Hachalu Media

Hachalu Media Media and News website

28/04/2024
07/11/2022

Bara 1966 keessa gaafa tokko galgala sirna affeerraa irbaataa mootichi Hailesillaaseen keessummoota isaaf qopheesserratti akka weellisuuf artistoota kaan waliin affeerame. Sagantaan eegaluudhaaf qophiin xumuramee mootichi keessummoota isaa waliin gara galmaatti yommuu ol seenu, namni achi jiru hunduu gadi jedhee mootichaaf gugguufe. qofatu ol jedhee dhaabatee ija mootii keessa ilaale. Yommuu kana eegdonni mootichaa Alii harka lamaan qabanii butanii galma sanaa baasanii mana hidhaatti darbatan.

Guyyaa muraasa mana qorraa keessatti hidhanii dhaddacha Rayyaa Ittisa Biyyaatti dhiyeessan.

: “Maaliif mootichaaf gadi jettee kabaja laachuu didde?”
: “Akka amantaa kiyyatti gadi jedhamee kan sagadamuuf Rabbi qofa. Nama akkasaatiif gadi jechuun (sujuuduun) yakka!”

: Kan gadi jechuu (sujuuduu) hanqatterratti ammas mootichaan ‘isa’ jettaa?”

: “Mootichi nama meeqa?!”

(Madda: Abbaa Urjii)

GT Graphics

07/11/2022

Ija Oromoof Oromiyaa Urjii Afrikaa bahaa abbaa keenya abbaa Aartii Oromoo Dr Alii Birraa of duraa si dhabuun keenya gadda laphee namaa cabsuudha. Namni waan jiraataa hojjete hin du’uu kee boqonnaadhanagaan boqodhu!

RIP😭😭😭

07/11/2022
07/11/2022
Ali kadhaan dadhabnaan, jarri akkamitti akka kennamuuf akka barbaadu gaafatan. Gaaffii isaanii tiif Ali "Yo nama naaf ke...
07/11/2022

Ali kadhaan dadhabnaan, jarri akkamitti akka kennamuuf akka barbaadu gaafatan. Gaaffii isaanii tiif Ali "Yo nama naaf kennu kan biraa dhabdan, karra eeyduu hotiilichaa akka naaf kennu godhaa je'een. Maayyiirratti, badhaasicha harka Kantiibaa Torontoo tan gaafasii, Mayer Barbara Hall, harkaa fudhate. Murtii isaa saniin, Ali, hamilee hawaasa Oromoo tan gaafas kuftee turte ol kaase.

Baroota shantamii saylan dabran, Ali, afaan Oromoo, Arabaa, Soomaalee, Adaree fii Affaar-iin walleelee mimmidhagoo ammayyaa dhibba sadiihii ol wallise. Akkuma Gurraandhala 25, bara 1963, "birraa dhaa barhiin" qoma daawwattootaa seeneen, walleelee danuu tanaan, hawaasa Oromoo bira dabree kan alagaa tiis odoo booharsaa jiruu, dhukkuma amma-amma rakkisaa tureen, Sadaasa 06, bara 2022, umrii 74-tti, bakka kan dhalate hundi irraa hafuu hin taanetti kute.

Alii, bilisummaa ummata Oromoo tan jaalala isii bifa addatti ibse odoo goolabbii isii hin arkin biraa deemullee, walleelee isaa kanneen yaroon moofoysuuf hin jiraanneen, ilaa abad dhaloota dhufaa jiruu booharsuuf jiraata. Seenaan isaa tiis isaanumaa waliin dhalootarraa dhalootatti dabarti.

Galanni isaa Jannatul Furdoos haa tahu!

06/07/2022
30/06/2022

Maatii Hacaaluu 🥰

Imimmaan koo xurii sitti ha ta’u.Hacee dhabne dhugaa isaas dhabnee kunoo waggaa lama lakkoofsise jirra.Goototi Haadha Wa...
29/06/2022

Imimmaan koo xurii sitti ha ta’u.

Hacee dhabne dhugaa isaas dhabnee kunoo waggaa lama lakkoofsise jirra.

