Toronjii Daggala Armaataa

Toronjii Daggala Armaataa Hiikaa kitaabotaa fi 'article'ota biifaaf akaakuu addaaddaa irraay qicaman ka irratti dhiyaatan.

Bakka itti dhuftee, gosa kee, jaalachun akka. Isa jaalachun kee Oromoo jaalachuu, dhaadhessu, jabeessuu, isaafis hojjech...
31/07/2022

Bakka itti dhuftee, gosa kee, jaalachun akka. Isa jaalachun kee Oromoo jaalachuu, dhaadhessu, jabeessuu, isaafis hojjechuu dha. Gos kaan jibbuu, dugda laachuu, birmachuu dhabuu, ifirraa fageessunis garuu wanna Oromoo irratti raawwattuu dha. HUNDI OROMOO DHA, OROMOONIS HUNDA DHA!

03/07/2022

Nama keenya biratti wanna irra deddeebiin mul'atu yoo jiraate garaagarummaa JAGNAA fi GOOTA giddu jiru wallaaluu dha.

Doktar Haayilee Fidaa Siyaasessaa dhiibbaa qabeessa bardhibbaa kanaaHaayilee Fidaa Kumaan bara 1962’tti bahaa Wallaggaa ...
15/11/2021

Doktar Haayilee Fidaa

Siyaasessaa dhiibbaa qabeessa bardhibbaa kanaa

Haayilee Fidaa Kumaan bara 1962’tti bahaa Wallaggaa keessa magaalaa Arjoo Jimmaa keessatti dhalatani.
Barnoota isaa sadarkaa lammaffaa Naqamteetti akkasumas Wiingeetiitti barate. Ittaansuu dhaanis barnoota sadarkaa olaanaa Unbarsiitii Addis Ababaatti Ji’oolojii barate. Turtii muraasaaf godina Harargeetti barsiisummaan eega tajaajilan booda gara biyya Faransaatti imaluun digrii isaanii lammaffaa sosholojii fi soshaal antiroopolojiin digrii digrii doktireeta ammoo falaasamaan Inistiitut Yuniivarsiiteer dee Firaans’tti fudhatani. Biyya Faransaatti dubartii Mamee Mariyaa jedhamtu fuudhuun ilmaan lama irraa godhateera. Finiinuu waraaqsicha hordofuun ummatasaa tumsuuf bara 1967 keessa biyya abbaa isaatti deebi’e. Hiriyaa isaa Naggada Goobazee waliin ta’uunis naanna’aa Unbarsiitii Addiis Ababaatti suuqii kitaabaa banuun kitaboota maarkisizim leeninizim irratti xiyyeeffatan gabaaf dhiheessaa turan.
Hundeessaa paartii Sochii Soshaaliista Cufa Itoophaa (Ma’iisoon) kan ture Doktar Haayilee Fidaa seenaa sochii barattoota Itoophaa keessatti jagna adda dureedhaan kan eeramuu dha. Doktar Haayilee Fidaan siyaasa ammayyaa biyya itoophaa irratti nama faanaa mul’ataa kaayee wareegamee dha. Dandeettii siyaasa ofuu fi bilchiina falaasama siyaasaarratti Haayieen qabu qaamota gama kamiinuu jiran biratti shakkii kan qabu hin turre.
Hayyooma siyaasa qabu cinatti “Abbaa qubee Afaan Oromoo” (wal falmisiisaa ta’us) jedhamuun kan beekamu Haayileen wayita Yurooppaa tureetti Afaan Oromoo ilaallatee qorannoo gadiifagoo raawwachuu bira darbee kitaabaan maxxansuu isaatiin barnoonni qubee Afaan Oromoo gola Oromiyaa hundatti akka qaqqabu gumaacha hagas hin jedhamne godheera.
Duuti Haayilee wal falmiisiisaa ta’uulleeakka Andaargaachaw Xiruunah jedhuutti Haayileen bara 1971’tti hidhamee ganna lamaan booda du’e.

‘The Forgotten Oromo History: Biographies’ irraa fudhatame.

29/05/2021

Qabsa'aan Amanaa Dha; Qabsoon Amantii Dha.

21/09/2020

Kaasa walii keessan waliif gutaa malee kaasa tokko keessaa him dhuginaa!!

11/06/2020
22/01/2020

Barrii ilma abbaa Gadaa umurii 40 wa'ii itti ilaalle kun, '8nyaw shii' ta'uu hin ooltu.
D.A.

21/01/2020
21/01/2020

Afaan hojiin mootummaa waaqaa garuu maaldhaa?

11/01/2020

"የሴት ልጅ ግርዛት ይቁም" የeliteቱ ጥያቄ ነው፣ የገበሬው አይደለም 😀😀

10/01/2020

በዘር አናምንም የሚሉት ግን
በዘመድ ስራ ሲቀጠሩ ጩቡ አይሆንባቸውም??

D.A.

