Marti Communication

Marti Communication Odeeffannoo kennuu fi bulchuun, hawaasa odeeffannoon badhaadhe uumuuf hojjanna!

25/06/2024
25/06/2024

Golli Oromiyaa hunduu misoomaaf!

25/06/2024

Tajaajilli Lammummaa misooma utubee dinagdee biyyaa ijaara!
---
Addunyaa amma keessa jirru keessatti misooma mirkaneessuuf humna uummataa fayyadamuun baratamaa dhufeera. Keessumattuu, biyyoota guddataa jiran fedhiifi baasii misoomaa isaanii bajata mootummaa qofaan uwwisuun hin danda'amne keessatti humna uummataa qindeessuun fayyadamuun bu'aa galmeessisaa jiru.

Biyyi keenyas yeroo dheeraaf fedhii misoomaa uummanni qabu guutuuf bajata mootummaa fi deeggarsa qaamota deeggartootaa adda addaa irratti xiyyeeffatamee hojjetamaa tureera. Kunis, misooma ariifataafi ittifufinsa qabu akkasumas fedhii misoomaa uummanni Itoophiyaa qabu guutuun hiyyummaa dhabamsiisuu hin dandeenye.

Jijjiiramni biyya keenyatti dhufeefi fedhiin uummataa jiru garuu haala baratamee kanaan deemuun addunyaa waliin dorgomuun akka hin danda'amne waan mirkaneesseef humna uummataa qindeessuun itti fayyadamuun dirqama ta'ee argameera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas humna uummataa fayyadamuun hawaasummaafi dinagdee uummatichaa cimsuuf humnoota waloo duudhaa Oromummaa bu'uura godhatan labsiiwwan raggaasisuun hojiirra oolchaa jira.

Kaayyoon isaas gama tokkoon tarkaanfii duudhaa keenya ganamaatti deebi'uu jedhuun duudhaawwan gaggaarii tokkummaafi hawaasummaa uummata Oromoo jabeessanii tursiisan cimsuu yoo ta'u gama biraatiin aadaafi duudhaa kana humna dinagdeetiif oolchuun badhaadhina milkeessuuf itti fayyadamuudha.

Galma kana milkeessuuf ammoo duudhaawwan ganama turan garuu suuta suuta sababa adda addaatiin laafaa dhufan deebisanii cimsuun akka humna misoomaafi bu'uura hawaasummaa cimaatti itti fayyadamuuf mootummaan ejjennoo qabatee hojjetaa jira; bu'aan ajaa'ibsiisaanis argamaa jira.

Walbira dhaabbachuufi walutubuun yeroo rakkoo waldabarsuu, kan daare uffisuu, kan dheebote dheebuu baasuu, kan kufe kaasuun uummata Oromoo biratti duudhaa hundee cimaa qabudha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas duudhaa kana deebisee cimsuufi faayidaa dinagdeef oolchuuf uummanni beekumsa, qabeenyaafi humna isaatiin akka walbira dhaabbatuufi biyya isaa ijaaru labsii Tajaajila Lammummaa kan labseef kanumaafi.

Hojiiwwaan gama kanaan Naannicha keessatti hojjetameenis hawaasi bal'aa fayyadamaa taasisuu irra darbee duudhaan Oromoo ganamaa bakkatti akka deebi'uuf agarsiistuu guddaa ta'ee jira.

Gama biraan tajaajilli lammummaa hojiilee misoomaa baajata mootummaatiin qaqqabamuu hin dandeenye hedduu raawwachuun baasi mootummaa birrii biliyoona hedduutti lakka'amu hambisuun misoomaafi guddina biyyaa utubaa jira. Dabalataan aadaafi miirri waliin hojjechuu akka dagaagu taasiseera.

Hojileen sirna kana keessatti hammatamanii hojjetamaa jiranis mana harka qalleeyyii ijaaruu, biqiltuu dhaabuu, manneen barnootaa ijaaruufi suphuu, daa'immanii harka qalleeyyii deggeruu, naannoo qulqulleessuufi dhiiga arjoomuu, biqiltuu dhaabuufi kunuunsuufi kan biroo yoo ta'an hojiileen kunis bonaafi gannatti qoodamuun kan hojjetamanidha.

