12/11/2023
Mareen Biyyaalessaa Aadaa Ilaaf-Ilaamee Cimsuun Ijaarsa Biyyaalessaa Tumsa
-----------
Itoophiyaan biyya sabdaneettii, saboonni, sablammoonnifi uummattoonni Afaan, Aadaa, amantaafi ilaalcha garaa garaa qaban keessatti argamanidha. Hariiroofi walitti dhufeenyi hawaasummaa uummattoonni kunneen barootaaf uuman biyyi keenya qormaatilee keessaafi alaan uumaman damdamattee akka har'a geessu taasiseera. Kunis, biyyi keenya birmadummaafi bilisummaa ishee kabachiiftee turuun fakkeenya akka taatu taasiseera.
Haatau malee, seenaafi dhugaawwan waloo akka biyyaatti waliin qabnu irratti xiyyeeffatamee sirnaan hojjetamaa waan hin tureef jaalalliifi kabajni biyyaa, ilaalchi sabdaneessummaa obbolummaaf walqixxummaa sabaa, sablammootaafi uummattoota sirnaawaa akka ta'uuf waan hin hojjetamneef biyyi keenya baroota ishee walwaraansa keessa turtu taasiseera.
Kunis, ilaalcha sabummaafi biyyaalessummaa jidduu jiru madaallii sirnaawaa akka qabaatu waan hin taasifneef tokkummaa biyyaalessaa, ijaarsi biyyaafi sirnaa irratti dhiibbaa guddaa uumaa dhufeera. Aadaan mariin dubbii hiikuu waan hin dagaagneef wal dhibdeewwan turanis karaa humnaan hiikuuf yaaluun ykn qawween qofa fala argachuu qaba jechuun aadaa siyaasaa keenya yeroo dheeraaf dhuunfatee tureera.
Mootummaan rakkoo kana hundeerraa furuun siyaasni biyya keenyaa gara siyaasa yaadaatti akka ce'uuf falli jiru maree biyyaalessaa ta'uu hubachuun itti amanamee hojiin erga eegalamee bubbuleera.
Marii biyyoolessaa kana keessatti Oromoos ta'ee sabni kamiyyuu akka sabaatti ajandaa akkamii qabatee gara marii biyyaaleessaatti deemuun rakkoo jiru karaa ilaaf-ilaameen furachuun ijaarsa biyyaafi sirnaa keenya xumurra waan jedhurratti sirriitti mari'atamuu qaba. Dhibdeefi garaa garummaa yaadaa karaa ammayyaa'aa ta`een furuuf qaamni hunduu qophiifi tumsa barbaadamu taasisuu qaba.
Muuxannoon biyyoota hedduus kan agarsiisu rakkoo bara hedduu keessa turan keessaa ba'uu kan danda'an karaa marii biyyaalessaa hunda hirmaachisaa ta'eenidha.