Nagaasee Abshaala(Caaffata Khaliil Jibraan - 'Madman' jettu keessaa luqqaafamte)Baroota keessaa tokkotti nagaaseen humna...
10/01/2020

Nagaasee Abshaala

(Caaffata Khaliil Jibraan - 'Madman' jettu keessaa luqqaafamte)

Baroota keessaa tokkotti nagaaseen humna'aafi abshaala ta'e, diira Wiiranii jedhamtufi halaalatti argamtu ni bulcha ture. Inniis humna'saaf ka sodaatamu, ogummaa'saaf ammoo ka jaalatamu ture.
Handhuura diirattiitti eela bishaan'saa qabbanaafi taliilaa ta'etu jira. Jiraattonnii hunduu eela kana keessaa dhugu, nagaasichaafi aduloonni'saallee isuma dhugu; eela biroon waan hin jirreef.
Halkan tokko, yoona namuu rafuutti, mortuun tokko diira sanatti dhufte. Eelichattis dhangalaa addaa si'aa torba itti cophxee kana jette, "Ammaa kaasee namuu bishaan kana'rraa dhuge ni maraata."
Borumtaa'saa jiraattonnii hunduu, nagaasichaafi aduloota'rraa kan hafe, bishaan eela sanaa dhuganii maraatan: akkuma mortuuttiin jettetti.
Guyyaa sana, namoonnii karaa gandaafi lafa gabaatti dheekamsaan, "Nagaaseen maraateera. Nagaaseen keenyaafi aduloonnii ulfon qalbii'saanii dhabaniiru. Koottaa! Buqqiisuunii qabna." jedhanii walii'saaniitti haasa'an.
Halkan sana, nagaasichii xoofoo warqeen bishaan eelicha akka fiidan abboome. Gaafa fiidanii deebi'an, keessaa dhugee aduloota'saas obaase.
Achiis karoota Wiiranii, diira halaala sanaa, hundatti dhichiisa guddaa tu ta'e: saabii nagaaseefi aduloonnii ishee qalbii'saanitti deebi'aniif.

MIIXII SADAN(Caaffata Khaliil Jibraan, 'Madman', jettuu'rraa luqqaafamte)Miixiin sadi'ii funyaan namicha aduu keessa dug...
09/01/2020

MIIXII SADAN
(Caaffata Khaliil Jibraan, 'Madman', jettuu'rraa luqqaafamte)

Miixiin sadi'ii funyaan namicha aduu keessa dugdaan galee rafuu'rratti wal argan. Erga walii wal dubbiisan booda, akka aadaa qoomoo qoomoo'saanitti, haasaa eegalan.

😯 Innii qaraan, "Dirree fi gaarreen kun gammoojjiiwwan duraan argeen hundaa caalatti onaa'dha. Guyyaa guutuu callaa midhaan barbaachaa oolus, waa takka'llee hin arganne."

😯 Miixiin lammadaa ammoo, "Anuu mukaa fi roggee hunda jalatti sakattaa'e - waa takka'llee hin arganne. Iddoon kun isa qoomoon koo, 'Lafa laafaa fi sigiiggaatu, bakka homtun hin biqille' jedhan ta'u hin oolu."

😯 Achiin innii sadeessoo mataa ol'qabee akkas jedhe, "Hiriyootaa, kan nuti amma irra dhaabbannee jirru funyaan Guddicha-Miixii'rratti, Miixii isa hunda-danda'oo fi safara-maleessa, innii isa bal'ina qaama'saatii'rraa kan ka'e laalunii hin dandeenye, innii isa dagaagina gaaddidduu'saa'rraa kan ka'e faana dha'unii kan hin dandaa'amne, innii furdiina sagalee'saatiif kan nuti hin dhageenye; innii bakka hundumatti kan argamuu'dha."

Akkuma miixiin sadeessoo kana dubbateen, jarrii lameen wal ilaalanii kolfan. Yeroosuma namichii hirriba keessa socho'e, harkas ol'kaasee funyaan hoqqate, miixiin sadanus ni cafaqaman.

💔 💔 💔 💔💔💔 💔💔💔 💔💔💔

GAMMACHUU HAARAYAA(Caaffata Khaliil Jibraan, 'Madman', jettu'rraa luqqaafame)Eda kaleessa gammachuu haarayaan kalaqee an...
08/01/2020

GAMMACHUU HAARAYAA

(Caaffata Khaliil Jibraan, 'Madman', jettu'rraa luqqaafame)

Eda kaleessa gammachuu haarayaan kalaqee anaa yaalii isa qaraa gochuuf qophaa'u, maleekaa fi seexannii sardamaa gara mana kootti dhufan. Hulaa bira ga'aanii, kalaqa koo isa haarayaa'rratti, wal loluutti ka'aan; tokko akkas caraana, "Cubbuu dha!" - innii kaan'immoo, " namatti tolaam!"

08/01/2020

WALLAGGAA!! WAAQNII SI YAA QAQQABU OROMOO KOO!!