Walumaa galatti tajaajilli lammummaa duudhaa Oromummaa irratti kan ijaarame hirmaannaa waloon misooma waloo galmaan ga’uuf kan labsame yoo ta'u, hojii eebbifamaa kana irratti hirmaachuunis duudhaa Oromoo tiksuufi misooma waloo mirkaneessuun nurraa eegama.

Facebook:
https://www.facebook.com/oromiabc
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
YouTube:
https://www.youtube.com/
------
TikTok: tiktok.com/
------
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
------
kallachaOromia: https://m.facebook.com

25/06/2024

Hojiin Ashaaraa Magariisaa Naannoof Miidhagina; Dhala Namaaf Wabii Nyaataa Mirkaneessuudha
----
Naannoo misoomsuun biqiloota dhaabanii magariisa taasisuun iddoo jireenyaa hawwataa taasisuun qilleensi gaariin rooba argamsiisee hongee dhabamsiisuun madaala uumamaa mijataa taasisa. Kunis dhala namaa qofaaf osoo hin taane beeyladoota manaafi bineensota bosonaa dabalatee lubbu qabeeyyii hundaaf bakka da`annoofi madda soorataa ta`uun tajaajila.

Biyyi keenya waggoottan 50`n dura uwwisni bosona ishee dhibbantaa 30 irra turuu,boodarra garuu lakkoofsi uummataa dabalaa deemuun fedhii baballifannaa lafa qonnaa, itti fayyadama qoraaniifi bu`aawwan bosonaa dabalaa dhufuu irraan kan ka`e gara dhibbantaa 4tti gadi bu`uu isaa ragaan qorannoo adda addaa ni ibsu.

Rakkoo mancaatii bosonaan wal qabatanii dhufan hojii ashaaraa magariisaan furuuf Itoophiyaan A.L.Atti bara 1994 irraa jalqabee hanga bara 2010tti rakkoo jijjiirama qilleensaa akka addunyaatti qormaata ta`an qolachuuf hojii kunuunsa qabeenya uumamaafi ashaaraa magariisaa irratti sochii adda addaa taasisaa turte.

Itiyoophiyaa keessa biqiltoota gosa gara garaa kuma 6 ol kan soorata, qorichaafi tajaajila adda addaaf oolan ni jiru. Biqiloota kanneen keessas harki 12 kanneen Itiyoophiyaa keessatti malee iddoo biroo hin argamne akka ta’es ni himama.

Hojiin ashaaraa magariisaas miidhagina magariisummaa bira darbuun dhimma wabii nyaataa mirkaneessuu ta`uun bifa inisheetiivii addaan hojjetamaa jira. Jijjiiramaan asitti immoo bara 2011 irra eegalee inisheetiivii misooma ashaaraa magariisaa labsuun xiyyeeffannoo guddaan hojjetamaa jira.

Hojii Ashaaraa magariisaa bara 2011 hanga bara 2015tti hojjetameenis uwwisni bosonaa dhibbantaa 26.3 irra kan ga`e yoo ta`u, A.L.Atti bara 2030tti immoo dhibbantaa 30 irraan ga`uun gara uwwisa isaa jalqabaatti deebisuuf hojjetamaa jira. Bara kanas biqiltuuwwan biliyoona 7.5 akka biyyaatti, Oromiyaatti immoo biliyoona 5.5 qophaa`uun dhaabamaa jiru. Hojii kana keessattis ga`een Oromiyaa olaanaa dha.Kanaaf ummanni akkuma barame hojii ashaaraa magariisaa karoorfamee hojjetamaa jiru milkeessuuf eeggattummaa malee gahee isaa bahachuu qaba.

