18/04/2024
Madda Injifannoo Waraana Riphee-lolaatii fi Mooyatamuu Taakkiyyaa Ajjeechaa
Seenaa biyyoota adda addaa keessatti ummanni cunqurfamaan waraana riphee lolaatiin uf-ijaaree mootummoota abbootii-irree mooyachuun tarsimoo waraanaa keessatti boqonnaa haarawa saaqee jira. Maadheen hoodeen gaadduu riphee-lolaa (foco centre) suuta suuta galaana ummataa sochooftee raayyaa waraanaa guddichaa fi mootummaa hanga funyaanitti hidhate mooyachuu akka dandeettu seenaan ragaadha. Seenaa ummata Kuubaa, chinaa, Vetnam, Aljeriyaa, kkf… dhugama kana dhawwaaqa.
Humniti xiqqoon riphee-lolaa maaliif humna guddaa akka arbaa mooyatti? Humniti riphee-lolaa eessaa madda?
Garaagarummaa raayyaa cunqursaa fi humna warraaqaa riphee-lolaa garaagarummaa dhukaa fi lafeetiin walfakkaata. Raayyaan gabroomfataan sabaa fi biyya ajjeesu qoraan lafeetiin walfakkaata. Qoraan lafee irbaata ibiddaaf qophaayee guyyaa itti gubatu eeggatu. Raayyaan boodessaa fi cunqursaan guddinna haa qabaatu malee kaayoo sabaa fi biyyaa hin qabu. Mootummaan cunqursaan raayyaa kumaa kitilaan lakkaawamu leenjisee bobbaasa; dilbii fi tuulaa diinaggee qaba; loogistikaa fi kuusaa meeshaa waraanaa qaba; xayyaaraa fi taankiin lola; bara as aanaa kana ammoo xayyaara nama-maleessa dhukaasa; tumsa siyaasaa fi deggeresa diplomaasii baldhaa qaba. Garuu bobbaan humna namaatii fi tuulaan meeshaa waraanaa kaayoo fi muldhataa sabaatiin alatti tuulaa qaraaniti. Qoraan gubachuuf guyyaa isaa lakkaawwatu jechuu kiyya!
Faallaa kanaatiin humniti riphee-lolaa dhukaa fi lafee akka sibiilaa qaba. Dhukti riphee-lolaa kaayoo, muldhataa fi naamusa isaati. Lafeen akka sibiilaa ammoo tarsimoo fi tooftaa isaati. Riphee-lolaan waan tarsimoo fi tooftaa qaraan masakamu qofalleef mootummaa abbaa-irree ni mooyata jechuu miti. Maddi injifannoo fi humniti riphee-lolaa kaayoo sabaatii fi naamusa akka sibiilaati. Riphee lolaan muldhata ifaa fi naamusa akka sibiilaa qabuu fi tarsimoo fi tooftaa biifleen dabalame raayyaa ajjeechaa irratti ol’aantummaa gonf