Dubbii Oromoo

  • Home
  • Dubbii Oromoo

Dubbii Oromoo Dubbii Oromoo. LIKE SHARE COMMENT BILLISUMMAA!

Urgent Assistance Needed for our Brother's (Bariso Kadu) Kidney Failure DearsI am writing to humbly request your support...
28/10/2023

Urgent Assistance Needed for our Brother's (Bariso Kadu) Kidney Failure

Dears

I am writing to humbly request your support and assistance for our brother, Bariso Kedu Godana , who is currently battling kidney failure.

It is with a heavy heart that I share this news with you. Our brother has been diagnosed with a condition that has resulted in the failure of both his kidneys. This debilitating illness has had a significant impact on his overall well-being, as well as his family's emotional and financial stability.

As you can imagine, the cost of medical treatments, medications, dialysis, and potential kidney transplants are exorbitant and beyond our means. In this difficult time, we turn to our compassionate community for help and seek any support that you can offer.
If you are able to assist us, there are several ways you can contribute:
1. Financial Donations: Any monetary contribution, no matter how small, would be greatly appreciated. These funds will go towards our brother's medical expenses and ongoing treatments.
2. Fundraising Efforts: If you have experience organizing fundraisers or events, kindly consider spearheading one to help raise funds for our brother's treatment. Your efforts in gathering our community together will make a profound difference.
3. Spread the Word: Share this message with your friends, family, and colleagues who may be interested in extending their kindness and support. The more people who are aware of our situation, the greater our chances of receiving the assistance we so desperately need.

To facilitate your generous contributions, we have set up a dedicated bank account under my brother's name, CBE:1000581543542; Mustefa Guyyee Ganamoo and Beshir Desseru Kebato]. If you prefer to donate through other means, please do not hesitate to contact us directly at [+251938519477 and +251910628628].

We understand the challenges many of you may also be facing, and we deeply appreciate any assistance you can provide during these trying times. Even a kind word or gesture can uplift our spirits and give us strength as we face this difficult journey.

Please know that your compassion and generosity will help bring us closer to securing the necessary treatment for our brother, giving him the chance to regain his health and live a normal life once again.

On behalf of our entire family, I would like to express our heartfelt gratitude for your care, support, and prayers. Together, as a compassionate community, we can make a difference in the life of someone in need.

Thank you for your kindness and consideration.

With warm regards,

27/09/2023

? Ykn Maal dhibeen dhibee hamaaf nama saaxiluu danda'a!
Dubbisa Gaarii!
Maatii tokkotu turan jedhan. Hantuunni gurmuun itti yaatee rakkiste. Dhuma irra kiyyoo hantuutaa bituuf mari'atan. Ni bitanis.
Yeroo kana hantuunni lukkuu bira deemtee, "Yaa lukkuu waan ta'e kana dhageessee?" jette. "Maal inni?" jedhee gaafate lukkuun. "Sila badne! Mana kanatti kiyyoon hantuutaa bitameera! Nuuf dhumate!" jette. Lukkuunis bitaa itti gallaan, "Kun maal isaatu na ilaallataree? Ani bar hantuuta miti. Kiyyoon bitame kan hantuutaati. Ana maaltu na galche?" jedhe miira aariin. "Haa ta'ukaa!" jette hantuunni.
Sana booda gara hoolaa deemtee waanuma lukkuudhaan jette ittiin jette. Hoolaanis deebiima lukkuu kenneef. "Ana maaltu na galcheree? Maaltu na ilaallata? Kiyyoo hantuutaaf qophaa'eef maaliifan dhiphadha. Ofii keef boo'i malee ana maaltu na galcha?" ittiin jedhe.
Hantuunni itti fuftee booyyee bira immoo deemte. "Kiyyoon hantuutaa mana kanatti akka bitame dhageessee? Bar sila badnee!" ittiin jette. Booyyeen ittumaayyuu itti kolfe. "Maaltu na galcheree? Ani hantuutaa? Kiyyoon hantuutaa maal na godha?" ittiin jedhe.
Dhuma irratti hantuunni sangaa bira deemtee kiyyoon hantuutaa akka bitame itti himte. "Nuuf dhumatee bar!" ittiin jette. Sangaanis, "Ana maaltu na galcheree? Kiyyoon kan hantuutaati. Animmoo hantuuta miti. Ofiif boo'i" ittiin jedhe.
Haala kanaan otoo jiranii kiyyoon sun sagalee dhageessise. Ni iyye. Waa qabuu isaati. Haati manaa hantuutatu qabame jettee fiigdee yoo deemtu kan qabame bofa ture. Bofti lubbuuf wixxisu sun otoo isheen hin argiin koomee ishee hidde. Achumaan dhukkubsatte. Haadha manaa isaa dhukkubsatte waldhaanuuf maallaqa ga'aa kan hin qabne abbaan manaa foon gurguree ittiin ishee waldhaansisuuf booyyee isaa qale. Booyyeen wareegama lubbuu kaffaluuf kan jalqabaa ta'e.
Maallaqa argateen haadha manaa waldhaansise. Ogeessi ishee waldhaanes, "Ittoon lukkuu waan ishee gargaaruuf haa fayyadamtu" ittiin jedhe. Achumaan abbaan manaa sun galee lukkuu s

