Toosh Tarree Page

Toosh Tarree Page By peoples , for people ........!. Uummataan, Uummataaf....... hojjanna.....! Interest
(1)

Kan nama nyaatu nu keessa jira😭Baddiluu Ittafaa jedhama. Finfinnee jiraata. Ijoollee keenya Gara biyya hambaa deemanu da...
13/01/2025

Kan nama nyaatu nu keessa jira😭

Baddiluu Ittafaa jedhama. Finfinnee jiraata. Ijoollee keenya Gara biyya hambaa deemanu dallaalaa ta'ee erga.

Erga ergeen booda Gammoojjii Liibiyaa keessatti shiftootaan kan qabsiisee maallaqa maatiirraa gaafatu isa kana.

Gidduu kana Gurbaa Jimmaa fi Buunnoo Beddellee keessaa ijoollee deemanii qabaman kan ergee fi qabsiise isa kana. Erga qabsiisee booda qarshii miliyoona 1.6 gaafachiise.

Qarshii argamu jara sana waliin kan gargar qooddatu isa kana.

Guyyaa kaleessaa naannoo sa'atii 9:30 magaalaa finfinnee bakka addaa atoobisteraa jedhamutti qabamee qaama dhimmi ilaallatutti kennamee jira.

komishiiniin poolisii magaalaa Finfinnees dhimma kana qorachuuf maati gurbaa Liibiyaatti qabamee jiruu guyyaa boruutti waame jira.

Kanaaf haala wal fakkaataadhaan namootni miidhaan isin qaqqabe Komiishinii Poolisii Finfinee deemuun ragaa akka ba'attan, maxxansa kanas share godhaa.

Adaraa qarshii warraa dallaalotaaf kaffaltan kanaan biyya keessatti hojii ittiin eegalaa malee harka saamtotaatti hin kufinaa...

  FA Cup tti nagaa dhaammatte.MUN taphattoota 10 qofaan taphatee garee Arsenaal dorgommiin ala taasisisee jira.Altaayi B...
12/01/2025

FA Cup tti nagaa dhaammatte.

MUN taphattoota 10 qofaan taphatee garee Arsenaal dorgommiin ala taasisisee jira.
Altaayi Baayindir peenaaliitii Odeegaard taphaan qolate,Peenaalitii Adda baastun kan Kaayi Havertiz's didee gootummaa isaa agarsiise.

Arsenaal Kaarlen cup keessaa bahuuf qarqara irra jira.Kan Pirimiyer Liigis carraan dhiphoo...Har'a FA cup keessaa ari'atame.Arsuu dubbiin badde.

ARS(1:1)MUN(3:5)pen

Pireezidaanti Shimelis Abdisa  pireezidaantii Ruwaandaa Paul Kagame waliin mari'atan. Marii isaaniitiin dhimmoota hariir...
12/01/2025

Pireezidaanti Shimelis Abdisa pireezidaantii Ruwaandaa Paul Kagame waliin mari'atan. Marii isaaniitiin dhimmoota hariiroo biyyoota lameenii cimsan irratti mariyachuu ibsameera.

  !Guyyaa boruu leenjisaa Aab Jaarsoo Boruu Raroo  fi Anawar jamal gidduutti istadiyeemii caayaa irraatti taphni jaalata...
12/01/2025

!

Guyyaa boruu leenjisaa Aab Jaarsoo Boruu Raroo fi Anawar jamal gidduutti istadiyeemii caayaa irraatti taphni jaalatamaa fi hawwisiisaa tahee sa'aa 02:40 ni geggeefama jedhamee Eegamaa.

Leenjisaa Aab Jaarsoo boruu leenjisaa cimaa fi jaalatama tapha miidhagaa , akkasumas tapha keessatti kubbaa guutuu tohachuun taphoota bashanasiisoo fi hawwisiisaa tahe deggartoota isatti muldhisuu injifannoo guddaa galmeessuun beekamu fi leenjisaa Anawar jamal kubbaa yeroo hedduu deebisanii waranuun gara ful duratti deemuun goolii galchuun beekamu gidduutti morkiin cimaan ni taasifama jedhamee Eegamaa jira. maaltu Uumamaa wajjumaan ilaalla.

