06/02/2025
Oromoo Arsii Lixaatti Kabajniifii ulfinni Dubartiif qaban, keessattuu haati siinqee Ulfoodha!
Kennaan bareedinaafi faaya uumamaa uumaan Dubartoota Oromoo badhaase keessattuu Arsii Lixaatti faaya uumaan tolchee uumeen cinatti duudhaa, safuu fi sirni ulfoo haadha siinqee hawaasni kabaja addaa qabaachuu irraa waraanni harkaa walqabu haati siinqee ililchinaan bakkatti qabbana buusu!
Aayyoo guddattuunis sirna kana keessatti dhalatanii kiliyyaa godinichaa ta'uun midhaagina uumaan ishee faayeen beekkamtii sadarkaa Addunyaa gonfachuun carrooman.
Garuu kunuunsiifi deeggarsi Manguddoo tanaaf malu akkasumas akka hambaa seenaatti jabeessuufi hamilee itti horuu dhabuun qaanyiidha! Kana yoon jedhu Waajjira Aadaaf tuurimii sadarkaan jiruufi qaamota dhimmi ilaallatu yaadachiisumaaf!