Goototi Haadha Wabii
Haacaaluu Hundeessaa Award irratti dubatee

29/06/2022
29/06/2022
29/06/2022

Har'a waggaa lammaffaa Artist Haacaaluu Hundeessaa itti wareegamedha.
Artist Haacaaluun hojii umurii isaa ol ta'eefi dhaloota dhufaa darbaan yaadataman hojjeteera jedhu.
BBC Afaan Oromoos jireenya artistii kanaa eessaa ka'ee eessa akka gahe pirojektii ballaa kana hojjeteera.

Dhiyaadhaa 👉👉 https://bbc.in/39V8W81

   SMS 9827 irratti koodii isaanii erguun kan isinitti tole filadhaa.Badhaasa Haacaaluu Hundeessaa🎤🎷🎺🎸🎻🎹
20/06/2022



SMS 9827 irratti koodii isaanii erguun kan isinitti tole filadhaa.

Badhaasa Haacaaluu Hundeessaa
🎤🎷🎺🎸🎻🎹

Haacaaluu Hundeessaa Award
15/06/2022

Haacaaluu Hundeessaa Award

Gaazexeessituun miidiyaa FIB Sabboontuu Ahimed kaleessa hojiidhaa osoo galtuu poolisiin qabamtee hidhamuu hojii gaggeess...
27/05/2022

Gaazexeessituun miidiyaa FIB Sabboontuu Ahimed kaleessa hojiidhaa osoo galtuu poolisiin qabamtee hidhamuu hojii gaggeessaan miidiyichaa Obbo Lammii Taayyee BBCtti himan.
Gaazexeessituun kun kaleessa gara galgalaa osoo hojiidhaa galtuu qabamtee akka hidhamte himan.
Qondaalli buufata poolisii Labuurraa dubbisne gaazexeesituun kuni isaan bira jiraachuu mirkaneessaniiru. Garuu eeyyama waan hin qabneef miidiyaatti dubbachuu akka hin barbaanne himan.
Hidhaa kun lakkoofsa gaazexeesitoota gidduu kana Itoophiyaatti mana hidhaa galanii gara 14tti guddiseera. Obbo Lammiin waajjira poolisii magaalaa Finfinnee Labuu jiru bakka isheen itti hidhamtee jirtu dhaqanii akka gaafatani himaniiru.
''Maaliif akka hidhamte natti hin himne. Eenyu akka ishee qabes natti hin himamne jnu jette'' jedhan. Obbo Lammiin waajjira poolisii gaafanne ''adaraa namni nu bira kaawwate malee nuti hin hiine jedhan.
''Akkamitti namni adaraadhaan hidhamaa? Maaliif mana murtiitti hin dhiyaanne? mirgi ishee sarbama jennee gaafanneerra,'' jedhan.
''Qaama nuuf qabaa jedheef bilbillee koottaa fudhaa jennee eegaa jirra'' nuun jedhan jechuun BBCtti himan.
''Nuu qabaa jennaan qabne malee sababa isaa nuyi hin beeknu nu jedhan.''
Obbo Lammiin waan nu gaddisiise namni gaafa qabamu maaliif akka qabame itti himuu dadhabuu isaati. Mirga kana baruu dhabuu isheetu nu gaddisiise jedhan.
Sabboontuun miidiyaa FIB keessa waggaa tokkoof hojjechaa turuu kan himan Obbo Lammiin hojjettuu cimtuu kutaa bashananaa isaanii keessaa akka taate himan.
Dhimma gaazexeesituu kanaa irratti poolisiin magaalaa Finfinnee waan jedhe hin qabu.
Erga Abiy Ahimed gara aangootti dhufanii walabummaa miidiyaatti abdiin horame erga waraanni Kaaba biyyattii eegalee as garuu hojiin gaazexeesummaa dhiibbaa keessa galuu dhaabbileen mirga gaazexesitootaaf falman himaa turan.
Kaleessa gaazexessaan Barruu Fiitih Tamasgeen Dassaleny poolisiin to'atamee mana hidhaa galuu barameera.

22/05/2022

Mootummaan Zimbaabwee pirezidaantii Itoophiyaa duraanii Koloneel Mangistuu Hayilamaariyaam dabarsee kennuuf qophaa'uu beeksise.

