gabbisaa gadaa

gabbisaa gadaa ABO/WBOn haa waaruu!!!

08/03/2023
eebbaa kitaaba miseensa waraana bilisummaa oromoon jaal WABII SABAAn barreeffame Karaa toora ZOOM hirmaadhaa.galgala kan...
04/02/2023

eebbaa kitaaba miseensa waraana bilisummaa oromoon jaal WABII SABAAn barreeffame Karaa toora ZOOM hirmaadhaa.galgala kana sa'a 8:30/2:30

04/02/2023

Waraanni bilxiginnaa 12 godina baha Wallaggaa, lixa Wallaggaa fi Qellem Wallaggaa keessatti WBOtti harka kennatan.


ONM- ABO Guraandhala 3,2023 Dhaabbatni waraana bilxiginnaa osoo Abiy Ahimed meeshaalee waraanaa ammayyaa Turkii, Raashiyaa, Iraanii fi Arab Imireetota irraa itti guuruu tattaaffii isaa bishaanitti naquun diigamuu itti fufee jira.

Haleellaa laaleessaa Waraanni Bilisummaa Oromoo irratti raawwatuun kan baaraganii fi kanneen goyomsaan mooraa cubbuu aangoo Abiy Ahimed tiksuuf ijaarame hin tajaajillu jedhan guyyaa guyyaan keessa badaa jiru.

Dheengadda Guraandhala 1, 2023 godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa irraa ilmaan Oromoo afur qawwee AKM turkii 2, raashiyaa 2, rasaasa 650, boombii 3 fi hidhannoo mooraa diinaa keessaa baasuun WBOf galii godhaniiru.
Waraanni kun kutaa waraanaa 16ffaa koorii 104ffaa iizii giddu galeessaa irraa akka bobbaafamanii turan dubbataniiru.

Oduma wal fakkaatuun godina lixa Wallaggaa aanaa Gimbii irraa loltootni raayyaa ittisa impaayerattii afur akkasumas Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo irraa 4 qawwee fi hidhannoo guutuu waliin mooraa diinaa ganuun WBOtti harka kennatan.

Ilmaan Oromoo sirna kufaa jiru kanaaf aarsaa gatii hin qabne kafalaa jiran qawwee fi hidhannoo isaanii qabachuun abdii sabaa WBOtti dhufuun Oromiyaa biyya taasisuuf hojjechuu qabu jechuun dhaamsa isaanii dabarsaniiru.

Dhiiroo Garbii:Murni bilxiginnaa  godina kaaba Shaggar aanaalee garaagaraa fi baha Shaggar Fantaallee hidhamtoota mana h...
04/02/2023

Dhiiroo Garbii:
Murni bilxiginnaa godina kaaba Shaggar aanaalee garaagaraa fi baha Shaggar Fantaallee hidhamtoota mana hidhaa baasuun achi buutee dhabamsiisan.

ONM- ABO Guraandhala 3,2023Murni impaayera Itoophiyaa akka bulchaa jirutti dubbatu bilxiginnaan ilmaan Oromoo ilaalcha siyaasaa yakkuun hidhee dararaa, mana hidhaatii baasee ajjeesaa, keessaa adda waraanaatti ergaa fi mana hidhaa baasee dhabamsiisu, hojii yeroo aangootti dhufe eegale har'as cimsee itti fufee jira.

Haaluma kanaan sirni uummata Oromoon balfame kun hidhamtoota siyaasa aanaalee godina kaaba Shaggar keessa jiran irraa qabamanii hidhaman bakki isaan geeffaman hanga amnaatti maatiitti hin himamin jira.
Aanaa Warraa Jaarsoo irraa namoota 237, Kuyyuu irraa 360, Hidhabuu Aboote 290, Dagam 215 akkasumas Yaayyaa Gullaallee irraa namoota 25 mana baasuun dhabamsiisanii jiru.

Oduma wal fakkaatuun godina baha aanaa Fantaallee keessatti ilmaan Oromoo kanaan dura WBO waliin hariiroo qabdu jedhamuun Baatii tokkoo oliif mana hidhaa Mataa-Haaraa jiru keessatti dararamaa turan Wiixata darbee mana hidhichaa keessaa baafamuun dhabamsiifamanii jiru.