26/10/2022
12/06/2022

Oromoon qawween moo karaa nagayaatin yoo deeme biyya ufii dhuunfachuu dandaha? Kana irratti namni hirmaachuu barbaaddan inbox nuuf ergaa Live dhan irraa mari'annaa.

Galatoomaa.
Dubbii Oromoo.

01/06/2022

Dubbii Oromoo!!!
Yeroo ormi (diinni) si faarsu ykn deeggarsa siif kennu ati kallattii irraa maqxeerta (isaan deeggarteerta) yaanni jedhu bakka hundatti (yeroo hunda) ni hojjataa?

Namoonni tokko tokko warri jibbaa ofkeessaa qaban dura osoo isa/ishee hin dhageeffatin waan jibbaniif waan madaalawaa irra hin eegan, booda yoo itti siiqanii dhageeffatan deeggaruu danda'u yaada jedhu qabu. Isinoo maal jettu? Yaada keessan ibsadha....

01/06/2022

Dubbii Oromoo!!!
"Dubbiin namaa lubbuu qabdi" jedhe jaarsi biyya keenyaa!!!

BOODA GAABBUURRA HIMUU WAYYA JEDHEETANI QALBEEFFADHAA.
(Abiyyi Ahmad) aangoo isaa tikfaachuuf jecha, ilma namaa miti, Waaqa isa uumetti Eeboo darbata. Kana osoo Hin beekiin Siyaasa Oromoo tarkanfachiisaa Jirra taanaan, hidhamuun keenyas, ajjeefamuun keenyas tumsa badhoof malee qabsoo Oromootti gumaata sumunii Hin ida’u. Wareegamaan dhaadachuun dhaabachuu qaba. Asitti wareegameen Oromoo dammaksa wanti jedhu Sirna Badhoo jalatti Hin dalagu. Badhoon Diina killicha (superior enemy) ta’uu daa’mni Baadiyyaa kessa jirtu sitti himti.
GARA QABXII IJOOTTIN DARBA.
1) Hoggansi Oromoo, Faddaalummaa Amerikaatiin Masaraa Minilik qabachuudhaf shir shir jedhu muddamuu Hin qabu. In fact kan qabsaahamu Masaraa galuufi. Haalli irra jirruu fi Diinni harkaa nu qabu salphaatti nu dandeessisaa? Jennee keessa deebinee of dhaggeeffachuu fi mari’achuu gaafata. Dandii Abiy ittiin Masaraa galeen Badhaasaan ykn futtaasaan Masaraa gala jennee yaadnaan Addababayiitti nyatamna. Galafatamuu keenyaaf itti gaafataman diina miti.
Ambassador fi Senator jechaan warra Abiyyi gateettitti baatanii Masaraa galchani dha. Wayyaanee maqaleetti Nagaan galchuu fi Badhoo Masaraa galchu keessatti gaheen Jara kana lamaanii Maal akka ta’e Lammaa Magarsaa fi Warqinaa gabayyoo gaafadhu.
Prosperity Gospel (church) maal akka ta’eefi Partiin Badhaadhinaa Akkamitti designed ta’e, injinaroonni duuba jiran Senator inhof faa ta’uu mirkaneeffadhu.
Haga har’aatti Abiyyi fi isayyasif mana maree Amerikaa keessatti mudhii hidhatee kan falmuuf Jaarsa kana.
Faddaalummaan jara kanaa dhuguma Badhoo buusuufi moo nu basaasuufi kan jedhu tasgabbiin ilaalamuu qaba.
