04/03/2024
Tokkummaa sabdaneessi, ijaarsa mootummaa biyyoolessaa itti fufiinsa qabuuf!!!
Kaayyoon sagantaa siyaasaa Paartii Badhaadhinaa mootummaa cimaa fi fudhatama qabu, eenyummaa sabaa fi tokkummaa biyyoolessaa cimaa ta'e fulla'iinsan ijaarudha.
Itoophiyaa federaalawaa fi dimokitawaa taate, fedhiin misoomaa keessatti mirkanaa'e, bilisummaa fi wal qixxummaan itti dagaage, mirgi namommaa, dimokiraasii fi tokkummaa sabdaneessi guutummaan keessatti kabajamee bu'ura cimaarra dhaabuf lammiileen hundi tumsa irraa eegamu bahachuu qabu.
Galmi siyaasaa Paartii Badhaadhinaas mootummaa biyyaalessaa bu'ura cimaa irratti ijaarame gadi dhaabuf waliigaltee biyyoolessaa uumuu, sirna dimokiraasii bu'ura dhaabbilee fi aadaa uummataa irratti hundaa'e ijaaruu, akkasuma nagaa waaraa fi fulla'iinsa qabu mirkaneessudha.