Hidhamtootni manneen hidhaa godinaalee keessaa baafaman kun mooraa leenjii Sanqalleetti geeffamaa akka jiran keessa beektotni dubbachuun, namoota achitti geessan kana Waraana Bilisummaa Oromoo boojineef leenjii laannee gadhiifne jechuun diraamaa siyaasaa hojjeechuuf akka jiran dabaluun ibsaniiru


Godina Arsii bahaa aanaa Xiyyoo keessatti waraannii murna bilxiginnaa namoota nagaa hidhuun maallaqa hedduu kaffalchiisuun yoo hiikan namoota lama eessa akka geessan hin baramin jira.


ONM- ABO Guraandhala 3,2023 Murni bilxiginnaa waanta qabee gad dhiisuu wallaalee kutaalee Oromiyaa cufa irraa mormii isa mudatee dinagdee fi siyaasaa harkatti dhadhabsiisaa jiru irra aanuuf maqaa ilaalcha faalla siyaasa bilxiginnaa deemtu jedhuun hidhee dararuu akkuma itti fufetti jira.
Godina Arsii bahaa ona Xiyyoo gandoota garaagaraa irraa badii tokko malee qabuun buufata poolisii magaalaa Asallaa jirutti erga dararaniin booda maallaqa 20,000-30,000 kafalchiisuun kan gadhiisan yoo ta'u, warreen kaan ammoo mana hidhichaa baasuun achi buutee dhabamsiisu.
Namoota mana hidhaa keessaa baafamuun dhabamsiifaman maqaan isaanii Qaafiyyoo Dhaqaboo ganda Murtichaa Qobboo irraa fi Abdurkariim Kamaal ammoo Torban Uushoo irraa ta'un barameera.
Jiraattoota ganda Aboosaraa Alkoo irraa qabuun hidhan ammoo hanga hamaattii hidhanii osoo hin gadhiisin dararaa jiru.

Namoota mana hidhichaatti rakkachaa jiran keessaa maanguddoo Kamaal Gammadaa jedhaman dhukkubsatanii hanga hammaatti yaala malee jiraachuu fi dhukkuboota akka Sukkaaraa, dhibbaa dhiigaa fi guraacha waan qabaniif haalli fayyaa isaanii yaaddessaa ta'uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


Kaabinoonni Godina Booranaa Maqaa Uummata Oromoo Booranaatiin daldalaa jiraachuun beekame.



ONM- ABO Guraandhala 3,2023 Dantaa dhuunfaa isaanii dursuun kan beekaman ergamtoonnii fi tiksitoonni impaayera itoophiyaa maqaa Uummata Oromoo Booranaa Hongee ykn bonaan miidhamanii jiraniitiin daldala guddaatti jiraachuu keessa beektonni dubbatu.

PP'n godina booranaa Ummata hongeen miidhame gargaarra jechuun hojjettoota mootummaa, daldaltoota akkasumas afooshaalee garaagaraa irraa qarshii walitti qabuun dhimma dhuunfaaf oolfachaa jiru.

Haaluma kanaan baatii 3 dura godina Booranaa, aanaa Miyootti maqaa deggarsa uummatatu hongeen miidhamee jedhuun miindaa hojjattoota mootummaa aanichaa irraa 50% qarshii miliyoona 6.5 fi daldaltoota irraa immoo miliyoona 1.5 walumaagalatti qarshii miliyoona saddeet ( 8,000,000) walitti qabanii turuu fi qarshiin sassaabame kun osoo sababa walitti qabameef irra hin oolin dantaa kaabinootaa oolee jiraachuu oduun keessoo bilxiginnaa ona Miyootii ba'e ni addeessa.

Kun osoo kanaan jiruu warrii safuu fi qaanii hin beekne kun ammas qarshii walitti qabachuuf maqaa deggarsa uummataa jedhuun hojjattootaa fi daldaltoota mariisifna yoo jedhan, hojjatootni qarshii duraatuu nu fidaa, kanaan booda harka keessanitti qarshiin nuti baafnu hin jirtu jechuun wal diddaa cimaa agarsiisaa jiru.

PP'n immoo dirqamaan akka guurrattu hojjatoota doorsiisaa jiraachuu fi daldaltoonnis kanaan booda uummata keenya yoo gargaarres ofuma keenya koree filannee gargaarra malee harka keessanitti hin kenninu jechuun didaa jiraachuun beekameera.

