Waziife kadir

  • Home
  • Waziife kadir

Waziife kadir Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Waziife kadir, Digital creator, .

   ===Waamicha Muummicha Ministeera doktar Abiyyi Ahimad sosochii "daandii qulqulluu-Jireenya Fayyaalessaaf "dabarsanitt...
02/05/2024


===
Waamicha Muummicha Ministeera doktar Abiyyi Ahimad sosochii "daandii qulqulluu-Jireenya Fayyaalessaaf "dabarsanitti makamneerra.

Bulchaa ittaanaa Aanaa Limmuu Kossaa Obbo Bustaan Yaasin duula Itoophiyaa qulqulluu uumuutti makataniiru. Waamicha Abbic...
30/04/2024

Bulchaa ittaanaa Aanaa Limmuu Kossaa Obbo Bustaan Yaasin duula Itoophiyaa qulqulluu uumuutti makataniiru. Waamicha Abbichuu dafanii owwaachuun hiikoo guddaa qaba.
Galatoomaa!!
Warri haftanis waan humna keessaniin duula "Itoophiyaa qulqulluu" uumuutti makadhaa. 👇

CBE : 1000623230248 🇪🇹

Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Aanaa Limmuu Kossaa Obbo Gazzuu Dhugumaa duula Itoophiyaa qulqulluu ...
30/04/2024

Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Aanaa Limmuu Kossaa Obbo Gazzuu Dhugumaa duula Itoophiyaa qulqulluu uumuutti makataniiru. Waamicha Abbichuu dafanii owwaachuun hiikoo guddaa qaba.
Galatoomaa!!
Warri haftanis waan humna keessaniin duula "Itoophiyaa qulqulluu" uumuutti makadhaa. 👇

CBE : 1000623230248 🇪🇹

Bulchaa Bulchiinsa Aanaa Limmuu Kossaa Obbo Musxafaa Shariif  sosochii “Itoophiyaa Qulqulluu” ilaalchisuun akka biyyaatt...
30/04/2024

Bulchaa Bulchiinsa Aanaa Limmuu Kossaa Obbo Musxafaa Shariif sosochii “Itoophiyaa Qulqulluu” ilaalchisuun akka biyyaatti Teletoonii dijitaalawaa eegalamerratti hirmaatan. Waamicha Abbichuu dafanii owwaachuun deeggarsaan olitti hiikoo guddaa qaba.
Galatoomaa!

Warri haftanis waan humna keessaniin duula "Daandii qulqulluu- Jireenya fayyaa" jechuun muummeen Ministiraa Dr.Abiy Ahmed labsanitti makadhaa.

Baankii Daldala Itoophiyaa : 1000623230248

22/04/2024

Lafti Har'a Qonnee Sanyiin Facaafnu Dilbii Boruuti!
--------
Hojii Qonnaa ammayyeessuun oomishaafi oomishtummaa dabaluun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu bira darbee imala badhaadhina akka biyyaatti eegalamee jiru milkeessuu keessatti shoora olaanaa qaba.

Sektarri qonnaa dinagdee biyya keenyaatiif lafee dugdaafi isa bu'uuraati. Sirni qonnaa biyya keenyaa ammoo waggoota dheeraaf mala qonnaa aadaa irratti hirkatee kan turedha. Oomishtummaan argamaa tures harkaa gara afaaniirra darbaa hin turre. Kana jijjiiruun bu'aa qonnarraa argamu guddisuuf mala qonnaa keenya jijjiiruuf xiyyeeffannoon kennameera.

Kana keessaa tokko jallisii bonaati. Laftiifi bishaan oomishaaf oolu jiraatus aadaan jallisii ammayyaa fayyadamuu waan hin turreef qonni keenya rooba irratti kan rarra'e ture. Misoomni jallisii oomishaafi oomishtummaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuu bira darbee oomisha alaa galaa ture kan biyya keessaan bakka buusuun eegalamee jira. Qonna jallisii mataa isaa teknoloojii qonnaan deeggaramuun bu'aa qabeessummaa isaa dabaluuf xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaadha.

Waggoota jijjiirama darban keessa qonna ammayyeessuuf hojiin makanaayizeeshinii qonnaarratti hojjetamaa jiru jijjiirama guddaa argamsiisaa waan jiruuf cimsanii itti fufsiisuufi damicha rog-daneessa taasisuun murteessaadha.

Hojiin makanaayizeeshinii qonnaa hojii hubannoo fayyadamtootaa guddisuufi fayyadamummaa isaa dabaluu waan ta'eef keessumattuu hubannoo qonnaan bulaa dabaluufi hirmaannaa qooda fudhattootaa babal'isuun cimee itti fufa.

Gama biraan dhiyeessii galteewwan qonnaafi ittifayyadama isaa irratti qorannoo irratti hundaa'uun yeroo gara yerootti akka guddatu taasisuun danda'ameera. Kunis, bu'aa qabeessummaa qonnaa dabaluun dinagdee biyya keenyaa utuba.

Kanaafuu, oomisha qonnaa duraan waggaatti yeroo tokko qofa ture yeroo lamaafi isaa ol taasisuu, qonna keenya hirkattummaa roobaa jalaa baasuu, makaanaayizeeshinii qonnaa dabalaa deemuu, dhiyeessiifi ittifayyadama galteewwan qonnaa guddisuu, hubannnoo qonnaan bultootaafi hirmaannaa qaamota dhimmamtoota qonnaa guddisuun akkasumas walitti hidhaminsa gabaa uumuun fayyadamummaa qonnaan bulaa/horsiisee bulaa guddisuu irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.
Hojii hojjetamaa jiruunis bu'aan jajjabeessaan argamaa jira.

Naannoo Oromiyaatti milkaa'in argamaa jiru caalmaatti guddisuufis yeroo ammaa qonnaa Arfaasaa fi qophii qonna Gannaa irratti hojjetamaa jira.

Facebook:
https://www.facebook.com/oromiabc
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
YouTube: https://www.youtube.com/results...
------
TikTok: tiktok.com/
------
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
------
kallachaOromia: https://m.facebook.com

Address


Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waziife kadir posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

  • Address
  • Alerts
  • Claim ownership or report listing
  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share