Ministirri haajaa alaa Zimbaabwee Fireediriik Shaavaa Raadiyoo Sagalee Ameerikaa waliin gaaffiifi deebii addaa taasisaniin, Koloneel Mangistuu Haayilamaariyaam kan yeroo dheeraaf Zimbaabweetti baqatummaan jiraachaa jiran, yoo Itiyoophiyaan karaa sirrii gaafatteef, Zimbaabween dabarsitee kennuuf qophooftuu dha jedhan.

Odeeffannoo dabalataa hidha kanaa gadiin argattu
https://tinyurl.com/3hsuzbme

21/05/2022
16/05/2022
15/05/2022

Hiriyyolee: Albama haaraa sirbi hunduu sirba jidhaa ta'e
***
Hojii gaazexeessummaan kan beekamtu Bashaatuu Tolamaariyaam karaa dhaabbata ishee BMT sirba kana qopheessuu himti. Albamni kun Hiriyooleen maqaa jedhamuun waamama.

''Hiriiyoleen sirba naannoo Gujiitti beekamudha. Yeroo shammarreen tokko heerumtu walitti dhufuun sirba sirbanidha. Albama keenya keessas sirbi hiriyoolii tokko jira. Albamichis walitti dhufeenya hiriiyootaan waan hojjetameef maqichuma kennineef.''

Albamni Hiriyoolii sirboota 11 kan of keessaa qabu yoo tahu, sirba cidhaa godinaalee Oromiyaa babbareedoon waan hunda hammachuu dadhabnus hanga dandeenyefi arganneerra miidhaksinee hojjenneerra jette.
https://bbc.in/3Nai2eM

14/05/2022

Somaliyaa: Biyya sagalee ummata malee filannoon itti gaggeeffamu
==//==
Namoonni wayita tiraafika daandii rakkisaa magaalatiin dhaabsiifamaniitti, poostariiwwan filannoo baayyee ni ilaalu. Garuu ammoo filachuuf sagalee kan kennu ummataa miti.

Kunis sababii Somaaliyaan sirna siyaasaa walxaxaafi al kallattii ta'eetti fayyadamtuufidha. Kanaafuu paartileen siyaasaa filannichaaf hin dorgaman. Yookaanis kenninsi sagalee nama dhunfaa hin raawwatamu.

Bakkasaa miseensoonni mana marii 275 bakka bu'oota jaarsoolii gosaa fi miseensoota waldaalee siiviilitii kanneen qondaaltota bulchiinsa naannooleetiin filatamaniin bakka buufamu.
Odeessa guutuuf==>>https://bbc.in/39l9nYk

12/05/2022

Google Afaan Oromoo dabalatee afaanota Afrikaa kudhaniin tajaajila kennuu eegale.
Jaarmiyaan teeknolojii 'Google' afaanota Afrikaa kudhan tajaajila afaan tokkorraa biraatti hiikuu 'Google Translate' jedhamutti akka dabale Roobii kaleessaa beeksise.

Afaanoti Afrikaa tajaajila kana akka fayyadaman dabalamanis Afaan Oromoo, Afaan Tigree, Tiwii, Baambaaraa, Ewee, Kiriyoo, Lingaalaa, Lugaandaa, Sepedii fi Tsoongaa jedhamanii dha.

Bambaaraan, Maalii keessatti namoota afaanicha dubbatan miiliyoona 14 kan qabu yoo tahu, Eween Gaanaa keessatti namoota miiliyoona torba tahaniin dubbatama.
'Google Translate' tajaajila af-danuu 'Google' dhaan kalqame yoo tahu barreeffama, sanadoota fi marsariitiiwwan afaan tokkorraa gara kaanitti hiika. Tajaajilichi marsariitii fi appii mobaayilii irratti argama.
Ogeessa ICT kan ta'e Abdiisaa Bancaa 'adeemsa hiikkaa jechaa kanarratti, keewwataafi gaaleewwan gara kuma 280 irra geenyeerra,'' jedha.
https://bbc.in/39fPamI

09/05/2022
05/05/2022

Address

Adama

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Hachalu Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category


Other Radio Stations in Adama

Show All