2) Yaadni qabxii tokkoffaa dhuguma yoo ta’e, Faddaalummaan jara kanaa Badhoo angorraa kasee Masaraa nu galchuuf onneerraa hojjeta yoo ta’e, ammatti Abiyyi irraa kilomeetira kumaataman fagaachuutu filatama. Yoo dandeesse Qe’ee faranjii yoo barbaadde Bosona Oromiyaa. Sababa amansiisaan siif dhiyeessa. Yamamoto fi Inhofe Nayiroobitti dhoksaadhan dubbisuu keessan dhageenyan, Abiyyi mirkaneeffachuudhaaf dhengadda fiigee Naayiroobii dhaqe. Afrikaatti oduun Taarifa qaba. Oduu gurguddaan akkasii Miliyoonaan gurgurama. Daninnatiin keeniyaa Waraabbii Sagalee fi Vidiyoollee miliyoonaan Badhootti gurgurti kana qabadhu.
Wanti kun dhugaa ta’uu keniyaadhaa mirkaneeffatee erga galee booda Guyyaa saafaa Hoosee si gorraha. Abiyyi Humna jara kanaa beeka. Jarri Afrikaa fi Eshiyaa keessatti Mootummaa muuduu fi Buusuun beekamu (king makers dha). Yoo Abiyyi si dhiisellee, Daninnatiin Ertiraa kan finfinnee keessa wasaa oolu kun, Jooniyyaa Dinnichaatiin si ukkamsee Asmaraa si geeffata. Dinnicha jaldu Asmaraatti kan nagadu daninnatoota shabiyaati….Abiyyi kufnaan isayyasis nan rukutama jedhee Waan yaaduf.
3) Yoo qabxii tokkoffaan Sirrii ta’uu baate, Yamamato fi Inhofe, Faddaala Abiyyi buusan fakkaatanii, Basasummaa hojjetuuf jechaadha.
Kana jechaan, Adeemsa fi qophii Masaraa dhunfachuuf taasistu hunda hordofuudhaan 4kilo fi Asmaraatti basaasu. Boodarra erga dubbiin bilchaatee booda wixineen qalmaa dhiyaata. Abiyyi ka’umsa pirogiraamii kanaa gamaggamuuf ergamtoota isaa irraa gabaasa fuudhuu Nayiroobitti gore.

: Bolola muummichummaaf jecha walgannee fiiguun hidaa isaatu guddata. Qalbii fi ragaawwaan intelijensi bitaaf mirgaa ilalaa deemuun dirqama.
4kilo kanas akka Oromootti malee akka partii XYZ yookan akka obboo Jiloo tti seenuun Hidaa guddaadha. Kana Duras akka Oromootti dhistanii akka OPDOtti seenaniitu gadi nagadan.
Qawweedhaan Haga diina madaallutti diriddiri hin dhaqinaa. Qawween haga diina cabsitanitti fiigdanii 4kilo hin seeninaa. Aangoon keessan itituu hin danda’u. Abadan Angoon keessan Hin ititu
Galatoomaa
Walaabu J!!

30/05/2022

Dubbii Oromoo!!!
Fuula FB M irraa!!!
Waraanni Oromiyaa irratti gaggeeffamaa jiru bifa jijjiirratee jira.
PPn taaktikii waraanaa jijjiiruun qonnaan bulaa harka qullaa dirqisiisuun of fuuldura hiriirsuun dirree waraanaatti seenaa jiru. Godinaalee waraanni itti gaggeeffamaa jiru hedduu keessatti hiriirri taaktikii waraana PP akka armaan gadiiti:

1ffaa irra kan hiriiree ibidda waraanaatti seenu qonnaan bulaa (jaarrolee Oromooti). Jaarrolee hedduun ijoollee keenyatti hin duullu waan jedhaniif rashanamanii jiru. Uummanni dirqamaan deemee dirree waraanaatti dhumuu ykn PPn manutti ajjeefti.