Torbee darbe kanas deggersa bakka biraatii namoonni walitti qaban namni maqaan isaa injinar Daniel Gammadaa jedhamu fuudhee deemnan beekamtii keenya malee ofii fidde, ofii keenya malee qaamni biroon hin raawwatu jechuun hidhanii turuu gabaasne turre.

Godina baha Wallagga aanaa Haroo Limmuu keessatti waraannii Murna bilxiginnaa maqaa sakkata'insa jedhuun bobba'an awwaalcha uummataa baasuun bakkeetti gatan.

ONM- ABO Guraandhala 3,2023 Duula sakata'insaa jechuun waraanni murna bilxiginnaa bobbaa'an aadaa, safuu fi amantaa sabichaa cabsuun miidhaa geessisaa jiru.

Waraanni safuu fi seeruma ni kabachiifna jedhanii bobboofaman hin kabajne finxaaleyyii Amaaraa waliin ta'uun awwaalcha namoota nagaa kan maatii miseensota waraana bilisummaa Oromootii fi deggertoota isaaniiti jechuun boolla keessaa baasanii gatan.

Gocha kanas kan raawwatan godina baha Wallaggaa ona Haroo Limmuu ganda Dambii Guddinaa jedhamu keessatti yoo ta'u, awwaalcha lama kan diiguun hawaasa rifachiisanii jiru.

Taateen aanaa Haroo Limmuu keessatti Amajji 20,2023 raawwate safuu, aadaa fi amantaa hawaasichaa kan cabse ta'uu jiraattotni dubbachuun sirni faashistii hojii diinummaa hojjetu kana irraa akka waan gaarii hin eegnu himan.

Murni reeffa awwaalaa baasee gatu, bakkoota tokko tokkotti ammoo ajjeesuun reeffa uummata dhorkatanii bineensa nyaachisaa jiraachuun ni beekama.

02/02/2023

ONM-ABO 2 Guraandhala 2023 Irree fi gaachanni uummata Oromoo godina baha Wallaggaa aanaa Gobbuu Sayyoo magaalaa Aannoo guutuutti dhuunfatee jira.

Tarkaanfii kanaanis hidhamtoota siyaasaa hiikuu, meeshaalee waraanaa mooraa bilxiginnaa magaalicha keessa jiru cabsuun dhuunfateera.

Kana malees waraana bilxiginnaa 31 ajjeesuun 41 madeessee qawwee AKM hedduu irraa hiikuun qabeenya waraana bilxiginnaa barbadeessee jira.

Guutuu gabaasa kana akkaataa lolchiisaan lolichaa toora irratti nuuf argameen qabannee dhiyaanna.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Seenaa wareegama Hamiidoo Ibroo!Bara 1942 keessa ture,Gaafa sana Hamiidoo haalonni fincilaan isa gahe keessaa tokko saba...
01/02/2023

Seenaa wareegama Hamiidoo Ibroo!

Bara 1942 keessa ture,
Gaafa sana Hamiidoo haalonni fincilaan isa gahe keessaa tokko sababa Naf-xanyittiin Wayzeroo Kaasayee jedhamtu roorroo obboleessa isaarraan geeesee fi Akkasumallee gaafa tokko sababa safarrii Irbootiin itti dallantee obbleettii isaa kan taate Dashoo Ibroo yeroo xiilaan/alangaan garaftu Hamiidoon ija guutuun kan arge yoo ta'u, gocha qaalittiin kana tuffii tuffii oliitti fudhate, Kanaan booda haalli kun anarras numa hin geenye" jechuun aariidhaan garaa kutate. Bara 1942 keessa isaa umriin digdamii shanii (25)nii qawwee Albeenii caphaa tokkoon banaa bahee iddoo Kadee Ashee jedhamtutti Naf-axanyaa ganda sana keessaa uummata hiraarse tokko kutannoon itti dhukaasee galaafate.

Akkasuma itti aansee aanaa Masalaa naannoo Laga Xuuxxootti kan biraa tokkos lafa ciniinsise.