OBN qophii caayaa ijaa fi gurra Uummatati.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojii magaalomsuu  xiyyeeffannoo addaan hojjechaa jiraMagaalonni naannoo keenyaa lakkoofsaan...
11/01/2025

Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojii magaalomsuu xiyyeeffannoo addaan hojjechaa jira

Magaalonni naannoo keenyaa lakkoofsaan hedduu ta’anis amala magaalaa hin qaban turan. Dhiheenya kana garuu misooma magaalaafi magaalomsuu irratti xiyyeeffannaan addaa kennamee hojjetamaa jira.

Jilli Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaatiin durfamu biyya Ruwaandaa Magaalaa Kiigaaliitti argamuun waltajjii muuxannoo waljijjiirrafi daawwannaa hojiilee misooma magaalaa garaagaraa irratti hirmaataa jira.

Waltajjiiwwan kanneen irratti dhimmoota dargaggootafi dinagdee jaarraa 21ffaan walqabatan, keessumaa beekumsa digiitaalaa, ogummaa, fi faayinaansiin walqabatan dhiyaataniiru.

Mariiwwan taasifamaa jiraniin dhimmoota misooma manneenifi bu’uuraalee misoomaa, qulqullina magaalaafi bulchiinsa balfaa, tajaajila dijiitaalessuu eyyama ijaarsaa, fooyya’iinsa qaqqabummaa tajaajila bulchiinsaa, sirna kaffaltii dijiitaalaa geejjiba ummataafi bulchiinsa bu’uuraalee misoomaa irratti hubannoon qoodameera.

PMNO obbo Shimelis Abdisa

Hojii eegumsa biyyeefi bishaanii bara 2017tiin suluulota 6,465 keesatti lafa hektaara 3,232,500 qaamolee hawaasaa 9,828,...
11/01/2025

Hojii eegumsa biyyeefi bishaanii bara 2017tiin suluulota 6,465 keesatti lafa hektaara 3,232,500 qaamolee hawaasaa 9,828,130 hirmaachisuun misoomsuuf kan hojjetamu ta'uu Obbo Geetuu Gammachuu Hoogganaa BQO himan.

Leenjiin qabeenya uumamaa ogeessota 2400f marsaa lamaan kennamu Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti jalqabamee jira.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojii misooma, kunuunsaafi eegumsa qabeenya uumamaatiif xiyyeeffannoo kennuun deeggersaafi hordoffii itti fufiinsa qabu taasisuun hojii Addunyaaf fakkeenya ta'e qindoomina qamolee hawaasaan hojjetamuu Obbo Geetuun ibsaniiru.

Leenjiin kunis, dhaadannoo "Qabeenya Uumamaa Eeguu, Kunuunsuufi Itti fayyadamuun Dirqama Dhaloota Har’aati!" jedhuun Ogeessota Qabeenya Uumamaa Sadarkaan jiraniif kan keenamu yoo ta'u, ogeessoonni muuxannoo hojiiwwan qabeenya uumamaarratti argatan caalmaatti babal'isuuf xiyyeeffannoon akka hojjetanis Obbo Geetuun himaniiru.

Buu’uura hojii qonnaa keenya hundaa kan ta’e Qabeenya Uumamaaf eegumsaafi kunuunsa itti fufiinsa qabu taasisuurratti hojii qindoomina qaamolee hawaasaan hojjetameen jijjiirama qilleensaa yaaddoo addunyaa ta’e dandamachuun haala mijaawaa lubbu-qabeeyyii fi hojii misooma qonnaa keenyaaf uumuurra darbee biyyi keenya maqaa gaarii addunyaarratti akka qabaattuuf gumaacha qaamoleen hawwaasaa, ogeessonni qonnaafi hooggansi sadarkaan jiru taasisaniifis Obbo Geetuun Galateeffatanii jiru.

Bara kanas, hojiiwwan misooma, kunuunsaafi eegumsa qabeenya uumamaarratti hojjetameen jijjiirama argamaa jiru caalmaan itti fufsiisuun biyya jiituufi magariisa taate dhalootatti dabarsuuf hojii Misooma Sululaarratti muuxannoowwan baroota darban argaman cimsuuf karoora xiiqii hojii misooma suluulaa tajaajila lammummaan hojjechuuf qophiin barbaachisu hundi xumuramuun hojiitti galamaa jiraachuus ObbonGeetuun heeraniiru.