2ffaa irra kan hiriiree deemu milishaa Oromiyaati. Isaan kun qawwee qabu.

3ffaa Poolisii humna addaa Oromiyaati. Isaani kunis qawwee qabu.

4ffaa irratti duubaan kan hiriiree waraana seenu Poolisii Federaalaa fi Makkalaakiyaadha.

Egaa haala nama suukkanneessuun uummata qonnaan bulaa harka duwwaa dirqiin yaasanii akka qoraaniitti bobeessaa jiru. Ofii kallattiin loluu sodaatteetu PPn uummata meeshaa godhataa jirti. Kuni seera addunyaa biratti yakka guddaadha. Wanti dheengadda aanaa Habaaboo-Guduruu, Wallaggatti PPn raawwatte nama suukkanneessa.

It is a war crime to use unarmed farmers as cannon fodders in the battlefield.

30/05/2022

Being Kind!!!

If you have a choice between being kind and being right, choose being kind and you will be right every time !!!

Dubbii Oromoo !!!

30/05/2022

Dubbii Oromoo !!!

Oromoon Gameessa Siyaasaa tokkicha qixxee kumaa Kan waggaa muraasa (6) keessatti dachiif samii sochoosisee wayyanee maqaleetti galchisiise kana dhiisii ABO waggaa 50 oliif qabsoo irra jiru irrayyuu abdii hin kutanne! Kan abdii muratu isa nama du'een qixxee jiru qofaadha.

Caamsaa 30/2022
Dubbii Oromoo!!!

29/05/2022

Dubbii Oromoo!!!
Siyaasni biyya keenyaa dantaa ummata bal'aa kan jiddu gala godhate akka hin taane ifaa dha. Haa ta'uu malee gartuuwwan muraasni maqaa Oromoo dhahachaa, duulaa gandummaa, Amantii fi jibba dhuunfaa haala fakkaatuun gameessa siyaasaatti arraba dheeressaa jiru.

Akka Oromootti gochoota akkanaa kana irra yoo of qusattan, Tokkummaa oromootiif gumaacha guddaa dha.
Lakki hin dhaabbannu yoo jettan qabsoo waloon goone gara mana keessanitti galaanii jirtu... Sabni keenyas akka waloon injifannoo hin arganne taasiftu!!!
Xumura irratti "Gameeessi Siyaasaa ilma gandaa fi Amantii tokkoo osoo hin taane ilma sabaati/Biyyaati."

Himaan himee dubbiin abbaaf gala jedha Oromoon!!!
Dubbii Oromoo
Caamsaa 29,2022

05/04/2022

Ramadan Mubarak. Baga ittiin isin gahe. Kan baranaa kan bara hedduu nuuf haa godhu.

26/09/2021
19/07/2021

Gabrummaa mataatti baatanii alagaaf daboo lolaa dhaabachuun fafa!

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Adoolessa 17, 2021

Seenaarraa hubachuun akkuma danda'amutti ilmaan Oromoo hedduun, jagnoonni onneedhaan hin waakkatamne, kan silaa utuu biyya ofii Oromiyaaf lolanii gabrummaatti xumura gochuu danda'an lola isaan hin ilaallanne seenanii lolanii jagnummaa seenaa keessatti kan galata hin qabne agarsiisaniiru. Kanaaf ammoo lolli Adawaa, lolli Baadimmee, lolli Itiyoo-Somaaliyaa fi kkf ragaa guddaadha. Utuu sabni isaanii Oromoo fi biyyi isaanii Oromiyaan hacuuccaafi roorroo alagaa jala jirtuu humna Oromoo gabroomsee Oromiyaa saame waliin lolanii kan hidda gabrummaa Oromoo irratti jabeessan lakkoofsaan himuun hin dandahamu. Kana kan kaasneef seenaa barsiisuuf utuu hin taane, gochi akkasii ammas deebi'ee mana Oromoo waan seeneef Dhaloonni qubee seenaa darbe irraa baratee kan har’a keessa jiru xiinxalee kan boruuf akka seenaa hojjetuuf.