Kanaan booda oduun kunis Naf-xaxanyoota baadiyyaa keessa akka fadhanitti sosso'aa turan nii naasiste, hedduus sodaatan. Kanaafuu yeroo gabaabduun booda Ashkaroonni Mootummaa gaaratti isaan barbaaduu jalqaban. Gaaf tokko Hamiidoo fi waraanni isa barbaacha deddeemtu iddoo Eeldhayee gama dhihaa Irkata boortee Dhuuggootii ol bakka Qalayaa jedhamutti wal afaan dhufan, Hamiidoon shalaqaa Waraana of duuba tarrisee boonaa dura deemu halaalumatti adda isaa keessa dhawee gaangee irraa lafatti gombise.

Namtichi lafa dhoofnaan waraanni isaa gaafa ijaan argan dheessuuf baqa dhukkee kaasanii achii badan. Mootummaan haala Ashkaroota isaa mudate kana dhoksuuf waan inni hin goone hin jiru, garuu oduun akka gurra ummata hin seenne dhorkuu hin dandeenye.

Uummanni Oromoo naannichaas akkana jechuun gooticha isaa kaba faarfate.

“Hamidoo Ibroo dhaa
Leenca haati deesse
Mataa malee hin dhahuu
Mangistiin dhageessee!

"Shiftaa gaara guuguu
Hunda qaqabanii
Kan laga Dabbasoo
Hamiid dhadhabanii!”

Abdiisaa Tummee tiin!

....itti fufa.....

Madda: Hanga tokko Raammisoo fi
Manguddoota naannawaa Dabbasoo fi Malkaa Balloo ti.

Irree fi abdiin uummata  Oromoo WBO zoonii giddu galaa Lola Amajjii 28- 31 Lixa Shaggar Aanaa Ilfataa fi Gindabaratitti ...
01/02/2023

Irree fi abdiin uummata Oromoo WBO zoonii giddu galaa Lola Amajjii 28- 31 Lixa Shaggar Aanaa Ilfataa fi Gindabaratitti loleen injifannoo dachaa goonfateera.

ONM-ABO 1 Guraandhala 2023 Amajjii 28,2023 Aanaa Ilfataa ganda Sinaanii lukkuu bakka addaa Walisootti uummata dararuuf kan yaate haxxee jajjabee cibraa Migira Bakkee seenuun 7 biyyoo yoo ciniintu 5 madoon adabamteetti. Guyyaadhuma kana aanaa ilfataa ganda Hidhabuu Sandii bakka addaa Sandiitti 3 rasaasa BM yoo liqimsitu 2 madoon adaba argatteetti.

Amajjii 29,2023 Sochiin cibraa Migira Bakkee itti fufuun Aanaa Ilfataa ganda Somboo Cittuu bakka addaa Heerootti mana Uummata 25 ol guggubdee osoo deebituu haxxee jajjabee seenuun 14 achumatti awwaallachiise 9 madoo haammachiise galcheera.

Amajjii 30,2023 Aanaadhuma Ilfataa ganda Ittisaa Koyyeetti Lola gaggeeffameen ergamtoota Abiy Ahmad uummata dararuuf baate 19 battala yoo ol ergu 13 ambulaansi lamaan mana yaala magaala Aanaa Ilfataa keessa jiraniif gumaacheera

Amajjii 31,2023 lolli guddaan aanaalee lama keessatti kan gaggeeffame yoo ta’u Aanaa Ilfataa ganda Dirree Bareedaa mana Barumsaa ganda sanaa keessa qubachuuf kan dhufte ergamtoonni PP rasaasa WBOn machaa’anii kan du’e irraa meesha fudhattee, madoo harkifattee dachaate jirti. Lola kanaan ergamtoota PP baqaan lubbuu isaani oolchatan malee namootni 12 battalatti yoo duutu madoo 9 harkisanii deebi’an. Aanaadhuma ilfataa ganda Faallicha bakka addaa Siree Gimbiitti Ooraali waraana baatee deemu haxxee seensisuun 7 battala yoo ajjeesu 5n madoon adabeera.

Amajjii 31,2023 Aanaa Gindabarat gandoota akka Gurraa Jarjaraa fi Dirree Faajjii keessa qubattee kan jirtu sa’aati booda sa’aati 9:30-galgala keessa sa’aati 2:00tti jajjabeen cibraa Maammoo Mazamir itti cabsuun gandoota kana keessa buqqiseera. Lola kanaan namootni 112 ta’an battala yoo du’an namootni 71 madoon adabamteeti. Kana malees namootni 21 harkaan yoo qabaman meeshaalee waraana garagaraa, rasaasa, Boombii, Hidhannoo fi meeshaaleen qunnamtii hedduun mooraa qabsoo Oromoof galii ta’eera.