25/06/2024

Rakkoo keessa taa’uun hooggansa cimaa kennameen waadaan uummataaf galame dhugoomaa jira
----
Mootummaan uummataan uummataaf filame waadaa uummatichaaf gale gochaan dhugoomsaa deema taanaan amanamummaafi fudhatamummaan uummaticha biratti qabu daran dabalaa deema.

Bu’uuruma kanaan Mootummaan Naannoo Oromiyaa waadaa yeroo filannoo uummatichaaf gale hojii qabatamaadhaan dhogoomsuuf halkaniifi guyyaa xiyyeeffannoon hojjechaa jira.

Aadaa siyaasaa biyya kanaatti waadaa galame gochaan agarsiisuu osoo hin ta’in filannoon wayita dhiyaachaa deemu pirojektoota kumaatamaan lakkaa’amaniif dhakaan bu’uraa kaa’ama ture. Aadaa barame kana jijjiiruun mootummaan jijjiiramaan asitti “Kan hin raawwanne waadaa hin gallu waadaa kan galle ammoo hojjennee agarsiisna” ejjennoo jedhuun pirojektoota rakkoo garaa garaatiin harkifataniifi haaraa jalqabaman yeroo qabameefi qulqullina barbaadamuun xumuruun fayyadamummaa uummataa mirkaneessaa jira.

Kun ammoo ilaalchi uummanni dhakaan bu’uraa kaa’amu kan hin raawwatamne ta’uu qabachaa ture jijjiiruun milkaa’ina pirojektootaaf adda durummaan tumsa barabaachisu taasisuu eegaleera. Jijjiiramni ilaalchaa hawaasa bira jiru haala salphaan kan jijjiirame osoo hin ta’iin rakkoo garaa garaa keessa ta’uun hooggansa cimaa kennuun halkaniifi guyyaa hojii hojjetameen argame.

Bara kana qofa pirojektoota buleeyyiifi haaraa kuma 31 ol qarshii biliyoona 110 oliin hojjetamaa jiran keessaa pirojeektota kuma 20 ol qarshii biliyoona 79 oliin hojjetamanii xumuramuun tajaajila ummataaf banaa ta’aniiru. Pirojeektoonni kun bakka rakkoon nageenyaafi qaala’iinsi gabaa jiruutti xumuramanii dheebuu misoomaa hawaasaa baasaa kan jiran ta’uun isaa adda taasisa.

Rakkoowwan nam-tolcheefi uumamaa mudachaa jiran maqsuun haalli mijataa kan uumamu taanaan gaaffiin misooma uummataa duraa duubaan yeroo gabaabaa keessatti deebisaa deemuun badhaadhina qabame yeroo gabaabaa keessatti mirkaneessuun kan danda’amu ta’uu pirojektoonni rakkoo keessa ta’uun xumuraman agarsiistuudha.

Kanaaf uummanni harka tokkoon qaamoolee nageenyaa wajjiin ta’uun nageenya isaaf waardiyaa dhaabbachaa harka tokkoon immoo misooma isaa itti fufsiisuun biyya keenya bu’ura cimaarra kaa’uun dhaloota dhufuuf biyya badhaate dhaalchiisuun gahee isaa gamanumaa bahachuun barbaachisaa dha.

Hojiin Ashaaraa Magariisaa Naannoof  Miidhagina; Dhala Namaaf Wabii Nyaataa MirkaneessuudhaNaannoo misoomsuun biqiloota ...
25/06/2024

Hojiin Ashaaraa Magariisaa Naannoof Miidhagina; Dhala Namaaf Wabii Nyaataa Mirkaneessuudha

Naannoo misoomsuun biqiloota dhaabanii magariisa taasisuun iddoo jireenyaa hawwataa taasisuun qilleensi gaariin rooba argamsiisee hongee dhabamsiisuun madaala uumamaa mijataa taasisa. Kunis dhala namaa qofaaf osoo hin taane beeyladoota manaafi bineensota bosonaa dabalatee lubbu qabeeyyii hundaaf bakka da`annoofi madda soorataa ta`uun tajaajila.