Akkuma hunduu quba qabu Sadaasa 4/2020 lolli Kaaba Itoophiyaa naannoo Tigiraay keessatti erga eegalee amma baatiin saddeet dhumaa jira. Lola kana keessatti humni Ertiraa, Somaaliyaa, kan Naannolee kaaniifi Gamtaan Emireetota Arabaas deeggarsa meeshaan qooda irraa fudhatanii akka turan gabaafamaa tureera. Lolli baatii saddeetiif ture kun lolichi eegalee guyyaa 15 keessatti PPn injifannoo labsatus, akka jedhametti lolichi xumuramee injifannoon hin argamne. Baatii 8 booda humni TPLF kan 'daakuu ta'eera' jedhame deebi'ee Maqalee to'atee bakkoota kaan kanneen to'annoo Naannoo Amaaraa jala galanii turan ofitti deebisuuf sochii lolaa itti fufee jira . Lola kana keessatti miidhaan guddaan akka qaqqabee fi ammas qaqqabaa jiru yakkootni duguuginsa Sanyii akka raawwatamuu hin hafne addunyaa guutuun sarbama Mirga Namoomaa cabuuf waakkataa lolichi akka dhaabbatuuf humni waraanaa naannoo Tigiraay keessatti duguuggaa raawwatu hatattamaan daangaa Tigiraay lakkisee akka bahuu qabus biyyootni Addunyaa waamicha gochaa turan ammas itti jiru.

Murni Abbaa Irree Abiyyiin durfamu kan ilmaan Oromoo Oromiyaa keessatti dabalatee saba Tigiraay irratti afaan Qawween duguuggaa Sanyii raawwatu ammas bifa haaraatiin lola moo’achuu hin dandeenyetti bifa addaan lola Mootummaan Naannoo Amaaraa fi Mootummaa naannoo Tigiraay lola fakkeessuun lolichi akka itti fufu godhee jira. Lolli kun naannolee lamaan kana gidduu qofatti kan geggeeffamu utuu hin taane, Raayyaan Ittisa Biyyaa kan aangoo PP qofaaf jiraatus irratti hirmaataa akka jiru beekamaadha. Hundaa ol kan nama gaddisiisu garuu naannoleen biyyattii keessa jiran akka naannoo Amaaraa waliin ta'uun lola kanarraa qooda fudhatan affeerraan taasifamee itti deemamaa jira. Kun heera biyyaa kan faallessu, waliin jireenya sabootaa yaaddoo keessa kan galchu, gaaga'ama siyaasaafi qisaasama dinagdee biyyattiif kan guddoo yaaddessudha.

Lolli yeroo ammaa naannoo Tigiraay irratti gaggeeffamu duula daangaa babal’ifannaaf Warri Abashaa gochaa turan ammas godhan malee olaantummaa seeraa kabachiisuuf lola taasifamu akka hin taane ilmaan Oromoo hubachuun lola kana irraas hatattamaan bahuu qabu jenna.

Akkuma ammaan dura karaa Activistoota Warra Amaaraa fi hoggantoota siyaasaa Amaaraa lola Tigiraay booda Oromiyaa diiguu tti ykn dhabamsiisuutti deebina jechaa turan ammas bakka ilmaan Oromoo qaroon ajjeefamaa hoggantootni siyaasaa fi hayyootni Oromoo hidhamanii achi buuteen isaanii dhabamee jirutti ilmaan Oromoo kamuu mirga ilmaan saba isaaf qabsaahuun nageenya lammiilee Oromiyaa mirkaneessuu kan qabu malee lola daangaa tokko irraa saba Tigiraay buqqisaa saba Amaaraaf kennuuf godhamu irraa dhaabbachuu qabu.