Qabeenya uumamaa haphateefi manca’e misoomsuufi kunuunsuun bakkatti deebisuun guddinaa fi abdii badhadhummaa biyya keenyaafi Naannoo keenyaa mirkaneessuu waan ta'eef Mootummaan keenya hojii kanaaf xiyyeeffannoo addaa kennuun tajaajila lammummaan qaamolee hawaasaa hirmaachisuun hojiin hojjetamaa ture bara kanas haala adda ta’een kan itti fufsiisu ta'uus ibsameera.

Hojiin Misoomaafi kunuunsa qabeenya uumamaa bu’uura hojii qonna keenya hundaa waan ta’eef, yaad-rimee misoma suluulaa irratti hundaa’uudhaan yeroo Bonaa hawaasni keenya tokkummaadhaan bahuun humnaafi beekumsa qabu walitti fiduun hojii boonsaafi ajaa’ibaa hojjeteen bu'aawwan jajjabeessoo: Lafti qonnaa, bosonaafi dheedichaa manca’ee faayidaa ala ta’ee ture tajaajilatti deebi’uu, Dhiqamiinsi biyyee hambisuun kuufamni bishaanii lafa keessaas ta’e gubbaa dabaluu, Burqaawwaniifi Haroowwan goganii turan akka deebi’uu jalqabuu,
Suluulonni manca’anii turan tuttuqqaa namaafi beeyladaa irraa bilisa taasisuun madda galii uummataa, madda carraa hojii misooma dammaa, marga nyaata beeyladaafi xaawulaaf oolaa jiraachuu, Tekinooloojiiwwan bishaan cimmisuun hawaasni haroo maatii fi hawaasaa qopheeffachuun hojii misooma qonnaa itti gaggeessuu eegaluufi walumaa galatti madaallii uumamaa eeguun haalli mijataan jiruufi jireenya lubbu-qabeeyyii hundaaf akka uumamu ta'uu ibsaniiru.

Bara 2017 kanattis hojii suluulota maqeessuu GPS/GISn hojjetameen suluulota 6465 qabnu keessaa suluulonni 5660 (codified) kan ta’an yoo ta’u, kanneen hafan xumuruufis hojjetamaa jiraachuu Obbo Geetuun heeraniiru.

Karoora hojii Fiizikaalaa bona bara 2017tiinis hojiiwwan: sululoota 6465 keessatti lafa hektaara 3,232,500 misoomsuu, Daagaa gosa adda addaa km 1,247,929, Istiraakcheroota bishaan yaasan meetirkubbii 3,221,499, Istraakcheroota bishaan qusatan lakkoofsaan 16,734,317, Hallayyaa hidhuu gaabiyooniifi Dhagaan Meetirkubbii 853,265, Hasllayyaa hidhuu mukaan LM 1,665,927, Lafa tuttuqqaa irraa dhorkuu hektaara 698,230, Dagaa adda addaa suphuun haaromsuu km 261,837, Uummata hirmaatu 9,828,130 hojjechuuf karoorfamuu Obbo Geetuun ibsanii jiru.

Hojii misooma suluulaa Bona bara 2017 tti hojjetamuuf karoorfame kana milkeessuuf leenjii sadarkaa Aaanaafi Gandaatti kan kenname yoo ta’u, yeroo ammaas leenjiin sosochii Qabeenya uumamaa marsaa lamaan ogeeyyii sadarkaan jiran 2400f guyyoota 8tiif kennamu guyyaa har’aa eegaluufi leenjitoonni beekumsaafi muuxannoo qaban gabbifachuun bara kanas hojii boonsaafi seena qabeessa ta'e akka hojjetamuuf gahee isaanii akka bahatan Obbo Geetuun dhaamaniiru.

  !Pireezdaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad daawwannaa hojiif Finfinnee galaniiru.Daandii nagaatu gaarummaafi bad...
11/01/2025

!

Pireezdaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad daawwannaa hojiif Finfinnee galaniiru.