Saree AbshaalaGaaf tokko, sareen abshaalaa osoo karaa deemu, adurree wlageessee mari'attutti ba'e. Akkuma itti dhiyaacha...
07/01/2020

Saree Abshaala

Gaaf tokko, sareen abshaalaa osoo karaa deemu, adurree wlageessee mari'attutti ba'e. Akkuma itti dhiyaachaa dhufeen, akka caqasuutti jiraniifi isas akka hin hubanne laalee, itti siiqee dhaabate.
Achiin isaan gidduu dha adurreen gudda fi ija-jabaa tokkoo olka'ee dow'ateenii, akkas jedhe, "Obboleeyyan, isin kadhaa. Yoo kadhattan, ammas yoo kadhattan; dhuugumatti hantuutnii roobuun ni mala, kun waan shakkamu miti."

♠ ♥ ♣ ♦

Sareen gaafa kana dhaga'u, garaasaatti kolfee, isaan irraa qajeeluuf garagalaa akkas.jedhe, "Yaa adurroota jaamaa fi gowwaa, kun kitaabarratti kan hin jirre, anas ta'e abbootii koo na duraa birattiis kan hin beekamnee dha. Kadhannaadhaaf, amantiidhaafi wawwaannaadhaaf wantii roobuu yoo jiraate, hantuuta osoo hin ta'in lafee dha."
😕 😕 😕 😕

Adeema-Hirriba-Keessaa('Madman'- ka khaliil Jibraan katabe ke'a)Gandan dhaladhe keessatti dubartii tokkoo fi intallishee...
06/01/2020

Adeema-Hirriba-Keessaa
('Madman'- ka khaliil Jibraan katabe ke'a)
Gandan dhaladhe keessatti dubartii tokkoo fi intallishee, kan hirriba keessa adeeman, ni jiraatu ture.
Halkan tokko, enna dukkannii dachee liqiimsiteetti, dubartittii fi intallishee utuu deeman, ammoo hirriba keessaa, gidduu mooraasaanii dallaan marfameetti walitti ba'an.
Haatnii ni dubbatte, akkas jette: "Dhumarratti, dhumarratti, ilaa diina koo! Ishee sababa isheetiin ijoollummaan koo balleeffame - - Ishee jireenyashee jigaa isa kan koo irratti ijaarratte! Si ajjeesuun ni ta'a!"
Intalliis ni dubbatte, akkas jette: "Yaa dubartii jibbaan guutamte, ofittoo fi dulloomtuu! Yaa ishee ana-walabuu fi ana gidduu ka dhaabattu! Yaa ishee jireenya koo bowwaa sagalee jireenya kee allaqaa gochuu dha, ka barbaaddu! Du'a tu siif ta'a ture!"
Battalatti kormaa lukkuu tu iyye, lammaanus ni dammaqan. "Kun si'ii, jaalatamtu?" Jette haatnii, sagalee mararuun. "Eeyyeen, jaalatamtu." Jette intallii, sagalee mararuun.

06/01/2020

Nan haamannee, atuu, xiqqoollee
si 'n dhiifnee bar, anuu, soballee
tola kee hin dadhabu, tokkollee
anii siif, atiinaaf, yoomiillee
michuu dha, hiriyaa, jaalallee
numaa waltaanee, walhillee
lameen teenya, waliif dagalee

06/01/2020
06/01/2020

Waaqa-gaarii fi Waaqa-hamaa
(Madda : 'Madman' - ka Kaliil Jibraan
Qoomoo : Asoos-Falaasamaa)
Waaqnii gaarii fi Waaqnii hamaa bantii tulluu irratti wal argan.
Waaqnii gaariin, "Guyyaa gaarii siif haa ta'u, obbole." Jedhe
Waaqnii hamaan deebii hin laanne.
Waaqnii gaarii immoo, "Har'a faara tolaa hin qabdu."
"Eeyyeen," jedhe Waaqnii hamaan, " hamma dhiheenyatti, dogogoraan siin na se'u, maqaa keetiinis na waamu, akka keetti na fudhatu, kunis gamachuu-dabaa natti h**e."
Waaqnii gaariis, "Garuu, anaaniis dogogoraan siin na se'u, maqaa keetiinis na waamu."
Waaqnii hamaas doofummaa namaa abaaraa achii sokke.

06/01/2020

Waangoo
(Katabbiin : 'Madman' - kan Khaliil Jibraan
Qoomoo : asoos-falaasama)
Waangoon ganama yeroo aduun baatu gaaddidduusaa argee, akkas jedhe, "Har'a gaalan laaqanaaf godhadha." Achii ka'ee, ganama sana, gaala barbaaddachaa oole. Garuummoo waareetti, gaaddidduusaa ammas arge -- akkasiis jedhe, "Haantutniis ni taati."

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Toronjii Daggala Armaataa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category


Other Publishers in Addis Ababa

Show All