#Amartii_Kutame
#ASOOSAMA
#KUTAA_2_FFAA
#Boonsaa_Gadaatiin
•••••••••••••••••••
•••Caaltuun miira gammachuun guutameen Wabii waliin erga gara manaatti imala eegaltee,yoo maal jettee haasaa eegalte akka isheef wayyu osoo yaadaa deemtuu, barjaa(poosterii) jaalalleewwan bakka bashannanaa jiranii rarraafamee jiru argitee, ittiin haasaa eegaluuf "elaa maaloo Wabiiko, poosterii sana ilaali, hin bareeduu?" Jettee ajajaaf gaaffii walirratti dhiyeessiteef. Wabiinis ilaalee akka seequu tahee, "ni bareeda dhugaa" jedhee deebiseef. Caaltuunis miirasaa hubachuuf itti fuftee, "namasaan dhabe malee jaalala akkasii kana dabarsuuf nan hawwan ture" jette ija qaaniin irraa mul'atuun suuta ija Wabii keessa ilaalaa.Akkanaan haasaa itti fufan.
"Namasaan dhabe malee jaalala akkasii kana dabarsuuf nan hawwan ture" Caaltuu
"Ahhh... maal namnisaa akkamiin dhabama jetteeti?" Wabii
"Akkan yaadutti dhiira nama goyyomsu malee, dhiirri jaalala beeku jira jedhee hin yaadu" Caaltuu
"Dhiirri jaalala beeku jiraachuu danda'a situ hin barbaanne malee" Wabii
"Barbaadeera, garuu namni ani barbaadu sun natti dhiyaatee na hubachuu hin dandeenye malee. Mee ati akka keetti ulaagaan ati ittiin jaalalleekee jaalatte ulaagaa akkamiiti?" Caaltuu
Wabiin xiqqoo akka yaaduu tahee,"elaa Caaltu dhugaa dubbachuuf ani jaalallee hin qabu. Jaalallee baafachuuf ammoo bara kana shamarran dhiira maallaqa qabu, dhiira sadarkaa gaariirra jiru, dhiira qabeenya qabu, dhiira yoo xiqqate guyyaa guyyaatti kaardii moobaayilaa jaalalleesaaf guutu, faaf jaalala heyyamu malee, barataa akkakoo fi dhiira bakka yaade gahuuf imalarra jiruuf hin heyyaman. Yoo heyyamanis yeroof malee jaalala dhugaaf miti. Kanaaf jedheen shamarran jaalachuu sodaadha" jedhee deebiseef Wabiin.
"Inni dhugaa jirudha. Garuu shamarri hundi akkasitti yaaduu dhiisuu dandeessi. Situ hin barbaanne malee dhalaan jaalala dhugaa qofa dheebottu hin dhabamtu."Caaltuu
"Natti himi namni akkanaa jiraannaan ani nan barbaada" Wabii
"
#Asoosama_dheeraa
QURXAMA JAALALAA
Kutaa 8ffaa ****************************
isheen isaa jaalalaaf jettee dhufuun ammas isa hin gammachiifne.boonsan
dureettii harka darbatee diduudhaf murteessuu hin dandeenye ture.abbaan ishee
nama dhiiraa biratti arguu hin fedhu ture.tahus abbaa dhokattee isaaf gargaarsa
godhaa turte.kana biraan manatti barbaaddee jala dhufte.kanaf yaaddo biraa itti
dabaltee biraa deemte.isheenis guyyaa beellamaf eegaa jirti.inni garuu abbaa isaa
dhiisee deemun mata-cita itti tahaa dhufe. Tahus boonsan hiriyaa isaa gammadaa
wajji mari’achuu jalqabe.akkas jechun eegalan “hi!…gammadaa!…mee maalin
taha?..furmaanni maali jetta?” jedhe boonsan.Gammadaanis “ilaali!…boonsa! ati
amma dubbiin kun si rakkisuu hin qabu!…furmaanni jiru…mana ona kana keessa
kophaa kee jiraachuu hin qabdu!…asittis rakkinni kee rakkinuma kanaf!”jedhe
cal’ise. boonsanis “kanaf…hi?” jedhe deebisee. Gammadaanis”ee…ilaal waan
gootu…oorruu teessan tana walkkaa gurgurtee…walakkaa nama qixaan isinif hojjatutti yoo kennite siifis abbaa keetifis furmaata natti fakkaata boonsa!”
jedhe.boonsanis” Gammadaa yaada bareedadha kaafte!..eee…kanuman yaadee ture
anis…kanaf nama bitu haa barbaannu” jedhe fuula abdii horate tokkoon.kana
booda orruu walakkaa gurguran.ammas walakkaa nama hojjatee omisha qixa
fudhatanitti kennan.tahus abbaa isaa dhiisee beellama dureettitif gama magaalaa
deeme.Ishenis akkuma jette balbala isanii gubbaa teessee boonsaa eegaa jirti.boonsanis
dhufee balbalaa banee ol seene.dureettinis yoo ijaan isa gartu daftee mana keessa
ol deebite.xiqqo erga turte booda qorii xiqqoo takka qabattee;nama gamaa gamana
ofirraa mimil’ataa balbala boonsa ol bante boonsanis lafaa ol ka’ee walitti
maraman.boonsan “hi…duree tiyya!…nan turee?…fayyaadhaa?” jedhee dureettitti
dubbate.ishenis”boonsaa koo! lakkii!…hin turre!..nagaan dhuftee?” jette fuula isaa
keessa ilaalaa.boonsanis....itti fufa......
#Like #Sh