Biyyi keenya waggoottan 50`n dura uwwisni bosona ishee dhibbantaa 30 irra turuu,boodarra garuu lakkoofsi uummataa dabalaa deemuun fedhii baballifannaa lafa qonnaa, itti fayyadama qoraaniifi bu`aawwan bosonaa dabalaa dhufuu irraan kan ka`e gara dhibbantaa 4tti gadi bu`uu isaa ragaan qorannoo adda addaa ni ibsu.

Rakkoo mancaatii bosonaan wal qabatanii dhufan hojii ashaaraa magariisaan furuuf Itoophiyaan A.L.Atti bara 1994 irraa jalqabee hanga bara 2010tti rakkoo jijjiirama qilleensaa akka addunyaatti qormaata ta`an qolachuuf hojii kunuunsa qabeenya uumamaafi ashaaraa magariisaa irratti sochii adda addaa taasisaa turte.

Itiyoophiyaa keessa biqiltoota gosa gara garaa kuma 6 ol kan soorata, qorichaafi tajaajila adda addaaf oolan ni jiru. Biqiloota kanneen keessas harki 12 kanneen Itiyoophiyaa keessatti malee iddoo biroo hin argamne akka ta’es ni himama.

Hojiin ashaaraa magariisaas miidhagina magariisummaa bira darbuun dhimma wabii nyaataa mirkaneessuu ta`uun bifa inisheetiivii addaan hojjetamaa jira. Jijjiiramaan asitti immoo bara 2011 irra eegalee inisheetiivii misooma ashaaraa magariisaa labsuun xiyyeeffannoo guddaan hojjetamaa jira.

Hojii Ashaaraa magariisaa bara 2011 hanga bara 2015tti hojjetameenis uwwisni bosonaa dhibbantaa 26.3 irra kan ga`e yoo ta`u, A.L.Atti bara 2030tti immoo dhibbantaa 30 irraan ga`uun gara uwwisa isaa jalqabaatti deebisuuf hojjetamaa jira. Bara kanas biqiltuuwwan biliyoona 7.5 akka biyyaatti, Oromiyaatti immoo biliyoona 5.5 qophaa`uun dhaabamaa jiru. Hojii kana keessattis ga`een Oromiyaa olaanaa dha.Kanaaf ummanni akkuma barame hojii ashaaraa magariisaa karoorfamee hojjetamaa jiru milkeessuuf eeggattummaa malee gahee isaa bahachuu qaba.

   .
23/06/2024



.

23/06/2024
We Ethiopian are ready for improving our own record.
23/06/2024

We Ethiopian are ready for improving our own record.

23/06/2024
23/06/2024
23/06/2024
23/06/2024
23/06/2024
Bulchiinsi Magaalaa Golagoota fedhii hawaasa magaalichaa guutuuf sarara humna ibsaa bifa haaran haaromsuun, tajaajilaa k...
23/06/2024

Bulchiinsi Magaalaa Golagoota fedhii hawaasa magaalichaa guutuuf sarara humna ibsaa bifa haaran haaromsuun, tajaajilaa kenna kan jiru ta'uusaa bulchiinsi Magaalichaa beeksise.
**16/10/2016(MCO)~Godina Arsii Aanaa Martii Bulchiinsi Magaalaa Gola Gootaa fedhii hawaasa magalichaa fi rakkoolee bulchiinsa gaarii hawaasa magaalchaa furuuf, sarara ibsaa bifa haaran diriirsuunii fi suphaa gochuun tajajilaa kenna kan jiru ta'uusaa Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Golagootaa obbo Kamaal Gannaa dubbataniiru.fedhii fi dantaa hawaasaa guutuuf,bu'uuraalee misooma magaalichaa kanneen biroofis xiyyeffannoon hojjachaa kan jiran ta'uus himaniiru.hawaasni magaalichaatis hirmaannaa isaanii cimsachuun, Bu'uuraalee misoomaa kunuunffachuu akka qabanis obbo Kamaal dhaamaniiru

23/06/2024

Address

Abomsa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Marti Communication posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Marti Communication:

Videos

Share


Other Digital creator in Abomsa

Show All

You may also like