Akkuma olitti tuquuf yaalle, lolli Impaayerri Itoophiyaa baroota darban yeroo adda addaatti geggeessaa turte hedduunsaa kan Oromoo hin ilaallanne ta'us, ilmaan Oromoo dirqamaniis ta'u fedhii isaaniitiin lolicha irraa qooda fudhatanii wareegama hin barbaachifne kaffalaniiru. Qaama Oromoo gabroomsee Oromiyaa dhuunfate waliin hiriiranii lolaa turuun ilmaan Oromoo seenaa keessatti seenaa gurraacha baay'ee nama jibbisiisudha. Akka fakkeenyaatti kaasuudhaaf, yeroo Minilik Oromootti duulee Oromoo cabsu ilmaan Oromoo kanneen akka Goobanaa Daacceefaa Minilik waliin ta'uun Oromoo cabsanii gabrummaa jalatti kuffiisan. Yeroo Hayile Sillaaseen Oromootti duulee waraana Waaqoo Guutuufaa rukkutu ilmaan Oromoo kanneen akka Jaagamaa Keelloofaa Hayile Sillaasee tumsanii waraana Waaqoo rukkutaniiru. Amma seenaa kana irra deebi'uudhaan ilmaan Oromoo leellistoota sirna mootota darbanii waliin ta'uudhaan lola biyyattii keessatti geggeeffamaa jirurraa wayita qooda fudhatan argama kun immoo seenaa darbe barachuu dadhabuu fi ergamtuu Abbaa Irree tahanii tajaajiluudha.

Poolisoonni maqaa Humna Addaa Oromiyaatiin ijaaraman lola Mootummaa Naannoo Amaaraafi Tigiraay gidduutti geggeeffamu irratti gama Mootummaa Naannoo Amaaraa hiriiranii qooda fudhachuuf bobba'uun isaanii seenaa qabsoo Oromoo fi waliigalatti seenaa cabiinsa Oromoo wallaaluu irraati jennee Nuyi Qeerroon Bilisummaa Oromoo amanna. Lola biyya tokko keessatti geggeeffamu, kan naannoleen lamaan lafaafi ilaalcha siyaasaa irratti wal dhaban tumsuudhaaf lola ilma Oromoo kamiyyu hin ilaallanne irratti hirmaachuuf bobba'uun qaanii guddaa poolisoota Oromiyaa kanatti dhaga'amuu qabudha.

Lolichi lola daangaa babal'ifannoo naannoleen lamaan geggeessanidha malee lola qaama biroo ilaallatu miti. Garuummoo lolicha lola sabootaa gochuudhaaf yaadamee poolisoota naannolee gara sanatti bobbaasaa kan jiran ta'uun hubatamuu qaba.

Lolli biyyattii keessatti geggeeffamaa jiru kun gaaga'ama siyaasaarraa kan madde lola mariifi waliigaltee malee tasumaa waraanaan xumuramuu hin dandeenyedha. Kana hubachuudhaan yeroo adda addaatti ilmaan Oromoo poolisiifi Raayyaa Ittisa Biyyaa keessa jiraniif gara mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromootti akka dhufan waamichi taasifamaafii tureera. Kanneen waamicha kana hin dhageenye qawwee harkaa qaban gara qabsaa'ota Oromootti garagalchanii nama hidhaa, doorsisaa, ajjeesaa,qe’ee fi qabeenya Oromoo mancaasaa turan/jiru. Gariin immoo utuu waamichi isaaniif taasifamuu lola hin barbaachifne, kan wareegama lubbuu kennuu qofa malee seenaa hin qabne irraa qooda fudhachuuf bobba'aa jiru.

Gabaabaatti waan hubachiisuu barbaannu, ammas poolisoonni lola kaaba Itoophiyaatti geggeeffamaa jirurraa hirmaachuuf bobba'an murtoo dabaa kana itti yaadanii akka keessa deebi'anii ilaalaniifi waan bu'aa hin qabneef du'a saree akka hin duune hubachiifna. Utuu uummanni isaanii gabrummaa jala jiruu bakka hin malletti lubbuu isaanii dhabuurra Qabsoo Oromoo galma geesisuuf kanneen qabsootti cichaa jiran waliin saba Oromoo fi lammiilee Oromiyaa bilisa baasuuf waliin hiriiranii akka diina lolan maatiifi hiriyyoonni poolisoota duula isaan Hin ilaallannee fi kanneen Oromiyaa keessatti ilmaan isaaniitti garbummaa dheeressuuf gara ummataatti meeshaa dhukaasanis ummata irraa gara Abbaa irreetti akka naanneeffatanii Qabsaa’ota qabsoo haqaa waliin akka Oromiyaaf lolan maatiin Ilmaan isaa Poolisoota tahan waamicha akka isaaniif godhu hubachiifna.