Daandii nagaatu gaarummaafi badhaadhina baata. Baga daandii nagaa filattanii Itoophiyaa biyya miidhagduu dhuftan jenna!

Birbirsa gooroo finfinnee 🇪🇹💚👌
11/01/2025

Birbirsa gooroo finfinnee 🇪🇹💚👌

Diroonii Magaalaa FinfinneeHaala Nageenyaa To’achuuf Dirooniiwwan Akka Bobbaafaman EerameHumni Waloo Nageenyaa, haala na...
11/01/2025

Diroonii Magaalaa Finfinnee

Haala Nageenyaa To’achuuf Dirooniiwwan Akka Bobbaafaman Eerame

Humni Waloo Nageenyaa, haala nageenyaa Magaalaa Finfinnee fi Naannawaa ishee gamaaggamuun kallattii fuulduree kaa’uun ibsameera.

Waltajjicharratti Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabremikaa’eel, hojiileen ittisa yakkaa sadarkaa olaanaan hojjetamaa jiraachuu himan.

Yaa’iinsa tiraafikaa fi haala nageenya waliigalaa akkasumaas sagantaalee guguddaa to’achuuf dirooniiwwan kan bobbaafaman ta’uu dubbataniiru.

Nageenyaa fi tasgabbii Magaalaa Finfinnee waaraa taasisuuf humni waloo qindoominaan hojjechuun bu’aalee olaanoon galmaa’uu eeraniiru.

Yeroo ammaas magaalattiitti haalli nageenyaa mijataan kan mul’atu ta’uu kaasanii fuulduratti Ayyaana Cuuphaa fi Yaa’iin Dureewwan Gamtaa Afrikaa nagaan akka xumuramuuf qophiin barbaachisaan taasifamuu dubbataniiru.

Finfinnee Birbirsa gooroo 🇪🇹💚!
10/01/2025

Finfinnee Birbirsa gooroo 🇪🇹💚!

Kaantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Boolee Arraabsaatti Buufata qulqulleessa dhangala’aa guyyaan Bish...
10/01/2025

Kaantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Boolee Arraabsaatti Buufata qulqulleessa dhangala’aa guyyaan Bishaan Liitira miiliyoona 30 qulqulleessuu danda’u eebbisiisuun tajaajila eegalchiisaniiru.

Piroojektiin kun magaalichaatti dhanga’aa guyyaan qulqullaa’u Meetir Kiyuubii Kuma 48 ture gara Meetir Kiyuubii kuma 200 fi kuma 33tti kan guddisu ta’uu eeraniiru.

Jiraattoota kuma 200 fi kuma 40 ol fayyadamoo kan taasiisu ta’uu Aadde Adaanech fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

አዲስ አበባ በውሃ ተጥለቀለች፦ውሃ እና ንፅህና አብረው ይመጣሉ!ከተማዋ ንፁህ ውሃ ለመጠጣት ብቻ ሳይሆን፣ በንፁህ ውሃ ለመታጠብ ተዘጋጅታለች! ከንቲባ ወ/ሮ አዳነች አቤቤ በቀን 30 ሚሊዮን ...
10/01/2025

አዲስ አበባ በውሃ ተጥለቀለች፦ውሃ እና ንፅህና አብረው ይመጣሉ!

ከተማዋ ንፁህ ውሃ ለመጠጣት ብቻ ሳይሆን፣ በንፁህ ውሃ ለመታጠብ ተዘጋጅታለች! ከንቲባ ወ/ሮ አዳነች አቤቤ በቀን 30 ሚሊዮን ሊትር ፍሳሽ የማጣራት አቅም ያለውን የቦሌ አራብሳ ዘመናዊ የፍሳሽ ማጣሪያ ጣቢያን በመክፈት ከተማዋን ለአዲስ ምዕራፍ ከፍተዋል።

ይህ ማለት አዲስ አበባ በቀን 48ሺህ ሜትር ኩብ የውሃ ማጣራት አቅም ከነበራት፣ በአዲሱ መንግስት መምጣት በ5 አመት ውስጥ ይህ አቅም ወደ 233ሺህ ሜትር ኩብ በመጨመር ከተማዋ በንፁህ ውሃ ለመታጠብ በቂ አቅም ፈጥሯል።

