar waancaa adduunyaatiif waliigalaan yuuroo biliyoona 220 kan baaste yoo ta'u baasii waancaa adduunyaa waggoottan 35'n darbaniif gaggeeffamaa tureef ba'een walitti dhohoodha.

> Istaadiyeemota ajaa'ibaa 6 teeknoolojiin ho'a qabbaneessu tolfameeraafi.

> Istaadiyeemiin adduunyaa irraa adda kan tapha waancaa adduunyaatiin booda diigamuufi kan kontinaroota 974 irraa ijaarame akkasumas daawwattoota kuma 40 qabachuu danda'u adduunyaa ajab jechisiiseera.

> Tikeetonni miliyoona 3.2 waancaa adduunyaa kanaaf qophaa’aniiru.

> Daawwattoonni miliyoona 5 taphicha ilaaluuf Qatar seenu jedhamee eegama.

> Waancaan adduunyaa Qatar waancaa adduunyaa yeroo jalqabaatiif waktii bonaa keessa gaggeeffamuudha.

> Seenaa kubbaa miilaa keessatti Qatar yeroo jalqabaatiif istaadiyeemota wantoonni haala qilleensaa sisirreessan isaaniif qamadame (air-conditioned stadiums) qopheessiteetti.

> Seenaa waancaa adduunyaa keessatti yeroo jalqabaatiif abbootiin murtee (daanyaan) dubaraa abbaa murtee olaanoo ni ta'u.

> Afriikaa keessaa gareeleen hirmaatan shanan yeroo jalqabaatiif leenjisaa biyya isaaniitiin hoogganamu.

> Taphataan umriin xiqqaa waancaa adduunyaa kana irratti hirmaatu Yesufa Mukoko Jarman irraa yoo ta'u, umriin irraa guddaan ykn hangafti taphattoota ammoo Meeksikoo irraa Alferdo Talavero dha.

Maddi: Frans 24
Facebook
https://www.facebook.com/spidermediaa
Telegram channel
https://t.me/spidermediaa

> Spider

Google irratti Muslimoota adduunyaa irratti haalaan dhiibbaa uuman 500'n keessaa tokko akka ta'e kan ibsamee taphataa co...
17/11/2022

Google irratti Muslimoota adduunyaa irratti haalaan dhiibbaa uuman 500'n keessaa tokko akka ta'e kan ibsamee taphataa colleen lammii Senegaal fi kilaba Bayern Munich Saadiyoo Maanee sababa miidhama isa mudateen tapha waancaa adduunyaa barana biyyi Qatar qopheessite irratti akka hin hirmaanne miidiyaaleen gurguddoo idil-addunyaa gabaasaa jiru.

Facebook
https://www.facebook.com/spidermediaa
Telegram channel
https://t.me/spidermediaa

> Spider

Address

Addis Ababa
Addis Ababa

Telephone

+251988905640

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Spider posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Videos

Share


Other Media/News Companies in Addis Ababa

Show All

You may also like