Lolli Tigiraayitti eegale kun ka'umsi isaa Oromiyaa keessa ture. Ammas lolichi kaaba biyyattiitti kan xumuramu utuu hin taane, gara Oromiyaattis dhangala'uu waan danda'uuf ilmaan Oromoo jabeessanii of ijaaruudhaan humna waraanaa isaanii kan uummata isaanii bilisoomsanii biyya walaba kan gammachuudhaan keessa jiraatan ijaaruuf qabsootti jiran tumsuufi waliin hiriiruun fardii/dirqama akka ta'e beekuun barbaachisaadha. Poolisiin Oromiyaa kan bakka hin malletti ajjeefamuuf deemu kunis booda gaabbiidhaan quba of nyaachuurra gara uummata isaanii dhaabbatanii balaa as deemu qolachuuf utuu qophaa'anii filatamaadha jenna.

Dhumarratti, rakkoo siyaasaa biyya kanaa furuudhaaf qaamni dhimmi ilaalu akka fala kaa'u yaadamee, yaadonni furmaataa yeroo adda addaatti dhiyaataa turanis qaama biyyan bulcha ofiin jedhuun fudhatama waan dhabeef, rakkoon nageenyaafi goolamni siyaasaa kun akkuma Tigiraayitti mudate Oromiyaatti mudatee nagaa sabootaa akka hin jeeqneef Addi Bilisummaa Oromoo lammiilee Oromiyaatiif Mootummaa Ce'umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa ijaaruun dirqama akka ta'e amanee labsuun ni yaadatama. KFOnis yaada kana fudhatee deeggarsa kennuun beekamaadha.

Kanaafuu, lammiileen Oromiyaa nagaa kan argatan yoo mootummaa mataa isaanii ijaarratan waan ta'eef, lammiileen Oromiyaa caasaa bulchiinsa MCBNO'tti makamanii akka hojjetan waamicha keenya taasifna.

Injifannoon Ummata Oromoof!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Adoolessa 17/2021
Finfinnee, Oromiyaa

18/06/2021
18/06/2021

Dubbii Oromoo: Kun filannoo mitii Garbichaa Amara mootii 7ffaa yalarranii

17/06/2021

Filanoo dharaa kanaa irratii tankarfii akkamii fudhatuu qabaa oromoon?

17/06/2021
17/06/2021

Dubbii Oromoo: Diini Oromoo 1ffaan Gobana mo alaagaa

16/06/2021

Dubbii Oromoo: Siyaasa Afaan Damma Hojii Duwwaa akkamitii beekaan?

11/06/2021

Dubbii Oromoo: Miidiyoonii Oromoo haasawaa tokkummaa walaba godha jiruu?

10/06/2021

Dubbii Oromoo: Kadhanee kadhanee adunyaan siyaasa Oromoo ma kabjuu didee?

09/06/2021

Dubbii Oromoo: Abiyi’s behind is on the USA‘s time bomb if he does not comply.

08/06/2021

Dubbii Oromoo: Garboonii Amaraa waan oromoo midhanifii Amarii ebbissaa olee.

05/06/2021

Dubbii Oromoo: Gobanonii Yeroo Filanoo Ma Siddaa Ijartii?

04/06/2021

Dubbii Oromoo: Ethiopia filled up with fake leaders

03/06/2021

Dubbii Oromoo: Tokkummaa Oromoo

02/06/2021

Dubbii Oromoo: Abiyi Ahamed says, "I would rather die than hand over power"

28/05/2021

Dubbii Oromoo: Jijjiiramii dhufarra. OPDO harawwaan Ityoopia ijaara mo oromiyaa billisoomsinnaa?

26/05/2021

Dubbii Oromoo: USA senator Jim Inhofe and Prime Minister of Ethiopia two fools.

25/05/2021

Dubbii Oromoo: Ameerikaan garbicha Amara visa fi $$$$$ malaqaa irra murtee.

Address


Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dubbii Oromoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Dubbii Oromoo:

Videos

Shortcuts

  • Address
  • Alerts
  • Contact The Business
  • Videos
  • Claim ownership or report listing
  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share