Kantiibaa Aadde Adanech Abiebie- አዳነች አቤቤ   Pirezedaantii Garee Baankii Daldalaa fi Misoomaa Afrikaa  Obbo Adimaasuu Taa...
10/01/2025

Kantiibaa Aadde Adanech Abiebie- አዳነች አቤቤ Pirezedaantii Garee Baankii Daldalaa fi Misoomaa Afrikaa Obbo Adimaasuu Taaddasaa waliin dhimmoota waliin hojjatamu irraatti guyyaa hardhaa mari'aataniiru.

 ‼️Muummichi ministeera Itiyoophiyaa kabajamoo Dr.Abiy Ahmed Ali  badhaafama misooma magaalota Idila addunyaa jedhamuun ...
10/01/2025

‼️

Muummichi ministeera Itiyoophiyaa kabajamoo Dr.Abiy Ahmed Ali badhaafama misooma magaalota Idila addunyaa jedhamuun ammas irra deebin wal-tajjii idila addunyaa fuula duratti maqaa biyyattii ol qabaniiru.

Guddinna saffisaa magaalota biyyattii keessumaa magaalaa finfinnee keessatti argamsiisaniin sadarkaa Idila Addunyaatti badhaasa warqii goonfachuun ummata Itiyoophiyaa fi mootummaa Itiyoophiyaa isaaniin hoogganamaa jirutti maqaa jiranii jiru.

Growth Urban Development (GUD) akkam ibsetti bulchaan Itiyoophiyaa imaaammata magaalomsuu fi magaalota jiran hammayyoomsu irratti xiyyeeffannoo kennanii hojii milkaa'a sababa hojjataniif sadarkaa Addunyaatti dursaa ta'uun filatamuu ibseera.

Baga waaqni si milkeesse kana olis Abbichuun akka hojjatu abdii guddaa irraa qabna.

Dhabbanni Qorannoo Hawaa Awurooppaa taatee eda galgalaa ibse.Dhaabbanni Qorannoo Hawaa Awurooppaa taatee eda Samii Itoop...
10/01/2025

Dhabbanni Qorannoo Hawaa Awurooppaa taatee eda galgalaa ibse.

Dhaabbanni Qorannoo Hawaa Awurooppaa taatee eda Samii Itoophiyaa irratt mullate irratti ibsa kenne.

Dhaabbatichi taateen Itiyoophiyaa keessatti mudate caccabaa hawaa namtolchee deebi'ee hemisfeera lafaa seene ta'uu ibseera.

Dhaabbati kun itti dabaluudhaan ciccitiinsi kun ShiJian-19 Chaayinaa ta'uu akka danda'u tilmaameera.

  !Waantonni biyya lafaa kana irratti mul'achaa jiran baay'ee yaaddeessaa ta'aa dhufaniiru. Godina Gujii aanoota tokko t...
09/01/2025

!

Waantonni biyya lafaa kana irratti mul'achaa jiran baay'ee yaaddeessaa ta'aa dhufaniiru. Godina Gujii aanoota tokko tokko keessatti galgala kana haala armaan gadii kanaam samii gubbatti muldhachuun ibsameera. Gama biraan ammoo abiddi samii irraa roobaa jira kan jedhamutu odeeffamaa jira!

Yaa ilma Namaa rabbiin araara kadhadhaa!
Yaa rabbi Dandeetii teetin nuuf araarami!

08/01/2025

Oromoon ammatti tokkummaan biyya ijaaruu qaba malee, biyya diiguun fafa !.

Qeerroon ejjennoo isaa cimsee jira. Mootummaa isaa waliin dhaabbachuu murteessee jira. MM Dr Abiy Ahmed Ali  waliin badh...
08/01/2025

Qeerroon ejjennoo isaa cimsee jira. Mootummaa isaa waliin dhaabbachuu murteessee jira. MM Dr Abiy Ahmed Ali waliin badhaadhinni itti fufa.

Address

Finfinnee
Adama
WWW.TOOSH.COM

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Toosh Tarree Page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Toosh Tarree Page:

Videos

Share