Suuraa fi suur sagalee akkuma nu qaqabeen isiniin geenya!

Injifannoon Uummata Oromoof!

31/01/2023



Sh.Kibbaa Lixaa Ppn Aanaa Tolee Waliin Isheen Wal Shaakkin Hidhaa tti Wal Guurte😀

Send a message to learn more

Godina Lixa Wallaggaa ona Jaarsoo fi  Lataa Sibuu keessatti waraanni  bilxiginnaa waliin ta'uun daldaltoota wal keessa d...
31/01/2023

Godina Lixa Wallaggaa ona Jaarsoo fi Lataa Sibuu keessatti waraanni bilxiginnaa waliin ta'uun daldaltoota wal keessa deemuun daldalatanii jiraatan qabeenyaa saamuun barame.


ONM-ABO Amajji 31,2023 Karaa tokko abaaf dhaabbanna jechaa miidiyaan ololaa faallaa jechaa isaanii kan deeman dabballoonni sirni bilxiginnaa, waraana isaanii namusaa fi maalummaa uummataa hin beekne saamicha irratti bobbaasuun jiraattoota ona Jaarsoo gara ona Lataa Sibuu deemuun daldalatanii jiraatan kaabinoonni ona lamaanii walii galuun qabeenyaa Uummaata saamsisaa jiru
Namootni qabeenyaan jalaa saamame Tasfaaye Dinqaa Daldalaa Midhaanii Taammiru Kumarraa qote bula midhaan gurgurachuuf gabaa deemaa ture, namni sadaffaan kan maqaa hin arganne Sangaa gurguratee osoo galuu fi jiraattoota ona Jaarsoo ganda Odaa Gaanqaa irraa ona Lataa Sibuu magaalaa Warra Jirruu keessaatti saamuun isaanii barameera

Amajji 14,2023 Tilmamaan maallaqa 35,920 kan saamaan yoo ta'u torbee darbee irraa eegalanii uummaata nagàa dhorkachuun dararaa akkan cimaa irratti raawwachaa jiraachuu kan nuuf himan jiraattoota ona lammeeniiti.

28/01/2023

Godina Shaggar bahaa ona Boosat keessatti murni bilxiginnaa Uummata nagaa ajjeesuu, hidhuu fi manneen uummataa gubuu akkaan jabeesse.


ONM - ABO - Amajjii 28, 2023 Sirna kufaa jiru suphuuf murni impaayera Itoophiyaa bulchu bilxiginnaan uummaata nagaa ajjeesuu, hidhuu fi manneen isaanii gubuun diddaa uummatichaa lamsheessuuf Oromiyaa bakkoota adda addaatti hojjechaa jira.

Haaluma kanaan godina baha Shaggar ona Boosatii magaalaa Boolee keessatti isin deggertoota waraana bilisummaa Oromooti jechuun namoota maqaan isaanii Abbaa Biyyaa Aliyyii, dargaggoo Bobbaasoo Abdiisaaa , Hamdaa Ifaddiin Kamaal , Jabbaar Kadiir, Saadaam Huseen fi Jamaal Gannaa, kanneen Jedhaman hidhaan dararaa jiru.

Ganda Hulluuqoo Huruta keessatti Amajji 26,2023 namoota sadii Kan maqaa hin argatiin mana hidhaatii baasuun yoo ajjeessan dargaggoo Qaasim Hawaas jedhamu ammoo rasaasaan rukuchuun mar'immaan isaa jigsuun madoo taasisan.

Amajjii 23,2023 manneen namoota bakka buufata 3 iddoo addaa Shaamaa fi Heeraa jedhamutti mana uummata gubuun hawaasa aanaa Boosat irratti dararaa guddaa geessisaa jiru.

Ona Boosat magaalaa Bofaa keessatti ilmaan Oromoo lakkoofsaan 11 ol ta'an torban laman darbe qofa keessa mana hidhaatii baasanii ajjeesanii gatuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

08/12/2022

Yeroo ammaa Yuuniversitiilee hedduu keessatti Doormii adda addaa sakatta'uuf jechaa jiran. Ijoolleen Oromoo quba qabaadhaa!

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when gabbisaa gadaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Videos

Share



You may also like